Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | SAARAA

Saaraa Ishii Haadha Moototaa Taate

Saaraa Ishii Haadha Moototaa Taate

SAARAAN hojii ishii irraa ol jettee gara gamaa ilaalte. Tajaajiltoonni qajeelfama ishiin ogummaa irratti hundooftee isaaniif kennituun gammachuudhaan dhimmanii hojjechaa jiru. Saaraa ishiin kaamettiinis hojjechaa jirti. Yaadaan fudhatamtee harka ishii lamaan bututan yommuu susukkuummattu isinitti haa mulʼatu. Tarii dunkaana keessa jiraatan baqaqaa isaa hodhuudhaan hojiin itti baayʼatee ture taʼa. Dunkaanni rifeensa reʼee irraa hojjetame kun waggoota hedduudhaaf aduu fi bokkaadhaan halluun isaa waan gadhiiseef, jireenya waggoota dheeraadhaaf iddootii gara iddootti deemuudhaan jiraatan ishii yaadachiisa ture. Yeroon isaa gara galgalaa yommuu taʼu, aduunis diimatteetti. Saaraan, Abrahaam * ganama yommuu inni deemu isa ilaalaa waan turteef, karuma sana irra deebiʼee akka dhufu eegaa jirti. Tulluu irratti abbaan manaa ishii fagootti yommuu argitu fuulli ishii inni miidhagaan gammachuudhaan ife.

Abrahaam maatii isaa isa balʼaa fudhatee Laga Efraaxiisiin ceʼuudhaan biyya Kanaʼaan erga gaʼee waggaan kudhan darbeera. Saaraan kaayyoo Yihowaan sanyii fi saba bakki guddaan kennamuuf argamsiisuuf qabu keessatti gaʼee guddaa abbaan manaa ishii qabu waan beektuuf, imala dheeraa biyya hin beeknetti godhan kana irratti fedhiidhaan isa deggerteetti. Haa taʼu malee, Saaraan gaʼee akkamii qabdi? Dhala kan hin godhanne taʼuu ishii irra iyyuu, amma umuriin ishii waggaa 75 taʼeera. Kanaaf, ‘Ani haadha manaa Abrahaam taʼee ilma hin godhanneef erga taʼee, abdiin Yihowaan kenne akkamitti raawwatamuu dandaʼa?’ jettee yaaddee taʼuu dandaʼa. Saaraan waaʼeen kanaa yoo ishii yaaddesse, darbees yoo obsa ishii dhabsiise dhugaa qabdi.

Nutis yeroo tokko tokko abdiin Waaqayyo kenne yoom akka raawwatamu nu yaaddessa taʼa. Keessumaa abdii tokko hawwiidhaan kan eeggannu yoo taʼe, obsa argisiisuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Amantii dubartiin gaariin kun argisiiste irraa maal barachuu dandeenya?

“WAAQAYYO . . . NA DHOWWE”

Maatichi Gibxiitii kan deebiʼe dhiheenya kanatti dha. (Uumama 13:1-4) Tulluuwwan Betʼel ishii Kanaʼaanonni Luz jedhanii waaman kallattii bahaa jiran irra buufatan. Saaraan tulluu guddaa kana irra dhaabattee harka caalaa Biyyattii Abdachiifamte ilaaluu dandeessi. Mandaroonni Kanaʼaanotaa fi karaawwan imaltoonni biyya fagoo irra deeman ni mulʼatu. Haa taʼu malee, kun hundinuu biyya dhalootaa Saaraa wajjin matumaa kan walgitu miti. Ishiin kan guddatte Ur ishii magaalaa Mesophotaamiyaa kiilomeetira 1,900 fagaattee jirtutti dha. Saaraan yommuu achii baatu firoota hedduu irraa gargar baateetti, achiis magaalaa hoʼituu suuqii hedduu qabduu fi jireenyaaf mijataa taʼe, tarii immoo mana ishii akka gaariitti ijaaramee fi bishaan ujummoodhaan darbu qabu dhiistee deemteetti! Taʼus, Saaraan mana ijoollummaa ishii isa mijataa ture yaaduudhaan gaddaan gara bahaa ilaalaa akka jirtu goonee yoo yaanne, dubartii Waaqayyoof bulte kana hin beeknu jechuu dha.

Wanta Phaawulos ergamaan gara waggoota 2,000 booda geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse hubadhu. Amantii Saaraa fi Abrahaam argisiisan ilaalchisee, “Iddoo dhiisanii baʼan sana yaaduu isaanii utuu itti fufaniiru taʼee, achitti deebiʼuuf carraa qabu turan” jedheera. (Ibroota 11:8, 11, 15) Saaraanis taʼe Abrahaam wanta dhiisanii dhufan hin hawwine. Yaada akkasii utuu qabaataniiru taʼee, gara biyya isaaniitti deebiʼuuf murteessuu dandaʼu turan. Utuu Uritti hafaniiru taʼee immoo, mirga guddaa Yihowaan isaaniif kenne kana hin argatan turan. Akkasumas fakkeenya amantii taʼuudhaan garaa namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii tuquun haa hafuutii, namni isaan yaadatu iyyuu hin jiru ture.

Saaraan wanta booda ishii jiru utuu hin taʼin wanta fuuldura ishii ilaalti turte. Kanaaf imala abbaan manaa ishii biyyicha keessatti godhu deggeruu ishii itti fufteetti; dunkaana buqqisuudhaan, horii oofanii yommuu deemanii fi dunkaana isaanii deebisanii dhaaban isa gargaarteetti. Saaraan rakkoowwanii fi jijjiiramawwan kaanis dandamatteetti. Yihowaan waadaa Abrahaamiif gale kan haaresse taʼus, waaʼee Saaraa garuu amma iyyuu hin dubbanne!—Uumama 13:14-17; 15:5-7.

Dhuma irratti, Saaraan yeroo wanta sammuu ishii keessa jiru tokko Abrahaamitti himuuf murteessite ni gaʼe. Miira wal makaa keessa ishii jiruu wajjin qabsaaʼaa, “Waaqayyo dhala godhachuu akka na dhowwe in argita” yommuu jettu fuula ishii irraa maaltu akka mulʼatu yaadi. Achiis abbaan manaa ishii hojjettuu ishii Aggaar irraa ijoollee akka godhatu isa gaafatte. Saaraan wanta kana yommuu abbaa manaa ishii gaafattu hangam dhiphattee akka turte tilmaamuu dandeessaa? Yeroo ammaatti gaaffii akkasii gaafachuun kan hin baramne taʼus, bara sanatti garuu namni tokko ilma isa dhaalu argachuuf haadha manaa lammaffaa fuudhuu ykn saajjatoo qabaachuu ni dandaʼa ture. * Saaraan kaayyoon Waaqayyo karaa sanyii Abrahaam saba akka hundeessu dubbate karaa kanaan akka raawwatamu yaaddee taʼuu dandaʼaa laata? Kanas taʼe sana, aarsaa rakkisaa taʼe illee kaffaluuf fedhii qabdi turte. Abrahaam hoo maal godhe? Kitaabni Qulqulluun, “Dubbii [Saaraa] in dhaga’e” jedha.—Uumama 16:1-3.

Seenaan kun Saaraan gaaffii akkasii akka dhiheessitu kan ishii kakaase Yihowaa akka taʼe ibsaa? Lakki. Kanaa mannaa, gaaffiin ishiin dhiheessite ilaalcha namaa akka qabdu kan mulʼisu dha. Rakkina ishiitiif kan itti gaafatamu Waaqayyo akka taʼe waan yaaddeef, Waaqayyo furmaata kan biraa ni kenna jettee yaaduu hin dandeenye. Furmaanni Saaraan ofuma ishiitii fidde, rakkinaa fi gadda ishiitti fideera. Taʼus gaaffiin ishiin dhiheessite, akka ishiin ofittoo hin taane ragaa guddaa taʼa. Saaraan addunyaa namoota yeroo baayʼee wanta kam iyyuu caalaa fedhii isaaniitiif dursa kennan keessatti, fedhii ofittummaa irraa walaba taʼe akkasii argisiisuun ishii kan nama dinqisiisu mitii? Nutis fedhii keenya caalaa kaayyoo Waaqayyootiif dursa kennuuf fedhii yoo qabaanne fakkeenya amantii Saaraa hordofaa jirra jechuu dha.

“KOLFITEETTA”

Sana booda utuma baayʼee hin turin Aggaar Abrahaamiif ulfoofte. Tarii Aggaar ulfaaʼuun ishii Saaraa caalaa iddoo guddaa akka qabdu akka ishiitti dhagaʼamu waan godheef taʼuu hin oolu, giiftii ishii tuffachuu jalqabde. Kun Saaraa ishii dhabduu turte baayʼee gaddisiisee ture! Saaraan heyyama Abrahaamii fi deggersa Waaqayyootiin, karaa hin ibsamneen Aggaariin adabdeetti. Aggaar ilma ishii Ishmaaʼel erga deessee waggoonni hedduun darbaniiru. (Uumama 16:4-9, 16) Seenaan isaa, sana booda Yihowaan ergaa kan isaaf erge Saaraan waggaa 89, abbaan manaa ishii immoo waggaa 99 yeroo turanitti akka taʼe ibsa. Ergaan isaaniif dhufes baayʼee kan nama gammachiisu ture!

Yihowaan ammas Abrahaam isa michuu isaa taʼeef sanyii isaa akka baayʼisu irra deebiʼee abdii isaaf kenne. Akkasumas Waaqayyo maqaa isaa jijjiire. Hamma yeroo kanaatti Abraam jedhamee waamama ture. Haa taʼu malee Yihowaan, Abrahaam jedhee maqaa isaa kan jijjiire siʼa taʼu, hiikni isaas “Abbaa Saba Hedduu” jechuu dha. Achiis yeroo jalqabaatiif Yihowaan gaʼee Saaraan kaayyoo isaa keessatti qabdu ibse. Maqaa ishii isa Saaraayi jedhamuu fi hiikni isaa “Falmituu” jechuu taʼuu dandaʼu jijjiiree, Saaraa jedhee maqaa hundumti keenya beeknu ishiidhaaf moggaase. Saaraa jechuun maal jechuu dha? Haadha Moototaa jechuu dha! Yihowaan dubartii jaallatamtuu kanaaf maqaa kana maaliif akka filate yommuu ibsu akkana jedheera: “Ani ishee nan eebbisa, ilmas immoo ishee irraa siif nan kenna; ani ishee nan eebbisa, isheenis saba baayʼeedhaaf haadha in taati; mootonni saba garaa garaa ishee irraa in argamu.”—Uumama 17:5, 15, 16.

Kakuu Yihowaan sanyii saba hunda eebbisu akka fidu gale karaa ilma Saaraan deessuun raawwatama! Maqaan Waaqayyo ilma isaaniitiif filate Yisihaaq kan jedhu siʼa taʼu, hiikni isaas “Kolfa” jechuu dha. Abrahaam, Yihowaan Saaraan ilma akka deessu gochuudhaan ishii eebbisuuf kaayyoo akka qabu yeroo jalqabaatiif yommuu dhagaʼu, “fuula isaatiin gad in gombifame; garuu in kolfe.” (Uumama 17:17) Abrahaam wanta dhagaʼetti dinqisiifamee fi baayʼee gammadee ture. (Roomaa 4:19, 20) Saaraatti hoo maaltu dhagaʼame?

Sana booda utuma baayʼee hin turin, keessummoonni sadii gara dunkaana Abrahaam dhufan. Yeroon isaa aduu saafaa taʼus, hiriyoonni gaaʼelaa maanguddoo taʼan kun saffisaan keessummoota kana keessummeessuu jalqaban. Abrahaam Saaraadhaan, “Dafiitii daakuu baʼeessa qodaa safaraa sadii sukkuumii bixxillee tolchi!” jedhe. Bara sanatti keessummaa simachuun hojii hedduu kan gaafatu ture. Abrahaam hojii hunda haadha manaa isaatti dhiisee hin teenye; kanaa mannaa innis fiigee dibicha baʼeessa qalee nyaataa fi dhugaatii dabalataa qopheesse. (Uumama 18:1-8) “Namoonni” sun maleekota Yihowaa turan! Phaawulos ergamaan kana yaadatti qabatee akkana jedhee waan barreesse fakkaata: “Keessummoota simachuu hin dagatinaa; sababiin isaas, namoonni tokko tokko karaa kanaan utuu hin beekin maleekota simataniiru.” (Ibroota 13:2) Ati hoo fakkeenya gaarii Abrahaamii fi Saaraa keessummoota simachuudhaan argisiisan hordofuu dandeessaa?

Saaraan keessummoota simachuu jaallatti turte

Maleekota sana keessaa inni tokko, waadaa Waaqayyo Saaraan ilma akka godhattu Abrahaamiif galee ture irra deebiʼee yommuu isatti himu, Saaraan dunkaana ishii keessa teessee dhaggeeffachaa turte. Umurii ishii kanatti mucaa godhachuun waan hin fakkaanne akka taʼe waan ishiitti dhagaʼameef, “Ergan dulloomee dadhabe, abbaa manaa koo bira gaʼuu iyyuu nan hawwaa ree?” jettee garaa ishiitti kolfite. Maleekaan sunis, “Wanti dinqisiisaan Waaqayyo gochuu dadhabu jiraa ree?” jedhee ishii gaafachuudhaan ilaalcha ishii sirreesse. Saaraan waan sodaatteef akka hin kolfine dubbate; kun immoo wanta namni kam iyyuu utuu iddoo ishii taʼee raawwatu dha. Saaraan “Ani hin kolfine!” jette. Maleekaan sun garuu, “Lakkii, kolfiteetta” jedheen.—Uumama 18:9-15.

Saaraan kolfuun ishii amantiin ishii akka hirʼate kan argisiisu dhaa? Matumaa. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Saaraan umuriin ishiin dhala godhachuu itti dandeessu kan darbe taʼus, amantiidhaan mucaa ulfaaʼuuf humna argatte, ishiin Inni abdii kenne sun amanamaa taʼuu isaa yaaddee turte.” (Ibroota 11:11) Saaraan Yihowaa beekti turte; abdii kenne kam iyyuu raawwachuu akka dandaʼus beekti turte. Nu keessaa namni amantiin akkasii isa hin barbaachisne jiraa? Waaʼee Waaqa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee akka gaariitti beekuuf carraaquu qabna. Akkas yoo goone Saaraan Waaqayyoo irratti amantii akkasii qabaachuun ishii sirrii akka ture ni hubanna. Dhuguma iyyuu Yihowaan amanamaa waan taʼeef abdii kenne hunda ni raawwata; al tokko tokko karaa abdiin inni kenne itti raawwatu dinqisiifannaadhaan akka kolfinu nu gochuu dandaʼa!

“WAANUMA SAARAAN SITTI HIMTU DHAGAʼI!”

Yihowaan amantii guddaa Saaraan argisiisteef ishii kiiseera

Saaraan wanta jireenya ishii guutuu hawwaa turte waggaa 90⁠tti argatte. Abbaa manaa ishii isa jaallatamaa amma waggaa 100 guuteef ilma deesse! Abrahaamis akkuma Waaqayyo isatti hime Yisihaaq ykn “Kolfa” jedhee maqaa isaaf moggaase. Fuulli Saaraa inni dullumaan shuntuure gammachuudhaan guutamee, “Waaqayyo sababii ani ittiin kolfu anaaf kenne, warri dhagaʼan hundinuus anaa wajjin in kolfu” jettee yommuu dubbattu ija qalbii keenyaatiin ilaaluu dandeenya. (Uumama 21:6) Kennaan dinqiidhaan Yihowaa irraa argatte kun, jireenya ishii hafe hunda gammachuudhaan akka jiraattu akka ishii godhu beekamaa dha. Haa taʼu malee, kennaan kun itti gaafatamummaa guddaas ishiitti fideera.

Yisihaaq waggaa shan yommuu guutu, maatichi yeroo mucichi harma itti guʼe sababeeffatee cidha qopheesse. Wanti nama yaaddessu tokko garuu jira ture. Saaraan amala gadhee tokko “argite.” Ishmaaʼel ilmi Aggaar inni umuriin isaa 19 taʼe, yeroo hunda Yisihaaq isa xinnoo turetti qoosa ture. Qoosaan isaa garuu tapha qofa hin turre. Phaawulos ergamaan yeroo booda hafuuraan geggeeffamee akkuma barreesse, Ishmaaʼel Yisihaaq irra ariʼatama geessisee ture. Saaraan kun nageenya ilma ishii balaa irra akka buusu hubattee turte. Saaraan, Yisihaaq ilma ishii qofa akka taʼe qofa utuu hin taʼin, kaayyoo Yihowaa keessatti gaʼee guddaa akka qabu hubattee turte. Kanaaf akkuma fedhetti iyyuu of jajjabeessitee, dhimma isaa ifatti Abrahaamitti himte. Aggaarii fi ilma ishii Ishmaaʼel akka ariʼu isa gaafatte.—Uumama 21:8-10; Galaatiyaa 4:22, 23, 29.

Yeroo kanatti Abrahaamitti maaltu dhagaʼame? Kitaabni Qulqulluun, “Dubbiin waaʼee Ishmaaʼel ilma isaatii kun Abrahaamiin baayʼee in rakkise” jedha. Abrahaam Ishmaaʼeliin baayʼee jaallata ture; miirri isaa kun wanta raawwatame akka hin hubanne isa taasiseera. Haa taʼu malee, Yihowaan dhimma isaa sirriitti ilaalaa waan tureef gidduu seene. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqayyo garuu Abrahaamiin, ‘Waaʼeen mucichaa fi waaʼeen xomboree keetii si hin rakkisin! Sanyiin kee maqaa Yisihaqin waan waamamuuf, waanuma Saaraan sitti himtu dhagaʼi!’” Yihowaan Aggaarii fi ilma ishiitiif wanta isaan barbaachisu akka isaaniif kennu Abrahaamitti hime. Abrahaam inni amanamaa turees akkuma jedhame godheera.—Uumama 21:11-14.

Saaraan Abrahaamiif haadha manaa gaarii fi gargaartuu dhugaa turte. Ishiin wanta abbaan manaa ishii dhagaʼuu barbaadu qofa kan itti himtu hin turre. Rakkina maatichaa fi jireenya isaanii gara fulduraa tuqu tokko yommuu argitu abbaa manaa ishiitti ifatti himteetti. Ifatti dubbachuun ishii abbaa manaa ishii akka hin kabajne kan argisiisu akka taʼetti ilaalamuu hin qabu. Pheexiros ergamaan inni haadha manaa qabu ture, yeroo booda Saaraan ulfina guddaa argisiisuudhaan haadhotii manaatiif fakkeenya guddaa akka taatu dubbateera. (1 Qorontos 9:5; 1 Pheexiros 3:5, 6) Dhugaa isaa dubbachuuf, dhimmi kun Abrahaam irrattis taʼe maatii isaa irratti miidhaa guddaa kan geessisu waan tureef, Saaraan kana utuu isatti hin himne taʼee, akka isaaf ulfina hin qabneetti ilaalama ture. Saaraan wanta dubbatamuu qabu jaalalaan kakaatee dubbatteetti.

Haadhotii manaa hedduun fakkeenya Saaraatiif bakka guddaa kennu. Ishii irraa abbootii manaa isaanii wajjin iftoominaa fi karaa ulfinaan qabuun dubbachuu baratu. Haadhotiin manaa tokko tokko akkuma Yihowaan Saaraadhaaf godhee ture, dhimma tokko gidduu akka seenu yeroon itti hawwan jiraachuu dandaʼa. Taʼus amantii, jaalalaa fi obsa dinqisiisaa Saaraan argisiiste irraa barumsa guddaa argatu.

Yihowaan Haadha Moototaa jedhee ishii waamus, akka mootuutti akka kabajamtu hin eegne

Yihowaan dubartii jaallatamtuu kana Haadha Moototaa jedhee kan ishii waame taʼus, akka mootuutti akka kabajamtu hin eegne. Yommuu umurii ishii waggaa 127⁠tti duutetti, Abrahaam ‘Saaraadhaaf gadduu fi isheedhaaf booʼuun’ isaa nama hin dinqisiisu. * (Uumama 23:1, 2) Abrahaam Haadha Moototaa jaallatamtuu kana dhabuu isaatiin baayʼee gaddeera. Yihowaanis dubartiin amanamtuun kun duʼuu ishiitiin akka gaddee fi lafa jannata taatu irratti duʼaa ishii kaasuuf akka hawwu homaa hin shakkisiisu. Saaraas taʼe namoota fakkeenya amantii ishii hordofan hunda, jireenya bara baraa gammachiisaa taʼetu isaan eega.—Yohaannis 5:28, 29.

^ key. 3 Haati manaa fi abbaan manaa kun, hanga Waaqayyoo maqaa isaanii jijjiiretti Abraamii fi Saaraayi jedhamanii waamamu turan; mata duree kana keessatti garuu maqaa isaanii isa balʼinaan ittiin beekamaniin fayyadamna.

^ key. 10 Yihowaan yeroo muraasaaf haadha manaa tokkoo ol fuudhuu fi saajjatoo qabachuu heyyamee kan ture taʼus, yeroo booda seera Inni jalqaba Eeden keessatti hiriyaa gaaʼelaa tokko qofa akka qabaannu kennamee Yesuus Kiristoos deebisee akka hundeessu mirga isaaf kenneera.—Uumama 2:24; Maatewos 19:3-9.

^ key. 25 Dubartoota Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman keessaa, waggaa meeqatti akka duute kan ibsame Saaraa qofa dha.