Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA DIGDAMII TOKKO

Sodaafi Shakkii Isatti Dhagaʼame Moʼeera

Sodaafi Shakkii Isatti Dhagaʼame Moʼeera

1-3. Phexros guyyaa seena qabeessa sanatti maal argee ture? Halkan sanahoo maaltu isa mudate?

PHEXROS dukkana keessa bidiruu oofuuf carraaqqii cimaa gochaa jira. Samiin kallattii bahaatiin diimatu sun lafti bariʼuusaa kan argisiisu turee? Saʼaatii dheeraadhaaf mooqaa waan tureef dugdiifi gatiittiinsaa isa dhukkubaa jira. Qilleensi rifeensa mataasaatti bubbisaa ture Ciisa Bishaan Galiilaa jeequu jalqabe. Dhaʼaan galaanaa fuuldura bidirichaatiin itti rukutamee facaʼu waan isa tortorseef, garmalee isatti qorreera. Taʼus galaanicha gamatti ceʼuuf deemaa jira.

2 Phexrosiifi hiriyoonnisaa qarqara galaanichaatti Yesusiin kophaasaa dhiisanii deeman. Guyyaa sana Yesus buddeenaafi qurxummii xinnoodhaan namoota kuma hedduutti lakkaaʼaman yommuu nyaachisu arganiiru. Namoonni sun yeroo kana argan Yesusiin mootii gochuu kan barbaadan taʼus, inni garuu siyaasa keessa galuuf fedhii hin qabu ture. Duuka buutonnisaas siyaasa keessa akka hin galle barsiisuu barbaadee ture. Kanaaf duuka buutonnisaa bidiruudhaan gara galaana gamaatti akka ceʼan ajajuudhaan, namoota sana jalaa miliqee kadhannaa gochuuf kophaasaa gaaratti ol baʼe.—Mar. 6:35-45; Yohannis 6:14-17 dubbisi.

3 Yeroo bartoonni deemsa jalqaban jiini isheen goobanuuf jettu samii walakkaa kan turte siʼa taʼu, amma garuu kallattii dhihaatiin suutuma suuta lixaa jirti. Taʼus hanga ammaatti deemuu kan dandaʼan kiilomeetira muraasa qofa ture. Wacnisaanii, sagaleen bubbeefi dhaʼaan galaanichaa akka isaan wal hin dhageenye gochaa jira. Phexros yeroo kanatti callisee yaadaa kan ture taʼuu hin oolu.

Phexros waggaa lama keessatti Yesusirraa waan hedduu kan barate taʼus, ammayyuu waan baayʼee barachuu qaba

4. Phexros gama kamiin fakkeenya gaarii nuu taʼuu dandaʼa?

4 Phexros waan yaadu baayʼee qaba. Yeroo jalqabaatiif Yesus isa nama Naazireet taʼee wajjin kan wal baree waggaa lama dura ture. Hanga ammaatti waan hedduu kan barate taʼus, ammayyuu waan baayʼee barachuu qaba. Phexros barachuuf fedhii qabaachuunsaa, akkasumas shakkiifi sodaa isatti dhagaʼamu moʼuunsaa fakkeenya gaarii akka nuu taʼu argisiisa. Mee akkas kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

“Masiihicha Arganneerra”

5, 6. Jireenyi Phexros maal fakkaata ture?

5 Phexros guyyaa itti Yesusii wajjin wal arge matumaa hin irraanfatu. Jalqaba “Masiihicha arganneerra” jechuudhaan oduu gammachiisaa Phexrositti kan hime obboleessasaa Indiriyaas ture. Yeroo jechoota kana dhagaʼee kaasee jireenyi Phexros jijjiiramuu jalqabe. Kanaaf, sana booda matumaa akka duraatti jiraachuu hin dandeenye.—Yoh. 1:41.

6 Phexros kan jiraatu, mandara Qifirnaahom ishee kallattii kaabaatiin haroo qulqulluu Ciisa Bishaan Galiilaa jedhamu qarqara jirtu keessadha. Inniifi Indiriyaas ilmaan Zabdewos Yaaqoobiifi Yohaannisii wajjin hojii qurxummii qabuurratti hirmaatu turan. Phexros kan jiraatu haadha manaasaa qofaa wajjin utuu hin taʼin, amaatiisaafi obboleessasaa Indiriyaasii wajjin ture. Qurxummii qabuudhaan wanta maatiisaa kanaaf barbaachisu dhiheessuuf, jabaatee hojjechuun, akkasumas humnaafi dandeettii qabaachuun isa barbaachisa. Namoonni kun qurxummii qabuudhaaf kiyyoosaanii bidiruu lama gidduu diriirsanii halkan meeqa guutuudhaaf akka dhamaʼan tilmaamuu dandeenya. Kana malees, qurxummii gaariifi gadhee taʼe gargar foʼuu, gurguruu, akkasumas kiyyoosaanii miicuufi suphuurratti saʼaatii hangamii akka dabarsan tilmaamuu dandeenya.

7. Phexros waaʼee Yesus maal dhagaʼee ture? Oduun kun gammachiisaa kan turehoo maaliifi?

7 Macaafni Qulqulluun Indiriyaas bartuu Yohannis Cuuphaa akka ture ibsa. Phexros lallaba Yohannis ilaalchisee wanta obboleessisaa isatti hime xiyyeeffannaa guddaadhaan dhaggeeffatee taʼuu qaba. Indiriyaas gaaf tokko Yohannis Yesus isa nama Naazireet taʼetti quba qabee, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo” yommuu jedhu dhagaʼe. Indiriyaas yeruma sana gammachuudhaan Yesus duukaa kan buʼe siʼa taʼu, Masiihichi dhufuusaa ilaalchisee oduu nama gammachiisu Phexrositti hime. (Yoh. 1:35-41) Eeden keessatti Waaqayyorratti kaʼuun erga jalqabee gara waggaa 4,000 dura, Yihowaan namni adda taʼe tokko dhufee ilmaan namootaatiif abdii dhugaa akka argamsiisu raajii dubbatee ture. (Uma. 3:15) Indiriyaas kan arge Masiihicha isa ilmaan namootaa fayyisu kana ture. Phexrosis Yesusiin arguuf fiigee deeme.

8. Maqaan Yesus Phexrosiif moggaase hiika maalii qaba? Namoonni tokko tokko maqaan kun Phexrosiif kennamuunsaa sirrii miti kan jedhan maaliifi?

8 Phexros hamma guyyaa sanaatti maqaa Simoon jedhamuun beekama ture. Yesus garuu garasaa ilaalee, “‘Edaa ati Simoon ilma Yohannis; egaa siʼachi “Keefaas” jedhamtee in waamamta’ jedheen. ‘Keefaas’ jechuun afaan Griikiitti ‘Phexros’ jechuu dha. Phexros jechuun immoo ‘Dhagaa hin sochoone’ jechuu dha.” (Yoh. 1:42) Wanti Yesus dubbate raajii akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Phexros akkuma kattaa iddoosaatii kan hin sochoone, jabaafi amansiisaa taʼuudhaan duuka buutota Kiristosirratti dhiibbaa gaarii akka geessisu dursee hubatee ture. Haataʼu malee Phexros ofiisaatiif ilaalcha akkasii qaba turee? Qaba jechuun hin dandaʼamu. Namoonni yeroo harʼaa seenaa Wangeelaa dubbisan tokko tokkollee Phexros nama akka kattaa hin sochooneefi amansiisaa akka taʼe isaanitti hin dhagaʼamu. Namoonni tokko tokko Macaafni Qulqulluun Phexros nama amallisaa gegeddaramuufi walaallammii taʼuusaa ibsa jedhu.

9. Yihowaafi Ilmisaa maalirratti xiyyeeffatu? Ilaalcha isaan nuuf qabanitti amanamuu qabna kan jettu maaliifi?

9 Phexros dadhabina kan qabu siʼa taʼu Yesusis kana beeka ture. Haataʼu malee, Yesus akkuma Yihowaa Abbaasaa yeroo hunda wanta gaarii namoonni qabanirratti xiyyeeffata. Yesus, Phexros dandeettii guddaa akka qabu hubatee waan tureef, amalawwan gaarii qabu kana akka guddifatu isa gargaaruu barbaadee ture. Yeroo harʼaas Yihowaafi Ilmisaa wanta gaarii nuti qabnurratti xiyyeeffatu. Yeroo tokko tokko wanta gaarii Yihowaafi Ilmisaa nu keessatti ilaalan qabaachuu keenya shakkuu dandeenya. Haataʼu malee, akkuma Phexros godhe, ilaalcha isaan nuuf qabanitti amanamuufi leenjii isaan nuuf kennan fudhannee jijjiirama gochuuf fedhii qabaachuu qabna.—1 Yohannis 3:19, 20 dubbisi.

“Hin Sodaatin”

10. Phexros maal argee taʼuu hin oolu? Taʼus maal gochuutti deebiʼe?

10 Phexros yeroo Yesus lallabuu jalqabetti yeroo muraasaaf isa duukaa deemee taʼuu hin oolu. Kanaaf, Yesus cidha Qaanaatti godhamerratti bishaan gara wayiniitti geddaruudhaan yeroo dinqii isa jalqabaa raawwate argee taʼuu dandaʼa. Kana malees, Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee ergaa dinqisiisaa Yesus dubbatu dhagaʼeera. Taʼus Yesusiin dhiisee hojii qurxummii qabuutti deebiʼe. Jiʼoota muraasa booda garuu deebiʼee Yesusii wajjin kan wal arge siʼa taʼu, yeroo kanatti Yesus Phexros jireenyasaa guutuu akka isa duukaa buʼu afeerrii isaaf dhiheesse.

11, 12. (a) Phexros halkan hojii akkamii hojjeta ture? (b) Phexros, Yesusiin dhaggeeffachuunsaa gaaffii akkamii isatti kaasee taʼuu dandaʼa?

11 Phexros halkan guutuu hojii nama nuffisiisu hojjechaa waan buleef abdii kutateera. Namoonni qurxummii qaban kun kiyyoosaanii irra deddeebiʼanii kan darbatan taʼus, qurxummii tokkollee qabuu hin dandeenye. Phexros rakkina kana hiikuuf galaanicha keessa bakka qurxummiin itti argamu addaddaa dhaquu dabalatee, muuxannoofi dandeettii qabu hundatti akka fayyadame beekamaadha. Akkuma namoonni qurxummii qaban hedduun godhan, innis yeroo tokko tokko qurxummii hedduu qabuuf ykn kiyyoosaatti akka galan gochuuf galaana gadi fagoo keessa lixuu hawwee taʼuu akka qabu hin shakkisiisu. Haataʼu malee yaanni akkasii abdii isa kutachiisuun alatti buʼaa akka hin qabne beekamaadha. Jireenyi maatiisaa hojii kanarratti kan hundaaʼe waan taʼeef, Phexros qurxummii kan qabu bashannanaaf jedhee hin turre. Dhumarratti homaa utuu hin qabin qarqara galaanaatti baʼe. Taʼus kiyyoonsaa miicamuu qaba. Kanaaf yommuu Yesus garasaa dhufetti kiyyoosaa miicaa ture.

Phexros yommuu Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa ijoo lallabasaa taʼee barsiisu dhaggeeffachuu matumaa nuffee hin beeku

12 Namoonni baayʼeen wanta Yesus dubbatu dhaggeeffachuuf walitti qabamaniiru. Kanaaf, Yesus bidiruu Phexros yaabbatee qarqara galaanaarraa xinnoo akka isa fageessu gaafate. Yesus galaana sanarraa sagaleensaa akka gaariitti waan dhagaʼamuuf namoota sana barsiisuu jalqabe. Phexrosis akkuma namoota galaana qarqara jiran sanaa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata ture. Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa ijoo lallabasaa taʼee yommuu barsiisu dhaggeeffachuun matumaa isa hin nuffisiisne. Kiristos ergaasaa kana biyya sana hundatti yommuu lallabu isa gargaaruun mirga guddaadha. Haataʼu malee Phexros kana gochuu dandaʼaa? Hojii kanarratti yoo hirmaate wanta maatiisaatiif barbaachisu akkamitti dhiheessuu dandaʼa? Phexros, tarii halkan dhamaʼaa bulee qurxummii tokkollee utuu hin qabatin itti hafe sana yaadatee taʼuu dandaʼa.—Luq. 5:1-3.

13, 14. Yesus, Phexrosiif dinqii akkamii raawwate? Phexrosoo maal godhe?

13 Yesus barumsasaa yeroo xumuru Phexrosiin, “Gara tuujjubichaatti hiiqi; . . . kiyyoo keessan darbadhaa!” jedhe. Phexros yeroo kanatti shakkii guddaa keessa gale. Kanaaf, “Yaa barsiisaa, eda halkan guutuu baayʼee itti dadhabne, homaas hin qabne, amma garuu erga ati dubbattee dubbii keetiif jedhee kiyyicha nan darbadha” jedhe. Yeroo kanatti Phexros reefuu kiyyoosaa miicee xumuruusaa ture. Yaanni Phexros dubbate keessumaa yeroo qurxummiin nyaata barbaaddachuuf gad hin baane kanatti, kiyyoosaa darbachuuf fedhii akka hin qabne argisiisa. Taʼus kan ajajame siʼa taʼu, hiriyoonnisaa warri bidiruu isa kaanirra jiranis akka isa duukaa buʼan mallattoodhaan isaan waamee taʼuu dandaʼa.—Luq. 5:4, 5.

14 Phexros kiyyoosaa darbatee yommuu harkisuu jalqabu baayʼee isatti ulfaate. Kiyyoosaa yommuu gototu qurxummii hedduu qabachuusaa waan argeef ijasaa amanuu dadhabe. Achiis naasuudhaan harganaa namoonni bidiruu isa kaan keessa jiran dhufanii akka isa gargaaran mallattoodhaan waame. Isaanis yommuu dhufan bidiruun tokko qurxummii sana hunda baachuu akka hin dandeenye hubatan. Kanaan kan kaʼes, qurxummii sana bidiruu lamatti feʼan; qurxummiiwwan sun baayʼee waan taʼaniif bidiruuwwan sun liqimfamuu jalqaban. Phexros yeroo kanatti dinqisiifannaa guddaadhaan guutame. Humna Kiristos qabu sana dura kan arge taʼus, dinqiin kun isas taʼe maatiisaa kan fayyadu ture. Yesus qurxummiin kiyyoo keessa akka galu gochuullee ni dandaʼa. Phexros yommuu kana argu sodaachuu jalqabe. Achiis jilbeenfatee, “Yaa gooftaa sitti dhiʼaachuun anaaf hin taʼu, ani nama cubbamaa dha” jedhe. Nama akkasitti humna Waaqayyootti fayyadamuu dandaʼutti michoomuuf gaʼumsa qaba jedhee akkamitti yaaduu dandaʼa?—Luqaas 5:6-9 dubbisi.

“Yaa gooftaa . . . ani nama cubbamaa dha”

15. Yesus, shakkiifi sodaan Phexros sirrii akka hin taane kan isa barsiise akkamitti?

15 Yesus gaarummaadhaan, “Hin sodaatin, siʼachi immoo nama kan walitti qabdu in taata” jedheen. (Luq. 5:10, 11) Phexros kana booda sababii itti shakku ykn sodaatu hin qabu. Phexros maatiisaa kunuunsuu ykn hojii lallabaatiif gaʼumsa qabaachuufi dhiisuusaa shakkuu mannaa hojii lallabaa isa barbaachisaa taʼerratti xiyyeeffachuu qaba. Hojiin Yesus hojjetu guddaa, jechuunis tajaajila jireenya ilmaan namootaa jijjiirudha. Kana malees hojiin kun Waaqa ‘isa araarrisaa guddaa taʼe’ tajaajiluu kan dabalatudha. (Isa. 55:7) Yihowaanis wanta karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa Phexrosiif barbaachisu isaaf kennuu dandaʼa.—Mat. 6:33.

16. Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis yommuu Yesus isaan afeeru maal godhan? Kun murtoo isaan gochuu dandaʼan hundarra kan caalu ture kan jennu maaliifi?

16 Phexros akkuma Yaaqoobiifi Yohannis godhan yeruma sana ajaja Yesus fudhateera. Kanaaf sadanuu “Bidiroota isaanii gara qarqaraatti erga baasanii booddee, hundumaa dhiisanii Yesus duukaa buʼan.” (Luq. 5:11) Phexros, Yesusiifi Qaama isa ergerratti amantii akka qabu argisiiseera. Kun murtoo inni gochuu dandaʼu hundarra kan caalu ture. Yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni Waaqayyoon tajaajiluuf jecha shakkiifi sodaasaanii moʼanis amantii akka qaban argisiisaa jiru. Yihowaan yeroo hunda namoota isatti amanaman ni kunuunsa.—Far. 22:4, 5.

“Maaliif Mamte?”

17. Phexros gara waggaa lamaa dura Yesusii wajjin erga wal baree kaasee maalfaa argeera?

17 Akkuma seensa boqonnaa kanaarratti ibsame, Phexros erga Yesusii wajjin wal argee gara waggaa lamaa booda, Ciisa Bishaan Galiilaa isa qilleensi itti baayʼaturra bidiruu oofaa ture. Dhugaadha, Phexros yeroo kanatti maal yaadaa akka ture hin beeknu. Wanta hedduu yaadaa kan ture taʼuu dandaʼa. Yesus amaatii Phexros fayyiseera. Lallaba Gaaraarratti namoota hedduu barsiiseera. Barsiisuufi dinqii raawwachuudhaan, Masiihicha Isa Yihowaan Filate taʼuusaa yeroo baayʼee argisiiseera. Jiʼoota hedduu booda Phexros hamma tokko shakkiifi sodaasaa moʼuu akka barate hin shakkisiisu. Yesus, Phexros ergamoota 12an keessaa tokko akka taʼullee isa filateera. Taʼus, Phexros sodaafi shakkiisaarraa guutummaatti walaba akka hin taane yeroo muraasa booda hubachuuf jedha.

18, 19. (a) Phexros Ciisa Bishaan Galiilaarratti maal akka arge ibsi. (b) Yesus gaaffii Phexros isaa dhiheesseef deebii akkamii kenne?

18 Phexros halkan keessaa gara kutaa isa arfaffaatti, jechuunis saʼaatii 9 hanga aduun baatu gidduutti akkuma tasaa bidiruu oofuu dhiisee taaʼe. Dhaʼaa galaanaa sanarraa wanti tokko sochoʼaa jira. Jiini ifaa waan jirtuuf gaaddidduu dhaʼaa galaanaa sanatu isatti mulʼachaa jiraa? Lakki, wanti kun dhaabatee waan deemuuf kana taʼuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa nama tokkodha. Eeyyee nama tokkotu galaanarra deemaa jira. Namni sun isaanitti dhihaachaa yommuu dhufu, isaan bira darbee waan deemu fakkaate. Bartoonni baayʼee waan sodaataniif ekeraa waan argan isaanitti fakkaate. Achiis namichi sun “Jabaadhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!” jedheen. Namni kun Yesus ture.—Mat. 14:25-28.

19 Phexrosis deebisee, “Gooftaa! Si erga taʼee, bishaan irra gara kee akkan dhufu na abboomi!” jedheen. Phexros jalqabarratti hin sodaanne. Dinqii addaa kana arguusaatti waan gammadeef, amantiisaa caalaatti cimsachuu barbaade. Akkuma Yesus bishaanirra deemuu barbaade. Yesusis gaarummaadhaan garasaa akka dhufu isa ajaje. Phexros bidiricha maddiidhaan buʼee akkuma lafarra deemutti galaanarra deemuu jalqabe. Phexros utuu hin liqimfamin bishaanirraa yommuu deemu gammachuu guddaa isatti dhagaʼame yaadi. Yommuu gara Yesusitti deemu dinqisiifannaadhaan guutamee taʼuu qaba. Haataʼu malee, utuma baayʼee hin turin sodaachuu jalqabe.—Maatewos 14:29 dubbisi.

“Qilleensi jabaan sun yeroo isatti dhagaʼame . . . in sodaate”

20. (a) Phexros yaannisaa kan hihhirame akkamitti? Kunoo maal isarraan gaʼe? (b) Yesus Phexrosiin barumsa akkamii barsiise?

20 Phexros Yesusirratti xiyyeeffachuusaa itti fufuu qaba ture. Humna Yihowaatti fayyadamee Phexros galaana qilleensaan hunkuramu sanarra akka deemu gochaa kan jiru Yesusidha. Yesus kana gochaa kan jiru Phexros isarratti amantii waan qabuuf ture. Taʼus Phexros yaannisaa hihhiramuu jalqabe. Seenaansaa, “Qilleensi jabaan sun yeroo isatti dhagaʼame garuu in sodaate” jedha. Phexros dhaʼaan galaanaa sun bidiruu sanatti rukutamee yommuu hoomacha baasu hubatee ilaaluunsaa akka sodaatu isa godhe. Tarii galaanichi yommuu isa liqimsu isatti mulʼatee taʼuu dandaʼa. Achiis sodaansaa itti caalaa yommuu adeemu, amantiinsaa laafuu jalqabe. Namni ciminasaatiin Kattaa jedhamee moggaafamee ture, amantiinsaa waan laafeef akkuma dhagaa gadi lixuu jalqabe. Phexros nama akka gaariitti bishaan daakuu dandaʼu taʼus, amma dandeettiisaa kanatti hin amanamne. Kanaaf, “Gooftaa! Na oolchi!” jedhee iyye. Yeroo kanatti Yesus harkasaa qabee ol isa baase. Achiis utuma inni galaanarra jiruu, “Yaa namicha amantii hirʼuu! Maaliif mamte?” jechuudhaan barumsa barbaachisaa kana isa barsiise.—Mat. 14:30, 31.

21. Shakkiin balaa geessisa kan jennu maaliifi? Shakkii keenya moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

21 Yaanni “Maaliif mamte?” jedhu ergaa guddaa dabarsa. Shakkiin humna guddaa kan qabuufi nama tokko laaffisuu kan dandaʼudha. Shakkiidhaaf yoo moʼamne amantiin keenya suutuma suuta laafuudhaan baduu dandaʼa. Kanaaf, shakkii nutti dhagaʼamu moʼuun nu barbaachisa. Akkamitti? Wanta sirrii taʼerratti xiyyeeffachuudhaan kana gochuu dandeenya. Wantoota nu sodaachisan, abdii nu kutachiisan, akkasumas wantoota Yihowaafi Ilmasaarratti akka hin xiyyeeffanne nu godhanirratti xiinxaluu keenya kan itti fufnu yoo taʼe shakkiin keenya dabalaa deema. Haataʼu malee, Yihowaafi Ilmasaarratti, wanta isaan namoota isaan jaallataniif raawwatan, raawwachaa jiraniifi gara fuulduraatti raawwatanirratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, shakkii nutti dhagaʼamu moʼuu dandeenya.

22. Fakkeenya amantii Phexros hordofuun keenya sirrii kan taʼe maaliifi?

22 Phexros, Yesusii wajjin bidiruu sanarra yommuu baʼu, dhaʼaan galaanichaa dhaabachuusaa hubate. Ciisni Bishaan Galiilaa ni tasgabbaaʼe. Yeroo kanatti Phexros bartoota kaanii wajjin taʼuudhaan, “Ati dhuguma ilma Waaqayyoo ti!” jedhe. (Mat. 14:33) Utuma galaanicharra jiranii yommuu lafti bariʼu Phexros galateeffannaadhaan guutamee taʼuu qaba. Sodaafi shakkii isatti dhagaʼame moʼeera. Dhugaadha, akkuma Yesus dursee dubbate, Phexros Kiristiyaana akka kattaa taʼuudhaaf jijjiirama hedduu gochuun isa eeggata. Taʼus, carraaquufi guddina gochuusaa itti fufuuf murteesseera. Atoo murtoo akkasii gooteettaa? Taanaan fakkeenya amantii Phexros hordofuun barbaachisaa taʼuusaa akka hubattu hin shakkisiisu.