Dhimma ijoo ta'etti seeni

Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa—Namoota Kitaaba Qulqulluu Keessatti Ibsaman

Mata dureen kun dhiirotaa fi dubartoota amantii guddaa qabanii fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman ibsa. a Waaʼee seenaa namoota kanaa yommuu dubbistuu fi amantii isaan argisiisan yommuu dubbistu amantiin kee ni cima; akkasumas caalaatti Waaqayyootti dhihaachuuf si gargaara.

Viidiyoowwan mata duree Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa jedhuun walitti aananii baʼanis namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman irraa caalaatti barachuuf si gargaara.

a Mata dureewwan walitti aanaanii baʼanii fi kutaa kana jalatti argaman seenaawwan kana ija qalbiitiin ilaaluu fi kutaa seenichaa akka taate akka yaadduuf yaadawwan dabalataa Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argamne qabataniiru. Yaadawwan dabalataa kun gabaasa Kitaaba Qulqulluu, seenaa fi argannoo arkiʼooloojii wajjin akka wal simu mirkaneessuuf gadii fageenyaan qorannoon irratti godhameera.

Uumamaa Hanga Bishaan Badiisaatti

Abeel—‘Inni Duʼeera, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’

Macaafni Qulqulluun waaʼee Abeel kan dubbatu wantoota muraasa erga taʼee waaʼeesaafi waaʼee amantii inni argisiisee wantonni barachuu dandeenyu ni jiraataa?

Henok: “Inni Akka Gaariitti Waaqayyoon Gammachiiseera”

Wanta maatii keetiif barbaachisu dhiheessaa jirta ykn wanta sirrii taʼe tokkoof ejjennoo qabdu eegdee jiraachuuf qabsoo gochaa jirta yoo taʼe, amantii Henok irraa barachuu dandeessa.

‘Waaqa Dhugaa Wajjin Deddeebiʼeera’

Nohiifi haati manaasaa ijoolleesaanii yommuu guddisan halawwan rakkisaa akkamii isaan mudataniiru? Yommuu markabicha hojjetan amantii akka qaban kan argisiisan akkamitti?

Nohi ‘Namoota Kan Biraa Torbaa Wajjin Ooleera’

Waaqayyo yeroo rakkinaatti Nohiifi maatiisaa kan oolche akkamitti?

Bishaan Badiisaatii Hanga Israaʼeloonni Gibxiidhaa Baʼanitti

Abrahaam​—‘Warra Amanan Hundaaf Abbaa Taʼeera’

Abrahaam amantii akka qabu kan argisiise akkamitti? Fakkeenya amantii Abrahaam karaawwan kamfaatiin hordofuu dandeessa?

Saaraa: ‘Ati Dubartii Miidhagduu Dha’

Gibxiitti, hojjettonni Faraʼoon bareedina Saaraa argan. Wanti sana booda taʼe si dinqisiisa taʼa.

Saaraa Ishii Haadha Moototaa Taate

Maqaan haaraan kun Saaraadhaaf kan malu maaliifi?

“Attamittan Hammina Guddaa Akkasii Hojjedha?”

Yoseef carraaqqii haati manaa Phoxiifaar isa dogoggorsuuf goote kan moʼe akkamitti?

“Anatu Iddoo Waaqayyootti Ilaalamaa Ree?”

Maatii kee keessatti hinnaaffaa, wal ganuun ykn jibbi uumamee beekaa? Taanaan seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee Yoseef dubbatu si gargaara.

Iyoob—“Balleessaa Malee Jiraachuu Koo Irraa hin Deebiʼu!”

Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Iyoob ibsu yommuu haalli rakkisaan, carraa hamaanii fi qorumsi amantii kan biroo nu mudatutti kan nu gargaaru akkamitti?

Iyoob—Yihowaan Dhukkuba Isaa Irraa Isa Fayyiseera

Fakkeenya amantii Iyoob hordofuu caalaa wanti Seexana aarsuu fi garaa Yihowaa gammachiisu hin jiru!

Miiryaam—“Yihowaa Faarfadhaa”!

Miiryaam raajittiin, dubartoota Israaʼel geggeessuudhaan Galaana Diimaa biratti faarfannaan moʼicha akka faarfatamu gooteetti. Jireenyi ishii, ija jabina, amantii fi gad of qabuu nu barsiisa.

Israaʼeloonni Gibxiidhaa Erga Baʼanii Hanga Mootii Israaʼel Isa Jalqabaatti

‘Ani Israaʼeliif Haadha Taʼee Kaʼeera’

Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Deboraa dubbatu waaʼee amantii fi ija jabinaa maal nu barsiisa?

Ruut—Lafa Ati Dhaqxu Anis Nan Dhaqa”

Ruutu maatiisheefi biyyashee dhiisuuf fedhii kan qabaatte maaliifi? Amalawwan Yihowaa biratti akka jaallatamtu ishee godhan maalfa’i?

Ruut—“Dubartii Baʼeettii”

Gaaʼela Fuutiifi Boʼaziif bakka guddaan kan kennamuu maaliifi? Waaʼee maatii Ruutiifi Naaʼomiirraa maal baranna?

Haannaan Waan Garaashee Keessa Jiru Kadhannaadhaan Waaqayyotti Himatteetti

Amanannaan Haannaan Yihowaarratti qabdu, rakkina furmaata waan hin qabne fakkaatu akka mootu ishee gargaareera.

Saamuʼel ‘Yihowaa Duratti Guddachaa Deeme’

Seenaa ijoollummaa Saamuʼel wanti adda taasisu maalidha? Yommuu godoo qulqullaaʼaa keessa jiraachaa ture amantiinsaa akka jabaatu wanti isa gargaare maalidha?

Saamuʼel Haala Rakkisaa Taʼe Keessa Jabaatee Dhaabateera

Hundi keenyayyuu rakkoowwan amantii keenya qoraniifi abdii nu kutachiisan nu mudachuu dandaʼu. Saamuʼel jabaatee dhaabachuusaarra barumsa akkamii arganna?

Mootii Israaʼel Isa Jalqabaatii Hanga Dhaloota Yesuusitti

Yonaataan—‘Yihowaa Wanti Dhowwuu Dandaʼu hin Jiru’

Yonaataan namicha meeshaa waraanaa isaaf baatuu wajjin taʼuudhaan humna waraana diinaa akka gaariitti hidhate irratti miidhaa geessisuudhaan seenaa guddaa raawwate.

‘Lolli kun kan Waaqayyoo Ti’

Daawit Goliyaadiin akka injifatu kan isa gargaare maali dha? Seenaa Daawit irraa maal baranna?

Daawitii fi Yonaataan—“Michummaa Cimaadhaan Walitti Maxxanan”

Namoonni akkaataa guddinaa fi umurii garaa garaa qaban lama michoota dhihoo akkasii taʼuu kan dandaʼan akkamitti? Muuxannoon isaanii yeroo harʼaatti michummaa uumuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

Abigaayil Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti

Haala Abigaayil rakkina gaa’elashee keessa jiru itti qabderraa barumsa akkamii arganna?

Eliyaas Waaqeffannaa Dhugaatiif Falmeera

Namoota wanta Macaafni qulqulluun barsiisu mormanii wajjin yommuu wal arginu fakkeenya Eliyaas hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

Eliyaas Dammaqinaafi Obsaan Eegeera

Eliyaas raajichi, Yihowaan waadaa galee yeroo itti raawwatu yommuu obsaan eegutti nama kadhannaadhaaf bakka guddaa kennu taʼuusaa kan argisiise akkamitti?

Eliyaas Waaqnisaa Isa Jajjabeesseera

Wantoonni Eiliyaas baayʼee akka sodaatuufi abdii akka kutatu, akkasumas duʼa akka gaafatu isa godhan maalfa’i?

Eliyaas—Hamma Dhumaatti Jabaatee Dhaabbateera

Fakkeenyi Eliyaas yeroo rakkinni nu mudatutti amantii keenya jabeeffachuuf nu gargaara.

Yoonaas Dogoggorasaarraa Barateera

Yoonaas hojii isaaf kenname hojjechuu kan sodaate maaliif akka ta’e hubatteettaa? Seenaansaa, obsaafi araara Yihowaa ilaalchisee barumsa gaarii nuuf qabateera.

Yoonaas Ooʼa Argisiisuu Barateera

Seenaan Yoonaas haqaan akka of qorru kan nu gargaaru akkamitti?

Asteer Saba Waaqayyootiif Falmiteetti

Akka Asteer fedhii ofii aarsaa gochuufi jaalala argisiisuun amantiifi ija jabina gaafata.

Asteer Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhatteetti

Asteer Yihowaafi sabasheetiif jecha haala ofittummaarraa walaba ta’een tarkaanfii kan fudhatte akkamitti?

Dhaloota Yesuusii Hanga Ergamoonni Duʼanitti

Maariyaam—“Ani Garbittiin Gooftaa Kunoo Asan Jira”

Deebiin Maariyaam gabriʼel ergamaadhaaf kennite waaʼee amantiishee argisiisea? Amalawwan gaggaarii garabiraa warra kamis argisiisteetti?

Maariyaam “Garaatti Qabattee, Itti Yaaddi Turte”

Wantoonni Maariyaam yommuu gara Betlihem deemtu ishii mudatan, amantii wanta Yihowaan abdachiise irratti qabdu ishiidhaaf cimsaniiru.

Itti Gaafatamummaasaa Hunda Raawwateera

Yoseef maatiisaatiif eegmsa kan godhe karaawwan kamiini? Maariyaamiifi Yesusiin gara Gibxiitti kan geesse maaliifi?

Maartaa—“Amaneera”

Maartan yeroo gadda guddaa keessa turtettillee amantii dinqisiisaa akka qabdu kan argisiiste akkamitti?

Maariyaam Magdalaa—“Ani Gooftaa Argeera!”

Dubartii amanamtuun tun warra kaanitti misiraachoo himuuf mirga argatteetti.

Phexros Sodaafi Shakkii Isatti Dhagaʼame Moʼeera

Shakkiin humna guddaa waan qabuuf badiisa geessisa. Taʼus Phexros shakkiifi sodaa isatti dhagaʼamu moʼee Yesus duukaa buʼeera.

Phexros Qorumsi Isarra Gaʼus Amanamaa Taʼeera

Amantiifi amanamummaan Phexros qabu serreeffama Yesus isaaf kenne akka fudhatu kan isa gargaare akkamitti?

Phexros Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera

Phexros dhiifama gochuu ilaalchisee Yesusirraa mal barate? Yesus Phexrosiif dhiifama akka godhe kan argisiise akkamitti?