Dhimma ijoo ta'etti seeni

FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | MAARIYAAM MAGDALAA

“Ani Gooftaa Argeera!”

“Ani Gooftaa Argeera!”

 Maariyaam Magdalaan imimmaan ishii dhangalaasaa gara samii ilaalaa jirti. Gooftaan ishii inni jaallatamaan muka irratti fannifameera. Yeroon isaa waqtii birraa gara saʼaatii jaʼaa yeroo taʼu, “hanga saʼaatii sagaliitti guutummaan lafaa ni dukkanaaʼe!” (Luqaas 23:44, 45) Maariyaam uffata ishii gateettii ishiitti marachuudhaan dubartoota naannoo ishii jiranitti dhihaatte. Dukkanni saʼaatii sadiif ture kun uumamuu kan dandaʼe gaaddidduun aduu inni daqiiqaa muraasaaf qofa turu waan tureef miti. Maariyaamii fi warri Yesuus cinaa dhaabbatan kaan sagalee bineensota halkanii yeroo baayʼee guyyaa guyyaatti sagaleen isaanii hin dhagaʼamnee dhagaʼuu jalqabanii taʼuu dandaʼa. Eegdonni tokko tokko “baayʼee sodaatanii, ‘Dhuguma iyyuu kun Ilma Waaqayyoo ture’ jedhan.” (Maatewos 27:54) Duuka buutonni Yesuusii fi warri kaan Yihowaan gara jabina Ilma isaa irratti raawwatameef gaddii fi aariin akka itti dhagaʼame ibsaa akka jiru yaadanii taʼuu dandaʼa.

 Yesuus yommuu dhiphatu arguun Maariyaam Magdalaadhaaf baayʼee ulfaataa kan ture taʼus, ishiin achi turuuf fedhii qabdi turte. (Yohaannis 19:25, 26) Yesuus dhiphina baayʼee cimaa taʼe keessa ture. Haati Yesuusis jajjabinnii fi gargaarsi ishii barbaachisa ture.

 Yesuus Maariyaamiif wanta baayʼee waan godheef, ishiinis wanta dandeessu hunda isaaf gochuu akka qabdu ishiitti dhagaʼamee ture. Ishiin dubartii baayʼee rakkattee fi tuffatamte kan turte taʼus, Yesuus wanta kana hunda jijjiireera. Inni jireenyi ishii ulfinaa fi kaayyoo akka qabaatu godheera. Ishiin dubartii amantii guddaa qabdu taʼuu dandeesseetti. Akkamitti? Fakkeenyi amantii ishii yeroo harʼaatti maal nu barsiisa?

“Warra Qabeenya Isaaniitiin Isaan Tajaajilan”

 Kitaaba Qulqulluu keessatti, seenaan Maariyaam Magdalaa kennaa ishiin kennite tokkoon jalqaba. Yesuus haala sodaachisaa keessa turte jalaa ishii baasuudhaan bilisummaa ishiidhaaf kenneera. Yeroo sanatti, dhiibbaan jinniiwwanii babalʼatee ture, hafuuronni hamoon kunis namoota hedduu irratti miidhaa geessisaa kan turan yommuu taʼu, namoota tokko tokko qabanii isaan toʼatu turan. Jinniiwwan kun Maariyaam Magdalaa irratti dhiibbaa akkamii geessisanii akka turan hin beeknu; jinniiwwan hamoo torbaan qabamtee akka turte qofa beekna. Yesuus Kiristoosiif galanni haa gaʼuutii jinniiwwan hundi ishii keessaa baʼaniiru!—Luqaas 8:2.

 Maariyaam dhuma irratti bilisummaa fi boqonnaa kan argatte taʼuu ishii irra iyyuu jireenya haaraa isa kanaan dura irraa adda taʼe jiraachuu jalqabde. Galateeffannaa ishii kan argisiiste akkamitti ree? Duuka buutuu amanamtuu Yesuus taateetti. Akkasumas gargaarsi akka barbaachisu yeroo hubattetti tarkaanfii fudhatteetti. Yesuusii fi ergamoonni isaa nyaata, uffataa fi galgala iddoon ciisichaa isaan barbaachisa ture. Isaan sooreyyii hin turre, akkasumas yeroo sanatti hojii dhuunfaa hin hojjetan turan. Hojii lallabuu fi barsiisuu irratti xiyyeeffachuu akka dandaʼaniif deeggarsi nama kan biraa isaan barbaachisa ture.

 Maariyaamii fi dubartoonni kan biroo hedduun wantoota isaan barbaachisan kana isaaniif guutuu irratti isaan gargaaraniiru. Dubartoonni kun “warra qabeenya isaaniitiin isaan tajaajilan turan.” (Luqaas 8:1, 3) Dubartoonni tokko tokko qabeenya kan qaban taʼuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun nyaata qopheessuudhaan, uffata miiccuudhaan ykn naannoo tokkoo gara naannoo kan biraa yommuu deemanitti iddoo bulan isaaniif qopheessuu fi dhiisuu isaanii hin dubbatu. Taʼus, tuuta lakkoofsi isaanii gara 20 taʼuu hin oollee fi bakka tokkoo gara bakka biraatti deeman kanaaf fedhiidhaan deeggarsa godhaniiru. Carraaqqiin dubartoonni kun godhan Yesuusii fi ergamoonnii isaa hojii lallabaatiif guutummaatti xiyyeeffannaa akka kennan isaan gargaaree akka ture hin shakkisiisu. Dhugaa dha, Maariyaam wanta Yesuus ishiidhaaf godhe matumaa deebisuu akka hin dandeenye beekti turte; taʼus wanta dandeessu gochuun ishii gammachuu guddaa ishiidhaaf argamsiiseera!

 Yeroo harʼaa namoonni hedduun namoota warra kaan gargaaruuf jedhanii hojii gadi aanaa akka taʼetti ilaalamu hojjetan ni tuffatu taʼa. Waaqayyo garuu akkas isatti hin dhagaʼamu. Yihowaan Maariyaam Yesuusii fi ergamoota isaa deeggaruuf wanta dandeessu hunda gochuudhaan yommuu of kennitu arguu isaatti hammam akka gammade mee yaadi! Yeroo harʼaas, Kiristiyaanonni amanamoo taʼan hedduun warra kaan gargaaruuf jedhanii hojii gadi aanaa akka taʼetti ilaalamu gammachuudhaan hojjetu. Yeroo tokko tokko gargaarsi qabatamaa taʼe ykn jechi gaarummaadhaan dubbatamu illee buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. Yihowaan gargaarsa akkasii ni dinqisiifata.—Fakkeenya 19:17; Ibroota 13:16.

“Muka Dhiphinaa Yesuus Irratti Fannifame Bira”

 Maariyaam Magdalaan dubartoota Yesuus wajjin gara Yerusaalem deemuudhaan ayyaana Faasikaa DH.K.B. bara 33⁠tti kabajame irratti argamuuf deeman keessaa tokko dha. (Maatewos 27:55, 56) Yesuus akka hidhamee fi halkaniin murtiitti akka dhihaate yommuu dhageessu baayʼee rifattee akka turte hin shakkisiisu. Kana malees, oduun kun caalaatti babalʼachaa deeme. Bulchaa warra Roomaa kan ture Phonxos Philaaxos dhiibbaa geggeessitoonni amantii Yihudii fi namoonni toʼannaa isaanii jala jiran isa irratti godhaniif moʼamee Yesuus muka irratti fannifamee duʼa suukanneessaa akka duʼu itti murteesse. Maariyaam Gooftaan ishii qaamni isaa dhiigee, akkasumas garmalee dadhabee, muka dheeraa irratti ajjeeffamu baatee daandii irra harkisuuf yommuu yaalu ilaaltee taʼuu dandaʼa.—Yohaannis 19:6, 12, 15-17.

 Yeroo Yesuus ajjeefametti gara guyyaa walakkaatti erga dukkanaaʼee booda, Maariyaam Magdalaanii fi dubartoonni kaan “muka dhiphinaa Yesuus irratti fannifame bira” dhaabbatanii turan. (Yohaannis 19:25) Maariyaam ishiin hamma dhumaatti achi turte, Yesuus haadha isaa akka kunuunsuuf Yohaannis ergamaa isa baayʼee jaallatutti imaanaadhaan yommuu kennu dhageesseetti, akkasumas argiteetti. Yesuus garmalee dhiphatee gara Abbaa isaatti yommuu booʼu dhageesseetti. Kana malees Yesuus duʼuu isaa dura jecha xumuraa injifannoo argisiisuu fi “Ni raawwatame” jedhu yommuu dubbatu dhageesseetti. Maariyaam baayʼee dhiphattee turte. Taʼus, Yesuus erga duʼee booda illee ishiin akka achi turte ifa dha. Yeroo boodas iddoo awwaalchaa isa haaraa bakka namichi sooressi biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamu qaama Yesuus kaaʼe bira turte.—Yohaannis 19:30; Maatewos 27:45, 46, 57-61.

 Fakkeenyi Maariyaam haalli rakkisaan yommuu obboloota keenya mudatutti maal gochuu akka dandeenyu nu yaadachiisa. Gaddi akka isaan irra hin geenye dhoowwuu ykn miidhaa isaan irraa gaʼe hambisuu hin dandeenyu taʼa. Gara laafinaa fi ija jabina argisiisuu garuu ni dandeenya. Namni tokko haala rakkisaa keessa yommuu taʼutti michuun isa gargaaru isa bira jiraachuun isaa baayʼee isa gargaaruu dandaʼa. Michuu keenya gargaarsi isa barbaachisu tokko amanamummaadhaan gargaaruun amantii cimaa akka qabnu kan argisiisu taʼuu isaa irra iyyuu jajjabina guddaa isaaf argamsiisuu dandaʼa.—Fakkeenya 17:17, NW.

Haati Yesuus, Maariyaam Magdalaan ishii bira jiraachuun ishii ishii jajjabeessee akka ture hin shakkisiisu

“Ani Akkan Isa Fudhadhuuf”

 Reeffi Yesuus awwaalicha keessa erga kaaʼamee booda, Maariyaam dubartoota reeffa Yesuus dibuuf urgooftuu dabalataa fidan keessaa tokko turte. (Maarqos 16:1, 2; Luqaas 23:54-56) Achiis Sanbanni erga darbee booda ganama bariidhaan kaate. Daandii sirriitti hin mulʼanne irra dubartoota kaan wajjin gara awwaalcha Yesuus yommuu deemtu mee yaadaan ilaali. Karaa irra utuu jiranii afaan awwaalichaa irraa dhagaa ulfaataa sana akkamitti akka garagalchan yaaddaʼanii taʼuu dandaʼa. (Maatewos 28:1; Maarqos 16:1-3) Taʼus, isaan duubatti hin deebine. Amantiin isaanii wanta dandaʼan gochuu fi kan hafe Yihowaadhaaf dhiisuuf isaan kakaaseera.

 Maariyaam dubartoota kaan dursitee iddoo awwaalichaa geessee taʼuu dandaʼa. Achiis rifattee dhaabbatte. Dhagichi kaafameera, awwaalichis duwwaa ture! Dubartiin wanta tokko gochuuf duubatti hin jenne tun, wanta argite Pheexirosii fi Yohaannisitti himuuf fiigdee deebite. Maariyaam harganaa, “Gooftaa awwaalcha keessaa fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeknu” jechuudhaan yommuu dubbatu yaadaan ilaali! Pheexirosii fi Yohaannis dafanii gara iddoo awwaalichaa dhaqanii duwwaa taʼuu isaa erga mirkaneessanii booda gara mana isaaniitti deebiʼan. aYohaannis 20:1-10.

 Maariyaam gara iddoo awwaalichaatti yommuu deebitu kophaa ishii achi turte. Iddoon awwaalichaa duwwaa taʼuu isaa arguun ishii fi ganama barii sanatti sagaleen tokko illee kan hin dhagaʼamne taʼuun isaa gaddaan akka liqimsamtu waan ishii taasiseef booʼuu dhiisuu hin dandeenye. Gadi jettee awwaalicha keessa kan ilaalte taʼus, Gooftaan akka hin jirre amanuu hin dandeenye, achiis wanta baayʼee nama rifachiisu tokko argite. Maleekonni uffata aʼadii uffatan lama achi taaʼanii jiru! Isaanis, “Dubartii nana, maaliif boossa?” jedhanii ishii gaafatan. Ishiinis haalli isaa bitaa waan itti taʼeef, wanta ergamootatti himte irra deebitee: “Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeku” isaaniin jette.—Yohaannis 20:11-13.

 Yommuu duubatti garagaltu namichi tokko ishii bira dhaabbatee ture. Ishiin isa waan hin hubanneef, inni nama ashaakiltii kunuunsuu fi bakka sana eegu itti fakkaate. Namichi kunis gaarummaadhaan: “Dubartii nana maaliif boossa? Eenyuun barbaadda?” jedhee ishii gaafate. Maariyaamis, “Yaa gooftaa, situ fudhate yoo taʼe, ani akkan isa fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi” jechuudhaan isaaf deebiste. (Yohaannis 20:14, 15) Wanta ishiin dubbatte mee yaadi. Dubartiin kophaa turte tun dhugumaan qaama Yesuus Kiristoos isa cimaa fi jabaa ol kaasuu fi fudhachuu ni dandeessi turtee? Maariyaam yeroo fudhattee wantoota kana irratti hin yaadne. Wanti ishiin beektu wanta dandeessu hunda gochuu akka qabdu qofa dha.

“Ani Akkan Isa Fudhadhuuf”

 Yommuu gaddii fi gufuuwwan nuti dandamachuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamu nu mudatutti, fakkeenya Maariyaam Magdalaa hordofuu ni dandeenyaa? Dadhabinaa fi humni keenya daangeffamuu isaa irratti qofa kan xiyyeeffannu yoo taʼe, sodaa fi miira shakkiidhaan moʼamuu dandeenya. Haa taʼu malee, wanta dandeenyu hunda gochuuf yoo murteessinee fi kan hafe immoo Waaqayyoof kan dhiisnu yoo taʼe hamma tilmaamuu dandeenyu caalaa raawwachuu dandeenya taʼa. (2 Qorontos 12:10; Filiphisiyus 4:13) Hunda caalaa immoo, Yihowaa gammachiisuu dandeenya. Maariyaam isa gammachiisuu dandeesseetti, innis karaa hin eegamneen ishii eebbiseera.

“Ani Gooftaa Argeera!”

 Namichi Maariyaam bira dhaabbatee jiru sun nama ashaakiltii kunuunsu hin turre. Inni yeroo taʼe tokkotti anaaxii, achiis barsiisaa, achii immoo Gooftaa Maariyaam isa jaallatamaa ture. Haa taʼu malee, ishiin isa hin hubanne, kanaafuu isa irraa garagaltee deemuu jalqabde. Maariyaam Yesuus qaama hafuuraa taʼee gara jireenyaatti deebiʼa jettee hin tilmaamne. Yesuus nama taʼee Maariyaamitti kan mulʼate taʼus, qaamni kun isa aarsaa godhee dhiiheesse sana irraa adda dha. Guyyoota gammachiisoo erga duʼaa kaʼee booda jiranitti, yeroo baayʼee namoonni sirriitti isa beekan illee isa hubachuu hin dandeenye ture.—Luqaas 24:13-16; Yohaannis 21:4.

 Yesuus Maariyaam akka isa beektu kan godhe akkamitti? Akkaataa itti “Maariyaam!” jechuudhaan ishii waameen ture. Ishiinis duubatti garagaltee “Raaboonii!” jetteen. Maariyaam jecha baramaa Afaan Ibrootaa kanaan siʼa hedduu isa waamaa akka turte hin shakkisiisu. Inni Barsiisaa ishii isa jaallatamaa ture! Gammachuu guddaatu ishiitti dhagaʼame. Achiis cimsitee isa qabatte, ishii dhiisee akka deemus hin barbaanne.—Yohaannis 20:16.

 Yesuus wanta ishiin yaadde beekee ture. Achiis “Jabeessitee na hin qabin” ishiidhaan jedhe. Suuta jedhee ofii irraa adda ishii baasuuf yommuu yaalu gaarummaadhaan, tarii immoo miira hoʼaadhaan seeqaa ‘Ani amma iyyuu gara Abbaatti ol hin baane’ yommuu jedhuun yaadaan ilaaluu dandeenya. Yeroon inni gara samii deemu hin geenye ture. Amma illee lafa irratti wanta hojjetu qaba, Maariyaamis akka isa gargaartu barbaadeera. Maariyaam wanta Yesuus ishiidhaan jedhu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa turte. “Dhaqiitii obboloota kootiin, ‘Ani gara Abbaa koo fi gara Abbaa keessanitti, gara Waaqa koo fi gara Waaqa keessanitti ol nan baʼa’ jedhii isaanitti himi” jedheen.—Yohaannis 20:17.

 Gooftaan ishii hojii guddaa ishiidhaaf kenne! Maariyaam barattoota jalqabaa Yesuus isa duʼaa kaʼe argan keessaa tokko taʼuuf mirga kan argatte yeroo taʼu, amma immoo misiraachoo kana warra kaanitti himuuf mirga argateetti. Gammachuu fi hawwii barattoota barbaaddee isaanitti himuuf qabdu mee yaadi. Maariyaam harganaa jechoota sammuu ishii keessa turanii fi “Ani Gooftaa Argeera!” jedhan yommuu dubbattu yaadaan ilaali. Wanta Yesuus jedhe hunda kan isaanitti himte yommuu taʼu baayʼee gammaddee waan turteef ariitiidhaan dubbatti turte. (Yohaannis 20:18) Wanti ishiin dubbatte wanta barattoonni dubartoota kan biroo iddoo awwaalcha Yesuus isa duwwaa ture deemanii turan irraa dhagaʼan wajjin odeeffannoo dabalataa isaaniif taʼeera.—Luqaas 24:1-3, 10.

“Ani Gooftaa Argeera!”

“Isaan Dubartoota Sana hin Amanne”

 Dhiironni sun deebii akkamii kennan? Jalqaba irratti deebii gaarii hin kennine. Kitaabni Qulqulluun, “Wanti kun oduu faayidaa hin qabne waan isaanitti fakkaateef isaan dubartoota sana hin amanne” jedha. (Luqaas 24:11) Dhiironni garaa qajeelaa qaban kun hawaasa dubartoota hin amanne keessatti guddatan; akka seera amantii barsiisonni seeraa baasanitti immoo dubartoonni mana murtiitti dhihaatanii ragaa dhiheessuu hin dandaʼan. Tarii ergamoonni hamma yaadan caalaa aadaan isaanii dhiibbaa isaan irratti godhee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yesuusii fi Abbaan isaa jibba halaalaa akkasii hin qaban. Dhuguma iyyuu, dubartii amanamtuu tanaaf mirga guddaa kennaniiru!

 Maariyaam deebiin namoonni sun kennan akka ishii aarsu hin heyyamne. Gooftaan ishii akka ishii amanu beekti turte, kun immoo gaʼaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, duuka buutonni Yesuus hundi ergaa tokko akka himan itti gaafatamummaan isaaniif kennameera. Kitaabni Qulqulluun ergaa kana “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” jedhee waama. (Luqaas 8:1) Yesuus namoonni hundi akka isaan amanan ykn hojii isaanii akka dinqisiifatan duuka buutota isaatiif waadaa hin galle. Kanaa mannaa haala kana irraa faallaa taʼetu isaan mudata. (Yohaannis 15:20, 21) Kanaafuu, Kiristiyaanonni Maariyaam Magdalaa yaadachuun isaanii gaarii dha. Obboloonni hafuuraa ishii tokko tokko kan ishii hin amanne taʼu illee, kun gammachuu misiraachoo waaʼee duʼaa kaʼuu Yesuus dubbachuudhaan argatte akka ishii jalaa hirʼisu hin heyyamne.

 Yeroo booda, Yesuus ergamootatti, achiis duuka buutota isaa baayʼeetti mulʼate. Yeroo taʼe tokkotti namoota 500 caalanitti al tokkotti mulʼateera! (1 Qorontos 15:3-8) Maariyaam wanta argiteenis taʼee gabaasa dhageesseen amantiin ishii guddatee akka ture hin shakkisiisu. Tarii Maariyaam Magdalaan guyyaa Phenxeqosteetti yommuu hafuurri qulqulluun duuka buutota Yesuus warra Yerusaalem keessatti walitti qabamanii turan irratti dhangalaʼu, dubartoota achitti akka argaman ibsaman keessaa tokko taʼuu dandeessi.—Hojii Ergamootaa 1:14, 15; 2:1-4.

 Kanas taʼe sana, Maariyaam hamma dhumaatti amantii ishii eegdee akka jiraatte amanuuf sababii gaʼaa qabna. Hundi keenya akkuma ishii gochuuf haa murteessinu! Wanta Yesuus nuuf godhe hundaaf kan galateeffannuu fi gargaarsa Waaqayyootti amanamuudhaan gad of qabnee warra kaan kan tajaajillu yoo taʼe fakkeenya amantii Maariyaam Magdalaa hordofuu dandeenya.

a Maariyaam iddoo kanaa kan deemte maleekaan tokko Kiristoos duʼaa akka kaʼe dubartoota ishii wajjin turanitti himuu isaa dura akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Taʼuu baannaan garuu, Maariyaam maleekaa reeffi Yesuus maaliif akka bade dubbate sana arguu ishii Pheexirosii fi Yohaannisitti himtee taʼuu qaba.—Maatewos 28:2-4; Maarqos 16:1-8.