Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SAGAL

Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti

Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti

1-3. (a) Maatiin Abigaayil balaadhaaf kan saaxilame akkamitti? (b) Waaʼee dubartii gaarii taate kanaa maal baranna?

ABIGAAYIL dargaggeessi tokko garmalee naʼuusaa ijasaarraa hubatte. Dargaggeessi kun garmalee kan naʼe waa malee hin turre. Balaa guddaan isaanirra gaʼuuf jedha. Yeroo sanatti loltoonni gara 400 taʼan dhiirota mana Naabaal isa abbaa manaa Abigaayil taʼe keessa jiran hunda ajjeesuuf kutatanii dhufaa jiru. Maaliif?

2 Sababii Naabaaliin kan kaʼedha. Naabaal akkuma amalasaa namoota garasaa dhufan jecha nama salphisuun isaan arrabse. Amma garuu namni inni arrabse, nama jaallatamaa loltoota amanamoo taʼaniifi akka gaariitti leenjiʼan geggeessu ture. Kanaaf, hojjettoota Naabaal keessaa, tariimmoo dargaggeessi tiksee taʼe tokko, Abigaayil isaan oolchuuf tarkaanfii akka fudhattu amanuudhaan garashee dhufe. Haataʼu malee, dubartiin tokko raayyaa waraanaa maal gochuu dandeessi?

Dubartiin tokko raayyaa waraanaa maal gochuu dandeessi?

3 Mee jalqaba waaʼee dubartii gaarii taate kanaa caalaatti haa barannu. Abigaayil eenyu? Rakkinni kun kan jalqabe akkamitti? Fakkeenya amantiisheerraahoo maal barachuu dandeenya?

“Dubartii Hubattuu Fi Bareedduu”

4. Naabaal nama akkamii ture?

4 Abigaayiliifi Naabaal namoota garaagarummaa guddaa qaban turan. Naabaal haadha manaa gaarii kan argate siʼa taʼu, Abigaayil garuu nama isheedhaaf hin malle kanatti heerumte. Namichi kun qarshii akka qabu beekamaadha. Haataʼu malee, namoonni kaan nama ofiisaatiif iddoo guddaa kennu kanaaf ilaalcha akkamii qabu turan? Macaafa Qulqulluu keessatti namni Naabaal caalaa gadhee akka taʼetti ibsame hin jiru. Hiikni maqaasaa “Gowwaa” ykn “Dhibaaʼaa” jechuudha. Maqaa kana warrasaatu yommuu dhalate isaaf moggaasemoo, maqaa masoo amallisaa yeroo booda isaaf argamsiise ture laata? Sanas taʼe kana, hojiinsaa hiikni maqaasaa kun sirrii taʼuusaa argisiisa. Naabaal “nama hamaa baanaa hin tolle,” jechuunis amala gadhee qabu ture. Abbaa humnaafi machooftuu waan tureef, nama garmalee sodaatamuufi jibbamu ture.—1 Sam. 25:2, 3, 17, 21, 25.

5, 6. (a) Abigaayil amalawwan gaggaarii akkamii qabdi turte? (b) Abigaayil nama gatii hin qabne kanatti kan heerumte maaliif taʼuu dandaʼa?

5 Abigaayil garuu Naabaalirraa guutummaatti adda turte. Hiikni maqaashee “Abbaankoo Of Gammachiise” jechuudha. Abbootii hedduun durba bareedduu godhachuutti kan gammadan taʼus, abbootiin ogeeyyii taʼan garuu durba amala gaarii qabdu argachuunsaanii caalaatti isaan gammachiisa. Haataʼu malee, namni bareedaa taʼe tokko yeroo baayʼee amalawwan akka hubannaa, ogummaa, ija jabina ykn amantii fakkaatan akka isa barbaachisan hin hubatu. Abigaayil garuu nama akkasii hin turre. Macaafni Qulqulluun Abigaayil hubannaafi bareedina akka qabdu dubbata.—1 Saamuʼel 25:3 dubbisi.

6 Namoonni tokko tokko ‘Dubartiin dandeettii guddaa qabdu kun nama gatii hin qabne kanatti maaliif heerumte?’ jedhanii gaafatu taʼa. Taʼus, bara sanatti gaaʼelli hedduun kan raawwatamu filannaa warraatiin akka taʼe yaadachuu qabna. Utuma akkas gochuu baataniyyuu, warri irratti walii galuunsaanii baayʼee barbaachisaa ture. Warri Abigaayil qabeenyaafi iddoo guddaa Naabaal qaburratti xiyyeeffachuudhaan, akka isatti heerumtu barbaadanii, akkasumas qophii godhanii turanii laata? Kana akka godhanoo kan isaan dirqisiise hiyyummaa turee? Sanas taʼe kana, qabeenyi Naabaal abbaa manaa gaarii akka taʼu isa hin goone.

7. (a) Warri ijoolleensaanii gaaʼelaaf ilaalcha sirrii akka qabaatan barsiisuuf maal gochuurraa of qusachuu qabu? (b) Abigaayil maal gochuuf murteessitee turte?

7 Warri ogeeyyii taʼan ijoolleensaanii gaaʼelaaf ilaalcha sirrii akka qabaatan akka gaariitti barsiisu. Qarshiidhaaf jedhanii akka gaaʼela godhatanis taʼe, utuu umriinsaanii hin gaʼin itti gaafatamummaa gaaʼelaa akka fudhatan dhiibbaa isaanirratti hin godhan. (1 Qor. 7:36) Taʼus, Abigaayil kana gochuuf yeroonsaa isheetti darbeera. Sababiinsaa maaliyyuu yoo taʼe Naabaalitti heerumteetti; akkasumas waan isheedhaa dandaʼame hunda gochuudhaan haala rakkisaa kana moʼuuf murteessiteetti.

“Isaanitti In Oriʼe”

8. Naabaal eenyuun arrabse? Kun gowwummaa guddaa ture kan jettu maaliifi?

8 Naabaal haalli Abigaayil caalaatti rakkisaa akka taʼu gochaa jira. Namni inni arrabse Daawit isa beekamaa taʼedha. Daawit nama amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluufi Saamuʼel raajichi bakka Saaʼol buʼee mootii akka taʼu isa dibedha. (1 Sam. 16:1, 2, 11-13) Daawit, Saaʼol Mooticha isa itti hinaafuufi isa ajjeesuu barbaadu jalaa baqatee loltootasaa amanamoo taʼan 600 wajjin lafa onaa keessa jiraachaa ture.

9, 10. (a) Daawitiifi namoonnisaa haala akkamii keessa jiraachaa turan? (b) Naabaal wanta Daawitiifi namoonnisaa isaaf godhan dinqisiifachuun kan isarra ture maaliifi? (Miiljalee keeyyata 10⁠rra jirus ilaali.)

9 Naabaal kan jiraatu magaalaa Maaʼon keessa taʼus, naannoo Qarmelosii lafa waan qabuuf iddoo kanatti kan hojjetu fakkaata. * Magaalonni kun gaarreen marga baʼeessa taʼeefi hoolota Naabaal 3,000 taʼan sooruuf gargaaru qaban gidduutti argamu. Haataʼu malee, lafti naannoo biyya kanaa jiru ona ture. Kallattii kibbaatiin lafa onaa Phaaraantu argama. Kallattii bahaatiinimmoo lafa onaa hallayyaadhaan guutameefi hanga Galaana Soogiddaatti dheeratutu argama. Daawitiifi namoonnisaa waan ittiin jiraatan argachuuf iddoo kanatti adamoo adamsuu dabalatee rakkina hedduu dabarsanii akka turan hin shakkisiisu. Dargaggoota hoolota Naabaal isa dureessa taʼe tiksanii wajjin yeroo baayʼee wal argu turan.

10 Loltoonni ciccimoon kun tiksitoota kana akkamitti qabu turan? Waan nyaataaf isaan barbaachisu argachuuf hoolota sana yeroo yeroodhaan fudhachuu kan dandaʼan taʼus, isaan garuu akkas hin goone. Kanaa mannaa, hoolotaafi hojjettoota Naabaal akka dallaatti eegaa turan. (1 Saamuʼel 25:15, 16 dubbisi.) Hoolonniifi tiksitoonni sun balaa hedduudhaaf saaxilamu turan. Daangaa Israaʼel Kibbaa kanatti bineensonni kan baayʼatan taʼuusaarrayyuu, hattoonniifi saamtonni biyya ormaa yeroo baayʼee balaa geessisu turan. *

11, 12. (a) Daawit malaafi kabajaan Naabaaliif ergaa kan erge akkamitti? (b) Akkaataan Naabaal ergaa Daawitiif deebii itti kenne dogoggora kan taʼe maaliifi?

11 Lafa onaa kana keessatti namoota sana hundaaf nyaata dhiheessuun hojii baayʼee ulfaataa taʼedha. Kanaaf, Daawit gaaf tokko gargaarsa gaafachuuf gara Naabaalitti namoota kudhan erge. Daawit yeroo kana ogummaadhaan filateera. Namoonni yommuu rifeensa hoolotasaanii murmursiisan cidha qopheessuufi kennaa kennuun baramaa ture. Daawit jecha itti fayyadamus of eeggannoodhaan filateera; akkasumas kabajaan dubbateera. Tarii Naabaal umriidhaan baayʼee akka isa caalu argisiisuuf waaʼee ofiisaa yommuu dubbatu, “Ilma kee Daawiti” jedheera. Haataʼu malee, Naabaal maal godhe?—1 Sam. 25:5-8.

12 Naabaal yeroo kanatti garmalee dheekkame. Dargaggeessi seensarratti caqasame, “Gooftaan keenya garuu isaanitti in oriʼe” jechuudhaan haalasaa Abigaayilitti himeera. Naabaal nyaata, bishaaniifi foon gaggaarii isa ofiisaatiif qopheeffate mararsiifachuudhaan sagaleesaa ol fuudhee iyye. Naabaal, Daawit nama gatii hin qabneefi gooftaasaa jalaa baqate akka taʼe ibsuudhaan isa arrabse. Ilaalchi Naabaal ilaalcha Saaʼol isa Daawitiin jibbuu wajjin kan wal fakkaatu ture. Namoonni lamaanuu ilaalcha Yihowaa hin qaban turan. Haataʼu malee, Waaqayyo Daawitiin ni jaallata; akkasumas akka hojjetaa gooftaasaarratti kaʼetti utuu hin taʼin, nama gara fuulduraatti mootii Israaʼel taʼu akka taʼetti isa ilaala ture.—1 Sam. 25:10, 11, 14.

13. (a) Daawit jalqabarratti arrabsoo Naabaaliif deebii kan kenne akkamitti? (b) Seerri buʼuuraa Yaaqoob 1:20⁠rra jiru tarkaanfii Daawit fudhachuuf kaʼe ilaalchisee maal nu barsiisa?

13 Namoonni ergaman sun deebiʼanii wanta Naabaal isaaniin jedhe yommuu itti himan Daawit baayʼee aare. Kanaaf, “Tokkon tokkon keessan billaa keessan hidhadhaa” jedhee isaan ajaje. Daawit meeshaasaa erga hidhatee booda namoota 400 fudhatee isaan balleessuu dhaqe. Dhiirota mana Naabaal keessa jiran hunda ajjeesuuf kakate. (1 Sam. 25:12, 13, 21, 22) Daawit aaruunsaa sirrii kan ture taʼus, akkaataan inni aariisaa itti ibse garuu sirrii hin turre. Macaafni Qulqulluun, “Dheekkamsi namaa Waaqayyo duratti qajeelina namaaf hin hojjetu” jedha. (Yaq. 1:20) Haataʼu malee, Abigaayil maatiishee oolchuu kan dandeessu akkamitti?

“Hubannaa Kee Kana Nan Jajadha”

14. (a) Abigaayil dogoggora Naabaal raawwate sirreessuuf jalqaba tarkaanfii akkamii fudhatte? (b) Garaagarummaa Naabaaliifi Abigaayil gidduu jiru hubachuudhaan barumsa gaarii akkamii argachuu dandeenya?

14 Abigaayil dogoggora cimaa kana sirreessuuf tarkaanfii isa jalqabaa fudhatte. Abbaa manaashee Naabaalirraa haala adda taʼeen dhaggeeffachuuf fedhii akka qabdu argisiisteetti. Dargaggeessichi dhimmicha Naabaalitti maaliif akka hin himne yommuu ibsu, inni “Nama waan tokkoof iyyuu waaʼee hin baafne waan taʼeef, namni tokko iyyuu isatti dubbachuu hin dandeenye” jedheera. (1 Sam. 25:17) Kan nama gaddisiisu, ilaalchi Naabaal ofiisaatiif qabu warra kaan akka hin dhaggeeffanne isa godheera. Yeroo harʼaattis of tuulummaan akkasii baayʼee baramaadha. Haataʼu malee, dargaggeessichi gara Abigaayil kan dhaqe isheen nama addaa taʼuushee waan hubateef akka taʼe beekamaadha.

Naabaalirraa haala adda taʼeen, Abigaayil dhaggeeffachuuf fedhii qabdi turte

15, 16. (a) Abigaayil haadha manaa ogeettii Macaafa Fakkeenyaarratti ibsamtee wajjin kan wal fakkaattu akkamitti? (b) Gochi Abigaayil raawwatte matummaa abbaa manaashee mormuushee kan hin argisiisne maaliifi?

15 Abigaayil daftee dhimma kanarratti yaaduudhaan ariitiidhaan tarkaanfii fudhatteetti. Seenaa kanarratti “Abigaayil ariitiidhaan” yaada jedhu dubbisna. Dubartii kana ilaalchisee seenaa kana keessatti al afur yaanni ‘ariitii’ jedhu ibsameera. Abigaayil Daawitiifi namootasaatiif kenna hedduu qopheessite. Kennaan kun buddeena, daadhii waynii, hoolota, akaayii, bixxillee ija wayiniifi bixxillee harbuu kan dabalatu ture. Abigaayil akkuma haadha manaa gaarii Macaafa Fakkeenyaa yeroo booda barreeffamerratti ibsamtee, manashee keessaa maal akka qabdu kan beektuufi manashee akka gaariitti kan bulchitu akka taate hubachuun ni dandaʼama. (Fak. 31:10-31) Kennaa sana of dura hojjettootasheetti ergitee isaan duukaa buute. Seenaansaa “Naabaal abbaa manaa isheetti garuu hin himne” jedha.—1 Sam. 25:18, 19.

16 Kana jechuun Abigaayil matummaa abbaa manaashee mormaa turte jechuudhaa? Matumaa. Naabaal tajaajilaa Yihowaa isa dibamerratti jalʼina akka raawwateefi gochi kun miseensota maatii Naabaal qulqulluu taʼan hedduurratti duʼa akka geessisu yaadachuu qabna. Abigaayil tarkaanfii utuu hin fudhanne taʼee gocha abbaan manaashee raawwatetti itti gaafatamti turtee? Eeyyee. Yeroo kanatti, abbaa manaashee caalaa Waaqayyoof bitamuu qabdi turte.

17, 18. Abigaayil, Daawitiin kan haasofsiiste akkamitti? Maal jette? Yaanni isheen dubbatte buʼa qabeessa akka taʼu kan godhe maalidha?

17 Abigaayil utuma baayʼee hin turin Daawitiifi namootasaa wajjin wal argite. Yeroo kanattis ariitiidhaan harreesheerraa buutee Daawitiif qoommaateetti. (1 Sam. 25:20, 23) Achiis wanta garaashee keessa jiru ibsuudhaan abbaa manaasheefi maatiisheetiif dhiifama akka godhu kadhatte. Wanti isheen dubbatte buʼa qabeessa akka taʼu kan godhe maalidha?

“Hadaraa . . . waan ani garbittiin kee sitti himadhu anaaf dhaggeeffadhu!”

18 Rakkina uumameef itti gaafatamummaasaa fudhachuudhaan, Daawit isheedhaaf jedhee dhiifama akka godhu gaafatte. Abigaayil abbaan manaashee akkuma maqaasaa nama gadhee akka taʼeefi Daawit nama akkasii adabuunsaa ulfinasaa akka hirʼisu isaaf ibsite. Daawit bakka buʼaa Yihowaafi “lola isa kan Waaqayyoo” akka lolu kan amantu taʼuushees ibsiteetti. Abigaayil ‘Waaqayyo geggeessituu godhee Israaʼelirra si kaaʼa’ waan jetteef, abdii Yihowaan Daawit mootii akka taʼu isaaf kenne akka beektu argisiisteetti. Kana malees, Daawit gocha dhiiga akka dhangalaasu isa godhu ykn sana booda ‘yaada garaasaatti dhukkuba taʼu,’ jechuunis yaada garaasaa ceephaʼu akka hin raawwanne isa gorsiteetti. (1 Saamuʼel 25:24-31 dubbisi.Wanti isheen gaarummaadhaan dubbattes garaasaa tuqeera.

19. Daawit gaaffii Abigaayiliif deebii akkamii kenne? Kan ishee jajatehoo maaliifi?

19 Daawitoo maal godhe? Kennaa Abigaayil isaaf fidde kan fudhate taʼuusaarrayyuu, “Waaqayyo gooftichi Israaʼel inni harʼa gara kootti si erge haa jajamu! Ani hubannaa kee kana nan jajadha; harʼa dhiiga dhangalaasuu irraa . . . waan na oolchiteef sin jajadha!” jedheera. Ariitiifi ija jabinaan isaa wajjin wal arguusheetti ishee jajateera; dhiiga dhangalaasuurraa akka isa oolchites dubbateera. Achiis gad of deebisuudhaan, ‘Ani dubbii kee dhaggeeffadheera; nagaadhaan gara mana keetti deebiʼi!’ jedheen.—1 Sam. 25:32-35.

‘Kunoo, Ani Garbittiin Keessan Asan Jira’

20, 21. (a) Abigaayil gara abbaa manaasheetti deebiʼuunshee sirrii ture kan jettu maaliifi? (b) Abigaayil yeroo Naabaalitti itti dubbattu filachuu ilaalchisee ija jabinaafi hubannaa akka qabdu kan argisiiste akkamitti?

20 Abigaayil erga Daawit biraa deemtee booda, wanta yeroo kanatti walitti dubbatanis taʼe, garaagarummaa nama amanamaafi gaarii taʼe kanaafi abbaa manaashee isa hamaa taʼe gidduu jiru yaaddee taʼuu qaba. Haataʼu malee yaada akkasiirratti xiinxaluushee itti hin fufne. Seenaansaa, “Abigaayil deebitee gara Naabaal dhufte” jedha. Eeyyee, yoomiyyuu caalaa hamma dandeesse gaʼee haadha manaa taʼuudhaan qabdu raawwachuuf murteessuudhaan gara abbaa manaasheetti deebiteetti. Daawitiifi namootasaatiif kennaa akka kennite isatti himuu qabdi turte. Naabaalis waaʼee kanaa beekuuf mirga qaba. Balaa kanarraa akkamitti akka oolan nama gara biraarraa dhagaʼuunsaa qaanii guddaa waan isatti taʼuuf, waaʼee kanaas dursitee isatti himuu qabdi turte. Haataʼu malee yeroo kanatti itti himuu hin dandeessu. Naabaal akka mootiin nyaachisa qopheessutti nyaachisa waan qopheesseef machaaʼee ture.—1 Sam. 25:36.

Abigaayil wanta isa oolchuuf raawwatte hunda ija jabinaan Naabaalitti himteetti

21 Abigaayil ammas ija jabinaafi hubannaa argisiisuudhaan, hanga machiin irraa galutti, jechuunis hamma ganamaatti isa eegde. Yeroo kanatti machiinsaa kan isarraa galu taʼus, caalaatti dheekkamuu dandaʼa. Haataʼu malee, Abigaayil garasaa dhaqxee wanta raawwatame hunda itti himte. Aariidhaan isheetti dheekkamuu, tariimmoo ishee rukutuu akka dandaʼu yaaddee taʼuu hin oolu. Taʼus, Naabaal yommuu kana dhagaʼu iddoo taaʼetti hadoodee hafe.—1 Sam. 25:37.

22. Naabaal maal taʼe? Miidhaa mana keessatti raawwatamu hunda ilaalchisee maal barachuu dandeenya?

22 Naabaal iddoo taaʼetti hadoodee kan hafe maaliifi? Seenaansaa, “Onneen isaa dhaabatee, akka dhagaa in taʼe” jedha. Tarii dhiigni sammuusaa keessatti dhangalaʼee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, dhukkubaan qofa utuu hin taʼin, akkasumatti guyyaa kudhan booda duʼe. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo Naabaaliin in rukute, innis in duʼe” jedha. (1 Sam. 25:38) Namni kun duʼuunsaa Abigaayil gaaʼela gadhee yeroo dheeraadhaaf keessa turte keessaa akka furamtu godheera. Yihowaan yeroo harʼaatti dinqiidhaan gidduu galee nama ajjeesa jechuu baannus, seenaan kun Yihowaan miidhaa mana keessatti raawwatamu kamiyyuu akka argu nu yaadachiisa. Yihowaan yeroo ofiisaatii murteessetti firdii qajeelaa ni kenna.—Luqaas 8:17 dubbisi.

23. Abigaayil eebba dabalataa akkamii argatte? Haadha manaa Daawit taʼuuf mirga argachuunshee kan ishee hin jijjiirre akkamitti?

23 Abigaayil gaaʼela gadhee taʼerraa furamuu malees, eebba gara biraa argachuuf jetti. Daawit Naabaal duʼuusaa yommuu dhagaʼu Abigaayiliin fuudhuuf nama isheetti ergate. Isheenis, “Kunoo, ani garbittiin keessan miilla hojjetoota gooftaa kootii dhiquudhaaf asan jira” jechuudhaan deebii kennite. Taʼus, Abigaayil haadha manaa Daawit taʼuu dandaʼuusheetti of hin tuulle. Kanaa manaa hojjettootasaatiifillee garbittii taʼuuf of dhiheessiteetti. Seenaansaa yeroo kanattis ariitiidhaan gara Daawit dhaquudhaaf akka of qopheessite dubbata.—1 Sam. 25:39-42.

24. Abigaayil jireenyashee isa haaraa keessatti rakkinni akkamii ishee mudateera? Abbaan manaasheefi Waaqnisheehoo ilaalcha akkamii isheedhaaf qabu turan?

24 Kana jechuun, Abigaayil sana booda Daawitii wajjin yommuu jiraattu matumaa rakkinni ishee hin mudatu jechuu miti. Daawit yeroo kanatti Ahiinoʼaamiin fuudhee ture. Yeroo sanatti Waaqayyo haadha manaa tokkoo ol fuudhuu kan heyyame taʼus, haalli akkasii dubartoota amanamoo yeroo sana turanirratti rakkina guddaa akka geessisu beekamaadha. Kana malees, Daawit yeroo kanatti mootii kan hin taane siʼa taʼu, aangoo kana argachuusaa dura rakkinni hedduun isa eeggata. Taʼus, Abigaayil Daawitii wajjin jiraachuudhaan kan isa gargaarte, kan isa deggerteefi ilma tokko kan isaaf deesse taʼuusaarrayyuu, abbaa manaa ishee dinqisiifatuufi ishee eegu akka argatte itti dhagaʼameera. Daawit yeroo tokko namoota ishee boojiʼanirraallee ishee oolcheera. (1 Sam. 30:1-19) Daawit fakkeenya Yihowaa isa dubartoota hubatoo, ija jabeeyyiifi amanamoo taʼan akkasii dinqisiifatu hordofeera.

^ key. 9 Qarmelos inni asirratti caqasame Tulluu Qarmelos isa Eliyaas yeroo booda raajota Baʼaalii wajjin irratti wal falme miti. (Boqonnaa 10 ilaali.) Kanaa mannaa, magaalaa qarqara kallattii kibbaatti argamudha.

^ key. 10 Daawit tarii abbootii qabeenyaa naannoo sana jiraniifi horiisaanii eeguun Yihowaa tajaajiluu akka taʼetti yaadee taʼuu dandaʼa. Yeroo sana sanyiin Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoob iddoo sana jiraachuunsaanii kaayyoo Yihowaa ture. Kanaaf biyya sana weerartootaafi saamtota biyya ormaarraa eeguun Yihowaa tajaajiluu akka taʼetti ilaalama.