Wangeela Yohaannis 8:12-59

  • Abbaan waaʼee Yesuus dhugaa baʼa (12-30)

    • Yesuus, “ifa addunyaa ti” (12)

  • Ijoollee Abrahaam (31-41)

    • ‘Dhugaan bilisa isin baasa’ (32)

  • Ijoollee Diyaabilos (42-47)

  • Yesuusii fi Abrahaam (48-59)

8  12  Sana booda Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti.+ Namni ana duukaa buʼu kam iyyuu ifa+ jireenyaa argata malee, matumaa dukkana keessa hin deddeebiʼu” isaaniin jedhe. 13  Kanaan kan kaʼes Fariisonni, “Ati waaʼee ofii kee ragaa baata; ragaan ati baatu dhugaa miti” isaan jedhan. 14  Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu waanan beekuuf,+ waaʼee ofii koo yoon ragaa baʼe illee, ragaan ani baʼu dhugaa dha. Isin garuu eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu hin beektan. 15  Isin akka ilaalcha fooniitti* murteessitu;+ ani garuu matumaa eenyutti iyyuu hin murteessu. 16  Haa taʼu malee, Abbaan inni na erge anaa wajjin waan jiruu fi kophaa koo waanan hin taaneef,+ utuman murteessee illee murtiin koo dhugaa dha. 17  Kana malees Seeruma keessan keessatti illee, ‘Wanti namoonni lama ragaa baʼan dhugaa dha’+ kan jedhu barreeffameera. 18  Ani waaʼee ofii koo ragaa nan baʼa; Abbaan inni na erges waaʼee koo ragaa ni baʼa.”+ 19  Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” isaan jedhan. Yesuusis, “Isin anas taʼe Abbaa koo hin beektan.+ Utuu ana beektaniittu taʼee, Abbaa koos ni beektu turtan”+ jedhee isaaniif deebise. 20  Inni kana kan dubbate, mana qulqullummaa keessa iddoo qodaan buusii kaaʼamutti+ utuu barsiisuu ture. Haa taʼu malee, saʼaatiin isaa amma iyyuu waan hin geenyeef eenyu illee isa hin qabne.+ 21  Kanaafuu ammas, “Ani nan deema, isinis na barbaaddu, taʼus cubbuu keessaniin ni duutu.+ Bakka ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan”+ isaaniin jedhe. 22  Achiis Yihudoonni, “‘Bakka ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ kan jedhu, of ajjeesuu barbaadeetii laata?” jechuu jalqaban. 23  Innis akkana isaaniin jedhe: “Isin kan gadii ti; ani garuu kan olii ti.+ Isin addunyaa kana irraa ti; ani garuu addunyaa kana irraa miti. 24  Cubbuu keessaniin ni duutu kanan isiniin jedhe kanumaafi. Ani isa taʼuu koo hin amantan taanaan, isin cubbuu keessaniin ni duutu.” 25  Kanaafuu isaan, “Ati eenyu?” isaan jedhan. Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Silaa iyyuu ani isinitti dubbachuun koo gatii maalii qaba? 26  Ani waaʼee keessan wantan dubbadhuu fi wantan murteessu hedduu qaba. Dhugaa dubbachuuf, inni na erge dhugaa dha; ani wantootuman isa irraa dhagaʼe addunyaatti dubbachaan jira.”+ 27  Isaan garuu inni waaʼee Abbaa isaanitti dubbachaa akka jiru hin hubanne. 28  Achiis Yesuus akkana jedhe: “Ilma namaa erga fannistanii+ booda, ani isa taʼuu koo fi ofiin kakaʼee homaa akkan hin goone, kanaa mannaa wantoota kana kanan dubbadhu akkuma Abbaan na barsiisetti+ taʼuu isaa yeroo sana ni beektu.+ 29  Inni na erge sun anaa wajjin jira; ani yeroo hundumaa wanta isa gammachiisu waanan godhuuf,+ inni kophaatti na hin dhiisu.” 30  Yeroo inni wantoota kana dubbatu, namoonni hedduun isatti amanan. 31  Achiis Yesuus Yihudoota isatti amananiin akkana jedhe: “Isin dubbii kootiin yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti; 32  dhugaa+ ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa.”+ 33  Isaanis deebisanii, “Nuti sanyii Abrahaami, eenyuuf iyyuu matumaa garboota taanee hin beeknu. Ati akkamitti, ‘Bilisa baatu’ nuun jetta?” isaan jedhan. 34  Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.+ 35  Kana malees, garbichi bara baraaf mana gooftaa isaa keessa hin jiraatu; ilmi garuu bara baraaf ni jiraata. 36  Kanaafuu, Ilmi bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni taatu. 37  Ani isin sanyii Abrahaam akka taatan beeka. Haa taʼu malee, dubbiin koo isin keessatti hundee waan hin godhanneef na ajjeesuu barbaaddu. 38  Ani wantoota yommuun Abbaa koo wajjin turetti argen dubbadha;+ isin garuu wantoota abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.” 39  Isaanis deebisanii, “Abbaan keenya Abrahaami” isaan jedhan. Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Isin ijoollee Abrahaam+ utuu taatanii, hojii Abrahaam hojjettu turtan. 40  Amma garuu ana nama dhugaa Waaqayyo irraa dhagaʼe isinitti hime+ ajjeesuu barbaaddu. Abrahaam akkana hin goone. 41  Isin hojii abbaa keessanii hojjechaa jirtu.” Isaanis, “Nuti kan dhalanne halalummaadhaan* miti; nuti Abbaa tokko qabna, innis Waaqayyo dha” isaan jedhan. 42  Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “As kanan dhufe isa biraa waan taʼeef, Waaqayyo utuu Abbaa keessan taʼee na jaallattu turtan.+ Isatu na erge+ malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dhufne. 43  Wantan dubbachaa jiru maaliif hin hubattan? Dubbii koo fudhachuu waan hin dandeenyeefi. 44  Isin kan abbaa keessan kan Diyaabilosi, fedhii abbaa keessanii+ raawwachuu barbaaddu. Inni jalqabumaa kaasee kan nama ajjeesu ture;+ dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhugaa keessa jabaatee hin dhaabbanne. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef, soba yommuu dubbatu of keessaa maddisiisee dubbata.+ 45  Ani garuu dhugaa waanan isinitti himuuf na hin amantan. 46  Isin keessaa namni cubbuu hojjetteetta jedhee na himatu eenyu? Ani dhugaan dubbadha yoo taʼe, isin maaliif na hin amantan ree? 47  Inni Waaqayyo biraa taʼe, dubbii Waaqayyoo ni dhagaʼa.+ Isin garuu Waaqayyo biraa waan hin taaneef hin dhageessan.”+ 48  Yihudoonnis deebisanii, “‘Ati nama Samaariyaa+ ti, jinniin si keessa jira’+ jechuun keenya sirrii mitii?” isaan jedhan. 49  Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Ani Abbaa kootiifan ulfina kenna malee, jinniin na keessa hin jiru; isin immoo na salphistu. 50  Haa taʼu malee, ani ofii kootiif ulfina hin barbaadu;+ inni ulfina barbaaduu fi murtii kennu tokko jira. 51  Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni kam iyyuu dubbii koo yoo eege matumaa hin duʼu.”+ 52  Yihudoonnis akkana isaan jedhan: “Jinniin akka si keessa jiru amma beekneerra. Abrahaam duʼeera, raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Namni kam iyyuu dubbii koo yoo eege matumaa hin duʼu’ jetta. 53  Ati abbaa keenya Abrahaam isa duʼe irra ni caaltaa? Raajonnis duʼaniiru. Ati eenyu ofiin jetta?” 54  Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Ani yoon ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu, Abbaa koo isa isin Waaqa keenya jettan sana dha.+ 55  Taʼus isin isa hin beekne,+ ani garuu isa beeka.+ Ani isa hin beeku yoon jedhe, akkuma keessan sobduun taʼa. Haa taʼu malee, ani isa beeka, dubbii isaas nan eega. 56  Abrahaam abbaan keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture, guyyicha argees gammadeera.”+ 57  Achiis Yihudoonni, “Ati waggaa 50 illee hin guunne, akkamitti Abrahaamiin argeera jetta?” isaan jedhan. 58  Yesuusis, “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Abrahaam dhalachuu isaa dura ani jiran ture”+ isaaniin jedhe. 59  Kanaafuu, isatti darbachuuf dhagaa fudhatan; Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaa keessaa baʼee deeme.

Miiljaleewwan

Ykn., “ulaagaa namootaatti.”
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.