Keessa Deebii 18:1-22

  • Gaʼee lubootaa fi Leewwotaa (1-8)

  • Falfala raawwachuun ni dhowwame (9-14)

  • Raajii akka Musee taʼe (15-19)

  • Karaa raajonni sobaa itti beekaman (20-22)

18  “Leewwonni luboota taʼanii fi guutummaan gosa Leewwii Israaʼelotaa wajjin gaʼeen yookiin dhaalli isaaniif hin kennamne. Isaan aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan warra dhaala isaa taʼan ni nyaatu.+  Kanaafuu, isaan obboloota isaanii gidduutti dhaala qabaachuu hin qaban. Akkuma inni isaaniin jedhetti dhaalli isaanii Yihowaa dha.  “Luboonni sabicha irraa wantoota kana argachuuf mirga qabu: Namni qotiyyoo yookiin hoolaa aarsaa godhee dhiheessu kam iyyuu, harka isaa, mangaagaa isaa fi miʼawwan garaa isaa lubichaaf ni kenna.  Midhaan kee isa jalqabaa, daadhii wayinii kee isa haaraa, zayitii kee fi rifeensa bushaayee kee irraa jalqaba murame isaaf kenni.+  Waaqni kee Yihowaan gosoota kee hundumaa keessaa yeroo hundumaa maqaa Yihowaatiin akka tajaajilaniif isaa fi ilmaan isaa filateera.+  “Haa taʼu malee, Leewwota keessaa tokko magaalota kee warra Israaʼel keessatti argamanii+ fi keessa jiraachaa ture keessaa baʼee gara bakka Yihowaan filatu*+ tokkoo dhaquu yoo barbaade,*  inni akkuma Leewwota warra obboloota isaa taʼanii fi Yihowaa dura dhaabbatan kaaniitti maqaa Waaqa isaa Yihowaatiin achitti tajaajiluu ni dandaʼa.+  Inni wanta dhaala abbootii isaa gurguruudhaan argateen alatti, nyaata gaʼee isaanii wajjin qixxee taʼe ni argata.+  “Ati gara biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti yommuu seentu, gochawwan jibbisiisoo saboonni sun raawwatan hordofuu hin baratin.+ 10  Namni ilma isaa yookiin intala isaa ibiddaan gubu,*+ namni hooda dubbatu,+ namni falfala raawwatu,+ namni milkii ilaalu,+ 11  namni nama dawweessu, namni eker dubbistuu+ yookiin raagduu gaafatu+ yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin.+ 12  Sababiin isaas, namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha; Waaqni kee Yihowaan si duraa isaan ariʼaa kan jirus gochawwan jibbisiisoo kanaan kan kaʼe dha. 13  Ati Waaqa kee Yihowaa duratti balleessaa kan hin qabne taʼi.+ 14  “Saboonni ati biyya isaaniitii ariitu warra falfala raawwatanii+ fi hooda dubbatan+ ni dhagaʼu turan; ati garuu wanta akkanaa akkamii iyyuu akka raawwattu Waaqni kee Yihowaan siif hin heyyamne. 15  Waaqni kee Yihowaan obboloota kee gidduudhaa raajii akka kootii siif ni kaasa. Isinis isa dhagaʼuu qabdu.+ 16  Kunis kan taʼu akkuma guyyaa yaaʼichaatti* Horeeb irratti,+ ‘Ani akkan hin duuneef, kana booda sagalee Waaqa koo Yihowaa akkan dhagaʼu yookiin ibidda guddaa kana akkan argu hin godhin’+ jechuudhaan Waaqa kee Yihowaa gaafattetti dha. 17  Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Wanti isaan jedhan gaarii dha. 18  Ani obboloota isaanii gidduudhaa raajii akka keetii isaaniif nan kaasa;+ dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa;+ innis wantan isa ajaju hundumaa isaanitti ni hima.+ 19  Ani dhugumaan nama dubbii koo isa inni maqaa kootiin dubbatu hin dhageenye nan adaba.+ 20  “‘Raajiin kam iyyuu of tuulummaadhaan kakaʼee wanta ani akka dubbatu isa hin ajajne yoo dubbate yookiin maqaa waaqolii kan birootiin yoo dubbate, raajiin sun haa ajjeefamu.+ 21  Haa taʼu malee ati garaa keetti, “Wanta kana Yihowaan akka hin dubbanne akkamitti beekna?” jettee yaadda taʼa. 22  Raajiin sun maqaa Yihowaatiin dubbatee, wanti inni dubbate sun utuu hin raawwatamin yoo hafe yookiin soba yoo taʼe, wanta sana kan dubbate Yihowaa miti jechuu dha. Raajichumatu of tuulummaadhaan kakaʼee dubbate. Ati isa hin sodaatin.’

Miiljaleewwan

Jechuunis, bakka Yihowaan wiirtuu waaqeffannaa akka taʼuuf filatu.
Ykn., “lubbuun isaa yoo barbaadde.”
Kal., “ibidda keessa dabarsu.”
Ykn., “gumichaatti.”