Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA TOKKO

Dammaqinaafi Obsaan Eegeera

Dammaqinaafi Obsaan Eegeera

1, 2. Eliyaas hojii ulfaataa akkamii raawwachuu qaba ture? Eliyaasiifi Ahaab namoota garaagaraa kan taʼan akkamitti?

ELIYAAS iddoo qoofnii taaʼee Abbaasaa isa samiitti kadhannaa dhiheessuu barbaadee ture. Haataʼu malee, namoonni isaa wajjin turan baayʼeen yeroo raajii dhugaan kun ibiddi samiirraa akka buʼu godhu waan arganiif, baayʼeensaanii isa biratti fudhatama argachuu barbaadanii turan. Eliyaas kophaasaa Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf gara gubbee Tulluu Qarmelositti baʼuusaa dura, hojii ulfaataa tokkotu isa eeggata ture. Ahaab Mooticha haasofsiisuu qaba ture.

2 Namoonni kun lamaan garaagarummaa guddaa qabu. Ahaab, uffata moototaa bareedaa kan uffatu taʼus, gantuu, sassattuufi ilaalcha sirrii kan hin qabne ture. Eliyaas garuu uffata gati jabeessa hin taane, tariimmoo uffata gogaa horii, rifeensa gaalaa ykn reʼeerraa hojjetameefi raajonni ittiin beekaman uffata ture. Taʼus, Eliyaas nama ija jabeessa, ejjennoo cimaafi amantii qabu ture. Guyyaan kun amala namoonni kun lamaan qaban ilaalchisee waan baayʼee ifa godheera.

3, 4. (a) Guyyaan sun Ahaabiifi waaqeffattoota Baʼaaliif guyyaa gadhee kan ture maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

3 Guyyaan kun Ahaabiifis taʼe waaqeffattoota Baʼaal kaaniif guyyaa gadhee ture. Amantiin sobaa, Ahaabiifi haati manaasaa Iizaabel Mootittiin mootummaa gosoota Israaʼel kurnanii keessatti babalʼisaa turan soba taʼuunsaa mirkanaaʼeera. Baʼaal waaqa sobaa taʼuunsaa saaxilameera. Baʼaal raajonnisaa dhiphachaa, ragadaafi dhiigasaanii dhangalaasaa yoo isa kadhataniyyuu, waaqni lubbuu hin qabne kun ibidda xinnoollee uumuu hin dandeenye. Baʼaal namoonni 450 taʼan sun akka hin ajjeefamne eeguu hin dandeenye. Haataʼu malee, Waaqni sobaa kun, wanta kan biraa tokko gochuu dadhabuudhaanis dandeettii akka hin qabne argisiiseera. Raajonni Baʼaal waaqnisaanii kun ongee biyyasaanii miidhaa jiru akka hambisu waggaa sadiif isa kadhachaa kan turan taʼus, Baʼaal kana gochuu akka hin dandeenye argisiiseera. Yihowaan garuu yeruma sana ongee kana hambisuudhaan Waaqa dhugaa taʼuusaa argisiisuuf jedha.—1 Mot. 16:30–17:1; 18:1-40.

4 Haataʼu malee Yihowaan ongee kana kan hambisu yoomi? Eliyaas hamma Yihowaan tarkaanfii fudhatutti maal hojjeta? Nutoo nama amantii kanarraa maal barachuu dandeenya? Deebii kanaa argachuuf mee seenaasaa gad fageenyaan haa qorru.—1 Mootota 18:41-46 dubbisi.

Qajeelfama Argachuuf Kadhateera

5. Eliyaas Ahaab maal akka godhu itti hime? Ahaab wanta guyyaa sana raawwatamerraa akka barate wanti argisiisu jiraa?

5 Eliyaas gara Ahaab dhaqee, “Sagaleen bokkaa yandoo waan dhagaʼamuuf amma ol baʼii nyaadhu, dhugi” jedheen. Mootiin hamaan kun wanta guyyaa kanatti raawwatamerraa waan barate qabaa? Seenaansaa ifatti dubbachuu baatus, mootiin kun qalbii geddarachuunsaa hin ibsamne; Eliyaas gargaarsa akka isaaf godhu hin gaafanne, akkasumas dhiifama hin gaafanne. Kanaa mannaa Ahaab, “nyaachuudhaaf, dhuguudhaafis ol in baʼe.” (1 Mot. 18:41, 42) Eliyaasoo maal godhe?

6, 7. Eliyaas waaʼee maalii kadhate? Maaliifi?

6 “Eliyaas garuu gubbee tulluu Qarmelos irratti ol baʼee mataa isaa hamma jilba isaa biraan gaʼutti gad gombisee in kadhate.” Ahaab garaasaa guuttachuuf yommuu adeemu, Eliyaasimmoo Abbaasaa isa samiitti kadhannaa dhiheessuuf carraa argate. Eliyaas hamma mataansaa jilbasaa bira gaʼutti gombifamee sagaduunsaa, nama gad of deebisu taʼuusaa akka argisiisu hubadhu. Eliyaas waaʼee maalii kadhachaa ture? Deebii kanaa tilmaamuun nu hin barbaachisu. Macaafni Qulqulluun Yaaqoob 5:18⁠rratti, Eliyaas ongeen sun akka dhaabatu kadhachuusaa nutti hima. Kadhannaa kana kan dhiheesse gubbee Qarmelosirratti taʼuu hin oolu.

Kadhannaan Eliyaas dhiheesse, fedhiin Waaqayyoo yommuu raawwatamu arguuf hawwii guddaa akka qabu argisiisa

7 Yihowaan sana dura, “Ani immoo lafa irratti bokkaa nan roobsa” jedhee ture. (1 Mot. 18:1) Kanaaf akkuma Yesus waggaa kuma tokko booda duuka buutotasaa barsiise, Eliyaasis jaalalli Yihowaa akka raawwatamu kadhachaa ture.—Mat. 6:9, 10.

8. Kadhannaa ilaalchisee fakkeenya Eliyaasirraa maal baranna?

8 Fakkeenyi Eliyaas waaʼee kadhannaa waan hedduu nu barsiisa. Wanti hunda caalaa Eliyaasiin yaaddesse, fedhiin Waaqayyoo raawwatamuusaa ture. Nutis, ‘akka fedhasaatti yoo isa kadhanne Waaqayyo akka nuuf dhagaʼu’ yaadachuun keenya barbaachisaadha. (1 Yoh. 5:14) Kanaaf, seenaan kun kadhannaa fudhatama qabu dhiheessuuf, fedhiin Waaqayyoo maal akka taʼe beekuun barbaachisaa taʼuusaa nu hubachiisa. Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu qayyabachuun keenyammoo kana gochuuf nu gargaara. Eliyaas, namoonni biyyasaa hundi rakkachaa waan jiraniif, ongeen kun yommuu hafu arguu barbaadee akka ture beekamaadha. Kanaaf, dinqii Yihowaan guyyaa sana raawwate erga argee booda, garaansaa galateeffannaadhaan guutamuu hin oolu. Nutis kadhannaan keenya garaadhaa akka galateeffannuufi warra kaaniif akka yaannu kan argisiisu akka taʼu barbaanna.—2 Qorontos 1:11; Filiphisiiyus 4:6 dubbisi.

Amantii Cimaa Kan Qabuufi Dammaqaa Ture

9. Eliyaas ergamaansaa maal akka godhu ajaje? Amalawwan Eliyaas kam lamaan qorra?

9 Eliyaas, Yihowaan ongee kana hambisuuf tarkaanfii akka fudhatu kan beeku taʼus, yeroonsaa yoom akka taʼe garuu hin beeku ture. Kanaaf raajiin kun hammasitti maal gochaa ture? Seenaansaa, “Hojjetaa isaatiin immoo, ‘Dhaqii qixa galaanichaatiin ilaali!’ jedhe; kana irratti inni dhaqee ilaalee, ‘Achiin homtuu hin jiru’ jedheen; Eliyaas, ‘Siʼa torba deebisee dhaqii ilaali!’ ittiin jedhe” jedha. (1 Mot. 18:43) Fakkeenyi Eliyaas yoo xinnaate waan lama nu barsiisa. Tokkoffaa, Yihowaan tarkaanfii akka fudhatu amantii cimaa qaba ture. Lammaffaa dammaqinaan eega ture.

Eliyaas mallattoowwan Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf akka jedhu argisiisan hawwiidhaan eeggachaa ture

10, 11. (a) Eliyaas abdii Yihowaan kennerratti amantii akka qabu kan argisiise akkamitti? (b) Nutoo amantii akkasii qabaachuu kan dandeenyu maaliifi?

10 Eliyaas abdiin Yihowaan kenne akka raawwatamu amantii cimaa waan qabuuf, mallattoo Yihowaan bokkaa akka roobsu argisiisu ilaaluuf hawwiidhaan eegaa ture. Hojjetaansaa lafa ol kaʼaarra dhaabatee mallattoo bokkaan dhufaa akka jiru argisiisu akka ilaalu isa ergeera. Taʼus, hojjetaansaa deebiʼee, “Achiin homtuu hin jiru” jechuudhaan oduu nama hin gammachiisne itti hime. Samiin qulqulluu siʼa taʼu, duumessi akka hin jirres haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Haataʼu malee wanti gaaffii namatti taʼu tokko akka jiru hubatteettaa? Eliyaas Ahaab Mootichaan, ‘Sagaleen bokkaa yandoo ni dhagaʼama’ jedhee akka ture yaadadhu. Duumessi utuu hin jiraatin, raajiin kun akkas jechuu kan dandaʼe akkamitti?

11 Eliyaas abdii Yihowaan kenne beeka ture. Raajii Yihowaafi bakka buʼaasaa waan taʼeef, wanti Waaqnisaa dubbate akka raawwatamu baayʼee mirkanaaʼaa ture. Kanaaf, sagalee bokkaa dhagaʼaa akka jiru godhee dubbateera. Kunis yaada Macaafni Qulqulluun Musee ilaalchisee, “Isa ijaan hin argamne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate” jedhu nu yaadachiisa. Atoo Waaqayyorratti amantii cimaa akkasii qabdaa? Yihowaan, isarrattis taʼe abdii inni kennerratti amantii cimaa akkasii akka qabaannu ragaa hedduu nuu qopheesseera.—Ibr. 11:1, 27.

12. Eliyaas dammaqaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? Duumessi xinnoon mulʼachuusaa yommuu dhagaʼu maal jedhe?

12 Ammammoo Eliyaas hammam dammaqaa akka ture hubadhu. Hojjetaasaa al tokko ykn al lama qofa utuu hin taʼin al torba deddeebisee ergeera. Hojjetaansaa hamma kana deddeebiʼuunsaa isa nuffisiisee taʼuu dandaʼus, Eliyaas garuu milikkita arguuf dammaqinaan eegaa waan tureef abdii hin kutanne. Hojjetaansaa al torba erga deddeebiʼee booda dhumarratti, “Kunoo, duumessi xinnoon hamma harka namaa gaʼu tokko galaanicha irraa ol kaʼaa jira” jedhe. Hojjetaan kun, barruusaa itti argisiisee duumessi utuu Galaana Guddaarraa ol kaʼuu arge sun hammam xinnoo akka taʼe yommuu Eliyaasitti himu sitti mulʼataa? Hojjetaan kun kana arguunsaa baayʼee isa hin dinqisiisne taʼa. Eliyaasiif garuu duumessi kun hiika guddaa qaba ture. Kanaaf, “Dhaqiitii Ahaabin, ‘Konkolaataa kee kaafadhuutii, utuu bokkaan si hin ittisin gad buʼi!’ jedhi!” jechuudhaan hojjetaasaatiif ajaja ariifachiisaa kenne.—1 Mot. 18:44.

13, 14. (a) Dammaqinaan eeguu ilaalchisee fakkeenya Eliyaas akkamitti hordofuu dandeenya? (b) Ariitiidhaan tarkaanfii fudhachuuf sababii akkamii qabna?

13 Eliyaas karaa gara biraatiinis fakkeenya gaarii nuu taʼa. Nutis yeroo Waaqayyo kaayyoosaa isa barreeffamaan jiru raawwachuu jala gaʼe keessa jiraanna. Akkuma Eliyaas yeroo ongeen itti dhaabatu eeggachaa ture, tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo ammaa jiranis yeroo biyyi lafaa mancaʼaa taʼe kun itti badu hawwiidhaan eeggachaa jiru. (1 Yoh. 2:17) Akkuma Eliyaas hamma Yihowaan tarkaanfii fudhatutti eege, nuyis yeroo kamiyyuu caalaa dammaqinaan eeguu qabna. Yesus Ilmi Waaqayyoo, “Kanaafis gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa!” jechuudhaan duuka buutotasaa gorseera. (Mat. 24:42) Yesus yommuu akkas jedhu duuka buutonnisaa yeroo inni itti dhufu guutummaatti hin beekan jechuusaa turee? Guyyoota gara dhumaatti haalli biyya lafaa maal akka fakkaatu balʼinaan waan dubbateef akkas jechuusaa hin turre. Hundi keenya milikkitoonni “dhuma barichaa” tokko tokkoon yommuu raawwataman argaa jirra.—Maatewos 24:3-7 dubbisi.

Duumessi xinnoon samiirratti mulʼate tokko, Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf akka jedhu Eliyaasiin amansiisuuf gaʼaa ture. Milikkinni guyyoota gara dhumaa ilaalchisee dubbatame ariitiidhaan tarkaanfii akka fudhannu nu kakaasa

14 Milikkitoonni kun hundi amantii cimaa qabaachuuf ragaa quubsaa nuuf taʼu. Ragaan akkasii miira ariitiitiin Yihowaa akka tajaajillu nu kakaasuuf gaʼaadhaa? Duumessi xinnoon samiirratti mulʼate tokko, Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf akka jedhu Eliyaasiin amansiisuuf gaʼaa ture. Raajii amanamaan kun wanti inni eegaa ture utuu hin raawwatamin hafeeraa?

Yihowaan Boqonnaafi Eebba Fide

15, 16. Wantoonni hatattamaan raawwataman maalfaa turan? Eliyaas, Ahaab maal godha jedhee yaadee taʼuu dandaʼa?

15 Seenaansaa, “Qilleensi duumessa fidee bantii waaqaa in gurraachesse; bokkaan ulfaataan in dhufe, Ahaab yommus konkolaataa isaa yaabbatee Yizreʼelitti gad in buʼe” jedha. (1 Mot. 18:45) Wanti hundumtuu hatattamaan jijjiiramuu jalqabe. Hojjetaan Eliyaas ergaa raajichaa utuma Ahaabitti himaa jiruu, duumessi xinnoon sun baayʼatee samii guutee gurraachesse. Achiis qilleensi cimaan ni qilleensaʼe. Dhumarratti waggaa sadiifi jiʼa jaʼa booda, biyya Israaʼelitti bokkaan ni roobe. Lafti gogee babbaqaqee ture sun bishaan dhuge. Bokkaan cimaan waan roobeef, lagni Qiison guutee dhiiga raajota Baʼaal warra ajjeefaman sanaa dhiqee akka sokke hin shakkisiisu. Israaʼeloonni mata jabeeyyii taʼan sunis, waaqeffannaa Baʼaal biyyicha keessaa dhiqanii akka balleessan carraan isaanii baname.

“Bokkaan ulfaataan in dhufe”

16 Eliyaas Israaʼeloonni waaqeffannaa Baʼaal akka balleessan mirkanaaʼaa ture. Eliyaas tarii Ahaab wantoota nama ajaaʼibsiisan kana yommuu argu ‘Maal godha laata?’ jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. Ahaab yaada garaasaa geddaratee, waaqeffannaa Baʼaal isa mancaʼaa taʼerraa ni deebiʼaa laata? Wantoonni guyyaa sanatti raawwataman jijjiirama akkasii akka godhu haala isaaf mijeessanii turan. Dhugaadha, yeroo sanatti Ahaab maal yaadaa akka ture beekuu hin dandeenyu. Seenaansaa, ‘Ahaab yommus konkolaataasaa yaabbatee Yizreʼelitti akka gad buʼe’ qofa nutti hima. Ahaab kanarraa waan barate qabaa? Jijjiirama gochuufoo murteessee turee? Wantoonni sana booda raawwataman Ahaab kana akka hin goone argisiisu. Haataʼu malee, wanti Ahaabiifi Eliyaas guyyaa kanatti raawwatan asirratti hin xumuramne.

17, 18. (a) Eliyaas karaa gara Yizreʼelitti geessurratti maaltu isa mudate? (b) Eliyaas Qarmelosii hanga Yizreʼelitti fiiguunsaa kan nama dinqisiisu maaliifi? (Miiljalees ilaali.)

17 Raajiin Yihowaa karaa Ahaab deemerra isa duukaa buʼuu jalqabe. Dukkana keessa karaa dheeraafi nama mucucaachisurra deemuu qaba ture. Haataʼu malee ittaansuudhaan wanti haaraa taʼe tokko ni raawwatame.

18 “Waaqayyo humna isaa Eliyaasiif in kenne; Eliyaas immoo wayyaa isaa sassaabbatee mudhiitti suuqqatee, Ahaab dura buʼee hamma Yizreʼelitti in fiige.” (1 Mot. 18:46) ‘Humni Waaqayyoo,’ Eliyaas wanta humna namaatii ol taʼe akka raawwatu isa gargaaraa akka ture beekamaadha. Yizreʼel gara kiilomeetira 30 kan fagaattu siʼa taʼu, Eliyaasis yeroo kanatti maanguddoo ture. * Raajichi akka gaariitti fiiguuf jecha wayyaasaa mudhiitti suuqqatee, daandii bokkaan dhoqqeesserra fiigee konkolaataa fardaa mootichaa bira yommuu darbu sitti haa mulʼatu!

19. (a) Eliyaas Waaqayyo biraa humnaafi jabina argachuunsaa raajiiwwan warra kam nu yaadachiisa? (b) Eliyaas karaa gara Yizreʼelitti geessurra yommuu fiigu maal hubatee taʼuu dandaʼa?

19 Kun Eliyaasiif eebba guddaa mitii? Jabinaafi tarii humna dargaggummaasaattillee hin qabne akkasii argachuunsaa baayʼee isa gammachiisee akka ture beekamaadha. Seenaan kun raajii namoonni amanamoo taʼan lafa Jannata taatu keessatti fayyaa guutuufi jabina qaamaa akka argatan dubbatu nu yaadachiisa. (Isaayaas 35:6 dubbisi; Luq. 23:43) Eliyaas karaa dhoqqee sanarra fiiguu dandaʼuunsaa, Yihowaa Abbaasaa isa Waaqa dhugaa taʼe biratti fudhatama argachuusaa akka isaaf mirkaneesse hin shakkisiisu!

20. Eebba Yihowaa argachuuf carraaqqii akkamii gochuu qabna?

20 Yihowaan nu eebbisuuf hawwii guddaa qaba. Eebba kana argachuuf waan nuu dandaʼame hunda gochuun keenya barbaachisaa waan taʼeef, eebbasaa argachuuf haa carraaqnu. Milikkitoota Yihowaan yeroo sodaachisaafi ariifachiisaa kanatti tarkaanfii akka fudhatu argisiisan hubachuudhaan, akkuma Eliyaas dammaqinaan eeguun keenya barbaachisaadha. Akkuma Eliyaas abdii Yihowaan inni “Waaqa dhugaa” taʼe kennetti guutummaatti haa amanamnu.—Far. 31:5, hiika bara 1899.

^ key. 18 Kana booda utuma baayʼee hin turin, Yihowaan Eliyaas, ‘gargaaraasaa Elsaaʼiin’ akka leenjisu itti gaafatamummaa isaaf kenne. (2 Mot. 3:11) Elsaaʼi, Eliyaas isa maanguddoo taʼeef wanta barbaachisu gochuudhaan isa gargaaraa akka ture haalasaarra hubachuun ni dandaʼama.