Pheexiros Tokkoffaa 2:1-25

  • Dubbicha dharraʼaa (1-3)

  • Akka dhagoota jiraatootti gara mana hafuuraatti ijaaramuu (4-10)

  • Addunyaa keessatti akka ormaatti jiraachuu (11, 12)

  • Karaa sirrii taʼeen aangoodhaaf bitamuu (13-25)

    • Kiristoos isa fakkeenya nuuf taʼu (21)

2  Kanaafuu, hammina hundumaa, gowwoomsaa, fakkeessaa, hinaaffaa fi hamii hundumaa of irraa fageessaa.+  Akka ijoollee reefuu dhalataniitti+ dubbii aannanii isa makaa hin qabne* dharraʼaa; kunis karaa isaa gara fayyinaatti akka guddattaniifi;+  isin gaarummaa Gooftaa dhandhamtaniittu.*  Sababiin isaas, isin dhagaa isa jiraataa sanatti dhihaattaniittu; namoonni kan isa tuffatan taʼus,+ Waaqayyo isa filateera, isa durattis gatii guddaa qaba;+  isinis akka dhagoota jiraatootti luboota qulqulluu taʼuuf gara mana hafuuraatti ijaaramaa jirtu;+ kunis karaa Yesuus Kiristoos aarsaa hafuuraa+ Waaqayyo duratti fudhatama qabu akka dhiheessitaniifi.+  Kitaabota Qulqulluu keessatti, “Kunoo, ani Xiyoon keessa dhagaa filatamaa, dhagaa golee buʼuuraa gatii guddaa qabu nan kaaʼa; namni isatti amanu kam iyyuu matumaa hin qaanaʼu”*+ jedhameera.  Kanaafuu, isin waan amantaniif, inni isiniif gatii guddaa qaba; warra hin amanneef garuu, “dhagaan ijaartonni tuffatan,+ dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe”;+  akkasumas “dhagaa gufachiisuu fi qarsaa kuffisu taʼe.”+ Isaan kan gufatan dubbichaaf waan hin ajajamneefi. Wanti isaan eeggachaa tures kanuma.  Isin garuu isa dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaa taʼetti isin waame sanaaf,+ “ulfina isaa* balʼinaan akka labsitaniif,+ sanyii filatamaa, luboota mootota taʼan, saba qulqulluu,+ saba Waaqayyo qabeenya addaa godhachuuf fudhate”+ dha. 10  Isin duraan saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu;+ inni duraan gara laafina isinitti hin argisiisne, amma garuu gara laafina isinitti argisiiseera.+ 11  Yaa obboloota jaallatamo, isin ormootaa fi warra yeroo gabaabaadhaaf jiraattan+ waan taataniif, fedhiiwwan foonii warra isin* waraanan+ irraa akka fagaattan+ isin nan gorsa. 12  Namoota addunyaa gidduutti amala gaarii qabaadhaa;+ kunis isaan akka isin dogoggora hojjettan godhanii yommuu isin himatan, hojii keessan isa gaarii+ arganii guyyaa Waaqayyo qoruudhaaf dhufutti ulfina akka isaaf kennaniifi. 13  Gooftaadhaaf jedhaatii aangoo* namoonni hundeessan hundaaf bitamaa;+ inni iddoo ol aanaa waan qabuuf mootiidhaaf bitamaa;+ 14  bulchitoonnis warra dogoggora hojjetan adabuuf, warra waan gaarii hojjetan immoo galateeffachuuf isa biraa kan ergaman waan taʼaniif+ isaaniif bitamaa. 15  Fedhiin Waaqayyoo, waan gaarii hojjechuudhaan namoota gowwaa wanta faayidaa hin qabne dubbatan akka callisiistani* dha.+ 16  Akka namoota bilisa taʼaniitti jiraadhaa;+ taʼus bilisummaa keessan hammina hojjechuuf itti hin fayyadaminaa;+ kanaa mannaa, akka garboota Waaqayyootti jiraadhaa.+ 17  Namoota akaakuu hundumaa kabajaa,+ guutummaa waldaa obbolootaatiif* jaalala qabaadhaa,+ Waaqa sodaadhaa,+ mootii kabajaa.+ 18  Tajaajiltoonni gooftolii isaanii warra gaarii fi gara laafeyyii taʼaniif* qofa utuu hin taʼin, warra gammachiisuun ulfaataa taʼeefis ulfina guutuu kennuudhaan haa bitaman.+ 19  Namni tokko Waaqayyo duratti qalbii qulqulluu qabaachuuf+ jecha rakkina* isa irra gaʼuu fi jalʼina isa irratti raawwatamu yoo dandaʼe gaarii dha. 20  Cubbuu hojjettanii yommuu rukutamtan yoo dandeessan kun galata maalii qaba?+ Haa taʼu malee, rakkina waan gaarii hojjechuu keessaniin kan kaʼe isin irra gaʼu yoo dandeessan, kun Waaqa kan gammachiisu dha.+ 21  Isin jireenya akkasiitiif waamamtan; sababiin isaas, Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan+ fakkeenya isiniif taʼuudhaan isiniif jedhee dhiphateera.+ 22  Inni cubbuu tokko illee hin hojjenne,+ dubbii gowwoomsaanis afaan isaa keessatti hin argamne.+ 23  Yommuu isa arrabsan+ deebisee hin arrabsine.+ Yommuu rakkinni isa irra gaʼettis+ hin doorsisne; kanaa mannaa, isa qajeelinaan murteessu+ sanatti imaanaadhaan of kenne. 24  Nuti cubbuudhaaf duunee qajeelummaadhaaf akka jiraannuuf, inni cubbuu keenya qaama isaatiin muka irratti+ baate.+ “Isinis madaa isaatiin fayyifamtan.”+ 25  Isin akka hoolota karaa irraa badanii turtan;+ amma garuu gara tiksee+ fi ilaaltuu ol aanaa lubbuu* keessaniitti deebitaniittu.

Miiljaleewwan

Ykn., “isa qulqulluu.”
Ykn., “argitaniittu.”
Ykn., “abdii hin kutatu.”
Kal., “mataa golee.”
Jechuunis, amalawwanii fi gochawwan isaa dinqisiisoo taʼan.
Ykn., “lubbuu keessan.”
Ykn., “dhaabbata.”
Kal., “afaan hiitani.”
Kal., “obbolummaatiif.”
Ykn., “yaada ofiitti hin cichineef.”
Ykn., “gadda; dhiphina.”
Ykn., “jireenya.”