Faarfannaa 83:1-18

  • Kadhannaa yeroo diinonni dhufanitti dhihaate

    • “Yaa Waaqayyo, calluma hin jedhin” (1)

    • Diinota akka sokorruu gaggaragaluu taʼan (13)

    • Maqaan Waaqaa Yihowaa dha (18)

Faarfannaa. Faarfannaa Asaaf.+ 83  Yaa Waaqayyo, calluma hin jedhin;+Yaa Waaqayyo, hin callisin yookiin dhaabbattee hin ilaalin.   Sababiin isaas, kunoo diinonni kee wacaa jiru;+Warri si jibbanis gocha of tuulummaa raawwachaa* jiru.   Isaan haxxummaadhaan dhoksaatti saba kee irratti mala qopheessu;Warra siif iddoo guddaa qaban* irrattis ni mariʼatu.   “Maqaan Israaʼel kana booda akka hin yaadatamnetti,Kottaa, sabicha haa balleessinu” jedhu.+   Tokko taʼanii tooftaa qopheessu;*Si mormuudhaan walii galtee* uumaniiru;+   Dunkaanonni Edoom, Ishmaaʼelonni, Moʼaab,+ Haggaaronni,+   Geebaal, Amoon,+ Amaaleq,Akkasumas Filisxeem+ jiraattota Xiirosii+ wajjin taʼanii si mormu.   Asooris+ isaanitti makamteetti;Isaan ilmaan Looxiif+ deggersa godhu.* (Seelaa)   Akkuma Miidiyaan+ irratti goote,Akkuma laga* Qiishoon biratti Siseeraa fi Yaabiin irratti goote isaan irrattis godhi.+ 10  Isaan Een Dooritti+ balleeffamaniiru;Lafattiidhaafis dikee taʼaniiru. 11  Guguddoota isaanii akkuma Oreebii fi Zeʼeeb,+Bulchitoota* isaaniis akkuma Zeebaa fi Zaalmunaa+ godhi. 12  Sababiin isaas isaan, “Biyya isa Waaqayyo keessa jiraatu dhaalaan haa fudhannu” jedhaniiru. 13  Yaa Waaqa koo, akka sokorruu gaggaragaluu,+Akka hoffaa bubbeedhaan fudhatamuus isaan godhi. 14  Akka ibidda bosona gubuu,Akka labooba gaarota waxaluus isaan godhi;+ 15  Obomboleettii keetiin isaan duukaa buʼi,+Bubbee kee isa cimaadhaanis isaan naasisi.+ 16  Yaa Yihowaa, maqaa kee akka barbaaddataniif,Fuula isaanii salphinaan haguugi.* 17  Isaan bara baraaf haa qaanaʼan, haa naʼanis;Haa salphatan, haa badanis; 18  Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe,+Guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii+ taʼuu kee namoonni haa beekan.

Miiljaleewwan

Ykn., “mataa isaanii ol qabaa.”
Kal., “Warra dhokfaman.”
Kal., “Garaa tokkoon wal gorsu.”
Ykn., “kakuu.”
Kal., “irree taʼu.”
Ykn., “laga gogaa.”
Ykn., “Geggeessitoota.”
Kal., “guuti.”