Wangeela Luqaas 11:1-54

  • Barumsa kadhannaa ilaalchisee kenname (1-13)

    • Kadhannaa fakkeenya taʼu (2-4)

  • Jinniiwwan quba Waaqayyootiin baafaman (14-23)

  • Hafuurri xuraaʼaan deebiʼuu isaa (24-26)

  • Gammachuu dhugaa (27, 28)

  • Mallattoo Yoonaas (29-32)

  • Ibsaa qaamaa (33-36)

  • Fakkeessitootaaf wayyoo (37-54)

11  Yesuus bakka tokkotti kadhachaa turee kadhannaa isaa yommuu xumuru barattoota isaa keessaa tokko, “Yaa Gooftaa, akkuma Yohaannis barattoota isaa barsiise, akkamitti akka kadhannu nu barsiisi” isaan jedhe.  Kanaafuu, inni akkana isaaniin jedhe: “Yeroo kadhattan hundatti akkana jedhaa: ‘Yaa Abbaa, maqaan kee haa qulqullaaʼu.*+ Mootummaan kee haa dhufu.+  Nyaata guyyichaaf nu barbaachisu, guyyaa guyyaadhaan nuuf kenni.+  Nuti nama balleessaa nu irratti raawwate* hundaaf waan dhiisneef,+ cubbuu* keenya nuu dhiisi;+ qorumsatti nu hin galchin.’”+  Achiis akkana isaaniin jedhe: “Isin keessaa namni tokko michuu qaba haa jennu; innis halkan walakkaa gara isaa dhaqee akkana isaan jedhe: ‘Yaa michuu koo, daabboo sadii naa liqeessi;  michuun koo tokko utuu karaa deemuu ammuma natti dhufe; anis waanan isaaf kennu tokko illee hin qabu.’  Abbaan manichaa garuu, ‘Na hin rakkisin. Balballi cufameera, ijoolleen koos anaa wajjin siree irra rafaniiru. Ani kaʼee waan tokko iyyuu sii kennuu hin dandaʼu’ jedhee isaaf deebise.  Ani isiniin nan jedha, namichi michuu isaa waan taʼeef kaʼee homaa yoo isaaf kennuu baate illee, sababii namichi irra deddeebiʼee ija jabinaan isa kadhateef+ kaʼee wanta inni barbaade kam iyyuu isaaf ni kenna.  Kanaafuu, ani isiniin nan jedha, kadhachuu keessan itti fufaa,+ isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama.+ 10  Kan kadhatu hundi ni kennamaaf,+ kan barbaadu hundi ni argata, kan balbala rurrukutu hundis isaaf ni banama. 11  Isin keessaa abbaan ilmi isaa qurxummii yoo isa kadhate bofa kennuuf jiraa?+ 12  Hanqaaquu yoo isa kadhate hoo torbaanqabaa ni kennaafii? 13  Kanaafuu, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu caalchisee hin kennuu ree?”+ 14  Boodas jinnii arraba namaa hidhu tokko baase.+ Jinniin sun erga isa keessaa baʼee booda, namichi arrabni isaa hidhame sun dubbachuu jalqabe; namoonni hedduun sunis ni dinqisiifatan.+ 15  Haa taʼu malee, isaan keessaa tokko tokko, “Inni bulchaa jinniiwwanii Biʼeelzebuliin* jinniiwwan baasa”+ jedhan. 16  Warri kaan immoo isa qoruudhaaf samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu isa gaafachuu jalqaban.+ 17  Innis yaada isaanii beekee+ akkana isaaniin jedhe: “Mootummaan wal qoqqoodu hundi ni bada; manni wal qoqqoodu hundis ni jiga. 18  Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni yoo wal qoqqoode mootummaan isaa akkamitti jabaatee dhaabbata? Sababiin isaas, isin ani Biʼeelzebuliin jinniiwwan akkan baasu dubbattu. 19  Ani jinniiwwan kanan baasu Biʼeelzebuliin yoo taʼe, ilmaan keessan hoo eenyuun isaan baasu? Isaan kan isinitti murteessan kanaafi. 20  Ani jinniiwwan kanan baasu quba Waaqayyootiin+ yoo taʼe garuu, Mootummaan Waaqayyoo utuu isin hin beekin isinitti dhufeera+ jechuu dha. 21  Namni cimaan tokko meeshaa waraanaa akka gaariitti hidhatee mana isaa yeroo eegu qabeenyi isaa hin tuqamu. 22  Haa taʼu malee, namni isa irra cimaa taʼe dhufee isa loluudhaan yoo isa moʼe, meeshaa waraanaa namichi sun itti amanamee ture hunda isa irraa fudhata; wanta isa irraa saame hundumaas warra kaaniif hira. 23  Namni na cinaa hin dhaabbanne hundi na morma; namni anaa wajjin walitti hin qabne hundi ni bittinneessa.+ 24  “Hafuurri xuraaʼaan nama tokko keessaa yommuu baʼu, bakka itti boqotu barbaacha lafa bishaan hin qabne keessa joora; iddoo itti boqotu yommuu dhabu garuu, ‘Gara mana koo isan keessaa baʼetti nan deebiʼa’ jedha.+ 25  Yommuu deebiʼee dhufus, manichi haramee kan qulqulleeffamee fi miidhagaa taʼee argata. 26  Sana booda, dhaqee hafuurota isa caalaa hamoo taʼan kan biroo torba fudhatee dhufa, isaanis itti galanii achi jiraatu. Kanaafuu, haalli namicha sanaa inni gara boodaa isa duraa caalaa hammaata.” 27  Utuu inni wantoota kana dubbachaa jiruu dubartiin takka namoota gidduudhaa sagalee ishii ol kaastee, “Gadameessi si baatee fi harmi ati hoote gammadaa dha!”+ jette. 28  Inni garuu, “Lakki, gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!”+ jedhe. 29  Yommuu namoonni hedduun walitti qabaman akkana jedhee dubbachuu jalqabe: “Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha; inni mallattoo kan barbaadu taʼus, mallattoo Yoonaas raajichaa malee mallattoo kan biraan isaaf hin kennamu.+ 30  Sababiin isaas, akkuma Yoonaas+ namoota Nanawweetiif mallattoo taʼe, Ilmi namaas dhaloota kanaaf mallattoo ni taʼa. 31  Mootuun kibbaa+ ogummaa Solomoon dhagaʼuuf andaara lafaatii kaatee waan dhufteef, yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murteessiti. Haa taʼu malee, kunoo, Solomoon irra kan caalu as jira.+ 32  Namoonni Nanawwee lallaba Yoonaas dhagaʼanii yaada waan geddarataniif,+ yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaʼanii itti murteessu. Haa taʼu malee, kunoo, Yoonaas irra kan caalu as jira. 33  Namni tokko ibsaa qabsiisee, bakka dhokataa yookiin guuboo* jala hin kaaʼu; kanaa mannaa, warri ol seenan ificha akka arganiif baattuu ibsaa irra kaaʼa.+ 34  Ibsaan qaamaa ija dha. Kanaafuu, ijji kee waan tokko irratti kan xiyyeeffate* yoo taʼe, guutummaan qaama keetii ifaa* ni taʼa; ijji kee kan hinaafu* yoo taʼe garuu, qaamni kees dukkana taʼa.+ 35  Kanaafuu, ifni si keessa jiru dukkana akka hin taane of eeggadhu. 36  Egaa qaamni kee kutaa dukkanaaʼe tokko illee utuu hin qabaatin guutummaan isaa ifaa yoo taʼe, akkuma ibsaan siif ifutti qaamni kee guutummaatti ifaa taʼa.” 37  Yesuus erga kana dubbatee booda Fariisiin tokko akka isaa wajjin nyaatu isa affeere. Innis gara mana isaatti seenee maaddiitti dhihaate. 38  Haa taʼu malee Fariisichi, Yesuus nyaata dura harka isaa akka hin dhiqanne* yommuu argu baayʼee dinqisiifate.+ 39  Gooftaan garuu akkana isaan jedhe: “Fariisota nana, isin kubbaayyaa fi saanii ala isaanii ni qulqulleessitu; keessi keessan garuu sassataa fi hammeenyaan kan guutame dha.+ 40  Gowwoota nana! Inni ala isaa hojjete, keessa isaa hoo hin hojjennee? 41  Kanaa manaa, wantoota garaa keessan keessa jiran kennaa gara laafinaa* godhaa kennaa; sana booda guutummaatti qulqulluu taatu. 42  Fariisota nana, isiniif wayyoo! Sababiin isaas kefoo, cilaaddamaa fi biqiltuu* akaakuu hundumaa keessaa kurnoo ni kennitu;+ garuu haqaa fi jaalala Waaqayyoo akka laayyootti ilaaltu. Wantoota kana kennuuf dirqamni kan isin irra jiru taʼus, wantoota kaanis akka laayyootti ilaaluu hin qabdan turtan.+ 43  Fariisota nana, isiniif wayyoo! Sababiin isaas, isin mana sagadaa keessatti fuuldura* taaʼuu, iddoo gabaattis nagaa gaafatamuu jaallattu.+ 44  Isin akka awwaalota* mallattoo hin qabnee fi namoonni utuu hin beekin irra deemanii waan taataniif isiniif wayyoo!”+ 45  Yeroo kanatti warra Seericha beekan keessaa tokko, “Barsiisaa, wantoota kana yeroo dubbattu nuunis arrabsaa jirta” isaan jedhe. 46  Achiis Yesuus akkana jedhe: “Isin warra Seericha beektaniifis wayyoo! Sababiin isaas, isin baʼaa ulfaataa namoota irratti feetu; ofii keessaniif garuu quba tokkoon illee hin tuqxan.+ 47  “Isiniif wayyoo! Sababiin isaas, isin awwaalota* raajotaa ijaartu; kan isaan ajjeese garuu abbootii keessani.+ 48  Egaa isin gocha abbootii keessaniitiif ragoota dha; isaan raajota ajjeesan,+ isin immoo awwaalota isaanii ijaartu; kanaafuu, gocha isaanii deggeraa jirtu. 49  Ogummaan Waaqayyoo kana ilaalchisee akkana kan jettu kanaafi: ‘Ani raajotaa fi ergamoota gara isaaniitti nan erga; isaanis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu, kaan irra immoo ariʼatama geessisu; 50  kanaafuu, dhaloonni kun dhiiga raajotaa yeroo addunyaan hundeeffamee jalqabee dhangalaʼe hundumaatiif itti gaafatama;*+ 51  dhiiga Abeel+ irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas isa iddoo aarsaa fi manicha* gidduutti ajjeefameetti+ itti gaafatama.’ Eeyyee, ani isinitti nan hima, dhaloonni kun dhiiga dhangalaʼeef itti gaafatama.* 52  “Isin warra Seericha beektaniif wayyoo! Sababiin isaas, furtuu beekumsaa buttanii fudhattaniittu. Ofii keessanii itti hin galtan, warra itti galuuf jedhanis ni dhowwitu.”+ 53  Kanaafuu, yommuu Yesuus achii baʼee deemutti barsiisonni seeraa fi Fariisonni isatti marsanii gaaffiiwwan hedduu isa gaafachuudhaan isa dhiphisuu jalqaban; 54  wanta afaan isaa keessaa baʼuun kiyyoo keessa isa galchuuf eeggatu turan.+

Miiljaleewwan

Ykn., “qulqulluu taʼee haa qabamu.”
Kal., “idaa irraa qabnu.”
Kal., “idaa.”
Maqaa Seexanaaf kenname.
Ykn., “guuboo safaraa.”
Ykn., “qulqulluu.” Kal., “salphaa.”
Ykn., “ifaan kan guutame.”
Kal., “gadhee; hamaa.”
Jechuunis, akka sirna yeroo sana turetti akka hin dhiqanne.
Ykn., “kennaa hiyyeeyyiidhaaf kennamu.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “kuduraa.”
Ykn., “iddoo baʼeessa.”
Ykn., “awwaalota yaadannoo.”
Ykn., “awwaalota yaadannoo.”
Ykn., “hundi irraa barbaadama.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Ykn., “dhiigni dhangalaʼe irraa barbaadama.”