Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA TORBA

“Ani Garbittiin Gooftaa Kunoo Asan Jira”

“Ani Garbittiin Gooftaa Kunoo Asan Jira”

1, 2. (a) Keessummaan tokko Maariyaamiin maal jedhee nagaa gaafate? (b) Maariyaam murtoo cimaa akkamii gochuu qabdi turte?

MAARIYAAM keessummaan tokko yommuu manashee seenu fajajjee isa ilaalaa jirti. Keessummaan kun abbaashees taʼe haadhashee ishee hin gaafanne. Kan inni dhufe ishuma barbaadeeti. Haataʼu malee keessummaan kun nama mandara Naazireet keessa jiraatu akka hin taane hubatteetti. Mandara xinnoo kana keessatti nama haaraa taʼe beekuun salphaadha. Namichi kunimmoo baayʼee addadha. Innis, “Waaqayyo gooftaan sii wajjin jiraʼo, nagaan siif haa taʼu, yaa ayyaana-qabeettii!” jechuudhaan jecha isheen kanaan dura matumaa dhageessee hin beekneen nagaa ishee gaafate.—Luqaas 1:26-28 dubbisi.

2 Macaafni Qulqulluun waaʼee Maariyaam ishee intala Elii taateefi mandara Naazireet ishee Galiilaatti argamtu keessa jiraattuu yaada kana ibsuudhaan jalqaba. Seenaan Maariyaam ibsamuu kan jalqabe yeroo murtoo cimaa gochuun ishee barbaachisee turettidha. Yoseef isa muka soofutti heerumuuf kaadhimatamtee kan turte siʼa taʼu, namni kun hiyyeessa taʼus nama amantii cimaa qabu ture. Kanaaf haadha manaa Yoseef taatee isa deggeruufi ijoollee guddisuudhaan jireenya salphaa jiraachuuf of qopheessitee kan turte taʼuu hin oolu. Haataʼu malee, akkuma tasaa keessummaan kun, itti gaafatamummaa jireenyashee guutummaatti jijjiiru tokko Waaqayyo biraa isheedhaaf fidee dhufe.

3, 4. Waaʼee Maariyaam sirriitti beekuuf, maalirraa fagaachuufi maalirratti xiyyeeffachuu qabna?

3 Namoonni baayʼeen Macaafni Qulqulluun waaʼee Maariyaam waan hedduu akka hin dubbanne beekuunsaanii isaan dinqisiisa. Maatiisheefi amalashee ilaalchisee waan muraasa qofa kan ibsu siʼa taʼu, waaʼee bifasheemmoo homaa hin dubbatu. Taʼus, wanta Macaafni Qulqulluun waaʼeeshee dubbaturraa waan hedduu barachuu dandeenya.

4 Haataʼu malee, waaʼee Maariyaam beekuudhaaf yaada dogoggoraa amantiiwwan hedduun duuka buutotasaanii barsiisanirraa fagaachuu qabna. Kanaaf akkaataa namoonni hedduun bifashee itti ibsuuf yaalii godhan sammuu keenya keessaa haa baasnu. Kana malees, barumsa amantii wal xaxaa taʼeefi dubartii gad of deebistu kanaan “Haadha Waaqayyoo,” akkasumas “Mootuu Samii” jedhee waamurraa haa fagaannu. Kanaa mannaa wanta Macaafni Qulqulluun waaʼeeshee barsiisu qofarratti haa xiyyeeffannu. Dubbiin Waaqayyoo waaʼee amantiishee gad fageenyaan beekuufi fakkeenyashee hordofuuf nu gargaara.

Ergamaan Tokko Garashee Dhufe

5. (a) Wanta Maariyaam yeroo Gabriʼel ergamichi nagaa ishee gaafate itti dhagaʼamerraa maal barachuu dandeenya? (b) Maariyaamirraa barumsa barbaachisaa akkamii barachuu dandeenya?

5 Keessummaan gara Maariyaam dhufe namuma akka keenyaa utuu hin taʼin, Gabriʼel ergamaadha. Ergamaan kun “yaa ayyaana-qabeettii” yommuu isheedhaan jedhu, Maariyaam wanti inni dubbateefi nagaan inni ishee gaafate kun hiika maalii qaba jettee “yaadaan dhiphatte.” (Luq. 1:29) Ayyaana kan argatte eenyu birattidha? Maariyaam namoota biraatti ayyaana nan argadha jettee hin yaanne. Haataʼu malee, Ergamichi Yihowaa biratti ayyaana argachuushee itti himaa ture. Kunis isheedhaaf hiika guddaa qaba. Taʼus Maariyaam ayyaana Waaqayyoo akka qabdu of tuulummaadhaan hin yaanne. Nuyis ayyaana Waaqayyoo argachuu yoo barbaanne, ayyaana kana akka qabnu of tuulummaadhaan yaaduu akka hin qabne Maariyaamirraa barumsa guddaa arganna. Waaqayyo warra kooraan ol of qaban kan mormu siʼa taʼu, warra gad of deebisan garuu ni jaallata, akkasumas ni deggera.—Yaq. 4:6.

Maariyaam ayyaana Waaqayyoo akka qabdu of tuulummaadhaan hin yaanne

6. Ergamichi Maariyaamiif mirga akkamii kenne?

6 Ergamichi mirga guddaa waan isheedhaa kenneef, Maariyaam amala gad of deebisuu akkasii qabaachuunshee barbaachisaa ture. Mucaa namoota hunda caalaa barbaachisaa taʼe tokko akka godhattu isheedhaaf ibse. Gabriʼel, “Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in moʼa, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” jedheen. (Luq. 1:32, 33) Maariyaam waggaa kuma tokko dura, sanyii Daawit keessaa namni tokko barabaraaf mootii akka taʼu abdii Waaqayyo kenne beekti turte. (2 Sam. 7:12, 13) Kanaaf ilmishee Masiihii isa sabni Waaqayyoo jaarraa hedduudhaaf abdiidhaan eeggachaa turan taʼa jechuudha.

Gabriʼel ergamichi Maariyaamiif mirga guddaa kenneera

7. (a) Gaaffiin Maariyaam gaafatte waaʼeeshee maal ibsa? (b) Dargaggoonni yeroo harʼaa jiran Maariyaamirraa maal barachuu dandaʼu?

7 Ergamichi mucaan kun “ilma [Waaqayyoo] jedhamee in waamama” jechuudhaan isheetti hime. Dubartiin tokko Ilma Waaqayyoo daʼuu kan dandeessu akkamitti? Kana malees, Maariyaam mucaa godhachuu kan dandeessu akkamitti? Yoseefiif kan kaadhimatamte taʼus, ammayyuu isatti hin heerumne. Maariyaam, “Anoo amma illee durba, kun attamitti taʼuu dandaʼa?” jechuudhaan gaaffii ifa taʼe gaafatte. (Luq. 1:34) Maariyaam waaʼee durbummaashee qaanii tokko malee akka dubbatte hubadhu. Kanaa mannaa durbummaasheetiif bakka guddaa kenniti turte. Dargaggoonni yeroo harʼaa jiran hedduun durbummaasaanii balleessuuf kan ariifatan taʼuusaarrayyuu, warra akkasaanii hin goonetti ni qoosu. Dhugumayyuu addunyaan kun jijjiirameera. Yihowaan garuu hin jijjiiramne. (Mil. 3:6) Akkuma bara Maariyaam namoota ulaagaa inni amalaaf baase eeganii jiraataniif iddoo guddaa kenna.—Ibroota 13:4 dubbisi.

8. Maariyaam cubbuu kan dhaalte taʼus, mucaa cubbuurraa walaba taʼe daʼuu kan dandeessu akkamitti?

8 Maariyaam amanamummaadhaan Waaqayyoon kan tajaajiltu taatus, cubbuu kan dhaalte turte. Maarree Ilma Waaqayyoo cubbuurraa walaba taʼe daʼuu kan dandeessu akkamitti? Gabriʼel, “Hafuurri qulqulluun si irra in buʼa, humni abbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama” jedhee deebii kenneef. (Luq. 1:35) Warri ijoolleesaaniitti cubbuu akka dabarsan beekamaadha. Maariyaamii wajjin haala wal qabateen garuu Yihowaan dinqii adda taʼe tokko raawwachuuf jedha. Lubbuu Ilmasaa samiirraa gara gadameessa Maariyaamitti erga dabarsee booda, hafuurri qulqulluun ‘ishee golboobee’ cubbuun mucichatti akka hin darbine isa eega. Maariyaam wanta ergamichi dubbate amantee turtee? Deebii akkamii kenniti laata?

Deebii Maariyaam Gabriʼeliif Kennite

9. (a) Seenaa waaʼee Maariyaam dubbatu ilaalchisee shakkitoonni kan dogoggoran maaliifi? (b) Gabriʼel amantii Maariyaam kan cimse akkamitti?

9 Hayyoota amantii Saba Kiristiyaanaa dabalatee namoonni yaada Macaafa Qulqulluu shakkan tokko tokko, durbi tokko mucaa godhachuu dandaʼuushee hin amanan. Barumsa hedduu kan baratan taʼus, dhugaa salphaa taʼe kana hubachuu hin dandeenye. Akkuma Gabriʼel dubbate, “Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru.” (Luq. 1:37) Maariyaam shamarree amantii guddaa qabdu waan turteef, wanti Gabriʼel dubbate dhugaa taʼuusaa amanteetti. Amantiinshee garuu ragaarratti kan hundaaʼe ture. Maariyaam akkuma namni ilaalcha sirrii qabu tokko godhu, amantii ragaarratti hundaaʼe qabaachuu barbaaddi turte. Gabriʼelis ragaa dabalataa akkasii isheedhaa kennuuf qophaaʼee ture. Kanaaf, waaʼee firashee Elsaabex ishee maanguddoo taateefi yeroo dheeraadhaaf dhabduu taatee jiraattee isheetti hime. Waaqayyo dinqiidhaan akka ulfooftu ishee gargaareera.

10. Mirgi Maariyaam argatte salphaa hin turre kan jennu maaliifi?

10 Maariyaam kana booda maal gooti laata? Itti gaafatamummaa kan fudhatte siʼa taʼu, Waaqayyo wanta Gabriʼel dubbate hunda akka raawwatus ragaa qabatamaa argatteetti. Maariyaam Ilma Waaqayyoo daʼuuf mirga guddaa kan argatte taʼus, haalli kun isheedhaaf salphaadha jechuu hin turre. Tokkoffaa, Yoseefiif kaadhimatamuunshee ishee yaaddessa. Yoseef ulfa taʼuushee yommuu beeku ishee fuudhamoo ishee dhiisa laata? Lammaffaammoo, itti gaafatamummaan kun mataasaatti ulfaataa fakkaachuu dandaʼa. Ilma Waaqayyoo jaallatamaa isa uumama hunda caalaa iddoo guddaa qabu garaatti baachuuf jetti. Kana malees, daaʼimummaasaatti isa kunuunsuufi biyya lafaa hamaa taʼerraa isaa eeguu qabdi turte. Dhugumayyuu kun itti gaafatamummaa guddaadha!

11, 12. (a) Dhiironni amantii cimaa qabanillee yommuu Waaqayyo hojii ulfaataa isaaniif kenne maal godhaniiru? (b) Deebiin Maariyaam Gabriʼeliif kennite waaʼeeshee maal ibsa?

11 Macaafni Qulqulluun dhiironni amantii cimaa qabanillee, yeroo tokko tokko itti gaafatamummaa Waaqayyo isaaniif kenne fudhachuu sodaatanii akka turan dubbata. Fakkeenyaaf, Museen Waaqayyoon bakka buʼee akka gaariitti dubbachuuf gaʼumsa hin qabu jedhee mormee ture. (Bau. 4:10) Ermiyaasis baayʼee “mucaa” waan taʼeef, hojii Waaqayyo isaaf kenne fudhachuu akka hin dandeenye mormee ture. (Er. 1:6) Yoonaasimmoo hojii isaa kennamerraa baqateera. (Yon. 1:3) Maariyaamoo maal gooti laata?

12 Maariyaam gad of deebisuufi ajajamuudhaan deebii kennuushee, namoonni yeroo harʼaa jiran hedduunillee akka gaariitti beeku. Gabriʼeliin, “Ani garbittiin gooftaa kunoo, asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa taʼu!” jetteetti. (Luq. 1:38) Garbittiin tokko hojjettuu iddoo gad aanaa qabdu waan taateef, jireenyishee guutummaatti toʼannaa gooftaashee jala jira. Maariyaam Gooftaashee Yihowaadhaaf akkas isheetti dhagaʼama ture. Yihowaan namoota isaaf amanamaa taʼaniif, amanamaa akka taʼeefi hojii ulfaataa kana raawwachuuf waan isheedhaa dandaʼame hunda yommuu gootu akka ishee eegu hubattee turte.—Far. 18:25.

Maariyaam Yihowaa Waaqnishee inni amanamaan akka ishee eegu hubattee turte

13. Wanti Waaqayyo akka goonu nu gaafatu ulfaataafi kan hin dandaʼamne yoo nutti fakkaate, fakkeenyi Maariyaam nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

13 Yeroo tokko tokko Waaqayyo wanta ulfaataafi kan hin dandaʼamne fakkaatu akka raawwannu nu gaafachuu dandaʼa. Haataʼu malee, akkuma Maariyaam akka isatti amanamnuuf, Dubbiisaa keessatti ragaa hedduu nuu kenneera. (Fak. 3:5, 6) Nutoo Yihowaatti amanamuuf fedhii qabnaa? Taanaan, amantii cimaa akka isarratti qabaannu ragaa hedduu nuu kennuudhaan nu kiisa.

Maariyaam Elsaabex Bira Dhaqxe

14, 15. (a) Yihowaan Maariyaam Elsaabexiifi Zakaariyaas bira dhaquusheetti kan ishee kiise akkamitti? (b) Yaanni Maariyaam dubbatteefi Luqaas 1:46-55⁠rra jiru waaʼeeshee maal ibsa?

14 Yaanni Gabriʼel Elsaabexiin ilaalchisee dubbate Maariyaamiif ergaa hedduu dabarsa. Elsaabex eenyuyyuu caalaa haala Maariyaam hubachuu dandeessi. Maariyaam yeruma sana biyya Yihudaa isa gaarri itti baayʼatuufi tarii guyyaa sadii ykn afur fudhatu adeemuu jalqabde. Maariyaam mana Elsaabexiifi Zakkaariyaas lubichaa yommuu geessu, Yihowaan ragaa dabalataa amantiishee cimsu kennuudhaan ishee kiise. Elsaabex sagalee Maariyaam yommuu dhageessu, mucaan gadameessashee keessa jiru gammachuudhaan akka utaale itti dhagaʼame. Achiis hafuura qulqulluudhaan guutamtee, Maariyaam ‘haadha gooftaashee’ akka taate dubbatte. Waaqayyo ilmi Maariyaam Gooftaashee, jechuunis Masiihicha akka taʼu Elsaabexitti mulʼise. Kana malees hafuuraan geggeeffamtee, “Kan amante, attam kan ayyaanomtee dha!” jechuudhaan Maariyaam amanamummaadhaan waan ajajamteef ishee galateeffatte. (Luq. 1:39-45) Eeyyee wanti Yihowaan Maariyaamiin abdachiise hundi ni raawwatama!

Michummaan Maariyaamiifi Elsaabex qaban lamaansaaniitiifiyyuu eebba argamsiiseera

15 Maariyaamis ittaansuudhaan kan dubbatte siʼa taʼu, yaanni isheen dubbatte Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffameera. (Luqaas 1:46-55 dubbisi.) Yaanni kun dubbii Maariyaam dubbatteefi Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffame keessaa isa dheeraa taʼuusaarrayyuu, waaʼeeshee waan hedduu ibsa. Yihowaan haadha Masiihichaa akka taatu mirga isheedhaa kennuusaatti, galateeffannaafi dinqisiifannaadhaan isa jajachuunshee ibsameera. Yihowaan warra of tuulaniifi humna qabna jedhan akka gad deebisu, warra gad of deebisan, hiyyeeyyii taʼaniifi isa tajaajiluu barbaadanimmoo akka gargaaru waan dubbatteef amantii cimaa akka qabdus kan argisiisudha. Kana malees, akka tilmaamni tokko jedhetti Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa 20 ol taʼanirraa caqasuunshee beekumsa guddaa akka qabdu argisiisa. *

16, 17. (a) Ilaalchi Maariyaamiifi ilmishee qaban fakkeenya kan nuu taʼu akkamitti? (b) Maariyaam Elsaabexiin gaafachuu dhaquunshee michummaan eebba akkamii akka argamsiisu nu yaadachiisa?

16 Maariyaam Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan xiinxalaa akka turte ifadha. Taʼus nama gad of deebistu waan taateef, yaada mataashee dubbachuu mannaa Macaafa Qulqulluurraa caqasuudhaan dubbatteetti. Mucaan yeroo sana gadameessashee keessa jirus guyyaa tokko, “Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee” jechuudhaan ilaalcha akkasii akka qabu argisiisa. (Yoh. 7:16) Hundi keenya ‘Anoo Dubbii Waaqayyootiif kabaja akkasii qabaa? Moo yaada mataakoo barsiisuun filadha?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. Gama kanaan ejjennoon Maariyaam qabdu ifa ture.

17 Maariyaam gara jiʼa sadiif Elsaabex bira kan turte siʼa taʼu, yeroo kanattis hedduu wal jajjabeessaa akka turan hin shakkisiisu. (Luq. 1:56) Seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee dhimma kanaa ibsu, michummaa gaariin eebba guddaa argamsiisuu akka dandaʼu nu yaadachiisa. Namoota garaadhaa Yihowaa jaallatan michuu yoo godhanne, karaa hafuuraa akka guddannuufi caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu beekamaadha. (Fak. 13:20) Dhumarrattis yeroon Maariyaam gara manasheetti itti deebitu ni gaʼe. Yoseef Maariyaam ulfaaʼuushee yommuu baru maal godha laata?

Maariyaamiifi Yoseef

18. Maariyaam Yoseefitti maal himte? Innoo maal godhe?

18 Maariyaam, Yoseefitti dubbachuuf hamma ulfishee beekamutti akka hin eegne beekamaadha. Sana dura Yooseefitti himtee akka turte hin shakkisiisu. Taʼus, yommuu isheen isatti himtu ‘Namni gaariin Waaqayyoon sodaatu kun maal jedha laata?’ jettee yaaddaʼuu hin ooltu. Taʼus, garasaa dhaqxee wanta raawwatame hunda isatti himte. Yoseef yeroo kanatti garmalee dhiphatee akka ture yaaduu dandeenya. Shamarree jaallatamtuu kana amanuu kan barbaadu taʼus, haallisaa waan isa gante fakkaata. Macaafni Qulqulluun Yoseef yeroo kanatti maal yaadaa akka ture ykn akkamitti akka deebii isheedhaaf kenne hin ibsu. Haataʼu malee, yeroo sanatti namoonni wal kaadhimatan akka hiriyoota gaaʼelaatti waan ilaalamaniif, ishee hiikuuf murteessuusaa ibsa. Taʼus, namootatti himee ishee qaanessuu waan hin barbaanneef, dhoksaatti ishee hiikuu filate. (Mat. 1:18, 19) Maariyaam namni gaariin kun haala adda taʼe kanaan kan kaʼe yommuu gaddu arguunshee garmalee ishee dhiphisee taʼuu qaba. Taʼus Maariyaam Yoseef utuu ishee hin amanin hafuusaatti isatti hin mufanne.

19. Yihowaan Yoseef wanta sirrii taʼe akka raawwatu kan isa gargaare akkamitti?

19 Haataʼu malee, Yihowaan Yoseef wanta sirrii taʼe akka raawwatu gaarummaadhaan isa gargaareera. Ergamaan Waaqayyoo Maariyaam kan ulfoofte dinqiidhaan akka taʼe abjuudhaan isatti hime. Kun boqonnaa guddaa isaaf argamsiisee taʼuu qaba. Amma Yoseef akkuma Maariyaam jalqabaa kaastee gochaa jirtu, wanta Yihowaan isarraa barbaadu raawwachuu jalqabe. Maariyaamiin kan fuudhe taʼuusaarrayyuu, Ilma Waaqayyoo kunuunsuuf itti gaafatamummaa addaa fudhachuuf of qopheesse.—Mat. 1:20-24.

20, 21. Namoonni gaaʼela godhatanis taʼe gaaʼela godhachuuf yaadaa jiran Maariyaamiifi Yoseefirraa maal barachuu dandaʼu?

20 Namoonni gaaʼela godhatanis taʼe warri gaaʼela godhachuuf yaadaa jiran, hiriyoota gaaʼelaa dargaggoota taʼaniifi waggaa 2,000 dura turan kanarraa barumsa gaarii argatu. Yoseef haati manaasaa mucaashee yommuu kunuunsituufi itti gaafatamummaashee yommuu raawwattu arguunsaa, qajeelfama ergamaan Waaqayyoo isaa kennetti akka gammadu isa godhee taʼuu dandaʼa. Yoseef murtoo cimaa yommuu goonu Yihowaatti amanamuun keenya barbaachisaa taʼuusaa hubatee taʼuu qaba. (Far. 37:5; Fak. 18:13) Yoseef yommuu mataa maatii taʼuudhaan murtoo godhus, itti gaafatamummaasaa of eeggannoofi gaarummaadhaan akka raawwate hin shakkisiisu.

21 Karaa garabiraammoo Yoseef kan ishee shakke taʼus, Maariyaam isatti heerumuuf fedhii qabaachuusheerraa maal barachuu dandeenya? Jalqabarratti wanta isheen isatti himte amanuun isatti ulfaatee kan ture taʼus, mataa maatii waan taʼeef hamma inni murtoo godhutti isa eegdeetti. Kun dubartoota Kiristiyaanaa yeroo harʼaa jiraniif barumsa gaarii akka taʼu beekamaadha. Dhumarrattis, haalawwan kun Yoseefis taʼe Maariyaam amanamoo taʼuufi ifatti walitti dubbachuun barbaachisaa taʼuusaa waan hedduu isaan barsiisee taʼuu qaba.—Fakkeenya 15:22 dubbisi.

22. Gaaʼelli Yoseefiifi Maariyaam maalirratti kan hundaaʼe ture? Gara fuulduraattoo maaltu isaan eeggata?

22 Hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼan kun, gaaʼellisaanii buʼuura gaariirratti kan hundaaʼe akka ture hin shakkisiisu. Lamaanuu hunda caalaa Yihowaa kan jaallatan siʼa taʼu, akka warraattis isa gammachiisuuf hawwii guddaa qabu turan. Taʼus eebbii hedduuniifi rakkinni guddaan isaan eeggata ture. Yesus isa namoota hamma harʼaatti lafarra jiraatan hunda caalu guddisuun isaan eeggata.

^ key. 15 Haannaan isheen amanamtuunis mucaa godhachuudhaan eebba Yihowaa waan argatteef, Maariyaam yaada isheen dubbatte akka caqaste haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama.—Saanduqa, “Kadhannaawwan Dinqisiisaa Taʼan Lama” jedhuufi Boqonnaa 6⁠rra jiru ilaali.