Xalayaa Warra Qolosaayisiif Barreeffame 2:1-23

  • Iccitii qulqulluu Waaqayyoo kan taʼe Kiristoos (1-5)

  • Gowwoomsitoota irraa of eeggadhaa (6-15)

  • Inni dhugaan Kiristoosi (16-23)

2  Ani isinii fi warra Lodooqiyaatiif,+ akkasumas warra dhuunfaatti na arganii hin beekne* hundaaf jedhee qabsoo guddaa akkamii gochaa akkan jiru akka hubattan nan barbaada.  Kana kanan godhus, garaan isaanii jajjabina akka argatuu+ fi jaalalaan wal simuudhaan tokko akka taʼaniif,+ akkasumas hundi isaanii badhaadhina hubannaa guutuu isa mirkanaaʼaa taʼe irraa argamu akka qabaataniifi; kunis waaʼee iccitii qulqulluu Waaqayyoo, jechuunis waaʼee Kiristoos beekumsa sirrii akka argataniifi.+  Badhaadhinni ogummaa fi beekumsaa hundi of eeggannoodhaan isa keessa dhokfamee jira.+  Kana kanan jedhu, namni kam iyyuu sossobee akka isin hin gowwoomsineefi.  Ani yoon qaamaan isin bira jiraachuu baadhe illee, yaadaan* waanan isin bira jiruuf, jireenya keessan isa seera qabeessa taʼee+ fi amantii cimaa Kiristoos irratti qabdan+ ilaalee gammadaan jira.  Kanaafuu, akkuma Kiristoos Yesuus isa Gooftaa taʼe fudhattanitti, isaa wajjin tokkummaa qabaattanii deddeebiʼuu keessan itti fufaa;  akkuma barattanitti isa irratti hidda gad fageeffadhaatii ijaaramaa,+ amantiittis cimaa;+ galateeffannaan keessan guutee kan irraa hafu haa taʼu.+  Namni kam iyyuu, akka Kiristoositti utuu hin taʼin, akka aadaa namootaatti, akka wantoota jalqabaa addunyaatti, falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee* akka isin hin fudhanne of eeggadhaa;+  sababiin isaas, guutummaan amala Waaqayyoo qaamaan kan jiraatu Kiristoos keessa dha.+ 10  Kanaafuu, isin isa mataa mootummaa fi mataa aangoo hundumaa taʼe sanaan guutuu taataniittu.+ 11  Kana malees walitti dhufeenya isaa wajjin qabdaniin dhaqna qabaa isa qaama foonii harkaan muranii gatuudhaan hin raawwatamne sanaan,+ jechuunis dhaqna qabaa isa kan Kiristoosiin dhaqna qabattaniittu.+ 12  Sababiin isaas, isin cuuphaa isaatiin isaa wajjin awwaalamtanii turtan;+ walitti dhufeenya isaa wajjin qabdaniinis amantii humna Waaqa isa duʼaa isa kaase+ sanaa irratti qabdaniin isaa wajjin duʼaa kaataniittu.+ 13  Kana malees, isin sababii cubbuu keessaniitiin, akkasumas foon keessan dhaqna waan hin qabamneef duutanii kan turtan taʼus, Waaqayyo isaa wajjin jiraataa isin godheera.+ Balleessaa keenya hundas gaarummaadhaan nuuf dhiiseera;+ 14  akkasumas seera harkaan barreeffame+ isa labsiiwwan qabatee+ fi nu mormu+ sana haqeera.* Muka dhiphinaa* irratti mismaaraan rukutuudhaanis karaa irraa kaaseera.+ 15  Kanaanis* mootummootaa fi abbootii taayitaa boojiʼee+ qullaatti hambisuudhaan hiriira injifannootiin geggeessee uummatatti isaan mulʼise. 16  Kanaafuu, wanta nyaattanii fi wanta dhugdan,+ yookiin ayyaanota yookiin baatii haaraa+ yookiin sanbata kabajuu ilaalchisee eenyu illee isinitti hin murteessin.+ 17  Wantoonni kun gaaddidduu wantoota dhufuuf jiranii ti;+ inni dhugaan garuu Kiristoosi dha.+ 18  Namni sobaan gad of qabuu fi waaqeffannaa maleekotaa irratti hirmaachuutti gammadu, jechuunis namni wantoota ijaan argaman irratti hundaaʼee “ejjennoo cimaa qabaatu”* badhaasicha+ akka isin dhabsiisu hin heyyaminaa. Namni akkasii ilaalchi foonii inni qabu sababii gaʼaa malee akka of bokoksu isa godha; 19  inni mataa+ isa guutummaan qaamaa wanta isa barbaachisu irraa argatu sana, isa qaamni buusaa fi ribuudhaan tokkummaadhaan walitti hidhamee guddina Waaqayyo biraa argamuun+ akka guddatu godhu sana jabeessee hin qabatu. 20  Isin wantoota jalqabaa addunyaa+ ilaalchisee Kiristoosii wajjin erga duutanii, maaliif labsiiwwan+ kanaaf caalaatti bitamuudhaan amma iyyuu akka waan kutaa addunyaa taataniitti jiraattu? 21  Labsiiwwan kun, “harkaan hin qabin, afaaniin hin qabin, hin tuqin” kan jedhani dha. 22  Isaan ajajaa fi barumsa namootaa yeroo taʼan, wantoota hojii irra erga oolanii booda akka badaniif murteeffamani dha.+ 23  Wantoonni akkasii ogummaa fakkaatu. Taʼus, namoonni akkana godhan akkaataa itti waaqeffatan ofumaan kan filatan yeroo taʼu, kan gad of qaban fakkaatanii mulʼachuuf of hacuucu;+ wantoonni kun garuu fedhii foonii moʼuu irratti faayidaa tokko illee hin qaban.

Miiljaleewwan

Kal., “fooniin fuula koo arganii hin beekne.”
Kal., “hafuuraan.”
Ykn., “adamsee.”
Ykn., “balleesseera.”
Ykn tarii, “Kiristoosiinis.”
Yaanni kun sirna amantii sobaa iccitiidhaan geggeeffamu irraa fudhatame.