Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA SADII

Dogoggorasaarraa Barateera

Dogoggorasaarraa Barateera

1, 2. (a) Yoonaas ofiisaarrattis taʼe namoota markabarra hojjetanirratti rakkina akkamii fide? (b) Seenaan Yoonaas akkamitti nu gargaaruu dandaʼa?

YOONAAS sagalee nama jeequ tokko gab jechisiisuu utuu dandaʼee itti tola ture. Sagaleen kun sagalee qilleensi jabaan sharaa markabaatti buʼee dhageessisu ykn sagalee dhaʼaan galaanaa cinaacha markabichaatti buʼee dhageessisu hin turre. Kanaa mannaa sagaleen Yoonaasiin caalaatti jeeqe, waca ajajaan markabichaafi warri markabicharraa hojjetan markabichi akka hin garagalle gochuuf yommuu qabsaaʼan dhageessisan ture. Yoonaas namoonni sun hundi sababiisaatiin dhumuuf akka jedhan hubatee ture.

2 Haataʼu malee, Yoonaas haala rakkisaa kana keessa kan gale maaliifi? Yihowaadhaaf ajajamuu diduudhaan dogoggora guddaa waan raawwateefidha. Wanti inni raawwate maal ture? Dogoggorri inni raawwatehoo sirreeffamuu hin dandaʼuu? Deebii gaaffiiwwan kanaarraa waan hedduu barachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, seenaan Yoonaas namoonni amantii guddaa qabanillee dogoggoruufi dogoggorasaanii sirreessuu akka dandaʼan hubachuuf nu gargaara.

Raajii Galiilaarraa Kaʼe

3-5. (a) Namoonni yommuu waaʼee Yoonaas yaadan yeroo baayʼee gara sammuusaaniitti kan dhufu maalidha? (b) Bakka Yoonaas itti dhalate ilaalchisee wanti beeknu maalidha? (Miiljalees ilaali.) (c) Tajaajilli Yoonaas raajii taʼuudhaan raawwate salphaa ykn gammachiisaa kan hin turre maaliifi?

3 Namoonni waaʼee Yoonaas yommuu yaadan, yeroo baayʼee gara sammuusaaniitti kan dhufu ajajamuu diduu ykn mataa jabeessa taʼuusaa fakkaata. Haataʼu malee, Yoonaas wanta gaarii hedduu raawwateera. Namni kun raajii Yihowaa taʼee akka tajaajilu filatamuusaa yaadadhu. Yoonaas nama amantii hin qabne ykn nama jalʼaa utuu taʼee Yihowaan itti gaafatamummaa guddaa kanaaf akka isa hin filanne beekamaadha.

Yoonaas dogoggora kan raawwatu qofa utuu hin taʼin amalawwan gaggaarii hedduus qaba ture

4 Macaafni Qulqulluun akkaataa guddinaa Yoonaas ilaalchisee waan baayʼee hin ibsu. (2 Mootota 14:25 dubbisi.) Yoonaas kan dhalate Gaat-Heferitti siʼa taʼu, iddoon kun magaalaa Naazireet ishee Yesus gara waggaa 800 booda itti guddaterraa kiilomeetira 4 qofa fagaatti. * Yoonaas raajii taʼee kan tajaajile yeroo Yerobiʼaam Lammaffaan gosoota Israaʼel kurnan bulchaa turettidha. Eliyaas erga duʼee waggoonni hedduun kan darban siʼa taʼu, Elsaaʼi inni bakkasaa buʼemmoo yeroo abbaan Yerobiʼaam bulchaa turetti duʼeera. Yihowaan namoonni kun waaqeffannaa Baʼaal Israaʼel keessaa akka balleessan kan isaanitti fayyadame taʼus, Israaʼeloonni ammayyuu taʼe jedhanii karaarraa jalʼachaa jiru. Ammammoo biyyattiin mootii ‘Waaqayyo duratti wanta hamaa taʼe hojjetu’ tokko jalatti bulaa jirti. (2 Mot. 14:24) Kanaaf tajaajilli Yoonaas salphaa ykn kan nama gammachiisu hin turre. Taʼus tajaajilasaa amanamummaadhaan raawwateera.

5 Haataʼu malee, jireenyi Yoonaas gaaf tokko guutummaatti ni jijjiirame. Yihowaan hojii Yoonaasitti baayʼee ulfaataa akka taʼe itti dhagaʼame tokko isaaf kenne. Yihowaan maal akka godhu isa gaafate?

‘Kaʼii Gara Nanawwee Dhaqi!’

6. Hojiin Yihowaan Yoonaasiif kenne maal ture? Hojichi ulfaataa kan isatti fakkaatehoo maaliifi?

6 Yihowaan Yoonaasiin, “Kaʼii, gara Nanawwee mandara guddittii dhaqi! Hamminni namoota ishee guddatee na bira waan gaʼeef, irratti labsi” jedheen. (Yon. 1:2) Hojiin kun baayʼee ulfaataa kan isatti fakkaate maaliif akka taʼe hubachuun rakkisaa miti. Nanawween kallattii bahaatiin gara kiilomeetira 800 kan fagaattu siʼa taʼu, miillaan deemuuf gara jiʼa tokkoo fudhachuu dandaʼa. Haataʼu malee karaa dheeraafi rakkisaa sana caalaa wanti Yoonaasiin yaaddesse garabiraan jira ture. Yoonaas Nanawweetti Asorota warra garmalee hamoofi gara jabeeyyii taʼaniif ergaa firdii Yihowaa labsuu qaba ture. Namoonni saba Waaqayyoo taʼan ergaasaa erga fudhachuu didanii, namoonni saba Waaqayyoo hin taane ergaa kana ni fudhatu jedhee eeguu dandaʼaa? Namni kophaasaa Yihowaa tajaajilu kun mandara Nanawwee ishee guddoo taateefi “dhiiga namaa dhangalaaftu” keessatti akkamitti hojii kana raawwachuu dandaʼa?—Naho. 3:1, 7.

7, 8. (a) Yoonaas hojii Yihowaan isaaf kennerraa baqachuuf hangam murteessee ture? (b) Yoonaas sodaattuu ture jennee murteessuu kan hin qabne maaliifi?

7 Yoonaas yaadni akkasii gara sammuusaatti dhufee taʼuu dandaʼa. Taʼus waaʼee kanaa hin beeknu. Wanti beeknu baqachuusaa qofadha. Yihowaan gara bahaatti akka deemu kan isatti hime siʼa taʼu, inni garuu hamma isaa dandaʼame gara dhihaatti fagaatee deemeera. Gara magaalaa galaana qarqaraa Yophee jedhamtu dhaquudhaan markaba gara Tarshiish deemu yaabbate. Hayyoonni tokko tokko Tarshiish Ispeen keessatti argamti jedhu. Kun dhugaa taanaan, Yoonaas Nanawweerraa gara kiilomeetira 3,500 fagaatee deemee ture jechuudha. Adeemsi fagoon gara Galaana Guddaatti godhamu kun gara waggaa tokkoo fudhachuu dandaʼa. Yoonaas hojii Yihowaan isaaf kennerraa baqachuuf murtoo cimaa akkasii godhee ture.—Yoonaas 1:3 dubbisi.

8 Kana jechuun Yoonaas sodaattuu ture jennee yaaduu qabna jechuudha? Akkas jennee ariifannee murteessuu hin qabnu. Akkuma kana booda ilaallu Yoonaas nama ija jabina guddaa qabu ture. Haataʼu malee, akkuma keenya cubbuu kan dhaale waan taʼeef, nama dadhabina hedduu wajjin qabsaaʼu ture. (Far. 51:5) Nu keessaa namni sodaatee hin beekne jiraa?

9. Yeroo tokko tokko hojii Yihowaan nuu kennu ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼamuu dandaʼa? Yeroo akkasiitti dhugaa kam yaadachuu qabna?

9 Yeroo tokko tokko Waaqayyo wanta ulfaataa ykn humna keenyaa ol taʼe akka raawwannu akka nu gaafate nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo isa Kiristiyaanonni akka labsan isaanirraa eegamu lallabuunillee ulfaataa nutti fakkaachuu dandaʼa. (Mat. 24:14) Dhugaa guddaa Yesus, “Waaqayyoof wanti hundinuu in dandaʼama” jechuudhaan dubbate salphaadhumatti irraanfachuu dandeenya. (Mar. 10:27) Nutis yeroo tokko tokko wanta Waaqayyo nu gaafatu raawwachuun ulfaataa yoo nutti fakkaate, wanta Yoonaasitti dhagaʼamee ture hubachuun nu hin rakkisu. Haataʼu malee, Yoonaas baqachuunsaa rakkina akkamii isatti fide?

Yihowaan Raajiisaa Isa Mata Jabeessa Taʼe Ni Adabe

10, 11. (a) Yoonaas yommuu markabni feʼumsaa sun deemuu jalqabu maal abdatee taʼuu dandaʼa? (b) Markabichaafi hojjettoota markabichaarra balaa akkamiitu gaʼee ture?

10 Yoonaas markaba feʼumsaa tarii kan warra Kanaʼaaniin karaa dheeraa kana deemuuf yommuu qophaaʼu yaaduu dandeenya. Ajajaan markabichaafi warri markabicharraa hojjetan qarqara galaanaa sanaa kaʼuuf yommuu qophaaʼan hubatee ilaale. Markabichi suutuma suuta fagaatee yommuu adeemu, Yoonaas rakkina sodaate sana jalaa akka miliqe isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, akkuma tasaa haalli qilleensaa ni jijjiirame.

11 Qilleensi cimaan bidiruu yeroo sana ture qofa utuu hin taʼin, markaba yeroo harʼaa jirullee caccabsuu dandaʼu galaanicha jeequu jalqabe. Dhaʼaan galaanaa sun oliifi gad waan jeequuf bidiruun mukarraa hojjetame kun utuu hin cabin yeroo hammamiitiif turuu dandaʼa? Yoonaas yeroo sanatti, yaada yeroo booda “Waaqayyo qilleensa jabaa galaanichatti kaase” jechuudhaan barreesse beeka turee laata? Kana sirriitti beekuun hin dandaʼamu. Haataʼu malee, hojjettoonni markabaa sun gargaarsaaf waaqoliisaaniitti akka iyyatan kan hubate siʼa taʼu, waaqayyoliin kunis gargaarsa kennuu akka hin dandeenye beeka ture. (Lew. 19:4) Yoonaas, “Markabichi caccabuu bira gaʼe” jechuudhaan barreesseera. (Yon. 1:4) Haataʼu malee, Yoonaas Waaqa jalaa baqachaa jirutti akkamitti kadhannaa dhiheessuu dandaʼa?

12. (a) Yoonaas yommuu qilleensichi itti caalaa deemu rafuusaatti ariifannee isa ceephaʼuu kan hin qabne maaliifi? (Miiljalees ilaali.) (b) Yihowaan nama rakkinichaaf sababii taʼe kan saaxile akkamitti?

12 Yoonaas homaa gochuu akka hin dandeenye waan isatti dhagaʼameef, kutaa markabichaa isa jalaa keessa iddoo tokko argatee ciise. Iddoo kanattis hirribni cimaan isa fudhate. * Yeroo kanatti ajajaan markabichaa argee isa dammaqsuudhaan, akkuma warri kaan godhan waaqasaatti kadhannaa akka dhiheessu itti hime. Namoonni sun dhaʼaan galaanaa sun adda akka taʼe waan hubataniif, warra achirra jiran keessaa sababii eenyuutiin akka isaanitti dhufe beekuuf muka buufatan. Mukni sun namoota sana hundarra utuu hin buʼin yommuu hafu Yoonaas baayʼee sodaatee taʼuu qaba. Utuma baayʼee hin turin dhugaansaa ifa taʼe. Yihowaan mukichi Yoonaasirra akka baʼu gochuudhaan, qilleensichi sababii inni ajajamuu dideen akka dhufe argisiiseera.—Yoonaas 1:5-7 dubbisi.

13. (a) Yoonaas namoota markabicharra hojjetanitti maal jedhee himate? (b) Yoonaas namoonni markabicharra hojjetan maal akka isa godhan itti hime? Maaliifi?

13 Yoonaas waan hundumaa hojjetoota markabaa sanatti hime. Inni Yihowaa Waaqa isa hundumaa dandaʼu tajaajilaa ture. Namoota kana hunda balaadhaaf kan saaxile, Yoonaas Waaqa kana jalaa baqatee isa mufachiisaa kan jiru taʼuusaati. Yoonaas namoonni sun kana dhagaʼuusaaniitti garmalee akka naʼan ijasaaniirraa hubachuu dandaʼa. Kanaaf, markabichaafi namoota achi keessa jiran oolchuuf maal isa gochuu akka qaban isa gaafatan. Innoo maal isaaniin jedhe? Yoonaas galaanni jeeqamaa jiruufi diilallaaʼaa taʼe sun yommuu isa nyaatu yaaduudhaan suukannaaʼee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, namoota kana hunda oolchuu utuu dandaʼuu yommuu isaan dhuman akkamitti callisee ilaaluu dandaʼa? Kanaaf, “Fuudhaatii galaanicha keessa na buusaa! Yoos galaanichi isin irraa gab in jedha; bubbeen humna-qabeessi isinitti kaʼe kunis sababii kootiif taʼuu isaa anoo beekeera” jedheen.—Yon. 1:12.

14, 15. (a) Fakkeenya amantii Yoonaas hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Namoonni markabicharra hojjetan sun wanta Yoonaas isaaniin jedherratti hundaaʼanii maal godhan?

14 Wanti Yoonaas dubbate sodaattuu akka taʼe kan argisiisudhaa? Yihowaan, Yoonaas ija jabeessaafi nama haala rakkisaa taʼe keessatti lubbuusaa aarsaa godhu akka taʼe arguunsaa isa gammachiisee taʼuu qaba. Seenaan kun Yoonaas nama amantii cimaa qabu taʼuusaa nu hubachiisa. Nutis yeroo harʼaa nageenya keenya caalaa kan warra kaanii dursuudhaan fakkeenyasaa hordofuu dandeenya. (Yoh. 13:34, 35) Namni tokko karaa qaamaa, karaa miiraa ykn karaa hafuuraa gargaarsi akka isa barbaachisu yoo hubanne, isa gargaaruuf guutummaatti of dhiheessinaa? Kana gochuun keenya Yihowaa baayʼee gammachiisa.

15 Namoonni markabicharra hojjetan sun jalqabarratti wanta Yoonaas isaaniin jedhe raawwachuu waan didaniif, tarii wanti inni dubbate miirasaanii tuqee taʼuu qaba. Kanaaf, gara qarqara galaanichaatti baʼuuf wanta isaanii dandaʼame hunda kan godhan taʼus, baʼuu hin dandeenye. Dhaʼaan galaanichaa ittuma caalaa deeme. Dhumarrattis filannaa akka hin qabne hubatan. Kanaaf Waaqni Yoonaas Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhu erga gaafatanii booda, ol fuudhanii karaa maddii markabichaa galaanichatti gad isa darbatan.—Yon. 1:13-15.

Namoonni markabarraa hojjetan gaaffii Yoonaas dhiheesseen fuudhanii galaanatti gad isa darbatan

Yoonaas Dhiifama Argateera, Duʼarraas Ooleera

16, 17. Yoonaas yommuu markabicharraa galaanatti gad darbatame maaltu akka isatti dhagaʼame ibsi. (Fakkiiwwanis ilaali.)

16 Yoonaas dhaʼaa galaanaa hunkuramaa jiru sana keessa buʼe. Tarii yeroo muraasaaf daakee utuu gad hin lixin turuuf yommuu yaalii godhutti, markabichi dhaʼaa galaanaa sana keessa saffisaan yommuu deemu argee taʼuu dandaʼa. Taʼus, dhaʼaan galaanaa cimaan sun isa moʼee akka gad lixu isa dirqisiise. Achiis caalaadhumatti gaduma lixaa yommuu adeemu ooluuf abdii akka hin qabne isatti dhagaʼame.

17 Yoonaas yeroo booda wanta yeroo kanatti isatti dhagaʼame ibseera. Waaʼee jireenyasaa wantoota tokko tokko yaadee taʼuu hin oolu. Mana qulqullummaa Yihowaa isa Yerusaalem jiru matumaa deebiʼee akka hin argine yaadee taʼuu dandaʼa. Marga galaana keessa jiru qaqqabee waan hubateef, gara hundee tullootaa jalaatti akka gad buʼe beekee ture. Iddoon kun iddoo inni itti awwaalamu isatti fakkaatee ture.—Yoonaas 2:3-7 dubbisi.

18, 19. Galaana keessatti Yoonaasiin maaltu mudate? Bineensa akkamiitu isa liqimse? Kana kan godhehoo eenyudha? (Miiljalees ilaali.)

18 Haataʼu malee, bineensi gurraachi garmalee guddaa taʼe tokko garasaa dhufaa jira. Innis itti dhihaachuudhaan isa bira gaʼee, afaansaa isa balʼaa banee isa liqimse.

Yihowaan, “qurxummiin guddaan tokko achitti argamee, Yoonaasiin akka liqimsu godhe”

19 Yoonaas yeroo kanatti naa dhumeera jedhee yaadee taʼuu qaba. Taʼus, Yoonaas wanti ajaaʼibsiisaan tokko raawwatamaa akka jiru itti dhagaʼame. Lubbuudhaan kan jiru taʼuusaarrayyuu, lafeensaa hin caccabne, hin nyaatamne, akkasumas hin ukkaamamne. Iddoo itti duʼuu dandaʼu keessa kan jiru taʼus, ammayyuu hafuura baafachaa jira. Yoonaas suutuma suuta dinqisiifannaadhaan guutame. ‘Qurxummiin guddaan tokko achitti argamee Yoonaasiin akka liqimsu kan godhe’ Waaqasaa Yihowaa akka taʼe hin shakkisiisu. *Yon. 2:1.

20. Kadhannaa Yoonaas garaa qurxummii guddaa keessa taaʼee dhiheesserraa waaʼeesaa maal baranna?

20 Suutuma suuta daqiiqaawwan saʼaatiitti jijjiiramaa deeman. Yoonaas dukkana gad fagoo tasumaa argee hin beekne kana keessa taaʼee yaadasaa sassaabbachuudhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Kadhannaa inni dhiheesseefi Yoonaas boqonnaa lamarratti argamurraa waan hedduu barachuu dandeenya. Macaafni Faarfannaa kadhannaa kana keessatti irra deddeebiʼamee caqasamuunsaa, Yoonaas Caaffata Qulqullaaʼoo akka gaariitti kan beeku taʼuusaa argisiisa. Kana malees, Yoonaas amala gaarii kan qabu, jechuunis kan galateeffatu taʼuusaa argisiisa. Yoonaas, “Ani garuu sagalee galataatiin, aarsaa siif nan dhiʼeessa; wanta ani wareeges nan baasa; fayyisuun kan Waaqayyoo ti” jechuudhaan kadhannaasaa xumureera.—Yon. 2:10.

21. Yoonaas fayyina ilaalchisee maal barateera? Nutoo barumsa barbaachisaa isa kam yaadachuu qabna?

21 Yoonaas ‘garaa qurxummii’ iddoo tasumaa jiraachuun hin dandaʼamne fakkaatu keessa taaʼee, Yihowaan iddoo barbaadeefi nama barbaade yeroo barbaadetti oolchuu akka dandaʼu hubateera. Yihowaan iddoo kanattillee tajaajilaasaa isa dhiphina keessa gale kana oolcheera. (Yon. 2:1) Nama tokko guyyaa sadiifi halkan sadii garaa qurxummii keessa jiraachisuu kan dandaʼu Yihowaa qofaadha. Yeroo harʼaas ‘lubbuun keenya harka Waaqayyoo’ akka jiru yaadachuun keenya barbaachisaadha. (Dan. 5:23) Hafuura akka baafannuufi akka jiraannu kan nu dandeessisu isa qofadha. Maarree isa ni galateeffannaa? Taanaan, Yihowaadhaaf abboomamuuf dirqamni nurra hin jiruu?

22, 23. (a) Utuma baayʼee hin turin, galateeffannaan Yoonaas kan qorame akkamitti? (b) Dogoggora raawwannuu wajjin haala wal qabateen Yoonaasirraa maal barachuu dandeenya?

22 Yoonaasoo maal barateera? Yihowaadhaaf ajajamuudhaan akka galateeffatu argisiisuu barateeraa? Eeyyee barateera. Guyyaa sadiifi halkan sadii booda qurxummichi gara qarqara galaanaatti kan isa fide siʼa taʼu, achiis “gara lafa gogaatti baasee Yoonaasiin ol deebise.” (Yon. 2:11) Mee yaadi, kana hunda booda, Yoonaas gara lafa gogaatti baʼuuf xinnumallee daakuun isa hin barbaachisne. Qarqara galaanaa sanarraa fagaachuuf karaa barbaaddachuu akka qabu beekamaadha. Haataʼu malee utuma baayʼee hin turin, galateeffannaansaa ni qorame. Yoonaas 3:1, 2, “Ergasii dubbiin Waaqayyoo siʼa lammaffaa gara Yoonaas dhufee, ‘Kaʼii, gara Nanawwee mandara guddittii dhaqi, wanta ani akka ati labsituuf sitti himus irratti labsi!’” akka isaan jedhe dubbata. Yoonaas yeroo kanatti maal godhe?

23 Yoonaas ajajamuurraa dubbatti hin jenne. Seenaansaa, “Kana irratti Yoonaas akkuma Waaqayyo isatti himetti kaʼee gara Nanawwee dhaqe” jedha. (Yon. 3:3) Dhugumayyuu ajajameera. Dogoggorasaarraa baratee akka ture ifadha. Gama kanaanis fakkeenya amantii Yoonaas hordofuun keenya barbaachisaadha. Hundi keenya cubbamoota waan taaneef, dogoggora ni raawwanna. (Rom. 3:23) Haataʼu malee abdii kutannamoo, dogoggora keenyarraa barannee Waaqayyoof abboomamuudhaan isa tajaajiluu keenya itti fufna?

24, 25. (a) Yoonaas yeroo booda eebba akkamii argateera? (b) Yoonaas gara fuulduraatti eebba akkamii argata?

24 Yoonaas ajajamuusaatiin Yihowaan isa kiiseeraa? Eeyyee isa kiiseera. Tokkoffaa, Yoonaas yeroo booda namoonni markabicharra turan akka oolan beekuu hin oolu. Fedhiisaa aarsaa erga godhee booda, dhaʼaan galaanaa sun yeruma sana kan dhaabate siʼa taʼu, namoonni markabicharra hojjetan sunis, “Ittumaa guddisanii Waaqayyoon sodaatan,” akkasumas waaqayyolii sobaasaaniitiif utuu hin taʼin, Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessan.—Yon. 1:15, 16.

25 Yeroo boodas eebba kanarra caalu argateera. Yesus yeroo Yoonaas garaa qurxummii keessa itti ture yeroo inni awwaala keessa itti turu argisiisuuf akka fakkeenyaatti itti fayyadameera. (Maatewos 12:38-40 dubbisi.) Yoonaas yeroo lafarratti duʼaa kaafamu eebba akkasii akka argate beekuunsaa baayʼee akka isa gammachiisu beekamaadha. (Yoh. 5:28, 29) Yihowaan siinis si eebbisuu barbaada. Atoo akkuma Yoonaas dogoggora keerraa barattee Yihowaadhaaf abboomamuudhaan warra kaan akka jaallattu ni argisiistaa?

^ key. 4 Fariisonni waaʼee Yesus yommuu dubbatan, “Macaaficha qoriitii ilaali! Galiilaadhaa raajiin hin kaʼu” waan jedhaniif, Yoonaas nama Galiilaa taʼuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. (Yoh. 7:52) Namoonni hojii hiikkaa hojjetaniifi qorattoonni hedduun, Fariisonni Galiilaa ishee xinnoo keessaa raajiin kaʼee hin beeku ykn gara fuulduraattis hin kaʼu jechuudhaan ariifatanii akka dubbatan ibsu. Dhuguma wanti isaan jechuu barbaadan kana taanaan, seenaas taʼe raajii dubbatame hin hubanne turan jechuudha.—Isa. 9:1, 2.

^ key. 12 Hiikni Macaafa Qulqulluu Saptuujantii jedhamu Yoonaas hangam akka rafe argisiisuuf akka kurruufe ibseera. Haataʼu malee, yeroo tokko tokko namoonni yommuu garmalee dhiphatan hirribni cimaan waan isaan qabuuf, Yoonaas nama dantaa hin qabne akka taʼe goonee yaaduu hin qabnu. Yesus yeroo iddoo dhaabaa Getesemaanee keessa dhiphachaa turetti, Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis “gaddaan waan bututaniif rafanii” turan.—Luq. 22:45.

^ key. 19 Jechi afaan Ibroota “qurxummii” jedhu yommuu gara Giriikiitti hiikamu “bineensa galaanaa sodaachisaa” ykn “qurxummii guddaa” jedhameera. Bineensi galaanaa kun maal akka taʼe sirriitti beekuu baannus, galaana Mediteraaniyaa keessa qurxummiiwwan shaarki jedhamaniifi guutummaatti nama tokko liqimsuu dandaʼan akka jiran beekameera. Qurxummiiwwan gosa shaarkii taʼaniifi kanarra caalaanis bakka biraa kan jiran siʼa taʼu, qurxummiin weel shaarki jedhamu meetira 15 ykn isaa ol dheerachuu dandaʼa.