Wangeela Luqaas 3:1-38

  • Yohaannis hojii isaa jalqabe (1, 2)

  • Yohaannis waaʼee cuuphaa lallabe (3-20)

  • Yesuus ni cuuphame (21, 22)

  • Hidda dhalootaa Yesuus Kiristoos (23-38)

3  Xibaariyoos Qeesaar bulchuu jalqabee waggaa 15ffaa isaatti, yeroo Phonxiyos Philaaxos bulchaa biyya Yihudaa, Heroodis*+ bulchaa koonyaa* Galiilaa, obboleessi isaa Filiphoos bulchaa koonyaa biyya Ixuuriyaa fi Xiraakonixis, Lisaaniyaas immoo bulchaa koonyaa Abiilaan turanitti,  bara Haannaasii fi Qayyaafaan+ dura buutota lubootaa turanitti, dubbiin Waaqayyoo lafa onaa+ keessatti gara Yohaannis+ ilma Zakkaariyaas ni dhufe.  Kanaafuu inni, cuuphaa isa mallattoo yaada geddarannaa taʼee fi dhiifama cubbuu argachuuf karaa banu lallabaa guutummaa biyya naannoo Yordaanositti argamu keessa naannaʼe;+  kunis kan taʼe akkuma kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffametti dha: “Sagaleen tokko lafa onaa keessaa akkana jedhee iyya: ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa.+  Sululli hundi haa guutamu; gaarrii fi tabbi hundi diriiraa haa taʼu; karaan jajalʼaan qajeelaa haa taʼu; daandii buʼaa baʼiinis wal haa qixxaatu;  foon* hundis fayyina Waaqayyo+ fidu* ni arga.’”  Kanaafuu, Yohaannis namoota hedduu harka isaatiin cuuphamuuf gara isaa dhufaniin akkana jedhe: “Isin ijoollee buutii nana, dheekkamsa isa dhufaa jiru+ jalaa akka baqattan eenyutu isin akeekkachiise?  Kanaafuu, firii yaada geddarachuu keessan argisiisu godhadhaa. ‘Abbaan keenya Abrahaami’ jettanii of hin gowwoomsinaa. Ani isinitti nan hima, Waaqayyo dhagoota kana keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasuu ni dandaʼa.  Ammuma iyyuu qottoon mukeetii jala kaaʼameera. Kanaafuu, mukti firii gaarii hin godhanne hundi muramee ibiddatti gatama.”+ 10  Namoonni sunis, “Maarree maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan. 11  Innis deebisee, “Namni uffata lama* qabu, isa tokko nama homaa hin qabneef haa kennu; namni wanta nyaatamu qabus akkanuma haa godhu”+ isaaniin jedhe. 12  Warri qaraxa sassaaban illee cuuphamuuf gara isaa dhufanii,+ “Barsiisaa, maal gochuu qabna?” isaan jedhan. 13  Innis, “Qaraxa murteeffame caalaa homaa hin gaafatinaa”*+ isaaniin jedhe. 14  Loltoonnis, “Nuti hoo maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Eenyuun iyyuu hin miidhinaa* yookiin eenyuun iyyuu sobaan hin himatinaa;+ kanaa mannaa, gaʼee* argattanitti gammadaa jiraadhaa” isaaniin jedhe. 15  Uummatichi Kiristoosiin eegaa waan tureef hundi isaanii, “Namni kun Kiristoos taʼinnaa laata?” jedhanii waaʼee Yohaannis garaa isaaniitti yaadu turan.+ 16  Yohaannisis akkana jedhee hunda isaaniitiif deebii kenne: “Ani bishaaniin isin nan cuupha; inni ana caalaa jabaa taʼe dhufaa jira; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuuf gaʼumsa hin qabu.+ Inni hafuura qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.+ 17  Inni oobdii isaa guutummaatti qulqulleessuu fi qamadii isaa gootaraatti galchuuf laayidaa* ittiin qulleessu harkatti qabateera; habaqii isaa garuu ibidda dhaamuu hin dandeenyeen guba.” 18  Kana malees inni gorsa kan biraa hedduu namootaaf ni kenne; misiraachichas isaaniif lallabuu isaa itti fufe. 19  Haa taʼu malee, bulchaa koonyaa kan taʼe Heroodis sababii haadha manaa obboleessa isaa Heroodiyaasii fi hammina inni hojjete hundumaatiif Yohaannis waan isa balaaleffateef, 20  Yohaannisiin mana hidhaatti galchuudhaan caalaatti hammina hojjete.+ 21  Yeroo namoonni hundi cuuphamanitti, Yesuusis ni cuuphame.+ Utuu inni kadhachaa jiruus samiin banamee+ 22  hafuurri qulqulluun bifa qaamaatiin akka gugeetti isa irra buʼe; sagaleen, “Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada”+ jedhus samii irraa ni dhufe. 23  Yesuus+ yeroo hojii isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa 30 ture;+ namoonnis akka inni ilma Yoseef+ taʼetti yaadu turan;Yoseef ilma Heelii, 24  Heeliin ilma Maataat,Maataat ilma Leewwii,Leewwiin ilma Malkii,Malkiin ilma Yaanaay,Yaanaay ilma Yoseef, 25  Yoseef ilma Maataatiyaas,Maataatiyaas ilma Amoos,Amoos ilma Naahom,Naahom ilma Eslii,Esliin ilma Naagee, 26  Naageen ilma Maaʼat,Maaʼat ilma Maataatiyaas,Maataatiyaas ilma Seemeen,Seemeen ilma Yooseek,Yooseek ilma Yoodaa, 27  Yoodaan ilma Yoʼanaan,Yoʼanaan ilma Resaa,Resaan ilma Zarubaabel,+Zarubaabel ilma Saalaatiʼel,+Saalaatiʼel ilma Neerii, 28  Neeriin ilma Malkii,Malkiin ilma Adii,Adiin ilma Qosaam,Qosaam ilma Elmaadaam,Elmaadaam ilma Eer, 29  Eer ilma Yesuus,Yesuus ilma Eliiʼezar,Eliiʼezar ilma Yooriim,Yooriim ilma Maataat,Maataat ilma Leewwii, 30  Leewwiin ilma Simiʼoon,Simiʼoon ilma Yihudaa,Yihudaan ilma Yoseef,Yoseef ilma Yoonaam,Yoonaam ilma Eliyaaqiim, 31  Eliyaaqiim ilma Meleyaa,Meleyaan ilma Meenaa,Meenaan ilma Maaxaataa,Maaxaataan ilma Naataan,+Naataan ilma Daawit,+ 32  Daawit ilma Issey,+Issey ilma Yoobeed,+Yoobeed ilma Boʼaaz,+Boʼaaz ilma Salmoon,+Salmoon ilma Naʼaasoon,+ 33  Naʼaasoon ilma Aminaadaab,Aminaadaab ilma Arnii,Arniin ilma Hesroon,Hesroon ilma Faares,+Faares ilma Yihudaa,+ 34  Yihudaan ilma Yaaqoob,+Yaaqoob ilma Yisihaaq,+Yisihaaq ilma Abrahaam,+Abrahaam ilma Taaraa,+Taaraan ilma Naahor,+ 35  Naahor ilma Seruug,+Seruug ilma Reʼuu,+Reʼuun ilma Feeleg,+Feeleg ilma Ebeer,+Ebeer ilma Sheelaa,+ 36  Sheelaan ilma Qaayinaan,Qaayinaan ilma Arfaaksaad,+Arfaaksaad ilma Seem,+Seem ilma Noh,+Noh ilma Laameek,+ 37  Laameek ilma Maatusaalaa,+Maatusaalaan ilma Heenok,Heenok ilma Yaared,+Yaared ilma Mahaalaaliʼel,+Mahaalaaliʼel ilma Qaayinaan,+ 38  Qaayinaan ilma Eenosh,+Eenosh ilma Seet,+Seet ilma Addaam,+Addaam ilma Waaqayyoo.

Miiljaleewwan

Kal., “bulchaa kutaa arfaffaa.”
Jechuunis Heroodis Antiphaas. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “namni.”
Ykn., “karaa Waaqayyo itti fayyisu.”
Ykn., “dabalataa.”
Ykn., “sassaabinaa.”
Ykn., “saaminaa.”
Ykn., “mindaa.”
Muka akka akaafaa midhaan ittiin ol darbatanii qulleessan.