Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA DIGDAMII LAMA

Qorumsi Isarra Gaʼus Amanamaa Taʼeera

Qorumsi Isarra Gaʼus Amanamaa Taʼeera

1, 2. Phexros yeroo Yesus Qifirnaahomitti barsiisu maal abdatee taʼuu dandaʼa? Haataʼu malee wanti raawwatame maal ture?

PHEXROS dhiphinaan namoota Yesusiin dhaggeeffatan ilaalaa jira. Iddoonsaa mana sagadaa Qifirnaahom jiru keessadha. Manni Phexrosiifi bakki inni itti qurxummii gurguru mandaruma kana keessa, jechuunis kaaba qarqara Ciisa Bishaan Galiilaa siʼa taʼu, michoonni, firoonniifi namoonni sababii hojiitiin isa beekan hedduunis iddoo kana jiraatu. Phexros namoonni Qifirnaahom keessa jiran akkumasaa Yesus Masiihicha taʼuusaa amanuudhaan barumsa barsiisaa guddichi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo barsiisu ni fudhatu jedhee abdatee akka ture hin shakkisiisu. Haataʼu malee guyyaa sana wanti Phexros abdatee ture kun hin raawwatamne.

2 Namoonni hedduun Yesusiin dhaggeeffachuu didan. Isaan keessaa tokko tokkommoo ergaa Yesus mormanii guungumaa jiru. Phexrosiin caalaatti kan dhiphise garuu wanta bartoonni Yesus tokko tokko godhan ture. Gammachuun isaan hubannaa haaraa argachuufi dhugaa barachuudhaan kanaan dura argatan amma isaanirraa badeera. Barumsa kanatti kan mufataniifi garmalee kan aaran fakkaatu. Isaan keessaa tokko tokko yaanni Yesus dubbate kan nama suukanneessu akka taʼe dubbachaa jiru. Kanaaf kana caalaa isa dhaggeeffachuu waan hin barbaanneef, mana sagadaa sana keessaa kan baʼan taʼuusaarrayyuu, isa duukaa buʼuu dhiisan.—Yohannis 6:60, 66 dubbisi.

3. Amantiin Phexros maal akka godhu isa gargaareera?

3 Yeroon kun Phexrosiifis taʼe ergamoota kaaniif rakkisaa ture. Phexros wanta Yesus guyyaa sana barsiise guutummaatti hin hubanne. Wanti Yesus dubbate jechaa jechatti yoo fudhatame akka nama mufachiisu hubatee akka ture hin shakkisiisu. Yeroo kanatti Phexros maal godha laata? Amanamummaan Phexros Gooftaasaatiif qabu kanaan dura kan qorame siʼa taʼu kana boodas ni qorama. Amantiin Phexros qorumsa kana moʼuufi amanamaa taʼee itti fufuuf akkamitti akka isa gargaare haa ilaallu.

Yeroo Warri Kaan Yesusiin Gananitti Amanamaa Taʼeera

4, 5. Yesus wanta namoonni isarraa eeganirraa faallaa taʼe kan raawwate akkamitti?

4 Phexros yeroo baayʼee Yesusiin ni dinqisiifata ture. Gochi ykn dubbiin Gooftaasaa yeroo baayʼee wanta namoonni Isarraa eeganirraa faallaa ture. Yesus guyyaa tokko dura namoota kuma hedduutti lakkaaʼaman dinqiidhaan nyaachisee ture. Isaanis kana yommuu argan mootii isa gochuuf yaalii godhan. Taʼus Yesus bartoonnisaa bidiruu yaabbatanii gara Qifirnaahomitti akka ceʼan ajajuudhaan, namoota sana jalaa miliquunsaa isaan ajaaʼibsiiseera. Gaafas galgala bartoonnisaa bidiruudhaan utuu ceʼaa jiranii, Yesus akka tasaa Ciisa Bishaan Galiilaarra deemaa isaanitti dhufuudhaan, amantii qabaachuu ilaalchisee Phexrosiin barumsa barbaachisaa taʼe tokko barsiiseera.

5 Yeroo lafti bariʼu namoonni baayʼeen sun isaan hordofaa akka jiran hubatan. Namoonni sun Yesusiin argachuu kan barbaadan dhugaa barachuuf utuu hin taʼin, ammas dinqiidhaan akka isaan nyaachisu waan barbaadaniif akka taʼe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Namoonni kun ilaalcha foonii waan qabaniif Yesus isaan ifate. (Yoh. 6:25-27) Mareen sun mana sagadaa Qifirnaahom keessatti kan itti fufe siʼa taʼu, Yesus yeroo kanattis wanta namoonni sun eeganirraa faallaa taʼe dubbachuudhaan dhugaa barbaachisaa namoonni hedduun fudhachuun itti ulfaate tokko isaan barsiise.

6. Yesus fakkeenya akkamiitti fayyadame? Namoonni isa dhaggeeffatanoo maal godhan?

6 Yesus namoonni sun buddeena waan isaan nyaachiseef qofa garasaa akka dhufan hin barbaanne. Kanaa mannaa, Waaqayyo jireenya barabaraa kan isaaniif kennu aarsaa Yesusitti yoo amananiifi fakkeenyasaa yoo hordofan qofa taʼuusaa akka hubatan barbaade. Kanaaf inni mannaa, jechuunis buddeena isa bara Museetti samiirraa buʼee wajjin kan wal fakkaatu taʼuusaa fakkeenyaan isaaniif ibse. Namoonni tokko tokko yeroo isa mormanittimmoo, jireenya barabaraa argachuuf foonsaa nyaachuufi dhiigasaa dhuguun barbaachisaa akka taʼe fakkeenyaan isaanitti dubbate. Mormii cimaan kan isarra gaʼe yeroo kanatti ture. Namoonni tokko tokko, “Kunoo, jecha jabaa dha, eenyutu isa dhaggeeffachuu dandaʼa?” jedhan. Bartoonnisaa hedduunillee isa duuka buʼuu dhiisan. *Yoh. 6:48-60, 66.

7, 8. (a) Gaʼee Yesus ilaalchisee wanti Phexros hin hubanne maal ture? (b) Phexros gaaffii Yesus ergamootaaf dhiheesseef deebii akkamii kenne?

7 Phexros maal godha laata? Wanti Yesus dubbate isattis bitaa itti galee taʼuu qaba. Yesus fedha Waaqayyoo raawwachuuf duʼuu akka qabu ammayyuu hin hubanne. Kanaaf akkuma bartoota guyyaa sana isa dhiisanii deemanii, Yesusiin dhiisee deemuuf qoramee turee? Matumaa; wanti guddaan Phexrosiin namoota sanarraa adda godhu tokko jira. Wanti kun maalidha?

8 Yesus gara ergamootasaatti garagalee, “Isinis immoo adeemuu in barbaadduu iyyuu?” jedhee isaan gaafate. (Yoh. 6:67) Yesus kan dubbate ergamoota 12anitti taʼus, deebii kan kenne garuu Phexrosidha. Phexros yeroo baayʼee akkas kan godhu umriidhaan hundasaaniirra waan caaluuf taʼuu dandaʼa. Sanas taʼe kana, Phexros nama ifatti dubbatu siʼa taʼu, waan isatti dhagaʼamu dubbachuurraa dubbatti waan jedhu hin fakkaatu. Yeroo kanattis yaada gaarii sammuusaa keessa tureefi hin irraanfatamne baasuudhaan, “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waaʼee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qabaʼo” jedhe.—Yoh. 6:68.

9. Phexros Yesusiif amanamaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti?

9 Jechoonni kun garaakee hin tuqanii? Amantiin Phexros Yesusirratti qabu amala barbaachisaa tokko, jechuunis amanamummaa akka qabaatu isa gargaareera. Phexros Yesus Fayyisaa Yihowaan namootaaf qopheesse taʼuusaa ifatti kan hubate siʼa taʼu, Yesusis waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbachuufi barsiisuudhaan fayyisaa taʼuusaa argisiiseera. Phexros wantoonni isaaf hin galle jiraachuusaanii kan beeku taʼus, karaan surraa Waaqayyoofi jireenya barabaraa argachuun itti dandaʼamu garabiraan akka hin jirre hubatee ture.

Yeroo nuuf hin galletti ykn ilaalcha keenyaa wajjin wal hin simnettillee, barumsa Yesusiif amanamoo taʼuu qabna

10. Yeroo harʼaa akka Phexros amanamoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Kan nama gaddisiisu garuu namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun Yesusiif amanamoo akka taʼan kan dubbatan taʼus, hojiidhaan hin argisiisan. Kiristosiif dhugumaan amanamaa taʼuun, ilaalcha Phexros barumsa Yesusiif qabu qabaachuu gaafata. Yeroo nuuf hin galletti ykn ilaalcha keenyaa wajjin wal hin simnettillee, barumsa kana barachuu, ergaasaa hubachuufi jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu qabna. Jireenya barabaraa Yesus akka nuyi argannu barbaadu argachuu kan dandeenyu amanamoo yoo taane qofadha.Faarfannaa 97:10 dubbisi.

Yeroo Sirreeffamni Isaaf Kenname Amanamaa Taʼeera

11. Yesus duuka buutotasaa wajjin eessa dhaqe? (Miiljalees ilaali.)

11 Yesus kana booda utuma baayʼee hin turin, ergamootasaafi bartootasaa tokko tokkoo wajjin kallattii kaabaatiin karaa dheeraa deeme. Fiixeen Tulluu Hermoon inni cabbiidhaan uwwifameefi kaaba Biyyattii Abdachiifamte qarqara jiru yeroo tokko tokko Ciisa Bishaan Galiilaa bira dhaabataniillee ni mulʼata. Yesusiifi bartoonnisaa mandara Filiphos Qiisaariyaa bira yommuu gaʼan, Tulluu Hermoonitti dhihaatan. * Yesus iddoo bareedaa kana dhaabatee kibba Biyyattii Abdachiifamtee akka gaariitti ilaalaa gaaffii barbaachisaa tokko duuka buutotasaa gaafate.

12, 13. (a) Yesus namoonni eenyu akka isaan jedhan beekuu kan barbaade maaliifi? (b) Phexros deebii Yesusiif kennerratti amantii cimaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

12 Yesus yeroo kanatti “Namoonni . . . eenyu anaan jedhu?” jedhee isaan gaafate. Phexros ija Yesus keessa ilaalaa Gooftaansaa gaarummaa, humnaafi hubannaa guddaa akka qabu yommuu hubatu yaaduu dandeenya. Yesus namoonni isa dhaggeeffatan wanta arganiifi dhagaʼanirraa kaʼuudhaan eenyu akka isaan jedhan beekuu barbaadee ture. Bartoonni eenyummaa Yesus ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa namoonni hedduun qaban caqasuudhaan deebii isaaf kennan. Yesus garuu kana caalaa beekuu barbaade. Michoonnisaahoo akkuma namoota sanaa dogoggoruu laata? Kanaaf, “Isinoo, eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate.—Luq. 9:18-20.

13 Phexros yeroo kanattis dafee deebii kenne. “Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti” jechuudhaan, yaada ergamoonni hedduun qaban ifattiifi ija jabinaan dubbate. Yesus miira hoʼaadhaan galateeffachuufi seequudhaan Phexros sirrii taʼuusaa yommuu isaaf ibsu sitti haa mulʼatu. Yesus namoota amantii dhugaa qabaniif, dhugaa barbaachisaa kana kan ibsu nama utuu hin taʼin, Yihowaa taʼuusaa Phexrositti hime. Phexros eenyummaa Masiihii isa yeroo dheeraadhaaf eegamaa tureefi Yihowaan hamma yeroo sanaatti hin ibsine ilaalchisee dhugaa guddaa hubachuu dandaʼeera.—Maatewos 16:16, 17 dubbisi.

14. Yesus Phexrosiif mirgawwan gurguddaa akkamii kenne?

14 Kiristos kun isa raajii dur dubbatame keessatti dhagaa ijaartonni tuffatan jedhamedha. (Far. 118:22; Luq. 20:17) Yesus raajiiwwan akkasii yaadachuudhaan, Yihowaan dhagaadhuma Phexros Kiristos taʼuusaa hubate kanarratti gumii tokko akka hundeessu ibse. Achiis gumii kana keessatti Phexrosiif itti gaafatamummaa gurguddaa tokko tokko kenne. Yesus Phexrosiif itti gaafatamummaa kenne malee, akka namoonni tokko tokko yaadan ergamoota kaanirra isa hin caalchisne. Yesus Phexrosiif “banaa mootummaa” kenne. (Mat. 16:19) Phexros garee ilmaan namootaa sadiif, jechuunis jalqaba Yihudootaaf, achiis warra Samaariyaatiif, dhumarrattis namoota saba Waaqayyoo hin taaneef abdii Mootummaa Waaqayyotti galuu banuuf mirga argateera.

15. Phexros Yesusitti akka dheekkamu kan isa godhe maalidha? Maal jedhee itti dheekkame?

15 Haataʼu malee Yesus yeroo booda, namoota wanti baayʼeen itti kennamerraa wanti baayʼeen akka eegamu kan dubbate siʼa taʼu, Phexrosis namoota akkasii keessa tokko ture. (Luq. 12:48) Yesus dhiphinaafi duʼa yeroo muraasa booda Yerusaalemitti isarra gaʼu dabalatee waaʼee Masiihichaa dhugaa barbaachisaa taʼe ibsuusaa itti fufe. Phexros wantoota kana dhagaʼuunsaa baayʼee waan isa jeeqeef Yesusiin kophaatti baasee, “Waaqayyo si haa oolchu! Kun si irratti dhufuun hin taʼu” jechuudhaan itti dheekkame.—Mat. 16:21, 22.

16. Yesus Phexrosiin kan sirreesse akkamitti? Hundi keenya yaada Yesus dubbaterraa gorsa gaarii akkamii arganna?

16 Phexros kana kan dubbate Yesusiif yaadee waan tureef, deebiin Yesus isa ajaaʼibsiisee taʼuu qaba. Bartoonni kaanis ilaalchuma akkasii qabaachuu waan hin oolleef, Phexrosirraa garagalee garasaanii ilaaluudhaan, “Na duraa turi Seexana nana! Ati gufuu anatti taate, ati kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu” jedheen. (Mat. 16:23; Mar. 8:32, 33) Yaanni Yesus dubbate gorsa gaarii hunda keenyaaf taʼu kan qabatedha. Namni tokko salphaadhumatti ilaalcha Waaqayyoo caalaa, ilaalcha namootaatiif iddoo guddaa kennuu dandaʼa. Nama tokko gargaaruuf jennee utuu hin beekin yoo akkas goonellee kaayyoo Waaqayyoo utuu hin taʼin, kaayyoo Seexanaa deggeraa jirra jechuudha. Haataʼu malee Phexrositti maaltu dhagaʼame?

17. Yesus Phexrosiin “Na duraa turi” yommuu jedhu maal jechuusaa ture?

17 Phexros, Yesus kallattiidhaan Seexana isaan jechuusaa akka hin taane hubatee taʼuu qaba. Yesus ergamaasaa isa wanta gaarii hedduu qabu kana of biraa hin ariine; kanaa mannaa ilaalcha dogoggoraa Phexros dhimma kanarratti qabu sirreessuusaa ture. Phexros Gooftaasaa dura dhaabatee gufuu itti taʼuu mannaa, duubasaatiin goree isa deggeruunsaa barbaachisaa ture.

Yesus Kiristosiifi Abbaasaa Yihowaatti caalaatti dhihaachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu, gad of deebisuudhaan sirreeffama fudhannee yoo irraa baranne qofadha

18. Phexros amanamummaa kan argisiise akkamitti? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Phexros falmee, aaree ykn haaloo qabatee turee? Lakki. Kanaa mannaa sirreeffama isaaf kenname gad of deebisuudhaan fudhateera. Yeroo kanattis amanamaa taʼuusaa argisiiseera. Namoonni Kiristos duukaa buʼuu barbaadan hundi darbee darbee sirreeffamni isaan barbaachisa. Yesus Kiristosiifi Abbaasaa Yihowaatti caalaatti dhihaachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu, gad of deebisuudhaan sirreeffama nuu kennamu fudhannee yoo irraa baranne qofadha.—Fakkeenya 4:13 dubbisi.

Phexros yeroo sirreeffamni isa barbaachisettillee amanamaa taʼuusaa mirkaneesseera

Amanamaa Taʼuunsaa Isa Kiiseera

19. Yesus yaada nama gammachiisu akkamii dubbate? Phexros maal yaadee taʼuu dandaʼa?

19 Yesus yeroo muraasa booda “Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabatanii jiran keessaa, kaan utuu hin duʼin, ilmi namaa mootummaa isaatiin dhufuu isaa arguuf jiru” jechuudhaan yaada nama gammachiisu dubbate. (Mat. 16:28) Jechoonni kun Phexros waan baayʼee akka yaadu isa godhanii taʼuu akka dandaʼu hin shakkisiisu. Yesus maal jechuusaa ture? Phexros tarii yeroo muraasa dura gorsi cimaan waan isaa kennameef, mirga guddaa akkasii hin argadhu jedhee yaadee taʼu dandaʼa.

20, 21. (a) Mulʼata Phexros arge ibsi. (b) Mareen namoonni mulʼataan argaman sun godhan Phexros ilaalchasaa akka sirreessu kan isa gargaare akkamitti?

20 Haataʼu malee gara torban tokkoo booda, Yesus Yaaqoob, Yohannisiifi Phexrosiin fudhatee “gaara dheeraa,” tarii Tulluu Hermoon isa isaanitti dhihoo jirutti ol baʼe. Sadanuu mugaa waan turaniif, yeroonsaa halkan taʼuu hin oolu. Haataʼu malee, utuu Yesus kadhachaa jiru wanti isaan dammaqsu tokko ni uumame.—Mat. 17:1; Luq. 9:28, 29, 32.

21 Yesus ijumasaanii duratti jijjiiramuu kan jalqabe siʼa taʼu, fuullisaa ifee akka aduu calaqqise. Uffannisaas adii qaanqee taʼe. Achiis namoonni Museefi Eliyaasiin fakkaatan lama isaanitti mulʼatan. Isaaniis, “waaʼee waan inni duʼa isaatiin Yerusaalemitti raawwachuudhaaf jiruu,” jechuunis waaʼee duʼaafi duʼaa kaʼuusaa isaa wajjin mariʼatanii akka turan haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Yeroo kanatti Phexros, Yesus dhiphachuufi duʼuu akka hin qabne yaaduunsaa dogoggora guddaa akka ture hubateera.—Luq. 9:30, 31.

22, 23. (a) Phexros gaarummaafi miira hoʼaa akka qabu kan argisiise akkamitti? (b) Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis galgala sana eebba gara biraa akkamii argatan?

22 Phexros mulʼata adda taʼe kanarratti hamma tokko hirmaachuu akka qabu isatti dhagaʼamee kan ture taʼuusaarrayyuu, mulʼatichi akka itti fufu barbaadee taʼuu hin oolu. Museefi Eliyaas Yesus biraa deemuuf kan jedhan isatti fakkaatee ture. Kanaaf Phexros, “Yaa barsiisaa, asitti argamuun keenya attam gaarii dha, kottaa asitti godoo sadii in ijaarraa, tokko siif, tokko Museedhaaf tokkos Eliyaasiif” jedhe. Namoonni tajaajiltoota Yihowaa yeroo dheeraa dura duʼan lamaan bakka buʼanii mulʼatan kun, dunkaanni akka isaan hin barbaachisne beekamaadha. Phexros yeroo kanatti waan dubbatu sirriitti hin beeku ture. Haataʼu malee, Phexros gaarummaafi miira hoʼaa akka qabu hubachuunkee akka isa jaallatu si hin kakaasnee?—Luq. 9:33.

Yaaqoobiifi Yohannisii wajjin taʼuudhaan Phexros mulʼata dinqisiisaa taʼe argeera

23 Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis galgala sana eebba gara biraa argataniiru. Tulluu sanarra utuu jiranii duumessi dhufee isaan uffise. Duumessa sana keessaa sagaleen Yihowaa, “Kun ilma koo isa ani foʼadhee dha, isa dhagaʼaa!” jedhu ni dhagaʼame. Mulʼatichi yommuu xumuramus isaan Yesusii wajjin kophaasaanii tulluu sanarratti hafan.—Luq. 9:34-36.

24. (a) Mulʼanni Yesus jijjiiramuusaa argisiisu Phexrosiin kan fayyade akkamitti? (b) Yeroo harʼaa mulʼata kanarraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

24 Mulʼanni Yesus jijjiiramuusaa argisiisu kun Phexrosiifis taʼe nuuf barumsa guddaa dabarsa. Phexros waggoota kudhaniin lakkaaʼaman booda “surraa guddina isaa ija keenyaan argine” jechuudhaan, mulʼanni gaafas galgala arge Yesus samiirratti Mootii akka taʼu kan argisiisu taʼuusaa barreesseera. Mulʼanni sun raajiiwwan Dubbii Waaqayyoo keessa jiran hedduun dhugaa taʼuusaanii kan mirkaneesseefi qorumsa amantii gara fuulduraatti isarra gaʼuuf Phexrosiin kan jabeesse ture. (2 Phexros 1:16-19 dubbisi.) Nutis akkuma Phexros Goofticha isa Yihowaan nurratti muudeef amanamoo yoo taane, isarraa yoo baranne, adabaafi sirreeffamasaa yoo fudhanneefi yeroo hunda gad of deebisuudhaan yoo isa duukaa buune, mulʼanni kun nuufis amantii keenya cimsuu dandaʼa.

^ key. 6 Yesus Masiihii taʼuusaa ilaalchisee yaada namoonni mana sagadaa keessatti wal gaʼan kun guyyaa tokko dura miira hoʼaadhaan dubbataniifi yaada amma dubbachaa jiran wal bira qabuudhaan ejjennoo cimaa akka isaan hin qabne hubachuu dandeenya.—Yoh. 6:14.

^ key. 11 Namoonni kun teessuma lafaa bareedaa taʼe keessa qaxxaamuranii, sirrii galaanaarraa gadi meetira 210 kaʼanii sirrii galaanaarraa ol meetira 350⁠tti ol baʼuudhaaf, Ciisa Bishaan Galiilaatii kaʼanii kiilomeetira 50 deemuu qabu turan.