Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA TOKKO

‘Inni Duʼeera, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’

‘Inni Duʼeera, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’

1. Maatiin Addaamiifi Hewwaan dhaaba Eeden akka hin seenne kan dhowwe maal ture? Wanti guddaan Abeel beekuu barbaadu maal ture?

ABEEL yommuu hoolonnisaa tasgabbiidhaan tulluurra dheedan ilaalaa jira. Achiis fagootti yommuu ilaalu, ifa xinnoo qalbii namaa hawwatuufi iddoo hoolonnisaa dheedaa jiran gamatti mulʼatu tokko arguu hin oolu. Billaan akka ibiddaa bobaʼu, kallattii hundumaatti nanaannaʼuufi akka namni iddoo dhaabaa Eeden hin seenne eegu tokko bakka kana jiraachuusaa beeka. Warrisaa yeroo taʼe tokkotti iddoo kana jiraachaa kan turan taʼus, amma isaanis taʼe ijoolleensaanii achi seenuu hin dandaʼan. Yommuu Abeel gara samii ol ilaalaa waaʼee Uumaasaa yaaduufi qilleensi waaree boodaa rifeensa mataasaa asiif achi facaasu ija qalbiitiin ilaali. Hariiroo gaariin namaafi Waaqayyo gidduu ture deebiʼuu dandaʼaa laata? Wanti guddaan Abeel beekuu barbaadu kana ture.

2-4. Abeel yeroo harʼaa nutti dubbachaa kan jiru akkamitti?

2 Abeel harʼaas sitti dubbachaa jira. Atoo isa dhaggeeffachaa jirtaa? Ilma Addaam isa lammaffaa kan taʼe Abeel baroota dheeraa dura waan duʼeef, ‘Kun waan taʼuu hin dandeenyedha’ jetta taʼa. Erga duʼee gara waggaa 6,000 waan taʼeef lafeensaayyuu bososee biyyoo taʼeera. Macaafni Qulqulluun namoota duʼan ilaalchisee, “Warri duʼan . . . waan tokko iyyuu hin beekan” jedha. (Lal. 9:5, 10) Kana malees, wanti Abeel dubbate tokkollee Macaafa Qulqulluu keessatti hin barreeffamne. Erga akkas taʼee akkamitti nutti dubbachuu dandaʼaree?

3 Phaawulos Abeeliin ilaalchisee, ‘Inni duʼeera, garuu ammayyuu dubbachaa jira’ jechuudhaan hafuuraan geggeeffamee barreesseera. (Ibroota 11:4 dubbisi.) Dhugumayyuu, Abeel karaa amantiisaa dubbachaa jira. Abeel amantii qabaachuudhaan nama isa jalqabaati. Inni amantii cimaa akka qabu waan argisiiseef, fakkeenya gaarii yeroo harʼaatti hordofuu dandeenyu nuu kaaʼeera. Amantii Abeelirraa kan barannuufi fakkeenyasaa kan hordofnu yoo taʼe, seenaansaa harʼas nutti dubbachaa jira jechuun ni dandaʼama.

4 Abeeliifi amantiisaa ilaalchisee wanti Macaafa Qulqulluu keessa jiru baayʼee muraasa erga taʼee, waaʼee Abeel maal barachuu dandeenya? Mee yaada armaan gadii haa ilaallu.

Yeroo ‘Biyyi Lafaa Uumametti’ Kan Jiraate

5. Yesus, Abeel yeroo ‘biyyi lafa uumametti’ akka jiraate yommuu dubbatu maal jechuusaa ture? (Miiljalees ilaali.)

5 Abeel kan dhalate namoonni jalqabaa erga uumamanii baayʼee utuu hin turiinidha. Yeroo booda Yesus, Abeel yeroo ‘biyyi lafaa uumametti’ akka jiraate dubbateera. (Luqaas 11:50, 51 dubbisi.) Yesus yommuu akkas jedhu, waaʼee ilmaan namootaa cubbuurraa furamuuf abdii qabanii dubbachuusaa ture. Abeel lafa kanarra jiraachuudhaan nama arfaffaa taʼus, nama yeroo jalqabaatiif Waaqayyo cubbuurraa furamuu akka qabu murteesse taʼuu hin oolu. * Abeel nama fakkeenya gaarii isaaf taʼu gidduutti akka hin guddanne beekamaadha.

6. Warri Abeel namoota akkamii turan?

6 Namoonni kun erga uumamanii baayʼee kan hin turre taʼanis, haala baayʼee gaddisiisaa taʼe keessa galan. Warra Abeel kan taʼan Addaamiifi Hewwaan bareedoofi dandeettii guddaa kan qaban taʼuu hin oolan. Haataʼu malee, jireenyasaanii keessatti dogoggora guddaa akka raawwatan beeku turan. Yeroo tokkotti mudaa kan hin qabneefi abdii jireenya barabaraa kan qaban turan. Booda garuu, Yihowaarratti waan kaʼaniif, bakka jireenyaasaanii kan taate Jannata iddoo dhaabaa Eeden keessaa ariʼaman. Wanta hunda caalaa, jechuunis fedhii ijoolleesaaniirrayyuu caalaa fedhiisaaniitiif dursa waan kennaniif cubbamoota taʼan; akkasumas jireenya barabaraa dhaban.—Uma. 2:15–3:24.

7, 8. Hewwaan yommuu Qaayiniin deesse maal jette? Kana kan dubbatte maal yaaddee taʼuu dandaʼa?

7 Addaamiifi Hewwaan iddoo dhaabaa keessaa waan baafamaniif jireenya rakkinaan guutame jiraachuu jalqaban. Taʼus, ilmisaanii inni jalqabaa yommuu dhalatu Hewwaan, “Ani gargaarsa Waaqayyootiin nama tokko godhadheera” jechuudhaan maqaasaa Qaayin jettee moggaafte. Yaanni isheen dubbatte kun, abdii Yihowaan dubartiin tokko “sanyii” qaama hamaa Addaamiifi Hewwaaniin karaarraa jalʼise balleessu akka deessu kenne yaaddee taʼuu akka dandaʼu argisiisa. (Uma. 3:15; 4:1) Hewwaan, dubartiin raajii kanarratti caqasamte ishee akka taateefi ‘sanyiin’ abdachiifamemmoo Qaayin akka taʼe yaaddee turtee laata?

8 Akkasitti yaaddee turte taanaan baayʼee dogoggorteetti. Kana malees, isheefi Addaam yommuu Qaayiniin guddisan yaada akkasii isa barsiisaniiru taanaan, cubbuu ilmisaanii dhaalerratti dabaluudhaan akka inni of tuulu godhaniiru jechuudha. Hewwaan yeroo booda ilma lammataa kan godhatte taʼus, waaʼee sanyichaa caqasuushee wanti argisiisu hin jiru. Mucaa kana Abeel jedhanii kan moggaasan siʼa taʼu, hiiknisaas “Hafuura Baafachuu” ykn “Kan Waaʼee Hin Baafne” jechuudha. (Uma. 4:2) Mucaasaanii maqaa kanaan moggaasuunsaanii Qaayiniif bakka guddaa kennanii Abeeliif iddoo akkasii akka hin kennine kan argisiisudhaa? Taʼuu dandaʼa. Garuu waaʼee kanaa afaan guunnee dubbachuu hin dandeenyu.

9. Warri yeroo harʼaa jiran Addaamiifi Hewwaanirraa maal barachuu dandaʼu?

9 Warri yeroo harʼaa jiran, Addaamiifi Hewwaanirraa waan hedduu barachuu dandaʼu. Isinoo dubbiifi gocha keessaniin ijoolleen keessan akka of tuulan, iddoo guddaa akka barbaadaniifi ofittoo akka taʼan gochaa jirtuu? Moo Yihowaa akka jaallataniifi michuusaa taʼuuf fedhii akka qabaatan barsiisaa jirtu? Kan nama gaddisiisu, Addaamiifi Hewwaan itti gaafatamummaasaanii utuu hin raawwatin hafaniiru. Sanyiinsaanii garuu abdii qabu turan.

Abeel Amantii Horachuu Kan Dandaʼe Akkamitti?

10, 11. Qaayiniifi Abeel hojii akkamii hojjechuu jalqaban? Abeel amala akkamii horate?

10 Ijoolleen dhiiraa kun lamaan guddachaa yeroo adeeman, Addaam hojii wanta maatichaaf barbaachisu dhiheessuuf isaan gargaaru akka hojjetan isaan leenjisuu hin oolu. Qaayin qotee bulaa yommuu taʼu, Abeelimmoo tiksee taʼe.

11 Haataʼu malee, Abeel wanta caalaatti barbaachisaa taʼe tokko raawwateera. Waggoota hedduudhaaf, amala Phaawulos barbaachisaa akka taʼe barreesse, jechuunis amantii horateera. Mee yaadi! Abeel nama fakkeenya gaarii isaaf taʼu tokkollee hin qabu ture. Yihowaarratti amantii qabaachuu kan dandaʼe akkamittiree? Mee sababiiwwan gurguddaa Abeel amantii cimaa akka qabaatu isa gargaaranii taʼuu dandaʼan sadii haa ilaallu.

12, 13. Abeel wantoota Yihowaan uume ilaaluunsaa amantiinsaa akka guddatu kan isa gargaare akkamitti?

12 Wantoota Yihowaan uume. Yihowaan lafti qoraattiifi baalaanwaraantee hojii qonnaatiif gufuu taʼan akka biqilchitu kan abaare taʼuunsaa beekamaadha. Taʼus, lafti nyaata maatii Abeeliif barbaachisu baayʼinaan ni argamsiisti turte. Kana malees, allaattiiwwaniifi qurxummiiwwan dabalatee bineeldonni, gaarreen, haroowwan, lageen, galaanni, samiin, duumessi, aduun, addeessiifi urjoonni hin abaaramne. Abeel bakka ilaalu hundatti, ragaa Yihowaan inni waan hunda uume jaalala qabeessa, ogeessaafi arjaa taʼuusaa mulʼisu arga ture. (Roomaa 1:20 dubbisi.) Abeel wantoota kanarratti dinqisiifannaadhaan xiinxaluunsaa, amantiisaa guddiseefii akka ture hin shakkisiisu.

Abeel Uumaa jaalala qabeessa taʼerratti amantii qabaachuuf wantoota uumamanirraa ragaa cimaa argateera

13 Abeel yeroo ramadee wantoota hafuuraarratti xiinxalaa akka ture beekamaadha. Mee Abeel yommuu hoolotasaa tiksu sitti haa mulʼatu. Jireenyi tiksee tokkoo karaa dheeraa deemuu dabalata. Marga lalisaa, boolla bishaan gaʼaa qabuufi bakka boqochuuf mijaaʼaa taʼe argachuuf uumama garraamii kana oofee tulluu baʼee buʼuufi dachaa qaxxaamuruun isa barbaachisa ture. Uumamawwan Waaqayyoo hunda keessaa hoolonni dadhaboo waan taʼaniif, qajeelfamniifi gargaarsi namootaa akka isaan barbaachisu godhamanii kan uumaman fakkaatu. Abeel, Waaqa nama caalaa ogeessa taʼeefi humna guddaa qaburraa qajeelfamaafi eegumsa akkasii argachuun akka isa barbaachisu hubatee turee laata? Yaadawwan akkasii hedduu kadhannaadhaan akka ibseefi kunis amantiisaa akka isaaf guddise hin shakkisiisu.

14, 15. Abeel abdii Yihowaan kennetti akka amanu kan isa gargaare wantoota akkamiirratti xiinxaluusaa ture?

14 Abdii Yihowaan kenne. Addaamiifi Hewwaan, sababa iddoo dhaabaa Eeden keessaa itti baafaman ilmaansaaniitti himuu hin oolan. Kanaaf, Abeel wantoota irratti xiinxalu hedduu qaba ture.

15 Yihowaan lafti akka abaaramtu dubbatee ture. Abeel qoraattiifi baalaanwaraanteen lafarratti mulʼatu raawwii raajii kanaa taʼuusaa hubateera. Yihowaan, Hewwaan yeroo ulfooftuufi yeroo deessu dhiphinni akka isheerra gaʼus raajii dubbateera. Abeel quxisuuwwansaa yeroo dhalatan raajiin dubbatame kunis dhugaa taʼuusaa hubachuu hin oolu. Yihowaan, Hewwaan jaalalaafi xiyyeeffannaa abbaa manaashee argachuuf garmalee akka hawwituufi innis isheerratti aboo akka qabaatu dubbateera. Abeel haalli gaddisiisaan kun yommuu warrasaarratti raawwatamu ijasaatiin argeera. Kana malees, wanti Yihowaan dubbate hundi guutummaatti kan raawwatamu taʼuusaa argeera. Kanaaf Abeel, “sanyii” isa dogoggora Eeden keessatti raawwatame sirreessu ilaalchisee abdii Waaqayyo kennetti amanuuf sababii gaʼaa qaba ture.—Uma. 3:15-19.

16, 17. Abeel kiruubelota Yihowaarraa maal baratee taʼuu dandaʼa?

16 Tajaajiltoota Yihowaa. Ilmaan namootaa keessaa namni Abeeliif fakkeenya gaarii taʼu kan hin jirre taʼus, uumamawwan yaaduu dandaʼaniifi yeroo sana lafarra jiran namoota qofa hin turre. Yihowaan, Addaamiifi Hewwaan yeroo Eeden keessaa baafaman, isaanis taʼan ijoolleensaanii deebiʼanii Jannata sanatti akka hin seenne godheera. Balbala Jannata kanaa akka eeganiif, billaa akka ibiddaa bobaʼaa kallattii hundumaatti gaggaragaluufi kiruubelota aangoo guddaa qaban achi dhaabee ture.—Uumama 3:24 dubbisi.

17 Abeel ijoollummaasaatti kiruubelota kana yommuu ilaalu maaltu akka itti dhagaʼamu mee yaadi. Foon uffatanii waan turaniif, humna guddaa akka qaban bifasaaniirraa hubachuun ni dandaʼama. ‘Billaan’ akka ibiddaa bobaʼuufi utuu walirraa hin kutin kallattii hundumaatti nanaannaʼus baayʼee isa ajaaʼibsiisuu hin oolu. Abeel yeroo guddachaa deemu kiruubelonni kun nuffanii yommuu hojiisaanii dhiisanii deeman argee turee? Matumaa! Uumamawwan yaaduu dandaʼaniifi humna guddaa qaban kun, halkaniifi guyyaa waggoota hedduudhaaf bakka jiranii hin sochoʼan turan. Kanaaf Abeel, Yihowaan tajaajiltoota qajeeloofi amanamoo taʼan akka qabu hubateera. Abeel warrasaarraa haala adda taʼeen, kiruubelonni kun Yihowaadhaaf amanamoofi abboomamoo akka taʼan hubachuu dandaʼeera. Fakkeenyi ergamoota kanaa amantii Abeel cimsee akka ture hin shakkisiisu.

Abeel umriisaa guutuu kiruubeloota Yihowaadhaaf amanamoofi abboomamoo taʼanii isa tajaajilan argeera

18. Yeroo harʼaa amantii qabaachuuf sababii hedduu akkamii qabna?

18 Abeel, amalawwan Yihowaa wantoota inni uumerratti mulʼatan, abdii inni kenneefi fakkeenya kiruubelotaarratti xiinxaluunsaa amantiisaa caalaatti akka cimsatu isa gargaareera. Maarree fakkeenyisaa nutti dubbachaa jira jechuun hin dandaʼamuu? Keessumaa dargaggoonni, miseensonni maatiisaanii waan fedheyyuu yoo godhan Yihowaarratti amantii cimaa qabaachuu akka dandaʼan fakkeenya Abeelirraa barachuu dandaʼu. Yeroo harʼaa, uumamawwan Yihowaa dinqisiisoo taʼan ilaaluu, Macaafa Qulqulluu dubbisuufi amantii qabaachuu wajjin haala wal qabateen namoota fakkeenya taʼan hedduu hordofuudhaan amantii cimaa qabaachuu dandeenya.

Aarsaan Abeel Dhiheesse Caalmaa Kan Qabu Maaliifi?

19. Yeroo booda Abeel dhugaa iddoo guddaa qabu akkamii hubateera?

19 Abeel amantiin inni Yihowaarratti qabu guddachaa yommuu adeemu, amantiisaa kana hojiidhaan argisiisuu barbaade. Haataʼu malee, namni tokko Uumaa uumama cufaatiif maal kennuu dandaʼa? Waaqayyo kennaa ykn gargaarsa ilmaan namootaa kamiyyuu akka hin barbaanne ifadha. Abeel yeroo booda dhugaa iddoo guddaa qabu, jechuunis ilaalcha sirrii taʼeen kakaʼee waan qabu keessaa isa filatamaa taʼe Abbaasaa isa samii jaalala qabeessa taʼeef aarsaa godhee yoo dhiheesse, Yihowaan akka itti gammadu hubateera.

Abeel aarsaasaa amantiidhaan kan dhiheesse siʼa taʼu, Qaayin garuu akkas hin goone

20, 21. Qaayiniifi Abeel Yihowaadhaaf aarsaa akkamii dhiheessan? Yihowaanoo deebii akkamii kenne?

20 Abeel hoolotasaa keessaa muraasa aarsaa godhee dhiheessuuf qophaaʼe. Hoolotasaa keessaa warra dura dhalataniifi gaggaarii taʼan foʼachuudhaan, foonsaanii keessaa isa filatamaa taʼe dhiheesse. Yeroo kanatti Qaayinis eebbaafi surraa Waaqayyoo argachuu waan barbaadeef, midhaansaa keessaa aarsaa qopheesse. Haataʼu malee, kakaʼumsisaa akka kan Abeel hin turre. Obbolaan kun yommuu aarsaasaanii dhiheessan garaagarummaansaanii caalaatti ifa taʼeera.

21 Ilmaan Addaam kun lamaanuu bakka kiruubelonni yeroo sana lafarratti Yihowaa bakka buʼan isaan arganitti aarsaasaanii dhiheessuuf, iddoo aarsaafi ibiddatti fayyadamanii taʼuu hin oolu. Maarree, Yihowaan aarsaa isaan dhiheessaniif deebii maalii kenne? Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo gara Abeelii fi gara qalma isaa faara tolaadhaan in ilaale” jedha. (Uma. 4:4) Haataʼu malee, Waaqayyo aarsaa Abeelitti gammaduusaa akkamitti akka ibse Macaafni Qulqulluun waan dubbatu hin qabu.

22, 23. Yihowaan aarsaa Abeel faara tolaadhaan kan ilaale maaliifi?

22 Waaqayyo aarsaa Abeelitti kan gammade maaliifi? Kan isa gammachiise aarsichuma qofa turee? Abeel dhiiga horii uumama lubbuu qabuufi hafuura baafatuu dhangalaasuudhaan aarsaa godhe. Abeel aarsaan akkasii gatii guddaa akka qabu hubatee turee? Waaqayyo Abeel erga duʼee jaarraa hedduu booda, aarsaa “hoolicha Waaqayyoo” Ilmasaa isa mudaa hin qabneefi gara fuulduraatti dhiignisaa dhangalaʼu argisiisuuf, aarsaa hoolaa mudaa hin qabnetti fakkeenyaan fayyadameera. (Yoh. 1:29; Bau. 12:5-7) Taʼus, Abeel wantoota kana baayʼeesaanii beekuu ykn hubachuu hin dandaʼu ture.

23 Wanti sirriitti beeknu, Abeel waan qabu keessaa isa filatamaa taʼe aarsaa godhee dhiheessuusaa qofadha. Yihowaan aarsaa inni dhiheesse qofa utuu hin taʼin, Abeeliinis faara tolaadhaan ilaaleera. Abeel aarsaa kana kan dhiheesse jaalala Yihowaadhaaf qabuufi amantii garaadhaa maddeen kakaʼee ture.

24. (a) Aarsaan Qaayin dhiheesse mataasaatti dogoggora hin turre jechuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Qaayin namoota yeroo harʼaa jiran hedduu wajjin kan wal isa fakkeessu maalidha?

24 Haalli Qaayin garuu kanarraa adda ture. Yihowaan, “gara Qaayinii fi gara kennaa isaa . . . faara tolaadhaan hin ilaalle.” (Uma. 4:5) Seerri Waaqayyo yeroo booda kenne aarsaa midhaanii dhiheessuu waan dabalatuuf, Yihowaan aarsaa Qaayin faara tolaadhaan ilaaluu kan dhiise aarsaan midhaanii mataasaatti dogoggora waan taʼeef hin turre. (Lew. 6:14, 15) Macaafni Qulqulluun Qaayiniin ilaalchisee, ‘hojiinsaa hamaa waan taʼeefidha’ jedha. (1 Yohannis 3:12 dubbisi.) Qaayin akkuma namoota yeroo harʼaa jiran hedduu, nama Waaqayyoof bule fakkaatee argamuunsaa qofti gaʼaa akka taʼe yaadee taʼuu dandaʼa. Yihowaarratti amantii dhugaa akka hin qabne ykn garaadhaa akka isa hin jaallanne yeruma sana gochasaarraa mulʼateera.

25, 26. Yihowaan Qaayiniif akeekkachiisa akkamii kennee ture? Qaayin garuu maal godhe?

25 Qaayin Yihowaan faara tolaadhaan akka isa hin ilaalle yommuu hubatu fakkeenya Abeelirraa barachuuf yaalee turee? Matumaa! Kanaa mannaa obboleessasaa garmalee jibbe. Yihowaan wanta garaa Qaayin keessa jiru waan hubateef obsaan isa amansiisuuf yaale. Ilaalchasaa kana yoo jijjiiruu baate cubbuu cimaa raawwachuutti akka isa geessu, ilaalchasaa yoo jijjiire garuu ‘ol akka jedhu,’ jechuunis Waaqayyo duratti fudhatama akka argatu itti himee ture.—Uma. 4:6, 7.

26 Qaayin garuu akeekkachiisa Waaqayyo isaaf kenne fudhachuu dide. Quxisuusaa isa hamaa narratti hojjeta jedhee hin shakkine waamee gara balʼeensaatti fuudhee deeme. Achittis Qaayin Abeeliin rukutee ajjeese. (Uma. 4:8) Kanaaf, Abeel nama sababa amantiitiin yeroo jalqabaatiif ariʼatamni irra gaʼe ykn wareegamedha jechuun ni dandaʼama. Abeel kan duʼe taʼus seenaansaa garuu ammayyuu hin duune.

27. (a) Abeel duʼaa kaʼuuf abdii akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Gaaf tokko Abeeliin akka arginu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

27 Dhiigni Abeel akka haaloo isaaf baʼuuf ykn akka firdii qajeelaa isaa kennuuf fakkeenyaan gara Yihowaatti iyyateera. Waaqayyos yakka inni raawwateef Qaayiniin adabuudhaan murtoo qajeelaa kenneera. (Uma. 4:9-12) Kana malees, amantii Abeel ilaalchisee seenaan barreeffame yeroo harʼaa nutti dubbachaa jira. Umrii namoota yeroo sana jiraachaa turanii wajjin yommuu walbira qabamu, Abeel kan jiraate yeroo gabaabaadhaaf taʼus, karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraateera. Yeroo duʼetti Abbaasaa isa samii Yihowaa biratti akka jaallatamuufi fudhatama akka qabu hubatee ture. (Ibr. 11:4) Kanaaf, Abeel yaadannoo Yihowaa isa daangaa hin qabne keessa taaʼee, yeroo lafti jannata taatu duʼaa kaʼuuf eeggachaa akka jiru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Yoh. 5:28, 29) Atoo achitti isa arguu dandeessaa laata? Eeyyee, yeroo Abeel dubbatu dhaggeeffachuufi amantiisaa isa fakkeenya taʼu hordofuuf yoo murteessite ni dandeessa.

^ key. 5 Yaanni ‘uumama biyya lafaa’ jedhu, sanyii facaasuufi mucaa godhachuu yaada jedhu waan dabalatuuf, yaanni kun ijoollee Addaamiifi Hewwaan warra jalqabaa kan argisiisudha. Haataʼu malee, Yesus mucaa Addaamiifi Hewwaan isa angafaa kan taʼe Qaayin utuu hin taʼin, Abeeliin ‘uumama biyya lafaa’ wajjin wal qabsiisee kan ibse maaliifi? Murtoon Qaayin godheefi tarkaanfiin inni fudhate, taʼe jedhee Yihowaarratti kaʼuusaa kan argisiisu waan tureefidha. Kanaaf, Qaayin akkuma warrasaa duʼaa kaʼuufis taʼe furamuuf abdii kan qabu hin fakkaatu.