Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | DAAWIT

‘Lolli kun kan Waaqayyoo Ti’

‘Lolli kun kan Waaqayyoo Ti’

DAAWIT loltoota gara isaatti didichaa isa daddarbachaa darban gidduu dhaabatee jira. Isaan baayʼee sodaatanii dirree lolaa irraa baqachaa jiru. Wanti isaan sodaachise maali dha? Daawit, jecha tokko irra deddeebiʼanii sodaadhaan yommuu dubbatan dhagaʼee taʼuu qaba. Innis maqaa namicha tokkoo ti. Namichi kun dirree waraanaa irra dhaabateera; tarii Daawit nama hammana gaʼu argee hin beeku.

Innis Goliyaadi dha! Daawit loltoonni sun maaliif akka sodaatan hubachuun isatti hin ulfaanne; namichi sun nama baayʼee guddaa hamma arbaa gaʼu dha. Miʼa waraanaa isaa warra guguddaa utuu hin dabalatin, ulfaatinni isaa namoota guguddaa lama kan caalu taʼuu hin oolu. Kana malees, inni nama akka gaariitti meeshaa waraanaa hidhate, baayʼee cimaa taʼee fi muuxannoo waraanaa qabu ture. Goliyaad sagalee guddaadhaan isaanitti iyyee. Yommuu inni loltoota Israaʼelii fi Saaʼol isa mootii isaanii taʼe doorsisu, sagaleen isaa inni furdaanii fi guddaan tabba naannoo sana jiru irraa deebiʼee yommuu isaanitti dhagaʼamu mee yaadi. Namni tokko qofti gara isaa dhufee yoo isa lole, humni waraanaa warri kaan loluun akka isaan hin barbaachisne dubbate!—1 Saamuʼel 17:4-10.

Yeroo kanatti Saaʼol Mootichii fi Israaʼeloonni ni sodaatan. Daawit haalli kun jiʼa tokkoo oliif kan ture taʼuu isaa hubate! Loltoonni Filisxeemotaa fi Israaʼelootaa bakkuma jiran kan turan siʼa taʼu, Goliyaadis guyyaa guyyaadhaan doorsisuu isaa itti fufe. Daawit baayʼee gaddeera. Mootiin Israaʼelootaa fi obboloota Daawit warra angafaa sadii dabalatee loltoonni sodaadhaan romʼuun isaanii baayʼee nama qaanessa! Akka ilaalcha Daawititti Goliyaad inni Waaqayyoon hin beekne wanti inni godhe loltoota Israaʼel salphisuu qofa miti; Yihowaa isa Waaqa Israaʼel taʼe arrabsaa jira! Haa taʼu malee, Daawit inni dargaggeessa taʼe maal gochuu dandaʼa? Nuti hoo amantii Daawit irraa barumsa maalii argachuu dandeenya?—1 Saamuʼel 17:11-14.

‘INNI KUNOO ISA KANA, ISA DIBI!’

Mee wanta jiʼoota hedduu dura raawwatametti haa deebinu. Daawit tabba Betlihemitti dhihoo jiru tokko irratti hoolota abbaa isaa tiksaa kan jiru siʼa taʼu aduun dhihaa jira. Dargaggeessi tarii waggoota kurnanii keessa jiru kun bareedaa, diimaa, dhaabbii kan toluu fi ija miidhagaa kan qabu ture. Galgala galgala baganaa rukuchuu fi uumamawwan Waaqayyoo babbareedan ilaaluudhaan dabarsa; shaakalli gammachiisaan yeroo dheeraadhaaf godhes dandeettii muuziqaa isaa guddiseeraaf. Guyyaa olitti caqasame galgala garuu ni waamame. Abbaan isaa dafee akka dhufu barbaade.—1 Saamuʼel 16:12.

Yeroo achi gaʼus abbaan isaa Isey nama baayʼee dulloomaa taʼee wajjin utuu dubbatuu arge. Namni kun Saamuʼel raajicha isa amanamaa dha. Yihowaan ijoollee Isey keessaa tokko mootii Israaʼel isa itti aanu godhee akka dibu isa erge! Saamuʼel angafoota Daawit torba kan arge taʼus Yihowaan hunda isaanii iyyuu akka hin filanne isatti hime. Yommuu Daawit achi gaʼu garuu Yihowaan Saamuʼeliin, “Inni kunoo, isa kanaa . . . isa dibi!” jedheen. Obboloota Daawit warra angafaa hunda duratti, Saamuʼel qodaa gaanfa irraa tolchamee fi dhadhaa adda taʼe qabu fuudhee mataa Daawititti dibe. Erga dibamee booda jireenyi Daawit ni jijjiirame. Kitaabni Qulqulluun, “Gaafasii jalqabee hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawitiif in dhufe” jedha.—1 Saamuʼel 16:1, 5-13.

Daawit gad of qabuudhaan bineensota irratti injifannoo kan isaaf kenne Yihowaa akka taʼe dubbate

Sana booda Daawit aangoo mootummaa argachuuf hawwuu jalqabeeraa? Lakki, hafuurri Yihowaa itti gaafatamummaa guddaa yeroo itti fudhatu hanga isa beeksisutti obsaan eegaa ture. Hammasitti hojii tiksummaa isaa isa gad aanaa hojjechuu isaa itti fufeera. Hojii kana garaa guutuu fi ija jabinaan hojjeta ture. Hoolonni abbaa isaa takkaa leencaan, takkaa immoo amaaketaan nyaatamanii oolan. Daawit bineensota sana fagoodhaa ariʼuu mannaa utaalee isaan qabachuudhaan hoolota abbaa isaa of gargaaruu hin dandeenye balaa irraa eegeera. Yeroo lamaanuu, kophaa isaa bineensota cimoo taʼan kana ajjeeseera!—1 Saamuʼel 17:34-36; Isaayaas 31:4.

Yeroo booda, Daawit ammas ni waamame. Maqaa gaariin Daawit qabu gurra Saaʼol Mootichaa buʼe. Saaʼol amma iyyuu loltuu cimaa taʼus, qajeelfama Yihowaatiif waan hin ajajamneef isa duratti fudhatama dhabeera. Yihowaan hafuura isaa isa irraa waan fudhateef, mootichi yeroo baayʼee hafuurri hamaan, jechuunis aariin, shakkiinii fi hamminni isa toʼachuu jalqabe. Hafuurri hamaan yommuu isatti dhufu, wanti isa tasgabbeessu tokko muuziqaa dha. Namoonni Saaʼol tokko tokko Daawit dandeettii muuziqaa fi waraanaa akka qabu dhagaʼanii turan. Kanaaf Daawit ni waamame; baayʼee utuu hin turinis namoota mana mootummaa Saaʼol keessatti muuziqaa taphatanii fi meeshaa waraanaa Saaʼol baatan keessaa tokko taʼe.—1 Saamuʼel 15:26-29; 16:14-23.

Keessumaa dargaggoonni gama kanaan amantii Daawit argisiise irraa barumsa hedduu argachuu dandaʼu. Yeroo boqonnaa isaa wantoota caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaatu isa gargaaran akka hojjetu hubadhaa. Kana malees, ogummaa gaarii salphaatti hojii argachuuf isa gargaaru obsaan barateera. Hunda caalaa garuu, qajeelfama hafuurri Yihowaa isaaf kennuuf ni ajajama ture. Kun hunda keenyaaf iyyuu barumsa guddaa dha!—Lallaba 12:1.

“NAMNI TOKKO ILLEE GARAA ISAATTI ISA HIN SODAATIN!”

Daawit yeroo Saaʼoliin tajaajilaa turetti yeroo baayʼee hoolota tiksuuf gara manaatti ni deddeebiʼa ture; al tokko tokko immoo yeroo dheeraadhaaf achi tura. Isey, Daawit obboloonni isaa warra angafaa loltoota Saaʼol taʼanii tajaajilan sadan haala akkamii irra akka jiran akka hubatuuf kan isa erge yeroo kanatti ture. Daawitis ajajamee wanta obboloota isaatiif barbaachisu fudhatee gara Dachaa Elaa dhaqe. Yommuu achi gaʼus, loltoonni garee lamaan iyyuu bakka olitti ibsamee utuu hin sochoʼin arguun isaa isa naasise. Dachaa balʼaa sana gamaa fi gamana dhaabataniiru.—1 Saamuʼel 17:1-3, 15-19.

Daawit, haalli kun callisamee ilaalamuu akka hin qabne isatti dhagaʼame. Loltoonni Yihowaa Waaqa jiraataa, nama tokko, isa iyyuu nama Waaqayyoon hin beekne sodaatanii akkamitti baqatu? Daawit arrabsoon Goliyaad kallattiidhaan Yihowaa salphisuu akka taʼetti ilaale. Kanaaf, aariidhaan waaʼee Goliyaadiin injifachuu loltootatti dubbachuu jalqabe. Eliiyaab inni angafa Daawit taʼes wanta Daawit dubbachaa jiru dhagaʼee, lola ilaaluuf dhufte jedhee baayʼee isatti dheekkame. Daawit garuu, “Gaaffii duwwaan gaafadhe malee, maalan godhe?” jedhee deebiseef. Daawit waaʼee Goliyaadiin injifachuu sodaa malee dubbachuu isaa kan itti fufe siʼa taʼu, kunis gurra Saaʼol buʼe. Achiis, mootichi Daawitiin gara isaatti akka fidan ajaje.—1 Saamuʼel 17:23-31.

Daawit waaʼee Goliyaad, “Namni tokko illee garaa isaatti isa hin sodaatin!” jechuudhaan yaada nama jajjabeessu mootichatti dubbate. Saaʼolii fi loltoonni isaa Goliyaadiin sodaatanii turan. Tarii dogoggorri isaan raawwatan, nama garmalee guddaa taʼe kana ofii isaanii wajjin wal bira qabanii, garaa ykn qoma isaa bira illee akka hin geenye yaaduu isaanii ti. Namni garmalee guddaa taʼee fi meeshaa waraanaa akka gaariitti hidhate kun salphaadhumatti akka isaan injifatu yaadan. Daawit garuu akkas isatti hin dhagaʼamne. Akkuma itti aansinee ilaallu, Daawit rakkina kana karaa adda taʼeen ilaale. Kanaaf, Goliyaadiin loluuf of dhiheesse.—1 Saamuʼel 17:32.

Saaʼol garuu “Ati ijoollee dha, namichi Filisxeem kun immoo ijoollummaa isaatii jalqabee lolatti waan guddateef, dhaqxee isa loluu hin dandeessu” isaan jedhe. Dhuguma Daawit ijoollee turee? Lakki; humna waraanaatti makamuuf garuu umuriin isaa hin geenye; bifti isaas ijoollee fakkaachuu hin oolu. Taʼus, Daawit yeroo sanatti iyyuu goota akka taʼetti kan beekamu siʼa taʼu, dhuma umurii waggoota kurnanii keessa jiraachuu hin oolu.—1 Saamuʼel 16:18; 17:33.

Daawit wanta leencaa fi amaakenni yeroo isa mudatanitti raawwate isatti himuudhaan Saaʼoliin amansiise. Daawit of tuuluu isaa turee? Lakki. Daawit bineensota sana akkamitti akka ajjeese beeka ture. Akkana jedhe: “Waaqayyo inni harka leencaatii fi amaaketaa na oolche, harka Filisxeemicha kanaas na oolcha.” Dhuma irrattis Saaʼol, “Egaa dhaqi! Waaqayyo sii wajjin haa taʼu!” isaan jedhe.—1 Saamuʼel 17:37.

Amantii akka Daawit qabaachuu ni barbaaddaa? Taanaan amantiin isaa hawwii irratti qofa akka hin hundoofne hubadhu. Beekumsaa fi muuxannoon inni argate Waaqa isaa irratti amantii akka qabaatu isa gargaareera. Yihowaan jaalalaan kakaʼee eegumsa akka godhuu fi waadaa gale akka raawwatu hubateera. Nutis amantii akkasii qabaachuuf, waaʼee Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu irraa barachuu keenya itti fufuu qabna. Wanta barannu hojii irra oolchuun immoo, amantii keenya nuuf cimsa.—Ibroota 11:1.

“WAAQAYYO HARKA KOO KEESSA SI BUUSA”

Jalqaba irratti Saaʼol, meeshaa waraanaa isaa Daawitiin hidhachiisuu barbaade. Meeshaan kun akkuma kan Goliyaad sibiila boorrajjii irraa kan hojjetame siʼa taʼu, maddaa fi qomee sibiila akka qola qurxummiitti walitti qabsiifameen hojjetame kan dabalatu ture. Daawit garuu meeshaa guddaa fi ulfaataa kana hidhatee asii fi achi deemuuf yommuu yaalu, akka isaaf hin mijanne hubate. Leenjii loltuu taʼuuf isa gargaaru waan hin arganneef, meeshaa waraanaa hidhatee hin beeku. Meeshaa waraanaa Saaʼol isa saba Israaʼel hunda caalaa baayʼee dheeraa taʼee hidhachuun immoo isaaf rakkisaa dha. (1 Saamuʼel 9:2) Kanaaf meeshicha of irraa baasee, uffatuma isaa uffate; achiis meeshaa hoolota isaa ittiin eegu fudhate.—1 Saamuʼel 17:38-40.

Daawit ulee hoolota ittiin tiksu, korojoo fi furrisa qabate. Yeroo ammaatti furrisni meeshaa buʼa qabeessa fakkaachuu baatus, meeshaa baayʼee cimaa ture. Funyoo gogaa irraa hojjetame siʼa taʼu, fiixee isaa irratti wanta dhagaa keessa kaaʼuuf gargaaru qaba; meeshaan kun tiksee tokkoof baayʼee barbaachisaa ture. Dhagaa keessa kaaʼanii, saffisaan mataa irra naannessuudhaan dhagicha darbatanii bakka rukutuu barbaadan rukutu. Meeshaan kun buʼa qabeessa waan taʼeef, al tokko tokko humna waraanaa keessa gareen furrisa darbatu ni jiraata ture.

Daawit akkasitti erga hidhatee booda diina isaatti fiige. Daawit lagaa dhagaa xixinnoo shan yeroo funaannatutti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessee taʼuu qaba. Achiis suuta jedhee utuu hin taʼin fiigaa gara dirree waraanaatti qajeele!

Goliyaad nama isa loluuf baʼe yommuu argu maaltu isatti dhagaʼame? Seenaan isaa, “Dargaggeessa diimaa dhaaba tolu tokko yommuu arge in tuffate” jedha. Goliyaad, “Ani saree dhaa iyyuu ulee qabattee anatti dhuftee?” jedhee isatti oriʼe. Goliyaad ulee Daawit malee furrisa isaa akka hin argine haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Maqaa waaqayyolii Filisxeemotaatiin Daawitiin abaare. Achiis, foon isaa allaattota samii keessa balaliʼanii fi bineensotaaf akka kennu dubbate.—1 Saamuʼel 17:41-44.

Deebiin Daawit kenne hanga yeroo ammaatti ibsa amantii guddaa akka taʼetti ilaalama. Dargageessi kun Goliyaadiin yommuu akkana jedhu yaadaan ilaali: “Ati illee billaa, eeboodhaa fi bodee keetiin anatti dhuftaa, ani garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa maccaa, Waaqayyo loltoota Israaʼel isa ati itti gaʼifte sanaan sitti nan dhufa.” Daawit humni namootaa fi meeshaan waraanaa murteessaa akka hin taane hubateera. Goliyaad Yihowaa waan tuffatteef, Yihowaan tarkaanfii ni fudhata. Akkuma Daawit jedhe, ‘lolli kun kan Waaqayyoo ti.’—1 Saamuʼel 17:45-47.

Daawit Goliyaad guddaa taʼuu isaa fi meeshaa waraanaa isaa argeera. Taʼus, Daawit wantoonni kun akka isa sodaachisan hin heyyamne. Dogoggora Saaʼolii fi loltoonni isaa raawwatan hin hojjenne. Daawit Goliyaadii wajjin of hin madaalle. Kanaa mannaa Yihowaa fi Goliyaadiin wal bira qabee ilaale. Goliyaad meetira 2.9 kan dheeratu siʼa taʼu, namoota kaan hunda ni caala; haa taʼu malee, Yihowaa isa uumama cufa irratti ol aantummaa qabuu wajjin yommuu ilaalamu hammam gaʼa? Eeyyee, akkuma namoota kaanii Yihowaa duratti hamma ilbiisaa gaʼa; amma immoo Yihowaan isa balleessuuf jedha!

Daawit dhagaa fudhachuuf harka isaa korojoo keessa galchaa, gara diina isaatti fiige. Furrisa isaa irra dhagaa kaaʼee hanga furrisichi siiqsutti naannesse. Goliyaad nama gaachana isaaf baatu duuba deemaa Daawititti siqe. Namni gaachana isaaf baatu gaachana ol qabee mataa isaa golguun waan isa rakkisuuf, Goliyaad baayʼee dheeraa taʼuun isaa balaadhaaf isa saaxileera. Daawitis rukutuu kan barbaade iddoo hin golgamne kana ture.—1 Saamuʼel 17:41.

Daawit namni guddaa taʼe illee Yihowaa duratti xinnoo taʼuu isaa hubateera

Achiis Daawit dhagicha ni darbate. Daawit iddoo barbaade yommuu rukutetti hundumtuu yeroo callisan sitti haa mulʼatu. Yihowaan Daawit dhagaa tokkoon qofa akka isa ajjeesu godhe. Dhagaan sun iddoo barbaadame kan rukute siʼa taʼu, adda Goliyaad keessa bade. Namni hamma arbaa gaʼu sun addaan lafatti gombifame! Namichi gaachana isaaf baatus sodaatee baqate. Achiis Daawit dhaqee billaa Goliyaad luqqisee mataa isaa irraa kute.—1 Saamuʼel 17:48-51.

Dhuma irratti, Saaʼolii fi loltoonni isaa jabina argatan. Dhaadachaa Filisxeemota duukaa buʼan. Waraanichi akkuma Daawit Goliyaadiin ‘Waaqayyo harka keenya keessa isin buusa’ jedhee ture taʼe.—1 Saamuʼel 17:47, 52, 53.

Yeroo harʼaatti tajaajiltoonni Waaqayyoo waraana irratti hin hirmaatan. Amma barri sun darbeera. (Maatewos 26:52) Taʼus, fakkeenya Daawit hordofuu qabna. Akkuma isaa Yihowaan nuuf dhugoomuu qaba; jechuunis Waaqa tokkicha tajaajiluu qabnuu fi ulfinni guddaan isaaf malu taʼuu isaa hubachuu qabna. Yeroo tokko tokko rakkinni nu mudatu humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼamus, Yihowaa isa humni isaa daangaa hin qabneef garuu xinnoo dha. Yihowaan Waaqa keenya akka taʼu yoo filannee fi akkuma Daawit isatti yoo amanamne qorumsi ykn rakkoon kam iyyuu nu hin sodaachisu. Wanti kam iyyuu humna Yihowaatii ol miti!