Faarfannaa 31:1-24

  • Yihowaatti kooluu galuu

    • “Hafuura koo imaanaadhaan harka keetti nan kennadha” (5)

    • “Waaqa dhugaa kan taate yaa Yihowaa” (5)

    • Gaarummaa Waaqaa isa baayʼee taʼe (19)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. 31  Yaa Yihowaa, ani sitti kooluu galeera.+ Matumaa qaaniin na irra hin gaʼin.+ Qajeelummaa keetiin kan kaʼe na oolchi.+   Gurra kee natti qabi.* Na oolchuuf dafii kottu.+ Ana oolchuudhaaf dahoo gaaraa,Iddoo dallaa dhagaa qabus naaf taʼi.+   Ati kattaa koo fi dahoo koo ti;+Maqaa keetiif jettee+ na geggeessita, na qajeelchitas.+   Ati dahoo koo waan taateef,+Saaphana isaan dhoksaatti naaf diriirsan jalaa bilisa na baasta.+   Hafuura koo imaanaadhaan harka keetti nan kennadha.+ Waaqa dhugaa* kan taate yaa Yihowaa,+ ati na furteetta.   Warra waaqolii tolfamoo gatii hin qabne waaqeffatan nan jibba,Ani garuu Yihowaatti nan amanama.   Ati rakkina koo waan argiteef,+Jaalala kee isa amanamaatti guddaa nan gammada;Ati dhiphina koo isa cimaa* beekta.   Ati harka diinaatti dabarsitee na hin kennine,Kanaa mannaa, bakka balaa irraa walaba* taʼe irra na dhaabdeetta.   Yaa Yihowaa, dhiphina keessa waanan jiruuf, gaarummaa natti argisiisi. Dhiphinni ija koo, guutummaa qaama kootiis* dadhabsiiseera.+ 10  Jireenyi koo gaddaan dhumeera,+Waggoonni koos aaduudhaan kan kaʼe gabaabbataniiru.+ Dogoggora kootiin kan kaʼe jabinni koo laafeera;Lafeewwan koos dadhabaniiru.+ 11  Diinonni koo hundi,Keessumaa immoo olloonni koo na tuffataniiru.+ Michoonni koo na sodaatan;Yommuu addabaabayiitti na argan, na irraa baqatu.+ 12  Ani akka nama duʼeetti sammuu* isaanii keessaa baʼeera, irraanfatameeras;Ani akka hubboo* cabaa taʼeera. 13  Jette jettee hamaa hedduu dhagaʼeera;Naasuun natti marseera.+ Isaan tokko taʼanii yommuu na irratti walitti qabaman,Lubbuu koo balleessuuf mala qopheessu.+ 14  Yaa Yihowaa, ani garuu sittan amanama.+ “Ati Waaqa koo ti”+ jedhee nan labsa. 15  Guyyoonni* koo si harka jiru. Harka diinota koo fi harka warra na ariʼatanii irraa na oolchi.+ 16  Fuulli kee tajaajilaa kee irratti akka ifu godhi.+ Jaalala kee isa amanamaadhaan na oolchi. 17  Yaa Yihowaa, yommuun si waammadhu na hin qaanessin.+ Hamoonni haa qaanaʼan;+Awwaala* keessattis cal haa jechisiifaman.+ 18  Warri sobduun,Warri of tuulummaa fi tuffiidhaan isa qajeelaa irratti dubbatan arrabni isaanii haa xaxamu.+ 19  Gaarummaan kee akkam baayʼee dha!+ Ati warra si sodaataniif isa keesseetta;+Warra sitti kooluu galaniif jettees, gaarummaa kee namoota hundumaa duratti argisiisteetta.+ 20  Ati haxxummaa namootaa jalaa,Iddoo dhokataa si bira jiru keessa isaan dhoksita;+Ati haleellaa hamaa* jalaa,Gaaddisa kee keessatti isaan golgita.+ 21  Magaalaa marfamte keessatti+ karaa dinqisiisaa taʼeen jaalala isaa isa amanamaa waan natti argisiiseef,+Yihowaan haa jajamu. 22  Ani naʼee,“Si duraa nan balleeffama”+ jedheen ture. Ati garuu gara keetti yommuun iyyadhu, kadhata ani gargaarsa argachuuf dhiheesse ni dhageesse.+ 23  Warri isaaf amanamoo taatan hundi Yihowaa jaalladhaa!+ Yihowaan warra amanamoo taʼan ni eega,+Nama of tuulummaa argisiisu kam iyyuu garuu akka malee ni adaba.+ 24  Warri Yihowaa eeggattan hundi,+Onnadhaa, garaan keessanis cimaa haa taʼu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Gad jedhii na dhaggeeffadhu.”
Ykn., “amanamaa.”
Ykn., “dhiphina lubbuu kootii.”
Ykn., “iddoo balʼaa.”
Ykn., “lubbuu koo fi garaa koos.”
Ykn., “okkotee.”
Ykn., “garaa.”
Kal., “Yeroowwan.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “lola arrabaa.”