Faarfannaa 37:1-40

  • Warri Yihowaatti amanaman ni dagaagu

    • Namoota hamootti hin aarin (1)

    • “Yihowaatti baayʼee gammadi” (4)

    • “Daandii kee Yihowaatti kennadhu” (5)

    • ‘Garraamonni lafa ni dhaalu’ (11)

    • Namni qajeelaan nyaata hin dhabu (25)

    • Qajeelonni bara baraaf lafa irra jiraatu (29)

Faarfannaa Daawit. א [Aleef] 37  Namoota hamootti hin aarin* Yookiin warra jalʼina raawwatanitti hin hinaafin.+   Isaan akka margaatti hatattamaan ni coolligu,+Akka marga lalisaattis ni gogu. ב [Beet]   Yihowaatti amanami, wanta gaariis raawwadhu;+Lafattii irra jiraadhu, amanamaas taʼi.+   Yihowaatti baayʼee gammadi,Innis fedhii garaa keetii siif ni guuta. ג [Giimel]   Daandii kee Yihowaatti kennadhu;*+Isatti amanami, innis siif jecha tarkaanfii ni fudhata.+   Inni qajeelummaan kee akka ifa bariitti,Haqni kees akka aduu waareetti akka ifu ni godha. ד [Daalet]   Yihowaa duratti calluma jedhi,+Abdiidhaanis* isa eeggadhu. Nama mala haxxummaa isaa raawwachuu irrattiMilkaaʼina argatutti hin aarin.+ ה [Hii]   Dheekkamsa irraa of dhowwi, aariis dhiisi;+Aartee wanta hamaa raawwachuutti hin gorin.*   Sababiin isaas, namoonni hamoon ni badu,+Warri Yihowaa abdatan garuu lafa ni dhaalu.+ ו [Waaw] 10  Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan;+Bakka isaan turan ni ilaalta,Isaan garuu achitti hin argaman.+ 11  Garraamonni garuu lafa ni dhaalu,+Nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu.+ ז [Zaayin] 12  Namni hamaan isa qajeelaa irratti mala qopheessa;+Ilkaan isaas isatti qarata. 13  Yihowaan garuu guyyaan isaa akka dhufu waan beekuuf,+Isatti ni kolfa. ח [Heet] 14  Hamoonni isa cunqurfamee fi isa hiyyeessa taʼe kuffisuuf,Warra daandiin isaanii qajeelaa taʼes gorraʼuuf,*Goraadee isaanii ni luqqifatu, iddaa isaaniis ni dabsu.* 15  Haa taʼu malee, goraadeen isaanii onnee isaanii ni waraana;+Iddaan isaaniis ni caccaba. ט [Teet] 16  Wanta hedduu hamoonni baayʼeen qaban caalaaWanta xinnoo namni qajeelaan qabu wayya.+ 17  Irreen hamootaa ni caba,Yihowaan garuu qajeelota ni gargaara. י [Yood] 18  Yihowaan wanta warri balleessaa hin qabne keessa darban* beeka,Dhaalli isaaniis bara baraaf ni jiraata.+ 19  Isaan yeroo balaan gaʼutti hin qaanaʼan;Yeroo beelaattis wanta irraa hafaa ni qabaatu. כ [Kaaf] 20  Hamoonni garuu ni badu;+Diinonni Yihowaa akkuma iddoo dheedichaa ulfina qabeessa taʼeetti ni badu,Isaan akkuma aaraatti ni badu. ל [Laamed] 21  Namni hamaan ni liqeeffata, hin deebisus,Namni qajeelaan garuu ni arjooma,* ni kennas.+ 22  Warri Waaqayyo eebbise lafa ni dhaalu,Warri inni abaare garuu ni badu.+ מ [Meem] 23  Yihowaan yommuu daandii namaatti gammadu,+Tarkaanfii isaa isaaf ni qajeelcha.*+ 24  Yihowaan harkaan* waan isa deggeruuf,+Inni yoo kufe illee hin gombifamu.+ נ [Nuun] 25  Ani dargaggeessan ture, amma garuu dulloomeera,Taʼus namni qajeelaan kam iyyuu yommuu gatamu,+Ijoolleen isaas yommuu nyaata* kadhatan hin argine.+ 26  Inni yeroo hundumaa fedhiidhaan liqeessa,+Ijoolleen isaas eebba argatu. ס [Saamek] 27  Wanta hamaa irraa gori, wanta gaarii raawwadhu,+Bara baraafis ni jiraatta. 28  Sababiin isaas, Yihowaan haqa ni jaallata,Warra isaaf amanamoo taʼanis hin gatu.+ ע [Ayiin] Isaan yeroo hundumaa eegumsa ni argatu;+Sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.+ 29  Qajeelonni lafa ni dhaalu,+Bara baraafis ishii irra ni jiraatu.+ פ [Pee] 30  Afaan nama qajeelaa warra kaaniif ogummaa hira,*Arrabni isaas waaʼee haqaa dubbata.+ 31  Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira;+Yommuu deemus miilli isaa hin gatantaru.+ צ [Tsadee] 32  Namni hamaan isa qajeelaa ajjeesuu barbaadee,Isa eeggata. 33  Yihowaan garuu harka nama sanaa irratti isa hin gatu+ Yookiin yommuu murtiidhaaf dhihaatutti yakkamaa isa hin godhu.+ ק [Qoof] 34  Yihowaa abdadhu, daandii isaas hordofi,Innis lafa akka dhaaltuuf ol si qaba. Yommuu hamoonni badan+ ni argita.+ ר [Reesh] 35  Ani namni gara jabeessi hamaa taʼeAkka muka lalisaa biyyoo isaa irra dhaabameetti dagaagee nan arge.+ 36  Haa taʼu malee, lubbuun isaa akkuma tasaa ni darbe, achis hin turre;+Ani cimsee isa nan barbaade, garuu isa argachuu hin dandeenye.+ ש [Shiin] 37  Isa balleessaa hin qabne* hubadhu,Isa qajeelaa+ taʼes qalbeeffadhuu ilaali;Sababiin isaas, egereen nama sanaa nagaa kan qabu taʼa.+ 38  Warri balleessaa raawwatan hundi garuu ni balleeffamu;Egereen namoota hamoos badiisa taʼa.+ ת [Taaw] 39  Fayyinni qajeelotaa Yihowaa biraa dhufa;+Inni yeroo dhiphinaatti dallaa dhagaa isaaniif ni taʼa.+ 40  Yihowaan isaan gargaara; isaan oolchas.+ Isatti kooluu waan galaniif,+Inni namoota hamoo jalaa isaan baraara, isaan oolchas.

Miiljaleewwan

Ykn., “hin finiinin.”
Kal., “Yihowaa irratti gati.”
Ykn., “Obsaanis.”
Ykn tarii, “Aariin miidhaatti si geessuu waan dandaʼuuf, hin aarin.”
Jechuunis, qaluuf.
Ykn., “ni hidhu.”
Kal., “guyyoota warra balleessaa hin qabnee.”
Ykn., “gaarummaa ni argisiisa.”
Ykn., “ni cimsa.”
Ykn., “harka isaatiin.”
Kal., “daabboo.”
Ykn., “sagalee isaa gad qabee ogummaa dubbata.”
Ykn., “Isa amanamummaa isaa eegu.”