Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA AFUR

Lafa Ati Dhaqxu Anis Nan Dhaqa”

Lafa Ati Dhaqxu Anis Nan Dhaqa”

1, 2. (a) Ruutiifi Naaʼomiin garamitti deemaa akka jiraniifi gadda akkamii keessa akka jiran ibsi. (b) Adeemsi Ruut kan Naaʼomiirraa adda kan ture akkamitti?

RUUT daandii lafa ol kaʼaa Moʼaab keessa qaxxaamuruufi qilleensi itti baayʼaturra Naaʼomii wajjin deemaa jirti. Dubartoonni kun lamaan dirree balʼaa kana keessa kophaasaanii yommuu deeman huuba fakkaatu. Ruut aduun lixaa akka jirtu hubachuudhaan bakka bultii barbaaddachuu akka qaban itti himuuf gara amaatiisheetti yommuu garagaltu sitti haa mulʼatu. Naaʼomii baayʼee waan jaallatuuf ishee kunuunsuuf wanta isheedhaa dandaʼame hunda gochuu barbaaddi.

2 Dubartoonni kun lamaan gadda guddaarra jiru. Naaʼomiin abbaan manaashee erga duʼee waggoonni hedduun kan darban taʼus, ammammoo ilmaanshee lamaan jechuunis Kiliyooniifi Maahiloon waan duʼaniif gadda guddaa keessa jirti. Ruutis gaddarra jirti. Maahiloon abbaa manaashee ture. Ruutiifi Naaʼomiin gara magaalaa Betlihem ishee Israaʼel keessa jirtutti deemaa jiru. Haataʼu malee adeemsi kun lamaansaaniitiif hiika garagaraa qaba jechuun ni dandaʼama. Naaʼomiin biyyasheetti deebiʼaa jirti. Ruut garuu waaqashee dabalatee, maatiishee, biyyasheefi aadaashee hunda dhiistee biyya ormaa deemaa jirti.—Ruut 1:3-6 dubbisi.

3. Amantii Ruut hordofuuf kan nu gargaaru gaaffiiwwan kamiif deebii argachuu keenyadha?

3 Ruut tarkaanfii guddaa akkasii akka fudhattu kan ishee kakaase maalidha? Ruut jireenya haaraa jiraachuufi Naaʼomii kunuunsuuf jabina argachuu kan dandeessu akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuudhaan barumsa hedduu amantii Ruut ishee nama Moʼaab taatee hordofuuf nu gargaaru argachuu dandeenya. (Saanduqa “ Ogbarruu Gabaabaa Dinqisiisaa Taʼe” jedhus ilaali.) Mee jalqaba dubartoonni lamaan kun karaa dheeraa gara Betlihemitti geessu kanarra akka deeman kan isaan dirqisiise maal akka taʼe haa ilaallu.

Maatii Gaddi Guddaan Irra Gaʼe

4, 5. (a) Maatiin Naaʼomii Moʼaabitti kan gale maaliifi? (b) Naaʼomiin Moʼaabitti rakkinni akkamii ishee mudatee ture?

4 Ruut kan guddatte biyya Moʼaab ishee xinnoo taateefi baha Galaana Duʼaatti argamtu keessattidha. Biyyichi garri caalaansaa gaarawwan gidduusaaniitti dachaa qabaniifi bosonaan uwwifamaniin kan guutamedha. ‘Biyyi Moʼaab’ yeroo beelli biyya Israaʼel rukutettillee, lafa gabbataafi qonnaadhaaf mijaaʼaa taʼe qabdi turte. Ruut Maahilooniifi maatiisaa wajjin kan wal barte sababii beela kanaatiin ture.—Rut. 1:1.

5 Abbaa manaa Naaʼomii kan taʼe Eliimelek biyyasaa dhiisee haadha manaasaafi ilmaansaa lamaan fudhatee biyya Moʼaabitti galaa taʼe akka jiraatu kan isa dirqisiise beela Israaʼel keessa turedha. Israaʼeloonni bakka qulqulluu Yihowaan filatetti yeroo hunda isa waaqeffachuu waan qabaniif, biyyasaanii dhiisanii deemuun amantii miseensota maatii kanaarratti dhiibbaa geessisee taʼuu qaba. (Kes. 16:16, 17) Naaʼomiin garuu amantiishee eegdee jiraatteetti. Taʼus yeroo abbaan manaashee duʼe baayʼee gadditee turte.—Rut. 1:2, 3.

6, 7. (a) Naaʼomiin yommuu ilmaanshee dubartoota Moʼaab fuudhan kan gaddite maaliif taʼuu dandaʼa? (b) Naaʼomiin haadhotii manaa ilmaanshee gaarummaadhaan qabuunshee sirrii kan ture maaliifi?

6 Naaʼomiin yeroo ilmaanshee dubartoota Moʼaab fuudhanittis baayʼee gadditee taʼuu qaba. (Rut. 1:4) Akaakilii sabashee kan taʼe Abrahaam sabasaa keessaa ilmasaa Yisihaqiif haadha manaa Yihowaa waaqeffattu barbaaduuf carraaqqii cimaa godhee akka ture beekti. (Uma. 24:3, 4) Yeroo boodas, Seerri Musee Israaʼeloonni waaqayyolii tolfamoo akka hin waaqeffannetti, ilmaansaaniis taʼan intaloonnisaanii namoota Yihowaa hin waaqeffannee wajjin gaaʼela akka hin godhanne isaan akeekkachiiseera.—Kes. 7:3, 4.

7 Haataʼu malee, Maahilooniifi Kiliyoon dubartoota Moʼaab fuudhaniiru. Naaʼomiin dhimmi kun ishee yaaddessee ykn abdii ishee kutachiisee ture taanaan, haadhotii manaa ilmaanshee kan taʼan Ruutiifi Orphaatti gaarummaafi jaalala dhugaa argisiistee akka turte haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Tarii isaanis akkumashee gaaf tokko Yihowaa waaqeffachuu akka dandaʼan abdattee taʼuu dandaʼa. Sanas taʼe kana Ruutiifi Orphaan Naaʼomii baayʼee jaallatu turan. Walitti dhufeenyi cimaan kun yeroo gaddi guddaan isaanirra gaʼetti isaan gargaareera. Dubartoonni lamaanuu utuu ijoollee hin godhatin abbootiin manaasaanii irraa duʼaniiru.—Rut. 1:5.

8. Ruut Yihowaatti akka dhihaattu wanti ishee gargaare maal taʼuu dandaʼa?

8 Ruut amantiin isheen hordofaa turte gadda guddaa isheerra gaʼe moʼuuf ishee gargaaree turee? Ishee gargaareera jechuun hin dandaʼamu. Mooʼaabonni waaqayyolii hedduu kan waaqeffatan siʼa taʼu, isaan keessaa inni guddaan Kemosh jedhama. (Lak. 21:29) Amantiin Moʼaabotaa ijoollee aarsaa gochuu dabalatee, hammeenyaafi gara jabina yeroo sanatti raawwatamaa ture hunda kan heyyamu fakkaata. Ruut waaʼee Yihowaa isa jaalala qabeessaafi ooʼa qabeessa taʼee Maahilooniifi Naaʼomiirraa barattee taʼuu qaba. Kunis garaagarummaa Yihowaafi waaqayyolii Moʼaab gidduu jiru akka gaariitti akka hubattu ishee gargaareera. Yihowaan kan bulchu sossodaachisuudhaan utuu hin taʼin jaalalaanidha. (Keessa Deebii 6:5 dubbisi.) Ruut yeroo gaddi guddaan isheerra gaʼe kanatti, caalaatti Naaʼomiitti dhihaattee taʼuu dandaʼa. Kana malees, yommuu Naaʼomiin Yihowaan hundumaa akka dandaʼu, hojiinsaa dinqisiisaa akka taʼe, akkasumas sabasaa jaalalaafi ooʼaan akka qabe dubbattu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffattee taʼuu qaba.

Ruut yeroo gaddi irra gaʼeefi nama jaallattu duʼaan dhabde Naaʼomiitti maxxanteetti

9-11. (a) Naaʼomiin, Ruutiifi Orphaan murtoo akkamii godhan? (b) Gadda guddaa Naaʼomii, Ruutiifi Orphaarra gaʼerraa maal baranna?

9 Naaʼomiinis waaʼee biyyashee dhagaʼuu barbaaddi turte. Gaaf tokko tarii daldaltootarraa taʼuu dandaʼa yeroo kanatti beelli Israaʼel keessa akka hin jirre dhageesse. Yihowaan sabasaa yaadateera. Betlihem amma akkuma hiika maqaashee “Mana Daabboo” taateetti. Kanaaf Naaʼomiin biyyasheetti deebiʼuuf murteessite.—Rut. 1:6.

10 Ruutiifi Orphaanoo maal godhu laata? (Rut. 1:7) Abbootiin manaasaanii duʼuunsaanii Naaʼomii wajjin baayʼee akka walitti dhihaatan godheera. Keessumaa Ruut gaarummaan Naaʼomiin argisiistuufi amantii cimaan isheen Yihowaarratti qabdu akka isheen Naaʼomiitti maxxantu godhee taʼuu hin oolu. Dubartoonni abbootiin manaasaanii irraa duʼan sadan kun karaa Yihudaa geessurra buʼan.

11 Seenaan waaʼee Ruut dubbatu, rakkinniifi gaddi namoota gaarii taʼanis taʼe namoota gadhee taʼanirra gaʼuu akka dandaʼu nu hubachiisa. (Lal. 9:2, 11) Kana malees, keessumaa yeroo gaddi guddaan nurra gaʼu, namoota Yihowaa isa Naaʼomiin waaqeffattutti kooluu galanirraa jajjabina argachuun keenya barbaachisaa taʼuusaa nu hubachiisa.—Fak. 17:17.

Jaalala Guddaa Ruut Argisiiste

12, 13. Naaʼomiin, Ruutiifi Orphaan ishee wajjin deemuu mannaa gara biyyasaaniitti akka deebiʼan kan barbaadde maaliifi? Isaanoo maal jedhan?

12 Dubartoonni abbootiin manaasaanii irraa duʼan sadan kun fagaatanii yommuu deeman, dhimmi gara biraan tokko Naaʼomii yaaddessuu jalqabe. Waaʼee dubartoota ishee wajjin deemaa jiraniifi jaalala isaan isheefis taʼe ilmaansheetiif qaban yaaduu jalqabde. Gadda dabalataa isaanitti fiduunshee sirrii akka hin taane itti dhagaʼame. Biyyasaanii dhiisanii ishee wajjin Betlihemitti yoo galan maal isaaniif gochuu dandeessi?

13 Dhumarrattis Naaʼomiin, “Deebiʼaa, gara mana mana warra keessanii dhaqaa; akkuma isin warra isin irraa duʼeef, anaafis gaarii gootan, Waaqayyo gaarii isiniif haa godhu!” isaaniin jette. Yihowaan abbaa manaafi maatii isaaniif kennuudhaan akka isaan eebbisus hawwii qabdu isaaniif ibsite. Seenaansaa, “Yeroo isheen dhudhungattee nagaa itti dhaamtetti immoo, isaan sagalee isaanii guddisanii in booʼan” jedha. Ruutiifi Orphaan dubartii gara laafettiifi ofittummaarraa walaba taate kana maaliif akkas akka jaallatan hubachuun ulfaataa miti. Lamaansaaniiyyuu, “Nuyi sii wajjin gara saba kee in dhaqna malee, si biraa hin deebinu” jedhanii didan.—Rut. 1:8-10.

14, 15. (a) Orphaan garamitti deebite? (b) Naaʼomiin, Ruut ishee biraa akka deebitu amansiisuuf kan yaalte akkamitti?

14 Haataʼu malee Naaʼomiin nama salphaatti tole jettu hin turre. Abbaa manaa wanta jireenyaaf ishee barbaachisu isheedhaaf dhiheessus taʼe, ilmaan dubartoota kana fuudhuu dandaʼan waan hin qabneef, Israaʼel keessatti homaa isaaniif gochuu akka hin dandeenye ibsuudhaan isaan amansiisuuf yaalte. Wanta isaaniif barbaachisu isaanii gochuu dadhabuunshee baayʼee ishee gaddisiisuu akka dandaʼu dubbatte. Wanti Naaʼomiin dubbate Orphaa amansiiseera. Moʼaab keessaa haadhaafi mana mataashee waan qabduuf, achitti hafuunshee caalaatti gaarii fakkaata. Kanaaf, gadda guddaadhaan Naaʼomii dhudhungattee nagaa itti dhaamtee biyyasheetti deebite.—Rut. 1:11-14.

15 Ruutoo maal goote? Wanti Naaʼomiin dubbatte ishees kan ilaallatu ture. Haataʼu malee, seenaansaa “Ruut garuu ‘Si biraa hin hafu’ jettee isheetti marmite” jedha. Tarii Naaʼomiin Ruut ishee duukaa buʼuushee kan hubatte, takka erga deemtee booda taʼuu hin oolu. Achiis, “Ilaa agabaatteen kee gara saba isheetti, gara waaqayyolii isheettis deebiteetti; atis agabaattee kee duukaa deebiʼi” jettee ishee mormite. (Rut. 1:15) Wanti Naaʼomiin dubbatte nama seenaa kana dubbisuuf ergaa balʼaa dabarsa. Orphaan gara sabasheetti qofa utuu hin taʼin, gara “waaqayyolii isheettis” deebiteetti. Kemoshiifi waaqayyolii sobaa kaan waaqeffachuun isheedhaaf gaʼaa akka taʼe itti dhagaʼameera. Ruutoo akkas isheetti dhagaʼamee turee?

16-18. (a) Ruut jaalala guddaa akka qabdu kan argisiiste akkamitti? (b) Jaalala guddaa qabaachuu ilaalchisee Ruutirraa maal barachuu dandeenya? (Fakkiiwwan dubartoota lamaaniis ilaali.)

16 Ruut karaa sanarratti Naaʼomii wajjin yommuu falmitu maal akka gootu dursitee garaasheetti murteessitee turte. Garaanshee jaalala Naaʼomiifi Waaqa Naaʼomiin waaqeffattuuf qabduun guutamee ture. Kanaaf Ruut akkas jette: “Si duukaa dhaquu dhiisee akkan deebiʼuuf, cimsitee itti ana hin oofin! Lafa ati dhaqxu anis nan dhaqa, lafa ati jiraattu anis nan jiraadha, sabni kee saba koo in taʼa, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in taʼa. Lafa ati duututti anis achitti nan duʼa, achittis nan awwaalama; duʼa irraa kan hafe si irraa kan gargar na baasu yoo jiraate, Waaqayyo ana haa balleessu!”—Rut. 1:16, 17.

“Sabni kee saba koo in taʼa, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in taʼa”

17 Wanti Ruut dubbatte baayʼee ajaaʼibsiisaa waan taʼeef, erga isheen duutee waggaa 3,000 boodallee namoonni waan isheen dubbatte beekuu dandaʼaniiru. Jechoonni kun amala iddoo guddaa qabu, jechuunis jaalala guddaa akka qabdu kan argisiisanidha. Jaalalli Ruut qabdu baayʼee cimaa waan tureef, bakka Naaʼomiin dhaqxu hundatti ishee duukaa deemuuf akka murteessitu ishee godheera. Duʼa malee kan gargar isaan baasu hin jiru. Ruut waaqayyolii Moʼaabotaa dabalatee, wantoota Moʼaab keessatti beektu hunda dhiisuuf waan of qopheessiteef, sabni Naaʼomii sabashee taʼa. Orphaarraa haala adda taʼeen, Ruut Yihowaa isa Naaʼomiin waaqeffattu waaqeffachuu akka barbaaddu garaa guutuudhaan dubbattetti. *

18 Kanaaf, amma lamaansaanii qofti karaa dheeraa gara Betlihemitti geessu kanarra deemuusaanii itti fufan. Akka maddi tokko tilmaamaan kaaʼetti, karaan kun gara torban tokkoo fudhachuu dandaʼa. Taʼus michummaa cimaan gidduusaanii jiru gaddasaaniirraa hamma tokko jajjabina akka argatan isaan gargaaree taʼuu akka qabu beekamaadha.

19. Maatii keessatti, michoota keenyaafi gumii keessatti jaalala cimaa argisiisuu ilaalchisee fakkeenya Ruut hordofuu kan dandeenyu akkamitti jettee yaadda?

19 Yeroo harʼaas namoonni baayʼeen gaddi isaanirra gaʼa. Bara Macaafni Qulqulluun, ‘yeroo sodaachisaa’ jedhee waamu keessa waan jiraannuuf wantoonni nama gaddisiisan hedduun nurra gaʼuu dandaʼu. (2 Xim. 3:1) Kanaaf, amala Ruut argisiiste qabaachuun keenya yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaadha. Jaalalli cimaan, inni waan tokkotti cichuufi salphaatti gad lakkisuu dhiisuudhaan beekamu, biyya lafaa dukkanaaʼaa kana keessatti waan gaarii hojjechuuf humna nuu kenna. Gaaʼela keessatti, maatii keessatti, michummaa warra kaanii wajjin qabnurratti, akkasumas gumii Kiristiyaanaa keessatti jaalala akkasii qabaachuun keenya barbaachisaadha. (1 Yohannis 4:7, 8, 20 dubbisi.) Jaalala akkasii horachuuf carraaqqii kan goonu yoo taʼe, fakkeenya Ruut hordofaa jirra jechuudha.

Ruutiifi Naaʼomiin Betlihem Keessa Jiraachuu Jalqaban

20-22. (a) Moʼaab keessa jiraachuunshee Naaʼomiirratti jijjiirama kan fide akkamitti? (b) Naaʼomiin rakkina isheerra gaʼeef ilaalcha dogoggoraa akkamii qabdi turte? (Akkasumas Yaaqoob 1:13 ilaali.)

20 Jaalala guddaa akka qaban dubbachuun waan tokko siʼa taʼu, amala kana hojiidhaan argisiisuunimmoo waan gara biraadha. Ruut Naaʼomiitti qofa utuu hin taʼin, Yihowaa isa Waaqashee godhachuuf filattettis jaalala guddaa argisiisuuf carraa qabdi turte.

21 Dhumarratti dubartoonni kun lamaan mandara Betlihem ishee Yerusaalemirraa gara kibbaatti kiilomeetira 10 fagaattee argamtu gaʼan. Namoonni naannoo sanaa hundi Naaʼomiin deebiʼuushee yommuu dhagaʼan waan wacaniif, Naaʼomiifi maatiinshee mandara xinnoo kana keessatti beekamoo kan turan fakkaata. Dubartoonni bakka sana jiran fajajanii ishee ilaaluudhaan, “Kun Naaʼomii dhaa?” jedhanii gaafatan. Moʼaab keessa turuunshee jijjiirama guddaa isheetti fideera. Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti, waggoota hedduudhaaf rakkinniifi gaddi akka isheerra gaʼe fuulaafi qaamasheerraa ni mulʼata ture.—Rut. 1:19.

22 Naaʼomiin jireenyishee hangam hadhaaʼaa akka ture dubartoota waggoota hedduu dura firootaafi ollaashee turan kanatti himte. Maqaanshee Naaʼomii, isa hiika “Gammachuukoo” jedhu qaburraa, Maaraa jechuunis isa hiika “Hadhaaʼaa” jedhu qabutti utuu jijjiiramee akka filattullee itti dhagaʼameera. Haalli Naaʼomii baayʼee nama hin gaddisiisuu? Akkuma Iyoob isa ishee dura turee, rakkina sana kan isheetti fide Yihowaa akka taʼe itti dhagaʼameera.—Rut. 1:20, 21; Iyo. 2:10; 13:24-26.

23. Ruut waaʼee maalii yaaduu jalqabde? Seerri Musee hiyyeessotaaf maal akka godhamu ajaja ture? (Miiljalees ilaali.)

23 Dubartoonni kun lamaan Betlihem keessa jiraachuu yommuu jalqaban, Ruut wanta ofiisheetiifis taʼe Naaʼomiidhaaf barbaachisu akkamitti argachuu akka dandeessu yaaduu jalqabde. Seerri Yihowaan sabasaa Israaʼel keessa jiraataniif kenne, hiyyeessotaaf qophii jaalalarratti hundaaʼe akka qabate barattee turte. Hiyyeessonni yeroo midhaan sassaabamu, warra haaman duukaa deemanii qarmiifi miidhaan qarqara maasiitti hafe funaannachuu dandaʼu turan. *Lew. 19:9, 10; Kes. 24:19-21.

24, 25. Ruut yeroo akka carraa gara maasii Boʼaz dhaqxe maal goote? Hojiin qarmii funaanuuhoo maal fakkaata ture?

24 Ruut qophii qarmii funaannachuuf godhamerratti hundaaʼuudhaan nama isheedhaa heyyamu argachuuf gara maasii namootaa kan deemte, jiʼa Eblaa isa yeroo garbuun itti haamamutti taʼuu hin oolu. Akka carraa taʼee maasii Boʼaz isa abbaa lafaa, sooressaafi fira abbaa manaa Naaʼomii Eliimelek jedhamuu dhaqxe. Ruut Seerichi qarmii akka funaannattu kan isheedhaaf heyyamu taʼus, jalqabuushee dura dargaggeessa namoota haaman sana hojjechiisu heyyama gaafatte. Innis kan isheedhaaf heyyame siʼa taʼu, Ruutis yeruma sana qarmii funaannachuu jalqabde.—Rut. 1:22–2:3, 7.

25 Ruut namoota midhaan haaman sana yommuu hordoftu sitti haa mulʼatu. Yommuu namoonni sun haamtuusaanii isa qara taʼeen midhaan haaman isheenimmoo jala deemtee isa harcaʼe ykn lafatti hafe erga funaannattee booda walitti hiitee bakka midhaan sana itti dhooftutti geessiti. Hojiin kun kan nama nuffisiisu, nama dadhabsiisuufi yeroo aduun hoʼaa deemummoo caalaatti kan ulfaatu ture. Taʼus, Ruut dafqashee haxaaʼachuufi tarii godoo hojjettoonni nyaataaf itti boqotan keessatti nyaata salphaa nyaachuuf boqochuurraa kan hafe qarmii funaanuushee hin dhiistu ture.

Ruut wanta isheedhaafis taʼe Naaʼomiidhaaf barbaachisu dhiheessuuf hojii ulfaataafi gad aanaa taʼe hojjetteetti

26, 27. Boʼaz nama akkamii ture? Ruutiifoo maal godheera?

26 Ruut tarii namni xiyyeeffannaa naaf kennu jira jettee yaaduu baattus, namni xiyyeeffannaa isheedhaaf kennu jira ture. Boʼaz ishee argee kan ture siʼa taʼu, eenyu akka taate dargaggeessa warra midhaan haaman sana hojjechiisu gaafate. Boʼaz nama amantii guddaa qabu waan tureef, hojjettootasaa tarii warra qacaramanii ykn biyya ormaatii dhufanii hojjetan, “Waaqayyo isin bira haa jiraatu” jedhee nagaa isaan gaafate. Isaanis akkasuma jedhanii deebisanii nagaa isa gaafatan. Maanguddoon nama hafuuraa taʼe kun akka abbaatti Ruutiifis xiyyeeffannaa kenneera.—Rut. 2:4-7.

27 Boʼaz “Intalo!” isheedhaan jechuudhaan, Ruut qarmii funaannachuuf deebitee gara maasiisaa akka dhuftuufi hojjettoonni dhiiraa akka ishee hin rakkisnetti dubartoota miseensa maatiisaa taʼan maddii deemtee akka funaannattu ishee gorseera. Yeroo laaqanaattis nyaata akka nyaatu qophii godheeraaf. (Ruut 2:8, 9, 14 dubbisi.) Hunda caalaammoo, ishee galateeffateera, akkasumas ishee jajjabeesseera. Kana kan godhe akkamitti?

28, 29. (a) Ruut maqaa akkamii qabdi turte? (b) Atoo akkuma Ruut Yihowaatti kooluu galuu kan dandeessu akkamitti?

28 Ruut nama biyya ormaa taatee utuu jirtuu gaarummaa kan isheetti argisiise maaliif akka taʼe yommuu isa gaafattu, Boʼaz wanta isheen amaatiishee Naaʼomiidhaaf goote hunda akka dhagaʼe isheetti hime. Tarii Naaʼomiin dubartoota Betlihem duratti Ruutiin kan jajatte siʼa taʼu, Boʼazis oduu kana dhagaʼeera. Boʼaz, Ruut Yihowaa waaqeffachuu jalqabuushee waan dhagaʼeef, “Gocha keetiif Waaqayyo waan gaarii siif haa deebisu, gatiin kees Waaqayyo gooftaa Israaʼel, isa ati bobaa isaa jalatti kooluu galte biraa waan gaariidhaan siif haa guutu” jedhee ishee eebbiseera.—Rut. 2:12.

29 Jechoonni kun Ruutiin baayʼee jajjabeessanii taʼuu qaba. Akkuma cuuciin tokko qoochoo haadhashee keessatti boqottu, Ruut qoochoo Yihowaa jalatti kooluu galuuf murteessiteetti. Boʼaz waan ishee jajjabeesseef isa galateeffatteetti. Kana malees, hamma galgalaatti qarmii funaannachuushee itti fufteetti.—Rut. 2:13, 17.

30, 31. Jabaatanii hojjechuu, dinqisiifannaafi jaalala guddaa qabaachuu ilaalchisee Ruutirraa maal barachuu dandeenya?

30 Wanti Ruut goote, nu warra yeroo harʼaa rakkina dinagdee cimaa keessa jirru hundaaf fakkeenya gaarii taʼa. Warri kaan ishee gargaaruu akka qaban itti hin dhagaʼamne; kanaa mannaa, hojii argatte hunda hojjetti turte. Hojichi gad aanaa taʼus, nama jaallatu kunuunsuuf jecha saʼaatii dheeraadhaaf hojii ulfaataa hojjechuuf hin qaanofne. Of eeggannoo akka gootuufi namoota gaarii taʼanii wajjin akkamitti hojjechuu akka qabdu ilaalchisee gorsa isheedhaaf kenname hojiirra oolchiteetti. Hunda caalaa garuu, eegumsa kan isheedhaaf godhu Abbaashee isa samii kan taʼe Yihowaa taʼuusaa matumaa hin daganne.

31 Nutis fakkeenya Ruut hordofuudhaan jaalala kan argisiisnu, kan gad of deebisnu, jabaannee kan hojjennuufi dinqisiifannaa kan qabnu yoo taʼe, amantii warra kaaniif fakkeenya taʼu qabaachuu dandeenya. Haataʼu malee Yihowaan, wanta Ruutiifi Naaʼomiidhaaf barbaachisu kan kenne akkamitti? Boqonnaa ittaanurratti waaʼee kanaa mariʼanna.

^ key. 17 Akka Macaafa Qulqulluu duriitti, Ruut akka namoonni biyya ormaa hedduun godhan maqaa ulfinaa “Waaqayyo” jedhutti qofa utuu hin taʼin, maqaa dhuunfaa “Yihowaa” jedhutti fayyadamuunshee xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. Macaafni Qulqulluun, Za Intarpireetarsi Baayibil jedhamu, “Barreessaan kitaaba kanaa dubartiin biyya ormaa kun Waaqa dhugaa waaqeffachaa akka turte ibseera” jedha.

^ key. 23 Seerri Musee seera Ruut biyyashee keessatti beektu hundarra kan caalu ture. Bara sana, biyya Baha Dhihoo keessatti dubartoonni abbootiin manaasaanii irraa duʼan hin kunuunfaman turan. Kitaabni tokko, “Dubartiin tokko abbaan manaashee yoo irraa duʼe, ilmaansheetu ishee gargaara; ilmaan hin qabdu taanaanimmoo garbummaatti of gurguruu, gaalamoota taʼuu ykn duʼatu ishee eeggata ture” jedheera.