Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA JAʼA

Waan Garaashee Keessa Jiru Waaqayyotti Himatteetti

Waan Garaashee Keessa Jiru Waaqayyotti Himatteetti

1, 2. (a) Haannaan yeroo karaa deemuuf qophooftu gadditee kan turte maaliifi? (b) Seenaa Haannaarraa maal baranna?

HAANNAAN qophii karaa deemuuf gootuun qabamuudhaan rakkinashee irraanfachuuf yaalii gochaa jirti. Abbaan manaashee Elqaanaan waggaa waggaadhaan maatiisaa hunda fudhatee waaqeffannaadhaaf gara godoo qulqullaaʼaa Shiiloo jirutti waan deemuuf, yeroon kun gammachiisaa taʼuu qaba ture. Yihowaan yeroowwan akkasii gammachiisaa akka taʼan barbaada. (Keessa Deebii 16:15 dubbisi.) Haannaanis ijoollummaasheetii jalqabdee ayyaanota akkasiirratti argamuun kan ishee gammachiisu akka ture beekamaadha. Haataʼu malee, waggoota dhihoodhaa asitti haallishee jijjiirameera.

2 Haannaan abbaa manaa ishee jaallatu argachuunshee eebba guddaa akka taʼe beekamaadha. Haataʼu malee, Elqaanaan haadha manaa gara biraa qaba. Maqaanshee Phiniinaa kan jedhamu siʼa taʼu, taʼe jettee Haannaatti jireenya hadheessuu waan barbaaddu fakkaata. Phiniinaan ayyaanota waggaa kanallee, Haannaa gaddisiisuuf itti fayyadamti turte. Kana kan gootu akkamitti? Hunda caalaammoo, amantiin Haannaan Yihowaarratti qabdu haala humnaa ol fakkaatu kana moʼuuf kan ishee gargaare akkamitti? Atis haalawwan gammachuu si dhabsiisan si mudachaa jiru taanaan, keessumaa seenaan Haannaa akka si jajjabeessuu hin shakkisiisu.

“Maaliif Garaan Kee Akkana Gadda?”

3, 4. Haannaan rakkoowwan gurguddaan lama akkamii ishee mudatanii turan? Lamaanuu ulfaataa kan turan maaliifi?

3 Macaafni Qulqulluun Haannaan rakkoowwan gurguddaan lama ishee mudatanii akka turan dubbata. Rakkina isa jalqabaa hamma tokko toʼachuu kan dandeessu taʼus, rakkinni inni lammaffaan garuu humnasheetii ol ture. Tokkoffaa, abbaan manaashee haadha manaa gara biraa kan qabu siʼa taʼu, masaanuunshee kunimmoo baayʼee ishee jibbiti turte. Lammaffaammoo, dhabduu turte. Dhala dhabuun haadha manaa ijoollee godhachuu barbaaddu kamiifiyyuu baayʼee ulfaataa taʼuusaarrayyuu, aadaa bara sanaa keessattimmoo baayʼee kan nama gaddisiisu ture. Maqaan maatii tokkoo itti fufuu kan dandaʼu dhala yoo godhate qofadha. Kanaaf dhala dhabuun akka salphinaafi qaanii guddaatti ilaalama ture.

4 Haannaan utuu Phiniinaan ishee hin aarsitu taʼee, rakkina ishee mudate kana akka gaariitti moʼuu dandeessi turte. Seenaan kun haadha manaa tokkoo ol fuudhuun rakkina uumuunsaa akka hin oole kan argisiisudha. Maatii akkasii keessatti walitti hinaafuun, wal loluufi wal gaddisiisuun waanuma jirudha. Haataʼu malee, haadha manaa tokkoo ol fuudhuun kaayyoo Waaqayyoo isa jalqabaa hin turre. (Uma. 2:24) Macaafni Qulqulluun haadha manaa tokkoo ol fuudhuu hin deggeru; haalli maatii Elqaanaa keessatti uumames haadha manaa tokkoo ol fuudhuun dogoggora taʼuusaatiif fakkeenya gaarii taʼa.

5. Phiniinaan, Haannaa dhiphisuu kan barbaaddu maaliifi? Kana kan gootuhoo akkamitti?

5 Elqaanaan caalaatti Haannaa jaallata ture. Afoolli Yihudootaa Elqaanaan jalqaba Haannaa, waggoota muraasa boodammoo Phiniinaa akka fuudhe ibsa. Kun dhugaa taʼus taʼuu baatus, Phiniinaan Haannaatti baayʼee kan hinaaftu taʼuusaarrayyuu, karaa itti masaanuushee kana aarsitu hedduu qabdi turte. Karaan Phiniinaan Haannaa itti caaltu inni guddaan dhala godhachuusheeti. Phiniinaan walirratti kan deessu siʼa taʼu, yeroo mucaa dabalataa tokko godhattu hundatti caalaatti of tuulti turte. Haannaadhaaf gadduufi ishee jajjabeessuu manaa, dhimma kana kaasuudhaan caalaatti ishee aarsiti turte. Macaafni Qulqulluun, Phiniinaan Haannaa garmalee aarsuuf “tuttuqxee in duchiifte” jedha. (1 Sam. 1:6) Phiniinaan taʼe jettee Haannaa gaddisiisuu kan barbaaddu siʼa taʼu, kunis isheedhaaf milkaaʼeera.

Haannaan dhabduu taʼuusheetti baayʼee kan gaddite siʼa taʼu, Phiniinaanimmoo caalaatti ishee gaddisiisuuf waan dandeessu hunda gooti turte

6, 7. (a) Elqaanaan ishee jajjabeessuuf yaalii godhus, Haannaan wanta isheerratti raawwatame hunda isatti himuurraa kan of qusatte maaliif taʼuu dandaʼa? (b) Haannaan dhabduu kan taate Yihowaan waan isheetti gaddeef turee? Ibsi. (Miiljalee ilaali.)

6 Phiniinaan, Haannaa aarsuuf carraa gaarii kan argattu, yeroo waggaa waggaadhaan gara Shiiloo deemanitti taʼuu hin oolu. Elqaanaan ijoollee Phiniinaa, jechuunis “ilmaan isheetiif, intaloota ishee” hundaaf aarsaa Yihowaadhaaf dhihaatu keessaa qoodasaanii ni kennaaf ture. Haannaan isheen jaallatamtuu taate garuu qooda adda ta’e fudhatti turte. Phiniinaan isheen hinaaftuun yeroo kanatti Haannaarratti giiftii of gochuudhaan, dhabduu taʼuushee yaadattee, akka boossuufi midhaan akka lagattu gooti turte. Elqaanaan, haati manaasaa Haannaan isheen jaallatamtuun akka gadditeefi midhaan akka lagatte hubachuudhaan ishee jajjabeesseera. “Yaa Haannaa! Maaliif boossa? Maaliif garaan kee akkana gadda? Maaliifis midhaan hin nyaattu? Dhugumaan ani ilmaan kudhan irra siif hin wayyuu ree?” jechuudhaan ishee gaafate.—1 Sam. 1:4-8.

7 Elqaanaan, gocha isheen raawwatte kanaaf Phiniinaarratti tarkaanfii akkamii akka fudhate beekuu baannus, Haannaan kan gadditu dhala waan hin qabneef akka taʼe garuu hubatee ture. Haannaanis Elqaanaan akka ishee jaallatu isheedhaaf mirkaneessuusaa akka dinqisiifatte beekamaadha. * Haataʼu malee, Elqaanaan jalʼina Phiniinaan isheerratti raawwattu hin caqasne; Macaafni Qulqulluunis Haannaan akka isatti himte hin ibsu. Tarii wanta Phiniinaan raawwattu saaxiluun, haallisaa akka itti caalu godha jettee yaaddee taʼuu dandaʼa. Elqaanaan haalli kun akka jijjiiramu gochuu ni dandaʼa turee? Tarii tuffiin Phiniinaan Haannaadhaaf qabdu akka itti caalu, akkasumas ijoolleeniifi hojjettoonnishee caalaatti akka ishee jibban gochuu dandaʼa. Haannaan manumashee keessa utuu jirtuu, akka gatamtetti akka isheetti dhagaʼamu gochuu dandaʼa.

Haannaan yeroo mana keessatti jalʼinni isheerratti raawwatamu, gaddasheerraa jajjabaachuuf Yihowaa kadhatteetti

8. Yeroo jalʼinni ifatti hin mulʼanne sirratti raawwatamu, Yihowaan Waaqa firdii qajeelaa kennu taʼuusaa yaadachuun kan si jajjabeessu maaliifi?

8 Elqaanaan jalʼina Phiniinaan dhoksaatti raawwattu guutummaatti beekus beekuu baatus, Yihowaan garuu waan hundumaa argeera. Dubbiinsaa Yihowaan waan hunda akka arge kan ibsu taʼuusaarrayyuu, nama hinaaffaa ifatti hin mulʼanne qabuufi jibbaan kakaʼee waa raawwatu kamiifiyyuu akeekkachiisa cimaa kenna. Karaa gara biraammoo, namoonni akka Haannaa qulqulluufi naga qabeeyyii taʼan, Yihowaan Waaqa firdii qajeelaa jaallatuufi waan hunda yeroofi karaa ofiisaatii murteesseen sirreessu taʼuusaa beekuudhaan jajjabina argachuu dandaʼu. (Keessa Deebii 32:4 dubbisi.) Tarii Haannaanis Yihowaan akka ishee gargaaru kan kadhatte kana waan beektuuf taʼuu dandaʼa.

“Deebitees Nyaara Hin Guurre”

9. Haannaan, masaanuunshee maal akka ishee gootu utuma beektuu, Shiiloo dhaquunshee maal nu barsiisa?

9 Maatichi ganamaan hojiin itti baayʼateera. Ijoollee dabaltee, hundinuu karaa deemuuf qoqophaaʼaa jiru. Maatii balʼaan kun Shiiloo gaʼuuf biyya Efreem isa gaarri itti baayʼatu keessa qaxxaamuruudhaan karaa gara kiilomeetira 30 deemuu qaba. * Karaan kun miilaan guyyaa tokko ykn lama fudhata. Yeroo kanatti Haannaan masaanuunshee ishee jibbitu kun maal akka gootu beekti. Haataʼu malee, manatti hafuu hin barbaanne. Kanaaf, Haannaan namoota yeroo harʼaatti Yihowaa waaqeffataniif fakkeenya guddaa taati. Amalli gadheen warri kaan argisiisan, Yihowaa waaqeffachuu akka nu dhowwu heyyamuun matumaa sirrii miti. Akkas kan goonu yoo taʼe, eebba jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru dhabuu dandeenya.

10, 11. (a) Haannaan hatattamaan gara godoo qulqullaaʼaa kan deemte maaliifi? (b) Haannaan waan garaashee keessa jiru hunda kadhannaadhaan Abbaashee isa samiitti kan himatte akkamitti?

10 Maatii balʼaan kun, karaa dheeraa jajalʼaa taʼeefi tabbi itti baayʼatu kana guyyaa guutuu erga deemaa oolee booda Shiilootti dhihaate. Achiis gaara, gaarota gurguddaadhaan marfame tokkorra buufate. Maatichi yeroo Shiilootti dhihaachaa deemu, Haannaan maal jettee Yihowaa akka kadhattu baayʼee itti yaaddee taʼuu qaba. Erga achi gaʼanii booda, guutummaan maatichaa nyaata waliin nyaatan. Yeroo kanatti Haannaan daftee maaticharraa addaan baʼuudhaan, gara godoo qulqullaaʼaa Yihowaa deemuushee itti fufte. Angafa Lubootaa kan ture Eliin utubaa balbala godoo qulqullaaʼaa bira taaʼaa jira. Haannaan kadhannaashee qofarratti yaadaa waan turteef Eliin jiraachuusaa hin hubanne. Bakka godoo qulqullaaʼaa kanatti Yihowaan kadhannaashee akka dhagaʼu amantii qabdi turte. Haala gaddisiisaa isheen keessa jirtu namni hubachuu baatus, Abbaanshee inni samii garuu guutummaatti hubachuu dandaʼa. Kanaaf gadda garaashee keessa guute baaftee booʼuu jalqabde.

11 Haannaan hirqinfattee booʼaa yommuu Yihowaatti kadhannaa dhiheessitu qaamnishee ni hollata ture. Gaddashee maal jettee akka ibsitu yommuu yaaddu hidhiinshee ni sirba ture. Kanaaf, kadhannaa dheeraa dhiheessuudhaan waan garaashee keessa jiru hunda Abbaasheetti himatte. Haataʼu malee, Waaqayyo dhala akka isheedhaa kennu gaafachuu caalaa waan goote qabdi. Haannaan Waaqayyorraa eebba argachuu qofa utuu hin taʼin, waan dandeessu hunda Waaqayyoof kennuufis hawwii guddaa qabdi turte. Kanaaf, yoo ilma godhatte, mucichi umriisaa guutuu akka isa tajaajilu Yihowaadhaaf kennuuf waadaa galte.—1 Sam. 1:9-11.

12. Fakkeenya Haannaarraa akka hubannutti, yeroo kadhannaa dhiheessinu maal yaadachuu qabna?

12 Kanaaf, Haannaan kadhannaa dhiheessuu ilaalchisee tajaajiltoota Yihowaa hundaaf fakkeenya gaarii taati. Akkuma mucaan warrasaatti amanamuufi isaan jaallatu tokko godhu, Yihowaanis tajaajiltoonnisaa wanta isaan yaaddessu hunda ifatti akka isatti dubbatan gaarummaadhaan afeera. (Faarfannaa 62:8; 1 Tasaloniiqee 5:17 dubbisi.) Phexros ergamaan kadhannaa ilaalchisee, “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” jechuudhaan hafuuraan geggeeffamee yaada nama jajjabeessu barreesseera.—1 Phe. 5:7.

13, 14. (a) Eliin haala Haannaa utuu hin hubatin murtoo kan godhe akkamitti? (b) Deebiin Haannaan Eliidhaaf kennite, amantii guddaa qabaachuushee kan argisiisu akkamitti?

13 Haataʼu malee, namoonni hamma Yihowaa rakkina namaa akka hin hubanneefi akka namaaf hin gaddine beekamaadha. Haannaan imimmaanshee dhangalaasuudhaan kadhachaa utuu jirtuu, sagaleen nama tokkoo ishee naasise. Namni kunis Elii angafa lubootaa isa ishee ilaalaa turedha. Innis, “Ati hamma yoomiitti machoofta? Daadhii waynii kana dhaqii of keessaa baasi!” jedheen. Eliin hidhiinshee sosochoʼuusaa, hirqinfattee booʼuusheefi miirrishee akka jeeqame argee ture. Taʼus maal akka taate gaafachuu mannaa, dafee machoofteetti jedhee murteesse.—1 Sam. 1:12-14.

14 Haannaan utuu gaddarra jirtuu, namni iddoo guddaa qabu akkasii sababii malee ishee ceephaʼuunsaa baayʼee akka ishee miidhe beekamaadha. Haataʼu malee, yeroo kanattis, amantii guddaa akka qabdu argisiisuudhaan fakkeenya gaarii taatetti. Dogoggorri namni cubbuu dhaale tokko raawwatu Yihowaa waaqeffachuu akka ishee dhowwu hin heyyamne. Kanaa manaa, Eliidhaaf kabajaan deebii kan kennite siʼa taʼu, haala akkamii keessa akka jirtus isaaf ibsiteetti. Innis tarii haala akka dogoggore hubachuusaa argisiisuufi sagalee laafaadhaan taʼuu dandaʼa, “Nagaadhaan dhaqi! Waaqayyo inni kan Israaʼel waan ati isa kadhatte siif haa kennu!” jedhe.—1 Sam. 1:15-17.

15, 16. (a) Haannaan waan garaashee keessa jiru Yihowaatti himuufi godoo qulqullaaʼaa keessatti isa waaqeffachuunshee jijjiirama akkamii isheerratti fideera? (b) Miirri gadheen yommuu nutti dhagaʼamu fakkeenya Haannaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Haannaan wanta garaashee keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaatti himuufi godoo qulqullaaʼaa keessatti isa waaqeffachuunshee, jijjiirama akkamii isheerratti fideera? Seenaansaa, “Karaa ishee irra in buute; nyaatas in nyaattee, deebitees nyaara hin guurre” jechuudhaan ibsa. (1 Sam. 1:18) Gaddashee isa akka baʼaa guddaa isheetti ulfaatee ture, Abbaashee isa samii ishee caalaa humna guddaa qabutti akka kennatte itti dhagaʼameera. (Faarfannaa 55:22 dubbisi.) Maarree baʼaan humna Yihowaatii ol taʼe jiraa? Matumaa. Yeroo sanatti hin turre; ammas taʼe gara fuulduraatti hin jiraatu.

16 Gaddi nurra gaʼe abdii nu kutachiisaa jira taanaan, fakkeenya Haannaa hordofuudhaan waan garaa keenya keessa jiru Yihowaa isa Macaafni Qulqulluun ‘kadhata namaa akka dhagaʼu’ ibsutti himuu qabna. (Far. 65:2) Amantiidhaan kana kan goonu yoo taʼe, gaddi keenya ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaarra caalutti’ jijjiiramuu dandaʼa.—Filp. 4:6, 7.

‘Akka Waaqayyo Keenyaa Kattaa Kan Namaaf Taʼu Hin Jiru’

17, 18. (a) Elqaanaan wareega Haannaa akka deggeru kan argisiise akkamitti? (b) Phiniinaan, Haannaa maal gochuu akka hin dandeenye hubatte?

17 Borumtaasaa ganama Haannaan Elqaanaa wajjin gara godoo qulqullaaʼaatti deebite. Seerri Musee abbaan manaa wanta haati manaasaa utuu isa hin mariisisin wareegde diiguu akka dandaʼu waan dubbatuuf, wanta kadhatteefi wareegde isatti himtee taʼuu akka qabu beekamaadha. (Lak. 30:10-15) Taʼus, namni amanamaan kun wareegashee jalaa hin diigne. Kanaa mannaa, inniifi Haannaan gara manasaaniitti deebiʼuusaanii dura godoo qulqullaaʼaa keessatti Yihowaa waliin waaqeffataniiru.

18 Phiniinaan Haannaa aarsuu akka hin dandeenye kan hubatte yoomi? Macaafni Qulqulluun waaʼee kanaa ibsuu baatus, yaanni “deebitees nyaara hin guurre” jedhu, Haannaan sana booda akka hin gaddineefi akka hin dhiphanne argisiisa. Kanas taʼe sana, Phiniinaan yaaliin isheen Haannaa aarsuuf gootu buʼaa akka hin qabne yeruma sana hubattee turte jechuudha. Macaafni Qulqulluun sana booda maqaa Phiniinaa hin caqasu.

19. Haannaan eebba akkamii argatte? Eebba kan isheedhaa kenne eenyu taʼuusaa akka hin daganne kan argisiistehoo akkamitti?

19 Jiʼoota muraasa booda, Haannaan caalaatti nagaa sammuu argachaa deemte. Haannaan kan ulfoofte siʼa taʼu, eebba kana eenyurraa akka argatte yoomiyyuu hin irraanfanne. Mucichi yeroo dhalatu, maqaasaa Saamuʼel jettee kana moggaafte siʼa taʼu, hiiknisaas “Maqaa Waaqayyoo” jechuudha. Kunis, akkuma yeroo kaan gootu maqaa Waaqayyoo waamuushee kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Waggaa sana Haannaan, Elqaanaafi maatichaa wajjin gara Shiiloo hin dhaqne. Kanaa mannaa hamma mucichi harma guʼutti waggaa sadiif isaa wajjin mana turte. Sana booda, akkuma taʼetti of jajjabeessitee guyyaa ilmashee isa jaallatturraa itti addaan baatuuf of qopheessite.

20. Haannaafi Elqaanaan waadaa Yihowaadhaaf galan kan raawwatan akkamitti?

20 Haannaadhaaf mucaasheerraa adda baʼuun baayʼee ulfaataa akka ture beekamaadha. Haannaan, Shiilootti dubartoonni godoo qulqullaaʼaa keessa tajaajilan tokko tokko Saamuʼeliin akka kunuunsan beekuu hin ooltu. Taʼus, Saamuʼel mucaa xinnoo ture; haati mucaasheerraa gargar baʼuu barbaaddummoo hin jirtu. Haataʼu malee, Haannaafi Elqaanaan gaddaan utuu hin taʼin gammachuudhaan mucicha godoo qulqullaaʼaatti geessaniiru. Mana Waaqayyootti aarsaa kan dhiheessan siʼa taʼu, wareega Haannaan waggoota muraasa dura achitti wareegde Elii yaadachiisuudhaan Saamuʼeliin isatti kennan.

Haannaan ilmashee Saamuʼeliif haadha gaarii taʼuushee argisiisteetti

21. Kadhannaan Haannaan dhiheessite amantii guddaa akka qabdu kan argisiisu akkamitti? (Saanduqa “ Kadhannaawwan Dinqisiisaa Taʼan Lama” jedhus ilaali.)

21 Sana booda Haannaan, kadhannaa Waaqayyo Dubbiisaa isa geggeessaa hafuurasaatiin barreeffame keessatti akka galmeeffamu godhe dhiheessite. Jechoota 1 Saamuʼel 2:1-10⁠rratti galmeeffaman yeroo dubbistu, amantiinshee hangam guddaa akka taʼe hubachuu dandeessa. Yihowaan humnasaa, warra of tuulan gad deebisuuf, warra cunqurfaman eebbisuuf, akkasumas ajjeesuufis taʼe duʼarraa oolchuuf karaa dinqisiisaa taʼeen waan itti fayyadamuuf isa jajatteetti. Akkasumas Abbaanshee inni samii qulqulluu, haqa qabeessaafi amanamaa waan taʼeef isa jajatteetti. Haannaan, “Akka Waaqayyo keenyaas kattaa kan namaaf taʼu hin jiru” kan jette kanaafidha. Yihowaan guutummaatti amanamaafi kan hin jijjiiramnedha; warra cunqurfamaniifi abdii kutatanii gargaarsaaf isatti garagalan hundaafis kattaadha.

22, 23. (a) Saamuʼel warrisaa akka isa jaallatan beeka ture kan jennu maaliifi? (b) Yihowaan Haannaa caalaatti kan eebbise akkamitti?

22 Saamuʼel inni xinnaan, haadha Yihowaarratti amantii cimaa qabdu akkasii qabachuunsaa eebba guddaadha. Saamuʼel xinnummaasaatti ishee yaaduunsaa kan hin oolle taʼus, matumaa akka gatame isatti hin dhagaʼamne. Haannaan waggaa waggaadhaan gara Shiiloo yeroo dhaqxu, godoo qulqullaaʼaa keessatti uffatee akka tajaajiluuf, uffata baʼeessa irra keessatti uffatamu hojjettee geessitiif turte. Uffanni harkasheetiin hodhituuf kun, akka isa jaallattuufi akka isaaf yaaddu kan argisiisudha. (1 Saamuʼel 2:19 dubbisi.) Uffata haaraa kana itti uffistee ennaa isaaf sisirreessituufi jaalalaan ijasaa keessa ilaalaa, jechoota gaarii nama jajjabeessan isatti dubbattu yaaduu dandeenya. Saamuʼel haadha akkasii qabaachuunsaa eebba guddaa siʼa taʼu, innis yeroo guddatu warrasaafi saba Israaʼel hundaaf eebba taʼeera.

23 Haannaanis hin irraanfatamne. Yihowaan waan ishee eebbiseef, sana booda Elqaanaadhaaf ijoollee gara biraa shan godhatteetti. (1 Sam. 2:21) Eebbi guddaan Haannaan argatte, walitti dhufeenyi Yihowaa Abbaashee isa samii wajjin qabduufi yeroodhaa gara yerootti cimaa deemu taʼuu hin oolu. Atis fakkeenya amantii Haannaa hordofuudhaan eebba akkasii akka argattu hawwii keenyadha.

^ key. 7 Macaafni Qulqulluun Yihowaan ‘Haannaan dhala akka hin godhanne godhe’ kan jedhu taʼus, Waaqayyo dubartii gad of deebistuufi amanamtuu taate kanatti gadduusaa ragaan argisiisu hin jiru. (1 Sam. 1:5) Caqasni kun Waaqayyo, ‘Haannaan dhala akka hin godhanne godhe’ kan jedhu taʼus, kun fedha Waaqayyoo ture jechuusaa miti. Kanaa mannaa, Waaqayyo Haannaan yeroodhaaf dhabduu akka taatu heyyamee ture jechuudha.

^ key. 9 Fageenyi asirratti ibsame, magaalaa Raamaa ishee Elqaanaan itti dhalateefi bara Yesusittimmoo Armaatiyaa jedhamturratti hundaaʼuudhaan kan shallagamedha.