Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA DIGDAMA

“Amaneera”

“Amaneera”

1. Maartaan hangam akka gadditeefi maaliif akka gaddite ibsi.

MAARTAAN holqa dhagaa obboleessishee keessatti awwaalameefi dhagaadhaan cufame matumaa hin irraanfattu. Gaddishee akkuma dhagaa sanaa baayʼee ulfaataa ture. Obboleessishee Alaazaar inni jaallatamaan duʼuusaa matumaa amanuu hin dandeenye. Erga duʼee guyyaa afur kan taʼeefi namoonni ishee jajjabeessaa kan jiran taʼus, akkuma reefuu duʼetti itti dhagaʼama ture.

2, 3. (a) Maartaan Yesusiin arguunshee maaltu akka itti dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa? (b) Yaanni ergaa guddaa qabuufi Maartaan dubbatte waaʼeeshee maal ibsa?

2 Amma garuu namni hunda caalaa michuu Alaazaar taʼe fuuldurashee dhaabachaa jira. Namni obboleessashee duʼarraa oolchuu dandaʼu isa qofa waan taʼeef, Yesusiin arguunshee caalaatti akka gadditu ishee godhee taʼuu dandaʼa. Taʼus, mandara Bitaaniyaa tulluu maddii jirtu kana keessatti Yesusii wajjin taʼuunshee hamma tokko ishee jajjabeesseera. Yesusii wajjin kan turte yeroo muraasaaf taʼus, gaarummaadhaan ishee ilaaluunsaafi rakkinashee hubachuunsaa jajjabina isheedhaaf argamsiiseera. Achiis gaaffiiwwan amantiishee akka cimsattuufi abdii duʼaa kaʼuurratti akka xiyyeeffattu ishee gargaaran ishee gaafate. Mareen yeroo kanatti godhan Maartaan, “Ati Kristos, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru, ilma Waaqayyoo akka taate amaneera” jechuudhaan yaada ergaa guddaa qabu akka dubbattu ishee godheera.—Yoh. 11:27.

3 Jechoonni kun Maartaan dubartii amantii guddaa qabdu akka taate argisiisu. Yaanni gabaabaan Macaafni Qulqulluun waaʼeeshee dubbatu kun, barumsa guddaa amantii keenya cimsuuf nu gargaaru qabateera. Yaada kana hubachuuf, mee seenaa jalqaba Maartaa ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffame haa ilaallu.

‘Yaaddaʼuufi Hammacamuu’

4. Maartaan eenyufaa wajjin jiraatti turte? Maatichi Yesusii wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba ture?

4 Yeroonsaa Alaazaar duʼuusaa jiʼoota muraasa dura ture. Yeroo kanatti Alaazaar fayya buleessa kan ture siʼa taʼu, manasaa Bitaaniyaa jiru keessatti keessummaa guddaa, jechuunis Yesus Kiristosiin simachuuf jedha ture. Alaazaar, Maartaafi Maariyaam gaʼeessota siʼa taʼan, haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti mana tokko keessa waliin jiraatu turan. Qorattoonni tokko tokko Maartaan keessummaa kan simattuufi yeroo tokko tokko jalqaba kan caqasamtu waan taateef angafa taʼuu hin ooltu jedhu. (Yoh. 11:5) Sadanuu gaaʼela godhachuusaanii ilaalchisee wanti ibsame hin jiru. Sanas taʼe kana obbolaan kun Yesusiif michoota dhugaa turan. Yesus yeroo Yihudaatti tajaajilaa tureefi achitti mormii guddaan isarra gaʼaa turetti manasaanii bula ture. Achittis nagaafi kunuunsa argachuusaa baayʼee dinqisiifatee taʼuu qaba.

5, 6. (a) Maartaan, keessumaa yeroo Yesus manasaanii dhaqe hojiin kan itti baayʼate maaliifi? (b) Maariyaam yeroo Yesus manasaanii dhaqetti carraa argattetti kan fayyadamte akkamitti?

5 Maartaan mana sissirreessuufi keessummoota simachuuf hojii hedduu hojjetti turte. Maartaan nama dhimmitee hojjettuufi hojiin itti baayʼatu taʼuu hin ooltu. Yeroo Yesus isaan gaafachuu dhaqettis haallisaa adda hin turre. Utuma baayʼee hin turin keessummaa adda taʼe kanaafi tarii namoota isaa wajjin jiran tokko tokkoof nyaata gosa addaddaa baʼeessa taʼe qopheessuuf yaadde. Bara sanatti keessummaa simachuun iddoo guddaa qaba ture. Keessummaa tokko yommuu simatan, isa dhungatu, kopheesaa irraa baasu, miillasaa isaaf dhiqu akkasumas zayitii urgaaʼu mataasaa dibu turan. (Luqaas 7:44-47 dubbisi.) Iddoo inni ciisuufi wanta inni nyaatus of eeggannoodhaan qopheessu turan.

6 Maartaafi Maariyaam Yesusiin simachuuf qophii guddaa gochaa turan. Maariyaam yeroo tokko tokko hubattuu akka taateefi barachuurratti akka xiyyeeffatu kan ibsamu taʼus, obboleettiishee hojii gargaaraa akka turte beekamaadha. Erga Yesus dhufee booda garuu haallisaa ni jijjiirame. Yesus carraa gaarii kanatti fayyadamee warra kaan barsiisuu akka qabu itti dhagaʼameera; isaan barsiiseeras. Yesus geggeessitoota amantii bara sana turanirraa haala adda taʼeen, dubartoota kabajeera, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa ijoo lallabasaa taʼes isaan barsiiseera. Maariyaam carraa kana argachuusheetti waan gammaddeef, miillasaa jala teessee waan inni dubbatu hunda dhaggeeffatti turte.

7, 8. Maartaan dhiphinnishee itti caalaa kan deeme maaliifi? Dhumarratti aariishee akkamitti ibsite?

7 Maartaan dhiphinnishee hangam itti caalaa akka deeme tilmaamuu dandeenya. Keessummootasheetiif nyaata hedduu qopheessuuf jecha hojii hedduu hojjechuu waan qabduuf, baayʼee dhiphatteefi jeeqamtee turte. Utuu asiifi achi fiigduu, obboleettiinshee ishee gargaaruu dhiistee taaʼuushee yommuu argitu, wanta akka aarte argisiisu gootee turtee laata? Hojii kana hunda kophaashee hojjechuu waan hin dandeenyeef, akkas gootee turte taanaan nama hin dinqisiisu.

8 Dhumarrattis Maartaan aariishee toʼachuu dadhabdee dubbii Yesus gargar kutuudhaan, “Yaa gooftaa obboleettiin koo kophaa akkan hojjedhuuf isa na dhiifteef anaaf hin yaadduu ree? Egaa akka na gargaartuuf itti naa himi kaa!” jette. (Luq. 10:40) Jechoonni kun ergaa guddaa dabarsu. Yesus Maariyaam isa dhaggeeffachuu dhiistee akka ishee gargaartu akka itti dheekkamu isa gaafachuushee ture.

9, 10. (a) Yesus Maartaadhaaf deebii akkamii kenne? (b) Yesus, Maartaan nyaata gaarii qopheessuuf jabaattee hojjechuunshee dogoggoradha jechuusaa akka hin turre akkamitti beekna?

9 Deebiin Yesus kenne akkuma namoota yeroo harʼaa Macaafa Qulqulluu dubbisan hedduu dinqisiisu, Maartaas dinqisiisee taʼuu qaba. Yesus gaarummaadhaan, “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati in yaaddofta, waan baayʼeettis hammacamta. Kan barbaachisu waan tokkicha, Maariyaam qooda gaarii isa ishee duraa hin fudhatamne sana foʼatte” jedhe. (Luq. 10:41, 42) Yesus maal jechuusaa ture? Maartaan Waaqayyoon caalaa wantoota foonii akka jaallattu dubbachuusaa turee? Nyaata gaarii isaaf qopheessuuf jabaattee hojjechuunshee sirrii akka hin taane dubbachuusaa turee?

Maartaan kan ‘yaaddoftuufi waan baayʼeetti kan hammacamtu’ taatus, sirreeffama isheedhaaf kenname gad of deebisuudhaan fudhatteetti

10 Lakki. Yesus, Maartaan hojii sana jaalalaafi garaa qulqulluudhaan kakaatee akka hojjette hubateera. Kana malees, keessummootaaf nyaata hedduu qopheessuun dogoggora akka taʼe itti hin dhagaʼamne. Sana dura “cidha guddaa” Maatewos isaaf qopheesserratti fedhiisaatiin argamee ture. (Luq. 5:29) Dogoggora kan ture Maartaan nyaata qopheessuushee utuu hin taʼin, wanta isheen dursa kenniteef ture. Kanaaf, nyaata hedduu qopheessuurratti garmalee xiyyeeffachuunshee wanta caalaatti barbaachisaa taʼe akka dagattu ishee godheera. Wanti kun maalidha?

Yesus, Maartaan isa keessummeessuushee dinqisiifateera; kanas jaalalaafi garaa qulqulluudhaan kakaatee akka goote hubateera

11, 12. Yesus gaarummaadhaan Maartaadhaaf sirreeffama kan kenne akkamitti?

11 Yesus inni tokkicha Ilma Waaqayyoo taʼe mana Maartaafaa kan dhaqe dhugaa isaan barsiisuuf ture. Kanaafuu, nyaata gaarii isheen qopheessitu dabalatee wanti kamiyyuu barumsa kana caalaa barbaachisaa hin turre. Yesus, Maartaan carraa addaa amantiishee itti cimsattu kana dhabuusheetti kan gadde taʼus, filannaa mataashee akka gootu isheedhaaf heyyameera. * Maartaan wanta dursa kennituuf filachuuf mirga kan qabdu taʼus, wanta Maariyaam dursa kennuufii qabdu murteessuuf garuu mirga hin qabdu.

12 Kanaaf Yesus, gaarummaadhaan irra deddeebiʼee maqaashee waamuudhaan aariisheerraa ishee tasgabbeesseera; akkasumas ‘yaaddaʼuufi waan baayʼeedhaaf hammacamuun’ akka ishee hin barbaachisne isheedhaaf mirkaneesseera. Keessumaa yeroo barumsi hafuuraa kennamutti, nyaanni salphaan gosti tokko ykn lama gaʼaadha. Kanaaf, ‘qoodni gaariin’ Maariyaam Yesusirraa barachuuf filatte matumaa isheerraa hin fudhatamu.

13. Yaada Yesus ilaalcha Maartaa sirreessuuf dubbaterraa maal barachuu dandeenya?

13 Duuka buutonni Kiristos yeroo harʼaa jiran seenaa gabaabaa kanarraa waan hedduu barachuu dandaʼu. Wanti kamiyyuu fedhii ‘hafuuraa’ keenyaaf dursa akka hin kennine akka nu dhowwu matumaa heyyamuu hin qabnu. (Mat. 5:3) Arjaa taʼuufi jabaatanii hojjechuurratti fakkeenya Maartaa hordofuun keenya barbaachisaa taʼus, keessummaa simachuudhaaf jennee ‘yaaddaʼuufi hammacamuudhaan’ wantoonni caalaatti barbaachisaa taʼan matumaa akka nu darban gochuu hin qabnu. Obboloota keenyaa wajjin kan wal geenyu, adda durummaadhaan nyaata baʼeessa isaan afeeruu ykn afeeramuuf utuu hin taʼin, jajjabinaafi kennaa hafuuraa walii kennuufidha. (Roomaa 1:11, 12 dubbisi.) Nyaata salphaadhaanillee yeroo nama jajjabeessu waliin dabarsuu dandeenya.

Obboleessa Jaallatamaa Duʼeefi Duʼaa Kaafame

14. Maartaan sirreeffama fudhachuurratti fakkeenya gaarii nuu taati kan jennu maaliifi?

14 Maartaan gorsa Yesus gaarummaadhaan isheedhaa kenne fudhattee barumsa irraa argattee turtee? Akkas akka goote hin shakkisiisu. Yohannis seenaa obboleessa Maartaa yommuu ibsu, “Yesus immoo Maartaa fi obboleettii ishee, Alaazaariinis in jaallata ture” jedheera. (Yoh. 11:5) Yesus Bitaaniyaa dhaquusaa ilaalchisee seenaan olitti ibsame erga raawwatamee jiʼoonni hedduun darbaniiru. Maartaan, Yesus gorsa jaalalarratti hundaaʼe isheedhaa kennuusaatti mufachuudhaan haaloo akka isatti hin qabanne ifadha. Kanaa mannaa gorsa inni isheedhaa kenne fudhatteetti. Hundi keenya yeroo tokko tokko sirreeffama xinnoo gochuun waan nu barbaachisuuf Maartaan gama kanaanis fakkeenya gaarii nuu taati.

15, 16. (a) Maartaan yeroo obboleessishee dhukkubsate maal gootee taʼuu dandaʼa? (b) Maartaafi Maariyaam abdii kan kutatan maaliif ture?

15 Maartaan yeroo obboleessishee dhukkubsatetti isa kunuunsuuf waan hedduu raawwattee akka turte beekamaadha. Akka itti toluufi akka fayyuuf waan isheedhaa dandaʼame hunda gooteetti. Taʼus dhukkubni Alaazaar ittuma caalaa deeme. Obboleettonnisaa yeroo hunda utuu isa maddiidhaa hin dhabamin isa kunuunsaniiru. Maartaan fuulasaa isa shushuntuure irra deddeebitee ilaalaa gaddas taʼe gammachuu waggaa hedduudhaaf waliin dabarsan yaaddee taʼuu qaba.

16 Maartaafi Maariyaam, Alaazaar duʼuuf akka jedhu yommuu hubatan gara Yesusitti dhaamsa ergan. Yesus iddoo kanarraa bakka gara adeemsa guyyaa lamaa fagaatee argamutti lallabaa jira. Ergaansaanii kun ergaa gabaabaa “Gooftaa! Kunoo, inni ati jaallattu in dhukkubsata” jedhu ture. (Yoh. 11:1, 3) Yesus obboleessasaanii akka jaallatuufi michuusaa kana gargaaruuf waan isaa dandaʼame hunda akka godhu beeku turan. Yesus utuu inni hin duʼin dhufuu dandaʼa jedhanii eeganii turanii laata? Taanaan kana gidduutti Alaazaar waan duʼeef abdii kutatanii turan jechuudha.

17. Maartaan kan dhiphatte maaliif ture? Yesus mandarattiitti dhihaachuusaa yommuu dhageessuhoo maal goote?

17 Maartaafi Maariyaam, reeffa obboleessasaanii awwaalaaf qopheessuufi namoota hedduu Bitaaniyaafi naannoosheetti argamanii wajjin taʼuudhaan Alaazaariif gaddaniiru. Yesus garuu ammayyuu hin dhufne. Maartaan Yesus turuunsaa baayʼee ishee yaaddessee taʼuu dandaʼa. Dhumarratti Alaazaar erga duʼee guyyaa afur booda Yesus mandarattiitti dhihaachuusaa dhageesse. Maartaan nama daftee tarkaanfii fudhattu waan taateef, yeroo gaddisiisaa kanattillee Maariyaamitti utuu hin himin Yesusiin simachuuf fiigdee deemte.—Yohannis 11:18-20 dubbisi.

18, 19. Maartaan abdii akkamii akka qabdu dubbatte? Amantiinshee cimaa ture kan jennu maaliifi?

18 Maartaan yommuu Gooftaashee argitu, yaada guyyoota hedduudhaaf isheefi Maariyaamiin dhiphisaa ture baasuudhaan, “Gooftaa utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin duʼu ture” jette. Taʼus Maartaan Yesus ammayyuu waan tokko gochuu akka dandaʼu abdiifi amantii qabdi turte. Itti fufuudhaanis, “Ammuma iyyuu immoo waanuma ati isa kadhatte, Waaqayyo akka siif kennu ani nan beeka” jette. Yesus amantiishee cimsuuf yeruma sana, “Obboleessi kee in kaʼa” jedheen.—Yoh. 11:21-23.

19 Maartaan, Yesus waaʼee duʼaa kaʼuu isa gara fuulduraa dubbachaa akka jiru gootee waan yaaddeef, “Guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri duʼan duʼaa kaʼanitti, akka inni kaʼu ani beeka” jettee deebiste. (Yoh. 11:24) Amantiin isheen barumsa kanarratti qabdu cimaa ture. Barumsi kun Macaafa Qulqulluu keessatti ifatti kan argamu taʼus, geggeessitoonni amantii Yihudootaa, Saduqoota jedhaman tokko tokko, duʼaa kaʼuutti hin amanan turan. (Dan. 12:13; Mar. 12:18) Maartaan nama akka Alaazaar erga duʼee guyyaa hedduu booda kaafame beekuu baattus, Yesus waaʼee duʼaa kaʼuu akka barsiiseefi namoota duʼan akka kaase beekti turte. Taʼus sana booda maal akka inni godhu hin beektu.

20. Yaadni Yesus Yohannis 11:25-27⁠rratti dubbate hiika maalii akka qabuufi deebii Maartaan kennite ibsi.

20 Achiis Yesus “Duʼaa kaʼuun, jireenyis ana” jechuudhaan yaada hin irraanfatamne tokko dubbate. Dhugumayyuu, Yihowaan Ilmisaa gara fuulduraatti addunyaa maratti namoota akka duʼaa kaasu aangoo isaaf kenneera. Yesus “Kana amantaa ree?” jedhee Maartaa gaafate. Isheenis yaada mataduree boqonnaa kanaarratti ibsame dubbachuudhaan deebii kennite. Yesus, Kiristos ykn Masiihicha, Ilma Waaqayyoofi isa raajonni gara biyya lafaa akka dhufu dursanii dubbatan taʼuusaa amanti turte.—Yoh. 5:28, 29; Yohannis 11:25-27 dubbisi.

21, 22. (a) Yesus namoota gaddarra turan sanaaf miirasaa kan ibse akkamitti? (b) Alaazaar akkamitti duʼaa akka kaʼe ibsi.

21 Yihowaafi Ilmisaa Yesus Kiristos namoota amantii akka Maartaa qabaniif iddoo guddaa ni kennuu? Wantoonni ija Maartaa duratti ittaansuudhaan raawwataman gaaffii kanaaf deebii ifa taʼe kennu. Maartaan obboleettiishee waamuuf fiigdee deemte. Sana booda Yesus baayʼee gadduudhaan Maariyaamiifi namoota booʼicha dhufanii ishee wajjin jiran hedduu yommuu haasofsiisu argite. Yesus miidhaa sababii duʼaatiin dhufetti gadduudhaan, yommuu imimmaansaa dhangalaasus argiteetti. Kana malees, Yesus dhagaa awwaalli obboleessashee ittiin cufame akka irraa kaasan yommuu ajaju dhageesseetti.—Yoh. 11:28-39.

22 Maartaan yeroo hunda dhugaa jiru waan dubbattuuf, erga duʼee guyyaa afur waan taʼeef foolii godhateera jettee mormite. Yesus yeroo kanatti, “Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu, ani sitti hin himnee ree?” jedhee ishee yaadachiise. Isheenis amanuudhaan ulfina Yihowaa argiteetti. Yihowaan Ilmisaa yeruma sana Alaazaariin duʼaa akka kaasu humna isaaf kenne. Maartaan wantoota yeroo kanatti raawwataman tokko tokko jireenyashee guutuu matumaa akka hin irraanfanne tilmaamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Yesus “Alaazaar as baʼi!” jedhee ajajuusaa, Alaazaar akkuma wayyaan itti marametti suuta jedhee yommuu awwaalicha keessaa as deemu sagaleen dhagaʼamuusaa, Yesus “Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu!” jedhee ajajuusaa, akkasumas Maartaafi Maariyaam gammachuudhaan itti fiiganii obboleessasaanii hammatanii dhungachuusaanii matumaa irraanfachuu hin dandeessu. (Yohannis 11:40-44 dubbisi.) Dhumarratti Maartaan gadda guddaa isheerra gaʼerraa jajjabina argatteetti.

Maartaafi Maariyaam obboleessisaanii yommuu duʼaa kaʼu arguunsaanii, Maartaan Yesusirratti amantii qabaachuunshee eebbaa akka isheedhaaf argamsiise nu hubachiisa

23. Yihowaafi Yesus maal siif gochuu barbaadu? Atoo maal gochuu qabda?

23 Seenaan kun duʼaa kaʼuun hawwii qofa utuu hin taʼin, barumsa Macaafa Qulqulluu nama gammachiisuufi seenaa dhugaarratti hundaaʼe taʼuusaa argisiisa. (Iyo. 14:14, 15) Yihowaafi Ilmisaa akkuma Maartaa, Maariyaamiifi Alaazaariif godhan namoota amantii qaban kiisuun isaan gammachiisa. Atis amantii cimaa yoo qabaatte badhaasa akkasii sii qopheessaniiru.

‘Maartaan In Ergamti Turte’

24. Macaafni Qulqulluun wanta waaʼee Maartaa yeroo dhumaatiif caqasame ilaalchisee maal jedha?

24 Macaafni Qulqulluun kana booda waaʼee Maartaa yeroo tokko qofa caqasa. Waaʼeen Maartaa kan ibsame torban isa dhumaa Yesus lafarra turettidha. Yesus ammas haalli rakkisaan akka isa eeggatu akka gaariitti waan beekuuf, mana Maartaafaa isa Bitaaniyaa jiruufi tasgabbii qabu keessa buufachuu filate. Iddoo kanaa kaʼee Yerusaalem gaʼuuf miillaan kiilomeetira 3 deemuu qaba ture. Yesusiifi Alaazaar mana Simoon isa dhukkuba lamxiitiin qabametti irbaata nyaachaa kan turan siʼa taʼu, ‘Maartaan in ergamti turte’ yaanni jedhu kan ibsame iddoo kanattidha.—Yoh. 12:2.

25. Dubartoonni akka Maartaa gumiiwwan yeroo harʼaatti argaman keessa kan jiran taʼuunsaanii kan nama gammachiisu maaliifi?

25 Dubartiin kun dhugumayyuu nama jabaattee hojjettu turte! Macaafa Qulqulluu keessatti waaʼeenshee yeroo jalqabaatiifis taʼe yeroo dhumaatiif yommuu ibsamu, namoota kaan gargaaruuf waan isheedhaa dandaʼame hunda gochaa turte. Dubartoonni akka Maartaa, Yihowaadhaafi warra kaan gargaaruuf jabaatanii hojjetan, amantiisaanii hojiidhaan argisiisan, akkasumas ija jabeeyyiifi arjaa taʼan gumiiwwan yeroo harʼaatti argaman keessa kan jiran taʼuunsaanii nama gammachiisa. Maartaan hamma dhumaatti kana gochuushee itti fuftee turtee laata? Kan itti fufte fakkaata. Taanaan amantiinshee rakkoowwan yoo ishee mudataniyyuu jabaattee akka dhaabattu ishee gargaareera jechuudha.

26. Amantiin Maartaa maal akka gootu ishee gargaareera?

26 Maartaan gadda guyyoota muraasa booda Gooftaashee isa jaallattu duʼaan dhabuudhaan isheerra gaʼuuf jedhus dandaʼuu qabdi. Kana malees, Alaazaar duʼaa kaʼuunsaa namoonni hedduun Yesusitti akka amanan waan godheef, namoonni hamoon Yesusiin ajjeesan isas ajjeesuu barbaadu turan. (Yohannis 12:9-11 dubbisi.) Yeroo boodas guyyaa tokko duuti, Maartaafi obbolaashee warra baayʼee wal jaallatan kana gargar baasee taʼuu qaba. Wanti kun akkamittiifi yoom akka raawwatame beekuu baannus, amantii cimaan Maartaan qabdu hamma dhumaatti jabaattee akka itti fuftu ishee gargaaree akka ture garuu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya amantii Maartaa hordofuunsaanii barbaachisaa kan taʼe kanaafidha.

^ key. 11 Hawwaasa Yihudoota jaarraa jalqabaa keessatti dubartoonni barumsa akka baratan isaaniif hin heyyamamu ture. Barumsi isaaniif kennamu hojii mana keessaarratti kan xiyyeeffatu qofa ture. Kanaan kan kaʼes Maartaan, dubartiin tokko miilla hayyuu tokkoo jala teessee barachuunshee dogoggora guddaa akka taʼe isheetti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa.