Wangeela Luqaas 22:1-71

  • Luboonni Yesuusiin ajjeesuuf isa irratti mariʼatan (1-6)

  • Qophii Faasikaa isa dhumaatiif godhame (7-13)

  • Irbaanni Gooftaa ni hundeeffame (14-20)

  • ‘Inni dabarsee na kennu anaa wajjin maaddii irra jira’ (21-23)

  • Hunda irra kan caalu eenyu akka taʼe falmii cimaan ni kaʼe (24-27)

  • Kakuu mootummaa Yesuus gale (28-30)

  • Pheexiros akka ganu raajiin ni dubbatame (31-34)

  • Qophaaʼuun barbaachisaa dha; goraadee lama (35-38)

  • Kadhannaa Yesuus Gaara Ejersaa irratti dhiheesse (39-46)

  • Yesuus ni qabame (47-53)

  • Pheexiros Yesuusiin gane (54-62)

  • Yesuus itti qoosame (63-65)

  • Yaaʼii Saanhediriin duratti qoratame (66-71)

22  Ayyaanni Maxinoo inni Faasikaa+ jedhamu dhihaatee ture.+  Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa namoota waan sodaataniif, Yesuusiin ajjeesuuf+ karaa mijaaʼaa taʼe barbaadaa turan.+  Yeroo kanatti Seexanni, Yihudaa isa Asqoroticha jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼee lakkaaʼametti gale;+  innis akkamitti dabarsee isaanitti akka isa kennu, dhaqee dura buutota lubootaa fi dura buutota eegdota mana qulqullummaa wajjin mariʼate.+  Isaanis kanatti gammadanii maallaqa meetii isaaf kennuuf walii galan.+  Kanaafuu, inni kanatti walii galee bakka namoonni hedduun hin jirretti dabarsee isa kennuuf carraa gaarii barbaaduu jalqabe.  Guyyaan Ayyaana Maxinoo aarsaan Faasikaa itti dhihaatu ni gaʼe;+  Kanaafuu Yesuus, “Dhaqaa, Faasikaa akka nyaannuuf nuu qopheessaa”+ jedhee Pheexirosii fi Yohaannisiin erge.  Isaanis, “Eessatti akka qopheessinu barbaadda?” isaan jedhan. 10  Innis akkana isaaniin jedhe: “Kunoo, gara magaalaatti yommuu seentan namichi okkotee bishaanii baate tokko isinitti dhufa. Isa duukaa buʼaatii mana namichi itti seenu sana dhaqaa.+ 11  Abbaa manichaatiinis, ‘Barsiisaan, “Kutaan keessummaa ani barattoota koo wajjin Faasikaa itti nyaadhu eessa?” siin jedheera’ jedhaa. 12  Namichis kutaa balʼaa fooqii irraa wanta barbaachisuun guutame isinitti argisiisa. Achitti qopheessaa.” 13  Kanaafuu, isaan deemanii akkuma inni isaaniin jedhe taʼee argan; Faasikaas ni qopheessan. 14  Kanaafuu, inni yeroo saʼaatichi gaʼu ergamootaa+ wajjin maaddiitti dhihaate. 15  Inni akkana isaaniin jedhe: “Dhiphinni ana irra gaʼuu isaa dura, Faasikaa kana isinii wajjin nyaachuuf baayʼee hawwaan ture; 16  ani isinitti nan hima, wantoonni hundi Mootummaa Waaqayyoo keessatti hanga raawwii isaanii argatanitti lammata Faasikaa hin nyaadhu.” 17  Xoofoo fuudhee erga galateeffatee booda akkana jedhe: “Kana fudhadhaa, hundi keessan wal harkaa fuudhaa dhugaa; 18  ani isinitti nan hima, ammaa jalqabee hanga Mootummaan Waaqayyoo dhufutti lammata wayinii hin dhugu.” 19  Akkasumas maxinoo+ fuudhee erga galateeffatee booda caccabsee isaaniif kennuudhaan, “Kun foon koo+ isa isiniif kennamu+ argisiisa. Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa”+ jedhe. 20  Irbaata erga nyaatanii booda xoofoo sanas fuudhee akkasuma godhe; achiis akkana jedhe: “Xoofoon kun kakuu haaraa+ dhiiga koo+ isa isiniif dhangalaʼuun+ hundeeffamu argisiisa. 21  “Garuu kunoo, harki isa dabarsee na kennu sanaa anaa wajjin maaddii irra jira.+ 22  Ilmi namaa akkuma dursee murteeffametti karaa isaa ni deema;+ nama karaa isaa inni dabarfamee kennamu sanaaf garuu wayyoo!”+ 23  Kanaafuu, isaan namni isaan keessaa kana gochuuf jedhu eenyu akka taʼe wal gaggaafachuu jalqaban.+ 24  Kana malees, isaan keessaa inni hundumaa irra caalu eenyu akka taʼe ilaalchisee gidduu isaaniitti falmii guddaan ni kaʼe.+ 25  Yesuus garuu akkana isaaniin jedhe: “Mootonni sabootaa gooftolii isaan irratti taʼu; warri isaan irratti aangoo qabanis Gargaartota Sabaa jedhamu.+ 26  Isin garuu akkana hin taʼinaa.+ Kanaa mannaa isin keessaa inni hunda irra caalu, akka isa quxisuu hundumaa haa taʼu;+ inni dura buʼaa taʼes akka tajaajilaa haa taʼu. 27  Isa kamtu caala? Isa maaddiitti dhihaatee jiru moo isa tajaajilu? Isa maaddiitti dhihaate mitii ree? Ani garuu isin gidduutti akka isa tajaajilu sanaa ti.+ 28  “Haa taʼu malee, isin qorumsa koo+ keessatti ana irraa adda hin baane;+ 29  akkuma Abbaan koo anaa wajjin kakuu gale, anis isinii wajjin kakuu mootummaa nan gala;+ 30  kunis Mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa akka nyaattanii fi akka dhugdan,+ akkasumas teessoowwan irra teessanii+ gosoota Israaʼel 12n irratti akka murteessitaniifi.+ 31  “Yaa Simoon, yaa Simoon, kunoo, Seexanni hunda keessan akka qamadiitti gingilchuuf gaafateera.+ 32  Ani garuu amantiin kee akka hin badne wawwaannaa siif dhiheesseera;+ atis yommuu deebitu obboloota kee jajjabeessi.”+ 33  Yeroo kanatti inni, “Yaa Gooftaa, ani sii wajjin hidhamuufis taʼe duʼuuf qophaaʼaa dha”+ isaan jedhe. 34  Yesuus garuu, “Ani siin nan jedha, yaa Pheexiros, harʼa kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura, ‘Isa hin beeku’ jettee siʼa sadii na ganta”+ jedhe. 35  Kana malees, “Boorsaa maallaqaa, korojoo nyaataa fi kophee malee yommuun isin ergetti+ wanti isinitti hirʼate jira turee?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Lakki!” jedhan. 36  Achiis akkana isaaniin jedhe: “Amma garuu inni boorsaa maallaqaas taʼe inni korojoo nyaataa qabu haa qabatu; inni goraadee hin qabnes uffata isaa gurguree goraadee haa bitatu. 37  Ani isinitti nan hima, ‘Inni hamootaa wajjin lakkaaʼame’+ jedhamee wanti barreeffame ana irratti raawwatamuu qaba. Sababiin isaas, wanti waaʼee koo dubbatame kun raawwatamaa jira.”+ 38  Yeroo kanatti isaan, “Yaa Gooftaa, kunoo, goraadeen lama jira” jedhan. Innis, “Gaʼaa dha” isaaniin jedhe. 39  Achii baʼees akkuma amala isaa gara Gaara Ejersaa deeme; barattoonni isaas isa duukaa buʼan.+ 40  Bakka sana yommuu gaʼan, “Qorumsatti akka hin galle kadhachuu keessan itti fufaa”+ isaaniin jedhe. 41  Achiis hanga darbannaa dhagaa isaan irraa fagaatee jilbeenfatee akkana jedhee kadhachuu jalqabe: 42  “Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe xoofoo kana na irraa fageessi. Taʼus fedhiin koo utuu hin taʼin, fedhiin kee haa taʼu.”+ 43  Yeroo kanatti maleekaan tokko samii irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse.+ 44  Inni garuu garmalee waan dhiphateef isa duraa caalaa cimsee kadhachuu isaa itti fufe;+ dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafa irratti coccophe. 45  Kadhannaa isaa xumuree yommuu gara barattoota isaa dhaqus, isaan gadda irraa kan kaʼe waan dadhabaniif rafanii isaan arge.+ 46  Achiis, “Maaliif raftu? Kaʼaa, qorumsatti akka hin galle kadhachuu keessan itti fufaa”+ isaaniin jedhe. 47  Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo, namichi Yihudaa jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe namoota hedduu fidee dhufe; achiis inni Yesuusiin dhungachuuf isatti siqe.+ 48  Yesuus garuu, “Yaa Yihudaa, Ilma namaa dhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?” isaan jedhe. 49  Namoonni isa bira turanis wanta taʼuuf jedhu yommuu argan, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan rukunnuu?” jedhan. 50  Isaan keessaa tokko gurra mirgaa garbicha luba ol aanaa rukutee isa irraa kute.+ 51  Yesuus garuu, “Dhiisi” jedhe. Namichas gurra isaa qaqqabee fayyise. 52  Yeroo kanatti Yesuus dura buutota lubootaa, dura buutota eegdota mana qulqullummaa fi maanguddoota isa qabuu dhufaniin akkana jedhe: “Akka nama saamtuu qabuutti goraadee fi ulee qabattanii dhuftanii?+ 53  Guyyuma guyyaadhaan yommuun isinii wajjin mana qulqullummaa keessa ture+ isin na hin qabne.+ Haa taʼu malee, kun saʼaatii keessanii fi saʼaatii dukkanni itti moʼu dha.”+ 54  Achiis isa qabanii fuudhanii deeman;+ gara mana luba ol aanaattis isa geessan; Pheexiros garuu irraa fagaatee isa duukaa buʼa ture;+ 55  Yeroo isaan mooraa sana walakkaatti ibidda qabsiisanii waliin taaʼan, Pheexirosis isaan gidduu taaʼee ture.+ 56  Haa taʼu malee, tajaajiltuun takka utuu inni ibidda qaqqaammatuu hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isaa wajjin ture” jette. 57  Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane. 58  Yeroo muraasa boodas namni kan biraan tokko isa argee, “Atis isaan keessaa tokko dha” jedhe. Pheexiros garuu “Namicha nana, ani isaan keessaa tokko miti”+ jedhe. 59  Gara saʼaatii tokkoo boodas namni kan biraan tokko, “Inni nama Galiilaa waan taʼeef, dhuguma namichi kun isaa wajjin ture!” jedhee cimsee dubbachuu jalqabe. 60  Pheexiros garuu, “Namicha nana, ani wanta ati dubbachaa jirtu hin beeku” jedhe. Utuma inni kana dubbachaa jiruu yeruma sana kormaan indaaqqoo ni iyye. 61  Yeroo kanatti Gooftaan garagalee Pheexirosiin ilaale; Pheexirosis wanta Gooftaan, “Harʼa kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta” jedhee isatti dubbate sana yaadate.+ 62  Achiis gad baʼee hirqinfatee booʼe. 63  Namoonni Yesuusiin eegaa turan sunis isa rukutaa itti qoosuu+ jalqaban;+ 64  fuula isaa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatu turan. 65  Wanta kan biraa hedduu jedhaniis isa arrabsu turan. 66  Yommuu bariʼus, yaaʼiin maanguddoota sabichaa, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa walitti qabamanii+ gara galma yaaʼii Saanhedriinitti isa geessanii, 67  “Ati Kiristoos yoo taate nutti himi”+ isaan jedhan. Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Utuman isinitti himee illee, isin matumaa hin amantan. 68  Kana malees, utuun isin gaafadhee iyyuu hin deebistan. 69  Haa taʼu malee, ammaa jalqabee Ilmi namaa+ mirga Waaqa isa humna qabeessa taʼe sanaa ni taaʼa.”+ 70  Yeroo kanatti hundi isaanii, “Maarree, ati Ilma Waaqayyoo tii?” jedhan. Innis, “Akkan taʼe isinumti iyyuu dubbachaa jirtu” isaaniin jedhe. 71  Isaanis, “Kana caalaa ragaa dabalataa maaliitu nu barbaachisa? Ofii keenyaa iyyuu afaan isaa irraa dhageenyeerra”+ jedhan.

Miiljaleewwan