Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SADDEET

Haala Rakkisaa Taʼe Keessa Jabaatee Dhaabateera

Haala Rakkisaa Taʼe Keessa Jabaatee Dhaabateera

1. Magaalaan Shiiloo booʼichaafi gaddaan kan guutamte maaliifi?

SAAMUʼEL Shiiloon gadda guddaa keessa akka jirtu hubateera. Namoonni magaalattii keessa jiran hedduun gaddarra jiru. Dubartoonniifi ijoollee hedduun abbaansaanii, abbaan manaasaanii, ilmaaniifi obboloonnisaanii akka baʼanitti hafuusaaniitti iyyanii booʼaa akka turan hin shakkisiisu. Israaʼeloonni waraana Filisxeemotaa wajjin godhame tokkorratti loltoota 4,000 dhabanii utuu baayʼee hin turin, ammammoo loltoota 30,000 dhabaniiru.—1 Sam. 4:1, 2, 10.

2, 3. Haalli gaddisiisaan Shiiloon ulfina akka dhabdu godhe maal ture?

2 Kun gadda hedduu walitti aansee isaanirra gaʼe keessaa isa tokko qofadha. Ilmaan Elii lamaan Hofniifi Fiinehaas warri hamoon, saanduqa kakuu Shiiloodhaa fudhatanii duulanii turan. Saanduqni kakuu kun yeroo hunda kutaa godoo qulqullaaʼaa iddoo hunda caalaa qulqulluu taʼe keessa kan taaʼu siʼa taʼu, Waaqayyo isaanii wajjin jiraachuusaa kan argisiisu ture. Taʼus, yeroo sana Israaʼeloonni Saanduqni Kakuu kun dinqiidhaan akka isaan eeguufi injifannoo akka isaaniif argamsiisu gowwummaadhaan yaadanii fuudhanii waraana deeman. Haataʼu malee, Filisxeemonni Saanduqa Kakuu kana ni boojiʼan; Hofniifi Fiinehaasiinis ni ajjeesan.—1 Sam. 4:3-11.

3 Saanduqni Kakuu jaarraa hedduudhaaf achi waan tureef godoon qulqullaaʼaa Shiiloo ulfina addaa qaba ture. Amma garuu boojiʼameera. Eliin inni umriinsaa waggaa 98 taʼe oduu kana yommuu dhagaʼu barcumasaarraa gara duubaatti kufe duʼe. Haati manaa ilmasaas guyyuma abbaan manaashee duʼe sanatti daʼumsarratti duute. Haataʼu malee duʼuushee dura, “Ulfinni Israaʼel irraa sokkeera” jette. Dhugumayyuu Shiiloon ulfinashee dhabdeetti.—1 Sam. 4:12-22.

4. Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii qorra?

4 Haataʼu malee Saamuʼel gadda guddaa kana kan moʼe akkamitti? Amantiinsaahoo namoota eegumsaafi surraa Yihowaa dhaban kana jajjabeessuuf isa gargaareeraa? Harʼas yeroo tokko tokko rakkinniifi haalli gaddisiisaan amantii keenya qoru hunda keenyarra waan gaʼuuf, Saamuʼelirraa barumsa dabalataa akkamii argachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

‘Waan Qajeelaa Hojiirra Oolcheera’

5, 6. Seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee waggoottan 20mman kanaa maal ibsa? Saamuʼel waggoottan kanattihoo maal hojjechaa ture?

5 Seenaan Macaafa Qulqulluu ittaansuudhaan waaʼee Saamuʼel utuu hin taʼin, Filisxeemonni Saanduqa Kakuu fudhachuusaaniitti rakkinni akka isaanirra gaʼeefi deebisuuf akka dirqaman ibsa. Macaafni Qulqulluun kana booda waaʼee Saamuʼel kan dubbatu gara waggaa 20 boodadha. (1 Sam. 7:2) Saamuʼel waggoottan kana hundatti maal hojjechaa ture? Deebii kanaa tilmaamuu nu hin barbaachisu.

Saamuʼel sabnisaa gaddaafi abdii kutannaa isaanirra gaʼe akka moʼan kan isaan gargaare akkamitti?

6 Waggoottan 20mman kana dura, “dubbiin Saamuʼel dubbatu Israaʼeloota hundumaa biratti in fudhatame” yaada jedhu dubbisna. (1 Sam. 4:1) Waggoottan 20mman kana boodammoo, Saamuʼel waggaa waggaadhaan magaalota sadii keessa naannaʼee walitti buʼiinsa hiikaafi gaaffii qabaniif deebii kennaa akka ture ibsameera. Achiis gara biyyasaa Raamaatti deebiʼa ture. (1 Sam. 7:15-17) Kanaaf Saamuʼel waggoottan 20mman sana hundatti hojii hedduu hojjechaa akka ture kanarraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.

Macaafni Qulqulluun wanta Saamuʼel gara waggaa 20tiif hojjechaa ture ibsuu baatus, tajaajila Yihowaatiin qabamee akka ture mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya

7, 8. (a) Saamuʼel waggaa 20 jabaatee erga hojjetee booda sabichaan maal jedhe? (b) Namoonni sun gorsa Saamuʼel isaanii kenneef deebii akkamii kennan?

7 Addaggummaaniifi hammeenyi ilmaan Elii raawwatan amantii sabichaa mancaasee ture. Kanaaf namoonni baayʼeen waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuutti garagalanii taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee Saamuʼel waggaa 20f jabaatee erga hojjetee booda sabichaan akkas jedhe: “Isin waaqayyolii ormaa, Ashtaarotii fi warra kaan of gidduudhaa calaaftanii, garaa keessan guutuudhaan gara Waaqayyootti yoo deebitan, garaa keessan guutummaatti isaaf yoo kennitan, isa duwwaas yoo waaqeffattan, inni harka warra Filisxeemotaa isin in oolcha.”—1 Sam. 7:3.

8 ‘Harki warra Filisxeemotaa’ sabichatti ulfaatee ture. Filisxeemonni loltoota Israaʼel guutummaatti waan moʼaniif, saba Waaqayyoo yoo cunqursan homaa taʼuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼamee ture. Haataʼu malee, Saamuʼel sabichi gara Yihowaatti yoo deebiʼe haalli kun akka jijjiiramu isaaniif mirkaneesse. Maarree sabni sun tole jedheeraa? Waaqayyolii tolfamoosaanii dhiisanii, ‘Waaqayyoon duwwaa waaqeffachuu’ waan jalqabaniif Saamuʼel gammadeera. Saamuʼel namoonni sun magaalaa kaaba Yerusaalemitti argamtuufi Miisphaa jedhamtutti akka walitti qabaman ajaje. Namoonni kunis kan walitti qabamaniifi kan sooman siʼa taʼu, cubbuu hedduu waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuudhaan raawwataniif yaada garaa geddarataniiru.—1 Saamuʼel 7:4-6 dubbisi.

Yommuu sabni Yihowaa yaada garaa geddaratan walgaʼii godhan, Filisxeemonni isaan weeraruuf carraa gaarii akka argatan itti dhagaʼamee ture

9. Filisxeemonni carraa kamitti fayyadamuu barbaadanii turan? Israaʼeloonnoo balaan isaanirra gaʼuuf akka jedhu yommuu hubatan maal godhan?

9 Taʼus, Filisxeemonni walgaʼiin guddaan godhamuuf akka jedhu hubachuudhaan carraa kanatti fayyadamuu barbaadan. Kanaaf namoota Yihowaa waaqeffatan kana barbadeessuuf loltootasaanii gara Miisphaatti ergan. Israaʼeloonnis balaadhaaf saaxilamuuf akka jedhan dhagaʼan. Yeroo kanatti baayʼee waan sodaataniif Saamuʼel akka isaaniif kadhatu gaafatan. Innis isaaniif kadhachuu qofa utuu hin taʼin, aarsaas dhiheesseera. Yeroo walgaʼii guddaan kun godhamutti loltoonni Filisxeem gara Miisphaa dhufan. Yihowaan yeroo kanatti kadhannaa Saamuʼeliif deebii kennuudhaan, sagaleen nama naasisu akka isaanitti dhagaʼamu godhe. ‘Gaafasuma sagalee guddaan Filisxeemotatti akka qaqawweessaʼu godhe.’—1 Sam. 7:7-10.

10, 11. (a) Sagaleen qaqawwee Yihowaan loltoota Filisxeemitti dhageessise adda taʼuu qaba kan jennu maaliifi? (b) Lolli Miisphaatti jalqabame jijjiirama akkamii fide?

10 Filisxeemonni sun ijoollee xixinnoo yommuu sagalee qaqawwee dhagaʼan haadhasaanii duuba dhokatanii wajjin wal fakkaatu turan jennee yaaduu qabnaa? Lakki, kanaa manaa loltoota ciccimoo muuxannoo guddaa qaban turan. Kanaaf qaqawween kun qaqawwee kanaan dura beekanirraa adda kan ture taʼuu qaba. Qaqawween kun kan isaan naasise “sagalee guddaa” waan qabuuf turee? Samii qulqulluurraa ykn gaarreen gidduudhaa waan dhagaʼameef turee laataa? Kanas taʼe sana sagaleen sun Filisxeemota garmalee romʼisiisee ture. Kanaaf utuma baayʼee hin turin waan burjaajaʼaniif loluu dhiisanii baqachuu jalqaban. Achiis Israaʼeloonni Miisphaadhaa baʼanii isaan haleelan, hanga bakka kibba dhihaa Yerusaalemitti argamutti isaan duukaa buʼanii kiilomeetira hedduu isaan ariʼan.—1 Sam. 7:11.

11 Waraanni kun saba Yihowaatiif jijjiirama guddaa fideera. Sana booda yeroo Saamuʼel abbaa firdii taʼee tajaajilaa turetti Filisxeemonni baqachuusaanii itti fufaniiru. Magaalonni hedduunis deebiʼanii toʼannaa saba Waaqayyoo jala galan.—1 Sam. 7:13, 14.

12. Saamuʼel ‘waan qajeelaa hojiirra oolcheera’ yommuu jedhamu maal jechuudha? Buʼa qabeessa akka taʼu kan isa gargaarehoo amalawwan akkamii qabaachuusaa ture?

12 Phaawulos jaarraawwan hedduu booda, Saamuʼel abboota firdiifi raajota amanamoo “waan qajeelaa hojii irra oolchan” keessaa tokko akka ture barreesseera. (Ibr. 11:32, 33) Saamuʼel Yihowaa duratti wanta gaariifi sirrii taʼe raawwateera; warri kaanis akkasuma akka godhan jajjabeesseera. Haalli rakkisaan isa mudatus, obsaan Yihowaa waan eeggateefi amanamummaadhaan waan isa tajaajileef buʼa qabeessa taʼuu dandaʼeera. Kana malees, dinqisiifannaa akka qabu argisiiseera. Saamuʼel injifannoo Miisphaatti argame booda, akkaataa Yihowaan sabasaa itti gargaare yaadachuuf siidaa tokko dhaabeera.—1 Sam. 7:12.

13. (a) Fakkeenya Saamuʼel hordofuu yoo barbaanne amalawwan akkamii horachuu qabna? (b) Amalawwan akka Saamuʼel horachuu kan qabnu yoom utuu taʼee gaariidha jettee yaadda?

13 Atoo ‘waan qajeelaa hojiirra oolchuu’ ni barbaaddaa? Taanaan, amala Saamuʼel obsa qabaachuu, gad of deebisuufi dinqisiifannaa qabaachuudhaan argisiiserraa barachuu dandeessa. (1 Phexros 5:6 dubbisi.) Nu keessaa amala akkasii qabaachuun kan isa hin barbaachisne jiraa? Saamuʼel yeroo booda wantoonni baayʼee abdii nama kutachiisan waan isa mudataniif, ijoollummaasaatti amalawwan kana horachuufi argisiisuunsaa isa gargaareera.

‘Ilmaankee Hojiikee Isa Qajeelaa Duukaa Hin Buune’

14, 15. (a) Saamuʼel erga ‘dulloomee’ booda wanta abdii isa kutachiisu akkamiitu isa mudate? (b) Saamuʼel akka Elii abbaa gadhee turee? Ibsi.

14 Kana booda Saamuʼel kan caqasame yeroo ‘dulloomettidha.’ Saamuʼel yeroo kanatti ilmaan gaʼeessota Yoʼeliifi Abiiyaa jedhaman lama kan qabu siʼa taʼu, firdii kennuurrattis akka isa gargaaran itti gaafatamummaa isaanii kennee ture. Kan nama gaddisiisu garuu, ijoolleensaa itti gaafatamummaasaanii utuu hin raawwatin hafan. Saamuʼel nama amanamaafi qajeelaa taʼus, ilmaansaa firdii jalʼisuufi mattaʼaa fudhachuudhaan aangoosaanii faayidaa dhuunfaatiif itti fayyadamaniiru.—1 Sam. 8:1-3.

15 Gaaf tokko maanguddoonni Israaʼel komiisaanii dhiheessuuf gara raajii maanguddoo taʼe kanaa dhufanii, ‘Ilmaankee hojiikee isa qajeelaa duukaa hin buune’ jedhaniin. (1 Sam. 8:4, 5) Saamuʼel rakkinni kun jiraachuusaa beeka turee? Seenaansaa waaʼee kanaa hin ibsu. Taʼus, Saamuʼel Eliirraa haala adda taʼeen abbaa gadhee akka hin turre beekamaadha. Yihowaan, Eliin jalʼina isaan raawwataniif ilmaansaa sirreessuu waan dhiiseefi ‘Waaqayyo caalaa waan isaan kabajeef’ isatti dheekkameera; akkasumas isa adabeera. (1 Sam. 2:27-29) Haataʼu malee, Yihowaan Saamuʼelirratti matumaa dogoggora akkasii hin argine.

Saamuʼel gadda ilmaansaa gocha gadhee raawwachuusaaniitiin isatti dhagaʼame kan moʼe akkamitti?

16. Warri ijoollee didaa taʼan qaban maaltu isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa? Fakkeenya Saamuʼelirraa jajjabinaafi qajeelfama argachuu kan dandaʼanoo akkamitti?

16 Saamuʼel gocha gadhee ilmaansaa raawwatan erga dhagaʼee booda, qaanaʼee, dhiphatee ykn abdii kutatee akka ture wanti ibsame hin jiru. Haataʼu malee, warri hedduun wanta Saamuʼelitti dhagaʼamee ture salphaatti hubachuu dandaʼu. Yeroo harʼaa rakkisaa taʼe kanatti aangoo warraa mormuufi adaba tuffachuun babalʼachaa jira. (2 Ximotewos 3:1-5 dubbisi.) Warri rakkina akkasii keessa jiran fakkeenya Saamuʼelirraa jajjabinaafi qajeelfama argachuu dandaʼu. Ilmaansaa gantoota taʼuu yoo filataniyyuu, Saamuʼel amanamaa taʼee jiraateera. Barsiisuufi adaba kennuun nama garaa hamaa qabu tokkorratti yoo jijjiirama fiduu baatellee, warri fakkeenya taʼuunsaanii garaa mucaasaanii tuquu akka dandaʼu yaadachuu qabu. Kana malees, warri akkuma Saamuʼel yeroo hunda Abbaasaanii isa samii kan taʼe Yihowaa gammachiisuuf carraa qabu.

“Mootii Nuuf Moosisi!”

17. Maanguddoonni Israaʼel Saamuʼel maal akka isaaniif godhu gaafatan? Saamuʼeloo maaltu isatti dhagaʼame?

17 Ilmaan Saamuʼel sassanniifi ofittummaansaanii miidhaa hangamii akka geessisu hin yaanne. Maanguddoonni Israaʼel gara Saamuʼel dhufanii, “Sabni kan biraa hundinuu akkuma qaban amma nuufis firdii kan kennu mootii nuuf moosisi!” jedhaniin. Gaaffiin kun Saamuʼeliin tuffachuusaanii kan argisiisu turee? Saamuʼel waggoota hedduudhaaf Yihowaa bakka buʼuudhaan sabichaaf firdii kennaa ture. Amma garuu raajii akka Saamuʼel utuu hin taʼin, mootii firdii isaanii kennu argachuu barbaadan. Isaanis akkuma saboota naannoosaanii jiranii mootii argachuu barbaadan. Yeroo kanatti Saamuʼelitti maaltu dhagaʼame? Seenaansaa, Saamuʼel “‘Amma nuufis firdii kan kennu mootii nuuf moosisi!’ jechuu isaanii kanatti hin gammanne” jedha.—1 Sam. 8:5, 6.

18. Yihowaan Saamuʼeliin kan jajjabeesseefi Israaʼeloonni cubbuu cimaa raawwachuusaanii kan dubbate akkamitti?

18 Saamuʼel dhimma kana ilaalchisee yommuu kadhannaa dhiheessu Yihowaan, “Jarri kun ana isa isaan irratti moʼe tuffachuu isaanii ti malee, si tuffachuu isaanii miti; ammas waan isaan sitti himatan hundumaa dhagaʼiif” jedhe. Kun Saamuʼeliin guddaa kan jajjabeessu taʼus, namoonni sun Waaqa Hundumaa Dandaʼu arrabsuusaanii kan argisiisu ture. Yihowaan Israaʼeloonni nama mootii isaanirratti taʼu gaafachuunsaanii miidhaa guddaa akka isaanirraan gaʼu, raajiinsaa kun akka isaan akeekkachiisu isatti hime. Saamuʼel akkuma jedhame akeekkachiisa kana yommuu isaanitti himu, “Hin taʼu! Mootiin akka nuuf moosifamu in barbaanna!” jedhan. Saamuʼel garuu yeroo hunda Waaqasaatiif waan ajajamuuf, mootii Yihowaan filate isaaniif dibuu deeme.—1 Sam. 8:7-19.

19, 20. (a) Saamuʼel, Saaʼoliin dibee mootii Israaʼel akka godhu ajaja Yihowaan isaaf kenne kan raawwate akkamitti? (b) Saamuʼel saba Yihowaa gargaaruusaa kan itti fufe akkamitti?

19 Haataʼu malee Saamuʼel kan ajajame akkamitti? Guungumaa, akkasumas garaa duuba turee? Yookiin abdii kutateefi haaloo qabatee turee? Namoonni baayʼeen haala akkasii keessaatti akkas kan godhan taʼus, Saamuʼel garuu akkas hin goone. Saamuʼel, Saaʼoliin kan dibe siʼa taʼu, Yihowaan akka isa filates amanee fudhateera. Saaʼoliin dhungachuudhaan mootii haaraa kanatti akka gammadeefi isaaf akka bitamu argisiiseera. Saba sanaanis, “Nama Waaqayyo foʼe kana argituu? Saba kana hundumaa keessa kan akka isaatii hin jiru” jedheera.—1 Sam. 10:1, 24.

20 Saamuʼel dadhabina Saaʼol qaburratti utuu hin taʼin, wanta gaarii namni Yihowaan filate kun qaburratti xiyyeeffateera. Kana malees, Saamuʼel ilaalcha namoonni yeroo yeroodhaan jijjiiraman isaaf qabanirratti utuu hin taʼin, wanta Waaqayyoof amanamaa taʼuudhaan raawwaterratti xiyyeeffateera. (1 Sam. 12:1-4) Akkasumas, sabni Waaqayyoo wantoonni akkamii karaa hafuuraa balaadhaaf isaan saaxiluu akka dandaʼan isaan gorsuufi Yihowaadhaaf amanamoo akka taʼan jajjabeessuudhaan itti gaafatamummaasaa akka gaariitti raawwateera. Gorsisaa garaasaanii waan tuqeef namoonni sun Saamuʼel akka isaaniif kadhatu cimsanii gaafatan. Innis, “Ani karaa isa gaarii fi isa qajeelaa isin nan barsiisa; isiniif kadhachuu dhiisuudhaan Waaqayyo duratti cubbuu hojjechuun immoo ana irraa haa fagaatu” jechuudhaan deebii nama gammachiisu isaanii kenneera.—1 Sam. 12:21-24.

Fakkeenyi Saamuʼel, hinaaffaan ykn hamminni matumaa garaa keenya keessatti akka hin guddanne akeekkachiisa cimaa nuu kenna

21. Namni tokko itti gaafatamummaa ykn mirga argachuusaatti hinaaftee beekta yoo taʼe, fakkeenyi Saamuʼel akkamitti si gargaaruu dandaʼa?

21 Yeroo namni tokko itti gaafatamummaa ykn mirga tokkoof filatamu hinaaftee beektaa? Taanaan fakkeenyi Saamuʼel hinaaffaan ykn hamminni matumaa garaa keenya keessatti akka hin guddanne akeekkachiisa cimaa nuu kenna. (Fakkeenya 14:30 dubbisi.) Waaqayyo tajaajiltootasaa amanamoo taʼan hundaaf hojii nama kiisuufi nama gammachiisu hedduu qopheesseera.

‘Ati Hamma Yoomiitti Saaʼoliif Boossa?’

22. Saamuʼel jalqaba wanta gaarii Saaʼol qaburratti xiyyeeffachuunsaa sirrii kan ture maaliifi?

22 Saaʼol nama amala gaarii qabu waan tureef, Saamuʼel wanta gaarii Saaʼol qaburratti xiyyeeffachuunsaa sirrii ture. Saaʼol, dheeraa, miidhagaa ija jabeessaafi dandeettii guddaa kan qabu, akkasumas jalqabarratti nama gad of deebisu ture. (1 Sam. 10:22, 23, 27) Kennaawwan kana malees, mirga guddaa tokko jechuunis, jireenya akkamii jiraachuufi murtoo akkamii gochuu akka qabu ilaalchisee wanta barbaade filachuuf mirga qaba ture. (Kes. 30:19) Maarree mirgasaa kana sirriitti itti fayyadameeraa?

23. Saaʼol jalqabarratti amala gaarii akkamii dhabe? Garmalee akka of tuulu kan argisiisehoo akkamitti?

23 Kan nama gaddisiisu garuu, namni tokko yommuu aangoo argatu, yeroo baayʼee wanti inni jalqabarratti dhabu amala gad of deebisuudha. Saaʼol utuma baayʼee hin turin nama of tuulu taʼe. Ajaja Yihowaan karaa Saamuʼel isaaf kenne tuffachuu jalqabe. Gaaf tokko, Saaʼol obsa dhabuudhaan aarsaa Saamuʼel dhiheessuu qabu ofumasaatii dhiheesse. Kanaaf Saamuʼel gorsa cimaa kan isaaf kenne siʼa taʼu, maatii Saaʼolirraas mootummaan akka fudhatamu raajii dubbate. Saaʼol gorsa kana fudhatee sirreeffama gochuu mannaa, wantoota caalaatti gadhee taʼan raawwachuusaa itti fufe.—1 Sam. 13:8, 9, 13, 14.

24. (a) Saaʼol waraana Amaaleqootaa wajjin godherratti Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin kan hafe akkamitti? (b) Saaʼol sirreeffama isaaf kennameef deebii akkamii kenne? Murtoon Yihowaahoo maal ture?

24 Yihowaan Saaʼol Amaaleqoota akka waraanu karaa Saamuʼel itti hime. Ajajni Yihowaan kenne Agaag mootiisaanii isa hamaa sana ajjeesuu kan dabalatu ture. Haataʼu malee Saaʼol, Agaagiin dabaltee horiiwwan gaggaarii boojiʼamaniifi balleeffamuu qaban oolche. Yommuu Saamuʼel balleessaasaa isatti himuu dhufu, Saaʼol hangam akka jijjiirame argisiiseera. Sirreeffama isaaf kenname gad of deebisuudhaan fudhachuu mannaa, sababa dhiheessuuf, wanta sirrii akka raawwate fakkeessuuf, balleessaansaa xinnoo akka taʼe amansiisuufi balleessaasaa sabichatti qabachuuf yaale. Saaʼol gorsa fudhachuu diduuf jecha boojuu sana keessaa tokko tokko aarsaa gochuu akka yaade yommuu sababa dhiheessu Saamuʼel, “Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala” jedhee jecha hiika guddaa qabu dubbate. Saamuʼel nama kana ija jabinaan ifateera; murtoo Yihowaan mootummaa Saaʼolirraa fuudhee nama isarra wayyuuf kennuuf godhes isatti himeera. *1 Sam. 15:1-33.

25, 26. (a) Saamuʼel Saaʼoliif kan gadde maaliif ture? Yihowaan raajiisaa kana gaarummaadhaan kan sirreessehoo akkamitti? (b) Saamuʼel gara mana Isey yommuu dhaqu maal barateera?

25 Saamuʼel Saaʼol dogoggora raawwachuusaatti baayʼee aaree ture. Dhimmi kun waan isa yaaddesseef halkan guutuu Yihowaa kadhachaa bule. Kana malees, Saaʼoliif booʼeera. Saamuʼel Saaʼol dandeettii guddaafi waan gaarii hedduu akka qabu hubatee kan ture taʼus, amma garuu abdiinsaa kun hundi jalaa bushaaʼeera. Namni inni kanaan dura beeku, amalawwan gaarii qabu sana dhabuudhaan Yihowaa mormuu jalqabe. Kanaaf Saamuʼel sana booda Saaʼoliin arguu hin barbaanne. Booda garuu Yihowaan yaada armaan gadii dubbachuudhaan ilaalcha Saamuʼel gaarummaadhaan sirreesseera. Akkas jedhe: “Egaa Saaʼol Israaʼel irratti mootii akka hin taaneef ergan tuffadhee, ati hamma yoomiitti isaaf boossa? Ani ilmaan Iseyi keessaa nama mootii taʼu waanan argadheef, gara Isey Betlihemichaatti sin ergaatii, qodaa gaanfaa keetti dhadhaa ejersaa guutii fudhadhuu dhaqi!”—1 Sam. 15:34, 35; 16:1.

26 Kaayyoon Yihowaa raawwatamuunsaa ilmaan namootaa mudaa qabaniifi yeroo hundaa amanamoo hin taanerratti kan hundaaʼe miti. Namni tokko gantuu yoo taʼe Yihowaan fedhasaa raawwachuuf nama gara biraatti fayyadama. Kanaaf, Saamuʼel maanguddichi Saaʼoliif gadduusaa dhiisuu qaba. Saamuʼel qajeelfama Yihowaatiin gara mana Isey Betlihemichaa dhaqe; achittis ilmaan Isey babbareedoo taʼan hedduu arge. Taʼus, Yihowaan jalqabumaa kaasee Saamuʼel bifa namaa isa alaan mulʼaturra darbee akka ilaalu itti himeera. (1 Saamuʼel 16:7 dubbisi.) Dhumarrattis Saamuʼel Daawit isa quxisuu hundumaa taʼe arge; Yihowaanis kan filate isa taʼuusaa hubateera.

Saamuʼel, Yihowaan gadda nama tokkorra gaʼe hambisuufi furmaata kennuu malees, eebbatti jijjiiruu akka dandaʼu hubateera

27. (a) Amantiin Saamuʼel caalaatti guddachuusaa akka itti fufu kan isa gargaare maalidha? (b) Fakkeenya Saamuʼel hordofuu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

27 Saamuʼel yeroo dulloometti, Yihowaan Daawitiin bakka Saaʼol buusuuf murteessuunsaa sirrii akka ture caalaatti hubateera. Saaʼol hinaaffaadhaan kakaʼee ajjeesuuf akka jedhuufi gantuu taʼuusaa itti fufe. Daawit garuu, amala gaggaarii kan akka ija jabinaa, amanamummaafi amantii horachuusaa itti fufeera. Saamuʼel umriinsaa dabalaa yommuu adeemu amantiinsaas caalaatti guddachaa deemeera. Kana malees, Yihowaan gadda nama tokkorra gaʼe hambisuufi furmaata kennuu malees, eebbatti jijjiiruu akka dandaʼu hubateera. Dhumarrattis, Saamuʼel seenaa gaarii gara jaarraa tokkootiif raawwate galmeessisee duʼeera. Israaʼeloonni hundis nama amanamaa kana dhabuusaaniitti baayʼee gadduunsaanii kan nama dinqisiisu miti. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis, ‘Anoo fakkeenya amantii Saamuʼel hordofaan jiraa?’ jedhanii of gaafachuunsaanii gaariidha.

^ key. 24 Saamuʼel Agaagiin ofumasaa ajjeese. Mootii hamaan kunis taʼe maatiinsaa ooluu hin qaban turan. “Haamaan namni biyya Agaag” inni jaarraawwan hedduu booda saba Waaqayyoo hunda balleessuuf yaalii godhee ture, sanyii Agaag akka taʼe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama.—As. 8:3; kitaaba kana Boqonnaa 15 fi 16 ilaali.