Mulʼata Yohaannis 5:1-14

  • Maraa kitaabaa chaappaawwan torba qabu (1-5)

  • Hoolichi maraa kitaabaa sana fudhate (6-8)

  • Hoolichi chaappaawwan sana banuuf gaʼumsa qaba (9-14)

5  Harka mirgaa isa teessoo irra taaʼe+ sanaa keessatti maraa kitaabaa karaa lamaan* irratti barreeffamee fi chaappaawwan torbaan akka gaariitti cufame tokko nan arge.  Maleekaan jabaan tokkos sagalee guddaadhaan, “Maraa kitaabaa kana hiikuu fi chaappaawwan kana banuun kan isaaf malu eenyu?” jedhee yommuu labsu nan arge.  Taʼus, samii keessa yookiin lafa irra yookiin lafa jala maraa kitaabaa kana hiikuu yookiin keessa isaa ilaaluu kan dandaʼe tokko illee hin turre.  Maraa kitaabaa kana hiikuun yookiin keessa isaa ilaaluun kan isaaf malu tokko illee waan hin argamneef hirqinfadheen booʼe.  Haa taʼu malee, jaarsolii sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin. Kunoo, Leenci gosa Yihudaa,+ hiddi+ Daawit,+ maraa kitaabaa kana hiikuu fi chaappaawwan isaa torban banuuf injifateera”+ naan jedhe.  Teessoo sana gidduu, uumamawwan jiraatoo arfan sana gidduu fi jaarsolii sana gidduu+ hoolaan+ kan qalame+ fakkaatu tokko dhaabbatee nan arge; inni gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; ijawwan kun hafuurota Waaqayyoo warra gara guutummaa lafaatti ergaman torba+ argisiisu.  Innis yeruma sana fuulduratti baʼee harka mirgaa isa teessoo irra taaʼe+ sanaa irraa maraa kitaabaa sana fudhate.  Yommuu inni maraa kitaabaa sana fudhatu, uumamawwan jiraatoon arfanii fi jaarsoliin 24+ Hoolicha duratti gombifaman; tokkoon tokkoon isaanii baganaa fi saanii warqii ixaanni itti guutame qabatanii turan. (Ixaanichi kadhannaa qulqullootaa argisiisa.)+  Isaan akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan:+ “Maraa kitaabaa sana fudhachuu fi chaappaawwan isaa banuun siif ni mala; sababiin isaas, ati qalamteetta, dhiiga keetiinis gosa hundumaa keessaa, qooqa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, akkasumas saba hundumaa keessaa namoota Waaqayyoof bittee+ 10  Waaqa keenyaaf moototaa*+ fi luboota akka taʼan isaan gootetta;+ isaan mootota taʼanii lafa irratti ni bulchu.”+ 11  Anis nan arge, naannoo teessichaa, naannoo uumamawwan jiraatoo sanaa fi naannoo jaarsolii sanaatti sagalee maleekota hedduu nan dhagaʼe; lakkoofsi isaanii kumaatama siʼa kumaatamaa fi kuma hedduu siʼa kuma hedduu ture;+ 12  isaanis sagalee guddaadhaan, “Hoolichi inni qalame+ humna, badhaadhina, ogummaa, jabina, kabaja, ulfinaa fi eebba fudhachuun isaaf ni mala”+ jedhu turan. 13  Anis uumamni samii keessa, lafa irra, lafa jalaa+ fi galaana keessa jiru, akkasumas wantoonni isaan keessa jiran hundi, “Isa teessoo irra taaʼe+ sanaa fi Hoolichaaf+ eebbi, kabajni,+ ulfinnii fi humni baraa hamma bara baraatti haa taʼu”+ yommuu jedhan nan dhagaʼe. 14  Uumamawwan jiraatoon arfan, “Ameen!” jedhan, jaarsoliin sunis gombifamanii waaqeffatan.

Miiljaleewwan

Kal., “keessaa fi duubaan.”
Kal., “mootummaa.”