Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA TORBA

‘Yihowaa Duratti Guddachaa Deeme’

‘Yihowaa Duratti Guddachaa Deeme’

1, 2. Yeroo Saamuʼel isaanitti dubbate Israaʼeloonni haala akkamii keessa turan? Yaada garaa akka geddaratan kakaasuun kan isa barbaachisehoo maaliifi?

SAAMUʼEL sabasaa hubatee ilaalaa jira. Saba kana magaalaa Giilgalitti kan walitti qabe nama raajii amanamaafi abbaa firdii taʼee waggoota hedduudhaaf tajaajile kanadha. Yeroonsaa jiʼa Caamsaa ykn Waxabajjii ture; bonnis dhihaachaa jira. Qamadiin bilchaatee haamamuu jala waan gaʼeef maasiin hundi diimateera. Namoonni walitti qabaman sunis callisaniiru. Maarree Saamuʼel garaasaanii tuquu kan dandaʼu akkamitti?

2 Namoonni kun haala baayʼee gadhee taʼe keessa jiraachuusaanii hin hubanne. Kanaaf, nama mootii taʼee isaan bulchu argachuuf gaaffii dhiheessuusaanii itti fufan. Waaqasaanii Yihowaadhaafi raajiisaatiif tuffii guddaa argisiisaa akka jiran hin hubanne. Kunis Yihowaan Mootiisaanii taʼuusaa akka hin barbaanne argisiisa. Saamuʼel namoonni kun yaada garaasaanii akka geddaratan gochuu kan dandaʼu akkamitti?

Jireenyi ijoollummaa Saamuʼel, dhiibbaa gadheen nurra gaʼus Yihowaarratti amantii cimaa qabaachuuf nu gargaara

3, 4. (a) Saamuʼel waaʼee ijoollummaasaa kan dubbate maaliifi? (b) Yeroo harʼaa fakkeenyi amantii Saamuʼel kan nu fayyadu akkamitti?

3 Saamuʼel namoota walitti qabaman sanaan, “Ani dulloomee harrii baaseera” jedhe. Harriinsaa wanta inni dubbatuuf iddoo guddaa akka kennan kan godhu ture. Achiis, “Ani bara dargaggummaa kootii jalqabee hamma harʼaatti isin geggeesseera” jedheen. (1 Sam. 11:14, 15; 12:2) Saamuʼel dulloomus wanta ijoollummaasaatti raawwate ammayyuu akka gaariiti yaadata. Murtoon inni yeroo sana godhe, Yihowaarratti amantii akka qabaatuufi garaa guutuudhaan akka isa tajaajilu isa godheera.

4 Saamuʼel yeroo baayʼee namoota hedduu amantii hin qabneefi gantoota taʼaniin kan marfame taʼus, amantii qabaachuufi amantiisaa kana eegee jiraachuu qaba ture. Yeroo harʼaas biyya lafaa amantii hin qabneefi mancaʼaa taʼe keessa waan jiraannuuf amantii qabaachuun rakkisaadha. (Luqaas 18:8 dubbisi.) Mee fakkeenya Saamuʼel ijoollummaasaatii kaasee nuu kaaʼerraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

‘Mucummaasaatti Waaqayyoof Hojjeteera’

5, 6. Saamuʼel jireenyi ijoollummaasaa adda kan ture akkamitti? Warrisaahoo kunuunsi akka isaaf godhamu mirkanaaʼoo kan taʼan maaliifi?

5 Saamuʼel jireenyi ijoollummaasaa adda ture. Tarii godoo qulqullaaʼaa Yihowaa manasaanii Raamaa jirurraa kiilomeetira 30 ol fagaatee Shiilootti argamutti tajaajiluu kan jalqabe, umriisaa waggaa sadii ykn isaa olitti harma guʼee utuu baayʼee hin turinidha. Warrisaa, jechuunis Elqaanaafi Haannaan mucaansaanii umriisaa guutuu Naaziricha ykn nama Waaqayyoof addaan baafame taʼee Yihowaa akka tajaajilu isa kennan. * Kana jechuun, Saamuʼel warrisaa akka isa gataniifi akka isa hin jallanne isatti dhagaʼamee ture jechuudhaa?

6 Saamuʼel matumaa akkas isatti hin dhagaʼamne. Warrisaa ilmasaaniitiif Shiilootti kunuunsi akka godhamu beeku turan. Saamuʼel isaa wajjin waan tajaajiluuf, Angafni Lubootaa Eliin wanta godhamu hunda akka toʼatu beekamaadha. Dubartoonni hedduun karaa akka gaariitti qindaaʼaa taʼeen godoo qulqullaaʼaa keessa tajaajilaa akka turanis haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama.—Bau. 38:8; Abo. 11:34-40.

7, 8. (a) Warri Saamuʼel waggaa waggaadhaan akkamitti isa jajjabeessu turan? (b) Warri yeroo harʼaa jiran warra Saamuʼelirraa maal barachuu dandaʼu?

7 Hunda caalaammoo, Haannaafi Elqaanaan mucaasaanii angafaa isa kadhannaadhaan argatan matumaa hin irraanfanne. Haannaan yoo Waaqayyo ilma isheedhaaf kenne, umriisaa guutuu akka isa tajaajilu Waaqayyoof akka kennitu waadaa galtee turte. Waggaa waggaadhaan uffata haaraa Saamuʼel irra keessatti uffatee godoo qulqullaaʼaa keessatti tajaajilu hojjettee geessitiif turte. Mucaa xinnoon kun yommuu warrisaa dhufanii isa gaafatan baayʼee akka gammadu beekamaadha. Saamuʼel, jajjabinaafi qajeelfama warrisaa iddoo addaa kanatti Yihowaa tajaajiluun mirga guddaa akka taʼe isaaf kennan dinqisiifatee akka ture beekamaadha.

8 Warri yeroo harʼaa jiran Haannaafi Elqaanaarraa waan hedduu barachuu dandaʼu. Warri wanta karaa hafuuraa ijoolleesaaniitiif barbaachisu dagachuudhaan wanta jireenyaaf isaan barbaachisu qofarratti xiyyeeffachuunsaanii baramaadha. Warri Saamuʼel garuu wanta karaa hafuuraa isa barbaachisuuf dursa kan kennan siʼa taʼu, kunis ilmisaanii nama hafuuraa taʼee akka guddatu isa gargaareera.—Fakkeenya 22:6 dubbisi.

9, 10. (a) Godoo qulqullaaʼaan maal akka fakkaatuufi ilaalcha Saamuʼel iddoo kanaaf qabu ibsi. (Miiljalees ilaali.) (b) Itti gaafatamummaan Saamuʼel maal gochuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa? Dargaggoonni yeroo harʼaa jiranoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti jettee yaadda?

9 Mucaan kun guddatee gaarreen naannoo Shiiloo jiranirra baʼee yommuu asiifi achi ilaalu yaaduu dandeenya. Achirra dhaabatee godoo qulqullaaʼaa Yihowaa magaalaa Yerusaalem keessa jiruufi dachaa gama tokkoon isa gajjallaa jiru yommuu ilaalu garaansaa gammachuudhaan guutamee taʼuu hin oolu. Godoon qulqullaaʼaan kun dhugumayyuu iddoo qulqulluu ture. * Godoon gara waggaa 400 dura Museen ijaarsise kun guutummaa biyya lafaarratti handhuura waaqeffannaa dhugaa ture.

10 Saamuʼel ijoollummaasaatii kaasee godoo qulqullaaʼaa ni jaallata ture. Seenaa yeroo booda ofumasaatii barreesserratti, “Saamuʼel mucichi dirata fuula duraa isa quncee talbaa irraa hojjetame diratee Waaqayyoof in hojjeta ture” jedheera. (1 Sam. 2:18) Dirata fuula duraa dirachuunsaa Saamuʼel luboota godoo qulqullaaʼaa keessa tajaajilan gargaaraa akka ture kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Saamuʼel sanyii lubootaa keessaa tokko taʼuu baatus, hojiinsaa ganama balbala godoo qulqullaaʼaa banuufi Elii maanguddicha tajaajiluu kan dabalatu ture. Mirga tajaajilaa kana kan dinqisiifatu taʼus, yeroo booda wantoonni isa gaddisiisan isa mudataniiru. Wanti baayʼee gadhee taʼe tokko mana Yihowaa keessatti raawwatamaa ture.

Qulqullummaasaa Eegeera

11, 12. (a) Hofniifi Fiinehaas dogoggora guddaa akkamii raawwataniiru? (b) Hofniifi Fiinehaas godoo qulqullaaʼaa keessatti hamminaafi gocha gadhee akkamii raawwatan? (Miiljalees ilaali.)

11 Saamuʼel xinnummaasaatii kaasee hamminniifi gochi gadheen yommuu raawwatamu argeera. Eliin ilmaan Hofniifi Fiinehaas jedhaman lama qaba ture. Saamuʼel, “Ilmaan Elii Waaqayyoon kan hin beekne, namoota waaʼee hin baafnes turan” jedhee barreesseera. (1 Sam. 2:12) Yaadawwan caqasa kana keessa jiran lamaan walitti dhufeenya cimaa qabu. Hofniifi Fiinehaas Waaqayyoof ulfina waan hin kennineef, “namoota waaʼee hin baafne,” jechuunis “ilmaan gatii hin qabne” taʼaniiru. Seera Yihowaa isa qajeelummaarratti hundaaʼeefi ulaagaasaatiif dantaa hin qaban turan. Kunis cubbuu gara biraa hedduu akka raawwatan isaan godheera.

12 Seerri Waaqayyo hojii lubootaas taʼe aarsaa godoo qulqullaaʼaa keessatti dhihaatu ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe kenna. Akkas gochuunsaas sirrii ture. Aarsaan kun qophii Yihowaan namoonni dhiifama cubbuu argatanii isa duratti qulqulluu taʼuudhaan eebbaafi qajeelfamasaa akka argataniif godhe argisiisa. Hofniifi Fiinehaas garuu luboonni kaan aarsaa kana akka tuffatan godhaniiru. *

13, 14. (a) Gochi gadheen godoo qulqullaaʼaa keessatti raawwatamu namoota gaariirratti dhiibbaa akkamii geessisee taʼuu qaba? (b) Eliin itti gaafatamummaa abbaafi hangafa lubootaa taʼuudhaan qabu utuu hin raawwatin kan hafe akkamitti?

13 Saamuʼel gocha akkasiirratti tarkaanfiin utuu hin fudhatamin hafuusaatti waan godhu dhabee dhiphatee taʼuu dandaʼa. Saamuʼel warra hiyyeeyyii taʼan, gad of deebisaniifi cunqurfaman dabalatee, namoonni karaa hafuuraa jajjabinaafi jabina argachuuf gara godoo qulqullaaʼaa kana dhufan hedduun, abdii kutatanii, miidhamanii ykn qaanaʼanii yommuu deebiʼan argeera. Saamuʼel, Hofniifi Fiinehaas seera Yihowaa tuffachuudhaan dubartoota godoo qulqullaaʼaa keessa tajaajilanii wajjin akka ejjan yommuu hubatu maaltu itti dhagaʼamee ture laata? (1 Sam. 2:22) Eliin haala kana sirreessuuf tarkaanfii fudhata jedhee abdatee taʼuu dandaʼa.

Saamuʼel, cubbuu ilmaan Elii raawwatan arguunsaa baayʼee isa jeeqee taʼuu qaba

14 Eliin rakkina guddaa kana sirreessuuf aboo qaba ture. Hangafa lubootaa waan taʼeef, wanta godoo qulqullaaʼaa keessatti raawwatamuuf kan itti gaafatamu isadha. Akka abbaattis, ilmaansaa sirreessuuf itti gaafatamummaa qaba. Kana malees, ijoolleensaa ofiisaaniis taʼe namoota biyya sanaa hedduu miidhaa jiru. Taʼus, Eliin itti gaafatamummaa abbaafi hangafa lubootaa taʼuudhaan qabu utuu hin raawwatin hafeera. Ijoolleesaatiif adaba cimaa hin kennine. (1 Saamuʼel 2:23-25 dubbisi.) Cubbuu duʼaan isaan adabsiisu raawwachaa waan jiraniif, adabni cimaan isaaniif kennamuu qaba ture.

15. Yihowaan Eliidhaaf akeekkachiisa cimaa akkamii kenne? Maatiin Eliihoo akeekkachiisa kana fudhateeraa?

15 Haallisaa caalaatti mancaʼaa waan deemeef, Yihowaan raajiin maqaansaa hin caqasamneefi ‘nama Waaqayyoo’ jedhame tokko Eliitti ergaa firdii cimaa akka itti himu erge. Yihowaan Eliidhaan, “Ana caalaa isaaniif [ilmaan keetiif] ulfina kennite” jedheen. Kanaaf Waaqayyo ilmaan Elii warri hamoon lamaan guyyaa tokkotti akka duʼan, maatiin Eliis mirga luba taʼuuf qabu akka dhabuufi rakkinni guddaan akka isarra gaʼu raajii dubbate. Akeekkachiisni cimaan kun maatii kana keessatti jijjiirama fideeraa? Seenaansaa Eliifi ilmaansaa yaada garaasaanii akka jijjiirratan hin ibsu.—1 Sam. 2:27–3:1.

16. (a) Guddina Saamuʼel mucichi godhe ilaalchisee yaanni akkamii ibsameera? (b) Seenaan kun si gammachiiseeraa? Ibsi.

16 Cubbuun kun hundi Saamuʼel isa ijoollee turerratti dhiibbaa akkamii geessise? Seenaa gadhee taʼe kana keessatti guddinaafi jijjiirama Saamuʼel godhe ilaalchisee wanti gaariin caqasameera. Saamuʼel Isa Duraa 2:18⁠rratti, Saamuʼel, ‘mucichi Waaqayyoof in hojjeta ture’ akka jedhame yaadadhu. Saamuʼel yeroo mucaa ture kanattillee, Waaqayyoon tajaajiluurratti xiyyeeffateera. Boqonnaa kana lakkoofsa 21rrattimmoo yaanni “Saamuʼel mucichi Yihowaa duratti guddaachaa deeme” (NW) jedhuufi caalaatti nama gammachiisu caqasameera. Saamuʼel yeroo guddachaa deemu walitti dhufeenyi inni Abbaasaa isa samii wajjin qabu caalaatti cimeera. Kunimmoo cubbuu raawwachuurraa akka isa eege beekamaadha.

17, 18. (a) Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼaniifi yeroo harʼaa jiran yeroo dhiibbaa gadheen isaanirra gaʼu fakkeenya Saamuʼel hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Saamuʼel daandii sirrii filachuusaa kan argisiisu maalidha?

17 Saamuʼel angafni lubootaafi ilmaansaa cubbuu erga raawwatanii, innis waan barbaade raawwachuu akka dandaʼu godhee yaaduu dandaʼa ture. Taʼus, namoota aboo qaban dabalatee, warri kaan hammeenya raawwachuunsaanii cubbuu hojjechuuf sababa hin taʼu. Yeroo harʼaas dargaggoonni fakkeenya Saamuʼel hordofan hedduun jiru. Isaanis akkuma Saamuʼel yeroo namoonni isaanii wajjin jiran tokko tokko fakkeenya gadhee taʼanittillee, ‘Yihowaa duratti guddachaa deemu.’

18 Saamuʼel Yihowaadhaaf abboomamuunsaa faayidaa akkamii isaaf argamsiise? Seenaansaa, “Saamuʼel mucichi Yihowaa duratti namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaan guddachaa in adeeme” jedha. (1 Sam. 2:26, NW) Kanaaf, Saamuʼel yoo xinnaate namoota ilaalchasaa dinqisiifatan biratti ni jaallatama ture. Yihowaanis mucaa amanamaa taʼe kana baayʼee jaallateera. Saamuʼel yeroosaa beekuu baatus, Yihowaan gaaf tokko hammeenya Shiilootti raawwatamu hundumaa akka balleessu akka beeku hin shakkisiisu. Wanti isatti gaaffii taʼe kun garuu gaaf tokko galgala deebii argateera.

“Garbichi Kee In Dhaggeeffataatii Dubbadhu!”

19, 20. (a) Saamuʼel gaaf tokko halkan gara ganamaa godoo qulqullaaʼaa keessatti wanta isa mudate ibsi. (b) Saamuʼel Elii akkamitti qaba ture? (c) Saamuʼel kan isa waamu eenyu taʼuusaa akkamitti beeke?

19 Gaaf tokko ganama lafti bariʼuusaa dura, ibsaan godoo qulqullaaʼaa inni guddaan liph-liph jedhu bobaʼaa jira ture. Saamuʼel yeroo gabii guddaan jiru kanatti sagalee isa waamu tokko dhagaʼe. Saamuʼel kan isa waame Elii isa baayʼee dulloomeefi ijisaa arguu dadhabe sana isatti fakkaatee ture. Kanaaf, kaʼee “fiigee” gara Elii maanguddichaa dhaqe. Mucaan kun Eliin maal akka barbaade beekuuf miillasaa duwwaa yommuu isatti fiigu sitti mulʼataa? Saamuʼel, kabajaafi gaarummaadhaan Elii akka qabu beekuun garaa namaa kan tuqudha. Eliin cubbuu hedduu kan raawwate taʼus, ammayyuu angafa lubootaa Yihowaan muudedha.—1 Sam. 3:2-5.

20 Saamuʼel, Elii dammaqsee “Kunoo, asan jira, maal jette?” jedheen. Haataʼu malee, Eliin akka isa hin waamneefi deebiʼee akka rafu isatti hime. Taʼus sagalichi takkaa qofa utuu hin taʼan siʼa lama isa waame. Dhumarratti Eliin wanta raawwatamaa jiru hubate. Yihowaan sabasaatiif mulʼata ykn raajii erguu kan dhiise siʼa taʼu, kana kan godhes maaliif akka taʼe hubachuun ulfaataa miti. Haataʼu malee, Eliin Yihowaan amma mucaa kanatti dubbachaa akka jiru hubate. Eliin, Saamuʼel deebiʼee akka rafuufi akkamitti Yihowaadhaaf deebii kennuu akka qabu isatti hime. Saamuʼelis ni ajajame. Ammas utuma hin turin sagalee “Saamuʼel! Saamuʼel!” jedhu dhagaʼe. Mucichis “Garbichi kee in dhaggeeffataatii dubbadhu!” jedhee deebise.—1 Sam. 3:1, 5-10.

21. Yeroo harʼaa Yihowaa dhaggeeffachuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun keenya barbaachisaa kan taʼehoo maaliifi?

21 Yihowaan dhumarratti tajaajilaasaa Shiiloo jiruufi isa dhaggeeffatu argate. Saamuʼel jireenyasaa guutuu Yihowaa dhaggeeffateera. Atoo Yihowaa ni dhaggeeffattaa? Yeroo harʼaa sagaleen tokko samii keessaa halkaniin nutti dubbata jennee hin eegnu. Taʼus guyyaa hundumaa sagalee Waaqayyoo ni dhageenya jechuun ni dandaʼama. Sagaleen Waaqayyoo Dubbiisaa Macaafa Qulqulluu isa waan hundumaa qabate keessatti argama. Caalaatti Waaqayyoon kan dhaggeeffannuufi isaaf kan abboomamnu yoo taʼe, amantiin keenya caalaatti guddata. Saamuʼelis akkasuma godheera.

Saamuʼel sodaatee kan ture taʼus, amanamummaadhaan ergaa firdii Yihowaa Eliitti himeera

22, 23. (a) Ergaan Saamuʼel jalqabarratti dubbachuu sodaate kan raawwatame akkamitti? (b) Saamuʼel maqaa gaarii argachaa kan deeme akkamitti?

22 Saamuʼel yeroo sanaa kaasee raajiifi bakka buʼaa Waaqayyoo waan taʼeef, wanti halkan sana Shiilootti raawwatame jireenyasaa keessatti jijjiirama guddaa fideera. Ergaan sun raajiin maatii Eliirratti dubbatame yeroo gabaabaa keessatti akka raawwatamu kan ibsu waan tureef, Saamuʼel jalqabarratti ergaa Yihowaan Eliitti akka himu isatti erge dubbachuu sodaatee ture. Taʼus Saamuʼel ergaa kana ija jabinaan kan dubbate siʼa taʼu, Eliinis gad of deebisuudhaan murtoo Yihowaan dabarse fudhateera. Wanti Yihowaan dubbate hundi utuma baayʼee hin turin raawwatameera. Israaʼeloonni Filisxeemotaa wajjin kan wal lolan siʼa taʼu, Hofniifi Fiinehaas guyyuma tokkotti duʼan. Eliinis Saanduqni Kakuu Yihowaa boojiʼamuusaa yommuu dhagaʼu ni duʼe.—1 Sam. 3:10-18; 4:1-18.

23 Saamuʼel garuu raajii amanamaa taʼuunsaa beekamaa deeme. Seenaansaa ‘Waaqayyo isaa wajjin ture’ jedha; itti dabaluudhaanis Yihowaan raajii Saamuʼel dubbatu hundi akka raawwatamu godheera.—1 Saamuʼel 3:19 dubbisi.

‘Saamuʼel Waaqayyoon In Kadhate’

24. Israaʼeloonni yeroo booda murtoo akkamii godhan? Kunoo cubbuu cimaa kan ture maaliifi?

24 Israaʼeloonni fakkeenya Saamuʼel hordofuudhaan Yihowaatti dhihaatanii, akkasumas amanamoo taʼanii turanii? Hin turre. Yeroo booda, raajii tokkoon geggeeffamuu akka hin barbaanne murteessan. Akkuma saboota kaanii taʼuufi mootii isaan bulchu qabaachuu barbaadan. Saamuʼelis qajeelfama Yihowaan isaa kenne fudhachuudhaan gaaffiisaaniirratti walii gale. Taʼus, Israaʼeloonni cubbuu cimaa raawwachuusaanii isaanitti himuu qaba ture. Kan isaan tuffatan nama utuu hin taʼin, Yihowaa ture. Kanaaf Saamuʼel sabicha Giilgalitti walitti qabe.

Saamuʼel amantiidhaan kadhateera, Yihowaanis bokkaa roobsuufi qaqawweessa erguudhaan isaaf deebiseera

25, 26. Saamuʼel maanguddichi Israaʼeloonni cubbuu cimaa akka raawwatan Giilgalitti kan isaan hubachiise akkamitti?

25 Mee yaada seensarratti kaasneefi Saamuʼel Israaʼeloota Giilgalitti akka walitti qabe dubbatutti haa deebinu. Saamuʼel maanguddichi Israaʼeloota amanamummaadhaan tajaajilaa turuusaa isaan yaadachiise. Achiis yaada, ‘Saamuʼel Waaqayyoon in kadhate’ jedhu dubbisna. Yihowaan bokkaa qaqawweessa qabu akka roobsu kadhate.—1 Sam. 12:17, 18.

26 Tibba bonaatti bokkaan qaqawweessa qabu roobee hin beeku. Namoonni sun wanti Saamuʼel dubbate akka hin raawwatamne shakkanii ykn isatti qoosanii turan taanaan, kun dhugaa taʼuusaa yeruma sana hubataniiru. Samiin battaluma sanatti duumessaan uwwifame. Qilleensichi qamadii maasii keessa jiru sana ni jijjigse. Qaqawweessi sun sagalee gurra namaa duuchu dhageessisuu jalqabe. Bokkaanis ni roobe. Namoonni sun maal godhan? “Jarri hundinuu Waaqayyoo fi Saamuʼeliin guddisanii in sodaatin.” Dhumarratti cubbuu cimaa raawwachuusaanii hubatan.—1 Sam. 12:18, 19.

27. Yihowaan namoota fakkeenya amantii Saamuʼel hordofaniif ilaalcha akkamii qaba?

27 Namoonni sun garaa hamaa akka qaban kan isaan hubachiise Saamuʼel utuu hin taʼin Yihowaa ture. Saamuʼel ijoollummaasaatii kaasee hanga dullumasaatti Waaqayyorratti amantii qaba ture. Yihowaanis isa kiiseera. Harʼaas Yihowaan hin jijjiiramne. Yeroo ammaattis namoota fakkeenya amantii Saamuʼel hordofan ni gargaara.

^ key. 5 Namoonni Naaziroota taʼan dhugaatii alkoolii akka hin dhugneefi rifeensa mataasaanii akka hin muranne waadaa galu turan. Namoonni baayʼeen waadaa akkasii kan galan yeroo muraasaaf siʼa taʼu, warri akka Siimson, Saamuʼeliifi Yohannis Cuuphaa jiran garuu jireenyasaanii guutuu Naaziroota taʼaniiru.

^ key. 9 Godoon qulqullaaʼaan kun roga afur kan qabu, keenyansaas taʼe baaxiinsaa mukarraa kan hojjetameefi dunkaanni guddaan kan itti uwwifame ture. Taʼus, miʼawwan gati jabeessa taʼan, jechuunis kalʼee hoolaa bishaanii, uffata kuulaan miidhagfamee dhaʼameefi muka gaggaarii warqeefi meetiidhaan uwwifameen kan hojjetamedha. Godoon qulqullaaʼaan kun mooraa roga afur qabu keessatti kan argamu siʼa taʼu, iddoon aarsaa bareedaa taʼe tokkos achi keessa jira. Yeroo booda godoo qulqullaaʼaa kana maddiitti lubootaaf kutaawwan gara biraan akka ijaaraman haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Saamuʼel kan rafu kutaa akkasii keessaa isa tokko keessa taʼuu hin oolu.

^ key. 12 Seenaansaa karaa isaan tuffii itti argisiisan lama ibsa. Tokkoffaa, lubni tokko foon aarsaadhaaf dhihaatu keessaa isa kam nyaachuu akka qabu akka gaariitti ibsa. (Kes. 18:3) Luboonni hamoon kun garuu godoo qulqullaaʼaa keessatti wanta kanarraa baayʼee adda taʼe raawwatu turan. Hojjetaansaanii filoo fudhatee foon okkotee keessatti affeelamaa jiru keessaa gumaa foonii isa baʼeessa taʼe kamiyyuu akka fudhatu godhu. Lammaffaa, yeroo namoonni iddoo aarsaarratti foon gubuuf fidan, luboonni hamoon kun utuu coomnisaa Yihowaadhaaf aarsaa taʼee utuu hin dhihaatin hojjetaansaanii sossodaachisee akka irraa fudhatu godhu.—Lew. 3:3-5; 1 Sam. 2:13-17.