Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA AFUR

Ooʼa Argisiisuu Barateera

Ooʼa Argisiisuu Barateera

1. Yoonaas karaa akkamiitu isa eeggata ture? Waaʼee Nanawwee yommuu yaadu maaltu isatti dhagaʼame?

YOONAAS hojii isaaf kennamerratti yaaduuf yeroo gaʼaa qaba. Karaa kiilomeetira 800 ol taʼu miillaan deemuu kan qabu siʼa taʼu, kunis tarii gara jiʼa tokkoo ykn isaa ol isatti fudhachuu dandaʼa. Adeemsa kana jalqabuuf karaa isa gabaabaa filachuu ykn karaa isa dheeraafi balaadhaaf nama hin saaxille filachuu, achiis utuu walirraa hin kutin dachaa hedduu qaxxaamuruufi tulluu hedduu baʼee buʼuun isa barbaachisa. Sana booda tarii Lafa Onaa Sooriyaa isa balʼaa taʼe qarqara deemuu, lageen gurguddaa kan akka Efraaxiis ceʼuu, mandaroota Sooriyaa, Mesophotaamiyaafi Asor keessa namoota hin beeknee wajjin buluun isa barbaachisee taʼuu dandaʼa. Guyyoota hedduu booda, iddoo dhaqu sanatti caalaatti yommuu dhihaatu, waaʼee mandara Nanawwee yaaduudhaan garmalee sodaachuu jalqabe.

2. Yoonaas hojii isaaf kennamerraa baqachuu akka hin dandeenye kan hubate akkamitti?

2 Sanas taʼe kana, Yoonaas hojii isaaf kennamerraa baqatee duubatti deebiʼuu akka hin dandeenye mirkanaaʼaa ture. Kanaan dura dogoggora akkasii raawwateera. Mataduree darberratti, Yihowaan obomboleettii galaanaatti fayyadameefi qurxummiin guddaan tokko dinqiidhaan akka isa oolchu gochuudhaan obsaan akka isa barsiise ilaalleerra. Yoonaas guyyaa sadii booda nama dinqisiifannaa qabu, ajajamuufi gad of deebisu taʼuudhaan qarqara galaanaatti baafameera.—Yoonaas, boq. 1, 2.

3. Yihowaan Yoonaasiif maal godhe? Haataʼu malee gaaffii akkamiitu kaʼa?

3 Yihowaan Yoonaas Nanawwee akka dhaqu yeroo lammataatiif yommuu isa ajaju, raajiin kun ajajamuudhaan kallattii bahaatiin karaa dheeraa sana deemuu jalqabe. (Yoonaas 3:1-3 dubbisi.) Taʼus, adabni Yihowaan isaaf kenne guutummaatti jijjiirama akka godhu isa gargaaree turee? Fakkeenyaaf, Yihowaan galaanaan akka hin liqimsamne gochuu, ajajamuu diduusaatiif isa adabuu dhiisuufi hojii isaa kenname akka raawwatu yeroo lammataatiif carraa isaaf kennuudhaan ooʼa isatti argisiiseera. Kana hunda booda, Yoonaas warra kaanitti ooʼa argisiisuu barateeraa? Ooʼa argisiisuu barachuun yeroo baayʼee namoota cubbuu dhaalaniif ulfaataadha. Mee ooʼa argisiisuu ilaalchisee haala Yoonaasiin mudaterraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

Ergaa Firdii Yihowaa Fudhatanii Jijjiirama Godhan

4, 5. Yihowaan Nanawween “mandara guddittii” akka taate kan dubbate maaliifi? Kun waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

4 Yoonaas ilaalcha Yihowaan Nanawweedhaaf qabu hin qabu ture. Seenaansaa, “Nanawween fuula Waaqayyoo duratti iyyuu mandara baayʼee guddoo turte” jedha. (Yon. 3:3) Yoonaas, Yihowaan Nanawween “mandara guddittii” akka taate al sadii dubbachuusaa barreesseera. (Yon. 1:2; 3:2; 4:11) Yihowaan mandarri kun guddoo akka taate kan dubbate ykn mandara kanaaf iddoo guddaa kan kenne maaliifi?

5 Nanawween mandara Naamrud Bishaan Badiisaa booda hundeesse keessaa tokko waan taateef umrii dheeraa qabdi. Mandara kana keessa qaxxaamuruuf guyyaa sadii waan fudhatuuf, Nanawween mandara guddoo mandaroota hedduu of keessaa qabdu akka turte haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. (Uma. 10:11; Yon. 3:3) Nanawween manneen sagadaa gurguddaa, dallaa dheeraafi gamoowwan babbareedaa hedduu kan qabdu turte. Mandarri kun Yihowaa duratti iddoo guddaa akka qabaattu kan godhe garuu wantoota kana miti. Yihowaan iddoo guddaa kan kenne namoota ishee keessa jiraniif ture. Nanawween mandaroota yeroo sana turan hunda caalaa uummata hedduu qabdi turte. Namoonni ishee keessa jiran gadhee yoo taʼanis, Yihowaan isaaniif yaada ture. Yihowaan namoota hunda dhuunfaatti ni jaallata, akkasumas yaada garaa akka geddarataniifi akka baratan barbaada.

Yoonaas Nanawween mandara guddoo jalʼinaan guutamte taʼuushee hubateera

6. (a) Yoonaas Nanawwee kan sodaate maaliif ture? (Miiljalees ilaali.) (b) Hojii lallabaa inni raawwaterraa waaʼee Yoonaas maal baranna?

6 Yoonaas Nanawwee erga gaʼee booda mandarri kun uummata 120,000 ol taʼan akka qabdu yommuu hubatu baayʼee sodaatee taʼuu qaba. * Yoonaas mandara namootaan guutamte kana keessa tarii walakkaa mandara kanaa bakka ergaasaa labsuuf mijataa taʼe gaʼuuf gara guyyaa tokkoo deemee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee namoota kanatti ergaasaa himuu kan dandaʼu akkamitti? Qooqa Asorotaa baratee turee laata? Moo Yihowaan afaan kana dinqiidhaan akka dubbatu dandeettii isaaf kennee ture? Waaʼee kanaa hin beeknu. Tarii ergaasaa afaan Ibrootaa isa afaan dhalootaasaa taʼeen erga dubbatee booda, namni gara biraan akka isaaniif hiiku godhee taʼuu dandaʼa. Sanas taʼe kana, ergaansaa gabaabaafi “Nanawween garagaggaluudhaaf guyyaa afurtama duwwaatu hafe” kan jedhu waan taʼeef, namoota biratti fudhatama kan argatu hin fakkaatu. (Yon. 3:4) Yoonaas ergaa kana ija jabinaan irra deddeebiʼee dubbateera. Kanaan kan kaʼes amala yeroo kamiyyuu caalaa yeroo harʼaatti Kiristiyaanotaaf barbaachisu, jechuunis ija jabinaafi amantii guddaa akka qabu argisiiseera.

Ergaan Yoonaas gabaabaa yommuu taʼu, namoota birattis fudhatama kan argatu hin fakkaatu ture

7, 8. (a) Namoonni Nanawwee ergaa Yoonaas dhagaʼanii maal godhan? (b) Mootiin Nanawwee ergaa Yoonaas yommuu dhagaʼu maal godhe?

7 Namoonni Nanawwee ergaa Yoonaasiif xiyyeeffannaa kennan. Yoonaas namoonni sun na jibbu, akkasumas miidhaa narraan geessisu jedhee eegee akka ture hin shakkisiisu. Haataʼu malee, wanti raawwatame kanarraa adda ture. Namoonni sun ergicha ni dhaggeeffatan. Wanti inni dubbate akka ibidda saafaa takkaadhaan biyya guute. Utuma baayʼee hin turin, guutummaan mandarichaa raajii Yoonaas waaʼee badiisaa dubbate sana odeessuu jalqabe. (Yoonaas 3:5 dubbisi.) Sooressonnis taʼan hiyyeessonni, ciccimoonnis taʼan dadhaboon, dargaggoonnis taʼan maanguddoonni yaada garaasaanii geddaratan. Akkasumas ni sooman. Jijjiiramni namoonni sun godhan yeruma sana gurra mootichaa gaʼe.

Yoonaas Nanawweetti lallabuuf ija jabinaafi amantii cimaa qabaachuun isa barbaachisee ture

8 Mootichis yommuu ergaa Yoonaas dhagaʼu yaada garaa geddarate. Waaqayyoon sodaachuudhaan, teessoosaarraa kaʼee, uffatasaa ofirraa baasee uffata namoonni hundi uffatan uffachuudhaan, “daaraa keessa in taaʼe.” Achiis “gurguddoota” ykn namootasaa beekamoo taʼanii wajjin, namoota muraasa qofa utuu hin taʼin, guutummaan biyyichaa akka soomu labsii baase. Horii manaa dabalatee namoonni hundi uffata gaddaa akka uffatan ajaje. * Namoonni biyyasaa keessa jiran hamoota akka taʼaniifi wanta gadhee kan raawwatan taʼuusaanii gad of deebisuudhaan amanee fudhate. Mootichi, “Waaqayyo . . . akka nuyi hin badnettis aarii isaa isa finiinaa irraa in deebiʼa taʼa” jechuudhaan, Waaqni dhugaan yaada garaa geddarachuusaanii argee ooʼa akka isaanitti argisiisu abdii qabu dubbate.—Yon. 3:6-9.

9. Mormitoonni namoota Nanawwee ilaalchisee maal jedhanii shakku? Haataʼu malee namoonni kun akka dogoggoran akkamitti beekna?

9 Namoonni Macaafa Qulqulluu morman tokko tokko namoonni Nanawwee akkasitti dafanii yaada garaa geddarachuu hin dandaʼan jedhanii shakku. Haataʼu malee hayyoonni Macaafa Qulqulluu namoonni bara durii amantii sobaa kan hordofaniifi yaadasaanii kan jijijjiiran waan turaniif kana gochuunsaanii haaraa akka hin taane dubbataniiru. Kana malees, Yesus Kiristos yeroo booda namoonni Nanawwee yaada garaa akka geddaratan waan dubbateef, yaanni mormitoota kanaa dogoggora akka taʼe beekna. (Maatewos 12:41 dubbisi.) Yesus yeroo wantoonni kun raawwataman samiirra taaʼee ilaalaa waan tureef waaʼee dhimma kanaa sirriitti beeka. (Yoh. 8:57, 58) Kanaaf, namoonni hammamiyyuu hamoota yoo nutti fakkaatan matumaa yaada garaa geddarachuu hin dandaʼan jennee yaaduu hin qabnu. Wanta garaa namaa keessa jiru arguu kan dandaʼu Yihowaa qofadha.

Garaagarummaa Ooʼa Waaqayyoofi Gara Jabina Namootaa Gidduu Jiru

10, 11. (a) Namoonni Nanawwee yommuu yaada garaa geddaratan Yihowaan maal godhe? (b) Murtoon Yihowaa dogoggora akka hin turre mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

10 Yihowaan namoonni Nanawwee yommuu yaada garaa geddaratan maal godhe? Yoonaas yeroo booda, “Waaqayyo kana gochuu isaanii, karaa isaanii isa hamaa irraa deebiʼuu isaaniis in arge; kanaaf inni wanta hamaa isaanitti fiduudhaaf dubbate sana in dhiise, irrattis hin fidne” jedhee barreesseera.—Yon. 3:10.

11 Kana jechuun Yihowaan Nanawweerratti dogoggoraan murtoo dabarsee ture jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Macaafni Qulqulluun murtoon Yihowaa mudaa akka hin qabne ibsa. (Keessa Deebii 32:4 dubbisi.) Taʼus, Yihowaan jijjiirama erga godhanii booda namoota Nanawweetti aaruu akka hin qabne murteesseera. Jijjiirama namoonni sun godhan kan arge siʼa taʼu, sana booda adaba isaanitti fiduuf yaade sana dhiisuunsaa barbaachisaa akka taʼe hubateera. Yeroo kanatti dhiifama gochuunsaa barbaachisaa ture.

12, 13. (a) Yihowaan sababa qabeessa, akka haalasaatti jijjiirama kan godhuufi ooʼa qabeessa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Raajiin Yoonaas dubbate soba kan hin turre maaliifi?

12 Yihowaan akka geggeessitoonni amantii yeroo baayʼee isa ibsan, jechuunis Waaqa yaadasaa hin jijjiirre, dantaa kan hin qabneefi gara jabeessa miti. Kanaa mannaa, sababa qabeessa, akka haalasaatti jijjiirama kan godhuufi ooʼa qabeessadha. Hamoonni akka warra Nanawwee yaada garaa geddaratanii jijjiirama akka godhan waan barbaaduuf, isaan adabuusaa dura bakka buutotasaa lafarratti argamanitti fayyadamuudhaan dursee akeekkachiisa kenna. (His. 33:11) Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa, “Battaluma ani saba tokko yookiis mootummaa tokko buqqisuuf, kuffisuuf, balleessuufis dubbadhutti, sabni ani inni dubbadhe sun karaa isaa isa hamaa irraa yoo deebiʼe, wanta hamaa isa ani itti fiduuf yaade sana nan dhiisa” jechuudhaan dubbateera.—Er. 18:7, 8.

Waaqayyo hamoonni akkuma namoota Nanawwee yaada garaa akka geddarataniifi jijjiirama akka godhan barbaada

13 Raajiin Yoonaas dubbate soba turee? Akeekkachiisa kennuudhaan kaayyoosaa waan raawwateef soba hin turre. Akeekkachiisni sun daandii hamminaa namoota Nanawweerratti kan xiyyeeffatu siʼa taʼu, isaanis yeruma sana jijjiirama godhaniiru. Namoonni Nanawwee gochasaanii isa hamaa utuu itti fufaniiru taʼee, Yihowaan murtoo duraan godhe sana isaanirratti raawwata ture. Wanti yeroo booda isaanirratti raawwatames kanuma ture.—Sef. 2:13-15.

14. Yihowaan Nanawweetti ooʼa argisiisuusaatti Yoonaas maaltu itti dhagaʼame?

14 Yoonaas yeroo inni yaadetti badiisni utuu hin dhufin yommuu hafu maaltu itti dhagaʼame? Seenaansaa, “Yoonaas waaʼee kanaaf baayʼee dallanee, aaree in bobaʼes” jedha. (Yon. 4:1) Yoonaas Waaqayyoon sirreessuu akka barbaadu haala argisiisuunillee kadhannaa dhiheesseera. Durumaanuu utuu biyyasaatii hin kaane taʼee gaarii akka ture dubbate. Yoonaas, Yihowaan Nanawweerratti badiisa akka hin fidne akka beekuufi jalqabumayyuu gara Tarsheeshitti kan baqates kanaaf akka taʼe dubbachuudhaan, wanti inni godhee ture sirrii taʼuusaa ibse. Achiis jiraachuurra duʼuun akka isaaf wayyu dubbachuudhaan duʼuuf kadhate.—Yoonaas 4:2, 3 dubbisi.

15. (a) Yoonaas akka aaruufi akka yaaddaʼu kan isa godhe maal taʼuu dandaʼa? (b) Yihowaan raajiisaa dhiphate kana akkamitti qabe?

15 Yoonaasiin kan yaaddesse maal ture? Maal yaadaa akka ture beekuu baannus, Nanawween akka baddu namoota sana hunda duratti labsaa akka ture garuu beekna. Isaanis waan inni dubbate amananiiru. Taʼus, badiisni jedhame sun hin dhufne. Yoonaas natti gaʼisama ykn raajii sobduun jedhama jedhee sodaatee turee laata? Sababiinsaa maaliyyuu yoo taʼe, Yoonaas namoonni sun yaada garaa geddarachuusaaniitti ykn Yihowaan ooʼa isaanitti argisiisuusaatti hin gammanne. Kanaa mannaa, caalaatti aaruusaa kan itti fufe, wanta raawwatetti kan gaabbe, akkasumas maqaansaa akka bade isatti dhagaʼamee kan ture fakkaata. Taʼus, Waaqni Yoonaas inni ooʼa qabeessa taʼe, raajiin dhiphate kun ammayyuu wanta gaarii akka qabu argee akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Yihowaan tuffii Yoonaas argisiiseef isa adabuu mannaa, “Ati aaruun siif in taʼaa ree?” jedhee gaarummaadhaan gaaffii salphaa isa gaafate. (Yon. 4:4) Maarree Yoonaas gaaffii kanaaf deebii kenneeraa? Macaafni Qulqulluun deebii kennuusaa hin dubbatu.

16. Namoonni tokko tokko Waaqayyo sirrii akka hin taane kan isaanitti dhagaʼamu karaawwan kamiini? Fakkeenya Yoonaasirraa maal barachuu dandeenya?

16 Wanti Yoonaas raawwate sirrii miti jedhanii murteessuun salphaa taʼus, yeroo baayʼee namoonni cubbuu dhaalan wanti Waaqayyo raawwatu sirrii akka hin taane godhanii yaaduu akka dandaʼan beekuu qabna. Namoonni tokko tokko Yihowaan balaan akka hin geenye ittisuu ykn hamootarratti dafee tarkaanfii fudhachuu ykn sirna biyya lafaa kana dafee balleessuu qaba ture jedhanii amanu. Fakkeenyi Yoonaas Yihowaan sirrii akka hin taane yommuu nutti dhagaʼamu, yeroo hunda sirreeffamuu kan qabu ilaalcha keenya malee matumaa ilaalcha Yihowaa taʼuu akka hin dandeenye nu yaadachiisa.

Yihowaan Yoonaasiin Barumsa Tokko Barsiise

17, 18. (a) Yoonaas Nanawwee gadhiisee erga baʼee booda maal godhe? (b) Biqiltuu sanaa wajjin haala wal qabateen dinqiiwwan Yihowaan raawwate Yoonaasitti maaltu akka dhagaʼamu godhe?

17 Raajiin mufate kun Nanawwee keessaa baʼee gara biyyasaatti deebiʼuu mannaa, kallattii bahaatiin tulluu tokkorra taaʼee bakka Nanawwee ilaaluu itti dandaʼu dhaqe. Achiis godoo xinnoo tokko ijaarratee keessa taaʼuudhaan wanta Nanawweerra gaʼu eeguu jalqabe. Tarii ammayyuu Nanawween ni baddi jedhee yaadaa ture taʼa. Yihowaan namni mata jabeessa taʼe kun ooʼa akka argisiisu akkamitti isa barsiisa laata?

18 Yihowaan biqiltuun buqqee hadhooftuu tokko halkanuma tokkotti biqilee akka guddatu godhe. Yoonaas hirribaa dammaqee biqiltuu lalisaa baala babalʼaa qabuufi godoo inni ijaarrate caalaa gaaddisa isaaf taʼuu dandaʼu arge. Yoonaas, tarii biqiltuun kun dinqiidhaan guddachuunsaa Waaqayyo akka isa eebbiseefi akka isatti gammade kan argisiisu akka taʼe godhee waan yaadeef “baayʼisee in gammade.” Haataʼu malee, Yihowaan aduu nama waxalu sanarraa isa oolchuufi aariisaarraa isa tasgabbeessuu caalaa waan raawwachuu barbaade tokko qaba. Garaa Yoonaas tuquu barbaadee ture. Kanaaf Waaqayyo dinqiiwwan dabalataa raawwate. Raammoon tokko biqiltuu sana ciniintee akka gogsitu erge. Achiis Yoonaas hamma “gaggabutti” “qilleensi baʼa-biiftuu inni gubaan” akka isatti qilleensaʼu godhe. Yoonaas yeroo kanatti baayʼee waan dhiphateef, Waaqayyo akka isa ajjeesu kadhate.—Yon. 4:6-8. *

19, 20. Yihowaan hiika biqiltuun buqqee hadhooftuu sun qabu Yoonaasiif kan ibse akkamitti?

19 Yihowaan ammas Yoonaas biqiltuun buqqee hadhooftuusun goguusaatti aaruunsaa sirrii taʼuufi dhiisuusaa isa gaafate. Yoonaas yaada garaasaa geddarachuu mannaa, “Ani hamma duʼaatti aaruuf iyyuu nan tolche” jechuudhaan sirrii taʼuusaa dubbate. Yeroo kanatti Yihowaan isa barsiisuuf carraa gaarii argate.—Yon. 4:9.

Waaqayyo Yoonaas ooʼa akka argisiisu isa barsiisuuf biqiltuu buqqee hadhooftuutti fayyadameera

20 Waaqayyo Yoonaas biqiltuu buqqee hadhooftuu inni hin dhaabneefi hin guddisne halkan tokkotti biqilee goguusaatti akka gadde isaaf ibse. Achiis Waaqayyo akkas jedheen: “Mandara Nanawwee keessa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma digdama irra caalanii fi horii qeʼee baayʼeetu jiraata; namoonni ishee keessa jiraatan sun warra bitaa fi mirga iyyuu gargar baasuu hin dandeenyee dha; egaa ani immoo mandara guddittii namoonnii fi horiin hammasii keessa jiraatan kanaaf garaan ana hin jibbuu ree?”—Yon. 4:10, 11. *

21. (a) Yihowaan Yoonaasiin barsiisuuf maalitti fayyadame? (b) Seenaan waaʼee Yoonaas dubbatu haqaan of gamaaggamuuf kan nu gargaaru akkamitti?

21 Yihowaan biqiltuu buqqee hadhooftuu kanatti fayyadamee maal barsiisaa akka jiru hubatteettaa? Yoonaas biqiltuu sana kunuunsuuf wanta godhe hin qabu. Karaa gara biraammoo, Yihowaan namoota Nanawweetiif jireenya kan kenne siʼa taʼu, akkuma uumama lafarra jiran hundaa isaaniifis wanta jireenyaaf barbaachisu kan kennu isadha. Yoonaas horiisaanii dabalatee namoota 120,000 caalaa biqiltuu tokkoof iddoo guddaa kan kenne akkamitti? Kana kan godhe ilaalcha ofittummaa waan qabuuf mitii? Yoonaas biqiltuu sanaaf kan ooʼe dhuunfaatti waan isa fayyadeef akka taʼe beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun Nanawweetti kan aare ofittoo waan taʼeef, maqaasaatiif garmalee waan yaaddaʼeefi gochisaa sirrii taʼuusaa mirkaneessuu waan barbaaduuf ture. Seenaan Yoonaas haqaan akka of gamaaggamnu nu gargaaruu dandaʼa. Nu keessaa namni fedhii ofittummaa hin qabne jiraa? Yihowaan akkumasaa ofittummaarraa walaba akka taanu, gara laafeyyii akka taanuufi ooʼa qabeeyyii akka taanu obsan nu barsiisuusaatti baayʼee isa galateeffanna.

22. (a) Yoonaas qajeelfama Yihowaa isa ogummaarratti hundaaʼerraa ooʼa argisiisuu baratee taʼuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Hundi keenya barumsa akkamii barachuun nu barbaachisa?

22 Haataʼu malee, Yoonaas haala isa mudate kanarraa barumsa argateeraa? Macaafni Yoonaas barreesse, gaaffii Yihowaan Yoonaasiin gaafateen kan xumurame siʼa taʼu, gaaffiin kun hamma ammaatti deebii hin arganne. Mormitoonni tokko tokko Yoonaas matumaa Yihowaadhaaf deebii akka hin kennine dubbatu. Haataʼu malee deebiinsaa achuma keessa jira. Macaafni inni barreesse gaaffii kanaaf deebii taʼa. Macaafa maqaasaatiin waamamu kan barreesse Yoonaas akka taʼe ragaa argisiisu hubatteetta. Raajiin kun tasgabbiidhaan biyyasaa keessa taaʼee seenaa kana yommuu barreessu sitti haa mulʼatu. Maanguddoon ogeessa taʼeefi gad of deebisu kun, gaabbiidhaan mataasaa raasaa dogoggorasaa, ajajamuu diduusaafi mata jabeessa taʼuudhaan ooʼa argisiisuu diduusaa yommuu barreessu yaaduu dandeenya. Yoonaas qajeelfama Yihowaa isa ogummaarratti hundaaʼerraa barumsa guddaa akka argate ifadha. Yoonaas ooʼa argisiisuu barateera. Nutoo?—Maatewos 5:7 dubbisi.

^ key. 6 Bara Yoonaasitti Samaariyaan isheen magaalaa guddoo mootummaa gosoota Israaʼel kurnanii taate jiraattota 20,000 hanga 30,000 akka qabdu tilmaamama. Kanaaf, Nanawween harka afur ishee caalti turte jechuudha. Nanawween yeroo dureettii turtetti guddinasheetiin addunyaarratti tokkoffaa taʼuu hin ooltu.

^ key. 8 Yaanni asirra jiru waan hin taane fakkaachuu dandaʼus, bara duriitti raawwatameera. Barreessaa seenaa Giriikii kan ture Herodotas, Asoronni durii janaraallisaanii beekamaa taʼe tokko yommuu duʼu isaanis taʼan horiinsaanii akka gaddan ibseera.

^ key. 18 Jechi afaan Ibrootaa caqasa kanarratti “biqiltuu akka qobboo” jedhamee hiikame, “buqqee hadhooftuu” jechuudha.

^ key. 20 Waaqayyo namoonni sun bitaafi mirgasaanii akka hin beekne dubbachuunsaa, namoonni kun hubannaa akka hin qabneefi ulaagaa Waaqayyoo akka hin beekne kan argisiisudha.