Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA SHAN

Saba Waaqayyootiif Falmiteetti

Saba Waaqayyootiif Falmiteetti

1-3. (a) Asteer iddoo abbaan manaashee jirutti dhihaachuu kan sodaatte maaliifi? (b) Asteeriin ilaalchisee gaaffiiwwan kamfaa qorra?

ASTEER mooraa mana mootummaa Susaan keessa jirutti yommuu dhihaattu of tasgabbeessuuf yaalii goote. Haallisaa salphaa hin turre. Wanti mana mootummaa sana keessa jiru hundi nama ajaaʼibsiisuuf kan qophaaʼedha. Manni mootummaa kun fakkii korommii halluu garagaraafi qoochoo qabaniin, namoota xiyya darbataniin, leencota cululuqaniin, akkasumas utubaawwan dhagaafi siidaawwan gurguddaadhaan kan miidhagfame taʼuusaarrayyuu, Tulluuwwan Zaagiroos warra cabbiidhaan uwwifamaniifi laga Chooʼaaspes gama jiran dhihootti kan ijaarame waan taʼeef xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. Wantoonni kun hundi namni Asteer isa duratti dhihaachuuf jettuufi “mootii guddaa” jedhee of waamu kun aangoo guddaa akka qabu argisiisu. Namni kun abbaa manaa Asteeridha.

2 Namni kun akkamitti abbaa manaashee taʼuu dandaʼe? Durbi Yihudii amanamtuu taate tokko Ahashwerositti nan heeruma jettee yaaduu hin dandeessu. * Abrahaam haadha manaasaa Saaraa akka dhaggeeffatu qajeelfama Waaqayyo isaaf kenne kan hordofu siʼa taʼu, Ahashweros garuu nama akkasii hin turre. (Uma. 21:12) Mootiin kun waaʼee Yihowaa isa Waaqa Asteer taʼeefi waaʼee Seerasaa waan beeku tokkollee hin qabu. Haataʼu malee, Ahashweros seera wanta Asteer raawwachuuf jettu dhowwu dabalatee seera warra Faares beeka ture. Seerichi maal jedha? Namni utuu hin waamamin mootii Faares duratti dhihaatu kamiyyuu ajjeefamuu qaba jedha. Asteer kan hin waamamne taʼus gara mootichaa dhaqaa jirti. Mooraa sana keessaa bakka mootichi teessoosaarra taaʼee ishee arguu dandaʼutti yommuu dhihaattu, duʼatti deemaa akka jirtu isheetti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa.—Asteer 4:11; 5:1 dubbisi.

3 Asteer tarkaanfii balaadhaaf namaa saaxilu akkasii kan fudhatte maaliifi? Amantii dubartii iddoo guddaa qabdu kanaarraa maal barachuu dandeenya? Mee jalqaba, Asteer akkamitti mootuu Faares taʼuu akka dandeesse haa ilaallu.

Akkaataa Guddinaa Asteer

4. Akkaataan guddinaa Asteer maal fakkaata? Mordekaayi isa durbiishee taʼee wajjin jiraachuu kan jalqabde maaliifi?

4 Asteer haadhaafi abbaa hin qabdu turte. Maatiishee warra afaan Ibrootaatiin maqaa Haadasaa, jechuunis jecha hiika abaaboo adii bareedaa jedhu qabu isheef moggaasan ilaalchisee wanti beeknu kana qofadha. Asteer yommuu warrishee duʼan, Mordekaayi inni nama gaariifi firashee taʼe ofitti fudhatee ishee guddise. Inni durbiishee taʼus umriidhaan baayʼee ishee caala ture. Asteeriin manasaatti fudhatee akkuma intalasaatti ishee guddise.—As. 2:5-7, 15.

Mordekaayi intala akka abbaa taʼee guddisetti kooruuf sababii gaʼaa qaba

5, 6. (a) Mordekaayi Asteeriin kan guddise akkamitti? (b) Asteeriifi Mordekaayi Susaan keessatti jireenya akkamii jiraatu turan?

5 Mordekaayiifi Asteer Yihudoota boojiʼamanii magaalaa guddoo Faares keessa jiraatan siʼa taʼu, amantii addaa kan qabaniifi Seera Musee kan hordofan waan turaniif hamma tokko kan jibbaman taʼuu hin oolu. Taʼus Asteer durbiinshee, Yihowaan Waaqa araara qabeessa akka taʼe, kanaan dura sabasaa rakkinarraa akka oolche, gara fuulduraattis rakkinarraa akka isaan oolchu ishee barsiiseera. Haalli kunimmoo Asteer caalaatti akka isatti dhihaattu godhee akka ture beekamaadha. (Lew. 26:44, 45) Kanaaf, Asteeriifi Mordekaayi baayʼee akka wal jaallatan ifatti hubachuun ni dandaʼama.

6 Mordekaayi tajaajiltoota mootichaa kaanii wajjin balbala mootichaa dura taaʼee hojii tokko tokko hojjechaa akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. (As. 2:19, 21; 3:3) Asteer yeroo ijoollee turtetti maal hojjetti turte? Waaʼee kanaa sirriitti beekuu baannus, durbiishee isa umriidhaan baayʼee ishee caalu, manasaanii isa bakka namoonni harka qalleeyyii taʼan jiraataniifi laga mana mootummaa gajjallaa jiru gamatti argamu kunuunsaa turte jennee yaaduun keenya sirrii fakkaata. Tarii gabaa Susaan isa warqee, meetiifi miini garagaraa itti gurguramu dhaqxee ilaaluu kan jaallatu taʼuu hin oolu. Asteer miʼawwan gati jabeessa taʼan kun hundi yeroo booda homaa akka isheetti hin fakkaanneefi jireenyishee gara fuulduraa baayʼee akka jijjiiramu hin beektu turte.

‘Ija Namaatti Kan Miidhagdu’

7. Waashtiin mootuu taʼuurraa kan ariʼamte maaliifi? Sana boodahoo maaltu godhame?

7 Gaaf tokko Susaan oduu wal dhabiinsa mana mootichaa keessatti uumame ilaalchisee odeeffamuun guutamte. Ahashweros nyaachisa guddaa qopheessee gurguddootasaa nyaataafi wayinii afeeraa yeroo turetti, Waashtii mootitti ishee miidhagduu taateefi kophaashee dubartoota afeeraa jirtu namoota sana duratti dhiheessuu barbaade. Haataʼu malee Waashtiin dhufuu didde. Yeroo kanatti Mootichi qaanaʼuusaarrayyuu baayʼee waan aareef, Waashtiirratti adaba akkamii murteessuu akka qabu gorsitootasaa gaafate. Sana booda maaltu godhame? Waashtiin mootuu taʼuurraa akka ariʼamtu murteeffame. Kanaaf tajaajiltoonnisaa guutummaa biyyichaa keessa durboota mimmiidhagoo barbaaduu kan jalqaban siʼa taʼu, isaan keessaas mootichi durba mootuu haaraa taatu filata.—As. 1:1–2:4.

8. (a) Mordekaayi yommuu Asteer guddachaa deemtu hamma tokko kan yaaddaʼe maaliif taʼuu dandaʼa? (b) Miidhaginaaf ilaalcha sirrii qabaachuu ilaalchisee gorsa Macaafa Qulqulluu hordofuu kan dandeenyu akkamitti jettee yaadda? (Akkasumas Fakkeenya 31:30 ilaali.)

8 Mordekaayi, Asteer guddachaafi miidhaginnishee dabalaa deemuusaa yommuu argu koorri kan itti dhagaʼame taʼus, nageenyi intala kanaa isa yaaddessee taʼuu akka qabu yaaduu dandeenya. Seenaansaa, “Isheen durba dhaaba toltu, ija namaattis kan miidhagdu turte” jedha. (As. 2:7) Macaafni Qulqulluun namni miidhagaa taʼe tokko ogummaafi amala gad of deebisuu qabaachuu akka qabus ni dubbata. Taʼuu baannaan garuu, miidhaginnisaa of tuulummaafi amalawwan gadhee taʼan gara biraa akka horatu isa gochuu dandaʼa. (Fakkeenya 11:22 dubbisi.) Kun dhugaa taʼuusaa argitee hin beektuu? Haataʼu malee miidhaginni Asteer ishee gargaaramoo ishee miidha laata? Deebii kanaa yerootu ifa godha.

9. (a) Tajaajiltoonni mootichaa yommuu Asteeriin argatan maal godhan? Mordekaayirraa addaan baʼuun isheetti ulfaatee taʼuu kan qabu maaliifi? (b) Mordekaayi, Asteer nama hin amannetti akka heerumtu kan heyyame maaliifi? (Saanduqichas ilaali.)

9 Tajaajiltoonni mootichaa Asteeriin argatan. Achiis Mordekaayi jalaa fudhatanii mana mootummaa laga gama jirutti ishee geessan. (As. 2:8) Asteeriifi Mordekaayi akka abbaafi intalaatti waliin jiraachaa waan turaniif, gargar baʼuun baayʼee isaanitti ulfaatee taʼuu qaba. Mordekaayi intalli inni guddise mootii dabalatee nama hin amanne kamittiyyuu akka heerumtu kan hin barbaanne taʼus, haalli kun toʼannaasaatii ala ture. * Asteer mana mootummaatti geeffamuushee dura gorsa Mordekaayi isheedhaa kenne xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffattee taʼuu qaba. Gara mana mootummaa Susaanitti yommuu geeffamtu sammuunshee gaaffii hedduudhaan guutame. Jireenya akkamiitu ishee eeggata laata?

“Nama Ishee Arge Hundumaas In Naasifatti Turte”

10, 11. (a) Bakki haaraan Asteer jirtu salphaatti dhiibbaa isheerratti gochuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Mordekaayi nageenya Asteeriif akka yaadu kan argisiise akkamitti?

10 Asteer jireenya haaraa matumaa yaaddee hin beekne jiraachuu jalqabde. Asteer “durboota baayʼee” Mootummaa Faares balʼaa taʼe keessaa walitti qabamanitti makamte. Aadaan, qooqniifi amallisaanii baayʼee garaagara akka taʼe beekamaadha. Durboonni kun eegumsa Hegaayi hojjetaa mootichaa jala taʼuudhaan dibata urgaaʼuun sukkuumamuu dabalatee waggaa tokkoof miidhagfamuu qabu turan. (As. 2:8, 12) Iddooniifi haalli akkasii, durboonni sun akka of tuulaniifi akka wal morkatan gochuu dabalatee, bifasaaniirratti garmalee akka xiyyeeffatan gochuu dandaʼa. Wanti kun Asteerirratti dhiibbaa geessisee turee?

11 Namni lafarratti Mordekaayi caalaa Asteeriif yaadu hin jiru ture. Seenaansaa Mordekaayi nageenya Asteer beekuuf jecha guyyaa guyyaadhaan hamma isaa dandaʼame mana durbootaa dura asiifi achi deemaa akka ture dubbata. (As. 2:11) Tarii namoota mana durbootaa keessa tajaajilanirraa, waaʼee Asteer oduu xinnoo yommuu dhagaʼu fuullisaa gammachuudhaan ifee taʼuu qaba. Maaliif?

12, 13. (a) Asteer namoota naannooshee jiran hammam ajaaʼibsiistee turte? (b) Mordekaayi, Asteer Yihudii taʼuushee dubbachuu dhiisuusheetti kan gammade maaliifi?

12 Asteer isa duratti fudhatama waan argatteef, Hegaayi gaarummaadhaan kan ishee qabe taʼuusaarrayyuu, tajaajiltoota durbaa torbaafi mana durbootaa keessaa iddoo hunda caalu kenneef. Seenaansaa Asteer, “Nama ishee arge hundumaas in naasifatti turte” jedha. (As. 2:9, 15) Miidhaginni qofti nama hunda hamma kana ajaaʼibsiisuu dandaʼaa? Hin dandaʼu, Asteer miidhagina caalaa waan hedduu qabdi turte.

Asteer gad of deebisuufi ogummaan, miidhagina caalaa barbaachisaa akka taʼe hubattee turte

13 Fakkeenyaaf, “Asteer sanyii ishee fi qomoo ishee akka hin mulʼifne Mordekaayi ishee dhowwee waan tureef, isheen sanyii ishee fi qomoo ishee hin mulʼifne” jedhameera. (As. 2:10) Mordekaayi namoonni mana mootummaa Faares keessa jiran saba Waaqayyootiif jibba guddaa akka qaban hubatee taʼuu waan dandaʼuuf, Asteer Yihudii taʼuushee akka hin dubbanne ishee ajajee ture. Kanaaf, Asteer yeroo kanatti yoo isa bira jiraachuu baatteyyuu, ogummaa akka qabduufi akka ajajamtu dhagaʼuunsaa baayʼee isa gammachiisee akka ture beekamaadha.

14. Dargaggoonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya Asteer hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

14 Dargaggoonni yeroo harʼaa jiranis warrasaaniifi namoota isaan guddisan gammachiisuu dandaʼu. Yeroo namoota amala gadhee qaban, addaggee taʼaniifi hamoo taʼanii wajjin jiraniifi warrisaanii isaan hin arginettillee, dhiibbaa gadhee isaanirra gaʼu moʼuufi ulaagaa sirrii baratan eeganii jiraachuu dandaʼu. Isaanis akkuma Asteer yommuu akkas godhan, Abbaasaanii isa samii gammachiisuu dandaʼu.—Fakkeenya 27:11 dubbisi.

15, 16. (a) Mootichi Asteeriin kan jaallate maaliifi? (b) Jijjiiramni jireenya Asteer keessatti ishee mudate ulfaataa kan ture maaliifi?

15 Asteer mooticha duratti dhihaachuuf yeroo dabareenshee gaʼu, tarii caalaatti akka of miidhagsituuf taʼuu dandaʼa wanta miidhaginaaf ishee barbaachisu akka filattu mirgi isheedhaaf kenname. Taʼus, nama gad of deebistu waan turteef, wanta Hegaayi isheedhaaf kenne caalaa homaa hin gaafanne. (As. 2:15) Tarii miidhaginni qofti mooticha gammachiisuu akka hin dandeenye, iddoo ofii beekuufi gad of deebisuunis mana mootichaa keessa akka hin jirre hubattee taʼuu hin oolu. Ilaalchi Asteer sirrii turee?

16 Seenaansaa, “Mootichi dubartoota warra kaan caalaa Asteerin in jaallate; durboota sana hundumaa keessaa isheen fuula isaa duratti ayyaanaa fi simboo in argatte; kanaafis mootichi gonfoo mootummaa mataa ishee irra kaaʼee, iddoo Waashtii akka isheen mootittii taatu in godhe” jedha. (As. 2:17) Durbi Yihudii gad of deebistu kun, mootuu taʼuufi haadha manaa nama yeroo sanatti addunyaa bulchu taʼuun jireenyasheerratti jijjiirama guddaa fideera. Isheenis jijjiirama kana fudhachuun isheetti ulfaatee taʼuu qaba. Mootuu taʼuunshee akka of tuultu ishee godheeraa? Matumaa.

17. (a) Asteer Mordekaayi isa akka abbaatti ishee guddiseef ajajamuushee kan itti fufte akkamitti? (b) Yeroo harʼaa fakkeenya Asteer hordofuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

17 Asteer, Mordekaayi isa akka abbaatti ishee guddiseef ajajamuushee itti fufteetti. Sanyii Yihudii taʼuushee iccitiidhaan qabdeetti. Kana malees, Ahashwerosiin ajjeesuuf yaadamuusaa ilaalchisee wanta Mordekaayi isheetti dubbate mootichatti kan himte siʼa taʼu, yaaliin ajjeechaa sunis fashalaaʼeera. (As. 2:20-23) Gad of deebisuufi ajajamuudhaanis Waaqayyorratti amantii akka qabdu argisiisteetti. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun, ajajamuu mannaa abboommii cabsuufi hammina raawwachuu waan jaallataniif fakkeenya Asteer hordofuun keenya baayʼee barbaachisaa mitii? Haataʼu malee, namoonni amantii dhugaa qaban akkuma Asteer ajajamuudhaaf iddoo guddaa kennu.

Amantiin Asteer Ni Qorame

18. (a) Mordekaayi Haamaaniif sagaduu kan dide maaliif taʼuu dandaʼa? (Miiljalees ilaali.) (b) Dhiironniifi dubartoonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya amantii Mordekaayi kan hordofan akkamitti?

18 Namni Haamaan jedhamu tokko mana mootummaa Ahashweros keessatti aangoo guddaa argate. Mootichi Haamaan muummicha ministeeraa, gorsituufi ittaanaasaa godhee isa muude. Mootichi namoonni Haamaaniin argan hundi jilbeenfatanii akka isaaf sagadanillee labsii baaseera. (As. 3:1-4) Haataʼu malee seerri kun Mordekaayirratti rakkina uumeera. Mordekaayi, mootichaaf ajajamuu kan qabu, hamma abboommii Waaqayyoo wajjin wal hin faallessinetti qofa akka taʼe amana ture. Haamaan sanyii Agaag taʼuusaa hubatteettaa? Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti, Haamaan sanyii Agaag isa mootii Amaaleq tureefi Saamuʼel raajichi ajjeese sanaa taʼuu hin oolu. (1 Sam. 15:33) Amaaleqoonni baayʼee hamoo waan taʼaniif, Yihowaafis taʼe Israaʼelootaaf diinota turan. Waaqayyo saba Amaaleqirratti badiisa fiduuf murteessee ture. * (Kes. 25:19) Maarree namni Yihudii amanamaa taʼe tokko nama sanyii Amaaleq taʼeef akkamitti sagaduu dandaʼa? Mordekaayi matumaa kana hin godhu. Haamaaniif hin sagadne. Dhiironniifi dubartoonni amanamoon bara duriitii kaasee hanga harʼaatti jiran, seera buʼuuraa “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jedhuuf ajajamuuf jecha lubbuusaanii balaadhaaf saaxilaniiru.—HoE. 5:29.

19. Haamaan maal gochuu barbaadee ture? Mooticha amansiisuu kan yaalehoo akkamitti?

19 Haamaan yeroo kanatti baayʼee aare. Taʼus, Mordekaayiin qofa ajjeesuuf mala barbaaduun gaʼaa akka hin taane itti dhagaʼame. Kanaa mannaa saba Mordekaayi hunda haxaaʼee balleessuu barbaade. Kanaaf, mooticha duratti Yihudoota hadheessuudhaan isa amansiise. Maqaasaanii utuu hin caqasin, namoonni ‘bittimmaaʼanii saba kutaa biyya mootummaasaa hundumaa gidduu tamsaʼaniifi’ waaʼee hin baafne tokko akka jiran dubbate. Kana malees, namoonni kun seera mootichaatiif waan hin ajajamneef, namoota mootummaarratti kaʼan akka taʼan dubbateera. Qarshii hedduu Yihudoota mootummaasaa keessa jiran hunda balleessuuf barbaachisu mana maallaqaatti galchuufis yaada dhiheesse. * Ahashweros Haamaan wanta barbaade akka ittiin mallatteessuuf amartii mallattoo qubasaatii isaaf kenne.—As. 3:5-10.

20, 21. (a) Labsiin Haamaan baase Mordekaayiin dabalatee Yihudoota Faares keessa jiranirratti dhiibbaa akkamii geessise? (b) Mordekaayi Asteer maal akka gootu gaafate?

20 Utuma baayʼee hin turin ergamtoonni murtoo duʼaa Yihudootarratti murteeffame kana dabarsuuf fardeen saffisa qabaniin kallattii hundaatti ergaman. Yihudoonni boojuu Baabilonii deebiʼanii Yerusaalem jiraniifi magaalaasaanii ishee dallaa hin qabne ijaaruuf carraaqqii godhan, labsii kana yommuu dhagaʼan maaltu akka isaanitti dhagaʼamu yaadi. Mordekaayi labsii sodaachisaa kana yommuu dhagaʼu, Yihudootaaf, michootasaafi firootasaa Susaan keessa jiraniif yaaddaʼee taʼuu hin oolu. Garmalee waan dhiphateef, wayyaasaa tarsaasee, uffata gaddaa uffachuufi daaraa mataasaatti firfirsuudhaan walakkaa magaalaa dhaabatee iyya keessaa fuudhe. Haamaan garuu gadda Yihudootaafi michootasaanii warra Susaan keessa jiranirra geessise wayittuu utuu hin lakkaaʼin mootichaa wajjin taaʼee dhuguusaa itti fufe.—Asteer 3:12–4:1 dubbisi.

21 Mordekaayi Yihudoota oolchuuf tarkaanfii tokko fudhachuu akka qabu hubateera. Haataʼu malee, maal gochuu dandaʼa? Asteer gadduusaa waan dhageesseef wayyaa kan isaaf ergite taʼus, Mordekaayi garuu jajjabaachuu dide. Tarii Mordekaayi, Yihowaan Asteer isheen jaallatamtuun isa jalaa fudhatamtee haadha manaa nama Yihudii hin taane tokkoo akka taatu kan heyyame maaliif akka taʼe yeroo dheeraadhaaf yaadee taʼuu hin oolu. Ammaa garuu sababiinsaa ifa taʼaa kan jiru fakkaata. Mordekaayi Asteer mooticha duratti dhihaattee ‘qomoo isheetiif’ akka falmitu ergaa itti erge.—As. 4:4-8.

22. Asteer abbaa manaashee isa mootii taʼe duratti dhihaachuu kan sodaatte maaliifi? (Miiljalees ilaali.)

22 Asteer ergaa kana yommuu dhageessu baayʼee dhiphattee taʼuu qaba. Haalli kun amantiisheerratti qorumsa guddaa kan fidudha. Deebii Mordekaayiif deebisterraa hubachuun akkuma dandaʼamu sodaattee turte. Achiis seerri mootichaa maal akka jedhu isa yaadachiiste. Namni tokko utuu hin waamamin mooticha duratti dhihaate jechuun ni ajjeefama jechuudha. Namni kun duʼa ooluu kan dandaʼu mootichi siiqqee warqeesaa yoo isatti qabe qofadha. Waashtiin ajaja mootichaa tuffattee yommuu isa duratti dhihaachuu didde waan isheerra gaʼe beekuunshee, Asteer akka sodaattu ishee godhee turee laata? Asteer mootichi guyyaa 30 darbanitti akka ishee hin waamne Mordekaayitti himte. Asteer, Mootiin yaadasaa jijijjiiru kun yeroo hammanaatiif ishee waamuu dhiisuunsaa, na jibbee yaadasaa jijjiireeraa laata jettee akka shakkitu ishee gochuu dandaʼa. *As. 4:9-11.

23. (a) Mordekaayi amantii Asteer cimsuuf maal jedhe? (b) Fakkeenya amantii Mordekaayi hordofuu kan qabnu maaliifi?

23 Mordekaayi deebii amantii Asteer cimsu isheedhaaf deebise. Yoo isheen tarkaanfii fudhachuu dhiiste, Yihudootaaf fayyinni bakka biraatii akka dhufu isheetti hime. Haataʼu malee, ariʼatamni sun sadarkaa guddaarra yeroo gaʼe kanatti Asteer nan oola jettee eeguu dandeessii? Mordekaayi Yihowaan sabnisaa guutummaatti akka badanis taʼe abdiinsaa utuu hin raawwatamin akka hin hafne amantii cimaa akka isarratti qabu argisiiseera. (Iya. 23:14) Achiis Mordekaayi, Asteeriin “Mootuu taʼuun kee iyyuu yeroo akkasiitiif yaadame taʼa, maaltu beeka?” jedhee gaafate. (As. 4:12-14) Fakkeenya amantii Mordekaayi hordofuun keenya sirrii mitiiree? Inni Waaqasaa Yihowaatti guutummaatti amanameera. Nutoo?—Fak. 3:5, 6.

Amantii Sodaa Duʼaa Moʼe

24. Asteer amantiifi ija jabina akka qabdu kan argisiiste akkamitti?

24 Yeroon Asteer murtoo itti gootu ni gaʼe. Asteer, Mordekaayi namoonni biyyashee akkumashee guyyaa sadii akka sooman akka godhu kan gaafatte taʼuusaarrayyuu, ‘Ani yoon duʼes nan duʼa!’ jechuudhaan jecha gabaabaa amantii cimaafi ija jabina akka qabdu argisiisu dubbatte. (As. 4:15-17) Guyyoottan sadan sana keessatti kadhannaa cimaa sana dura dhiheessaa turte hunda caalu dhiheessitee taʼuu qaba. Dhumarrattis yeroon isheen murtoo itti gootu ni gaʼe. Qalbii mootichaa hawwachuuf jecha, uffata mootuu taʼuushee beeksisu uffachuu dabalatee hamma isheedhaa dandaʼame of miidhagsitee gara mootichaa dhaqxe.

Asteer saba Waaqayyoo eeguuf jecha lubbuushee balaadhaaf saaxilteetti

25. Asteer yommuu abbaa manaashee duratti dhihaattu haallisaa maal akka fakkaatu ibsi.

25 Akkuma seensa mataduree kanaarratti ibsame, Asteer gara teessoo mootichaa dhaqxe. Asteer yeroo kanatti hammam dhiphachaafi cimsitee kadhachaa akka turte yaaduu dandeenya. Achiis mooraa sana keessa bakka Ahashweros teessoosaarra taaʼee isa arguu dandeessu seente. Tarii yeroo kanatti miira fuula mootichaarratti mulʼatu ilaaluuf yaaltee taʼuu dandaʼa. Haala kanaan xinnoo turteetti taanaan, yeroo dheeraa isheetti fakkaatee taʼuu qaba. Taʼus utuma baayʼee hin turin abbaan manaashee ishee arge. Yeroo kanatti dinqisiifamee kan ture taʼus, sagalee laafaadhaan isheetti dubbate. Achiis siiqqeesaa isa warqeerraa hojjetame isheetti qabe.—As. 5:1, 2.

26. Kiristiyaanonni dhugaan ija jabina akka Asteer qabaachuun kan isaan barbaachisu maaliifi? Asteer hojiinshee hin xumuramne kan jennu maaliifi?

26 Mootichi Asteeriin dhaggeeffachuuf fedhii akka qabu argisiise. Asteer Waaqasheefis taʼe sabasheetiif falmuudhaan tajaajiltoota Yihowaa hamma harʼaatti jiran hundaaf fakkeenya gaarii taati. Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiranis namoota fakkeenya taʼan akkasiitiif iddoo guddaa kennu. Yesus duuka buutonnisaa warri dhugaan jaalala isa fedhii ofii aarsaa gochuudhaan argisiifamuun akka beekaman dubbateera. (Yohannis 13:34, 35 dubbisi.) Jaalala akkasii argisiisuun yeroo baayʼee ija jabina akka Asteer qabaachuu gaafata. Taʼus Asteer guyyaa sana saba Waaqayyootiif erga falmitee boodallee, wantoota raawwatte garabiraas qabdi. Haamaan inni gorsituu mootichaa jaallatamaan hamaa taʼuusaa mooticha amansiisuu kan dandeessu akkamitti laata? Sabnishee akka oolan gargaaruu kan dandeessuhoo akkamitti? Gaaffiiwwan kana boqonnaa ittaanurratti qorra.

^ key. 2 Ahashweros, Zeerses 1⁠ffaa isa Dh.K.D. jalqaba jaarraa 5⁠ffaatti mootii Mootummaa Faares ture jedhamee amanama.

^ key. 9 Saanduqa “Gaaffiiwwan Asteeriin Ilaalchisee Kaʼan” jedhuufi Boqonnaa 16⁠rra jiru ilaali.

^ key. 18 Amaaleqonni warri “hafan” bara Hisqiyaas Mootichaatti waan balleeffamaniif Haamaan Amaaleqoota warra yeroo sanatti hafan keessaa tokko taʼuu qaba.—1 Sen. 4:43.

^ key. 19 Haamaan meetii makliitii 10,000 yeroo harʼaa doolaara Ameerikaa miliyoona dhibbaan lakkaaʼamu baasu kennuuf yaada dhiheesse. Ahashweros, akkuma jedhamu Zeersas Tokkoffaa yoo taʼe qarshiin Haamaan dhiheesse kun Ahashweros yaadasaa akka fudhatu isa godhee taʼuu dandaʼa. Zeersas waraana guddaa Giriikii wajjin godheefi kasaaraa guddaadhaaf isa saaxilee ture geggeessuuf qarshii hedduun isa barbaachisa ture.

^ key. 22 Zeersas Tokkoffaan nama dallanuufi garmalee dheekkamu taʼuudhaan beekama. Barreessaa seenaa Giriikii kan taʼe Herodotas lola Zeersas Giriikitti banerraa fakkeenya tokko tokko caqaseera. Mootiin kun qarqara galaanaa Helesipaantirratti markaboonni wal maddii dhaabamanii akka riqichaatti akka tajaajilan ajajee ture. Taʼus, yeroo obomboleettiin riqicha sana diige, Zeersas namoonni riqicha sana hojjetan mormisaanii akka kutamuufi namoonnisaa yeroo abaarsi sagalee guddaadhaan dubbifamu galaanicha rukutuudhaan Helesipaantiin akka “adaban” ajaje. Waaraanuma kanarratti namni sooressa taʼe tokko ilmisaa waraana dhaquu akka oolu yommuu isa kadhatu, akeekkachiisa akka taʼuuf jecha mucichi iddoo lamatti kutamee reeffisaa bakkeetti akka gatamu godheera.