Dhimma ijoo ta'etti seeni

Fayyinni Maali dha?

Fayyinni Maali dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo tokko tokko jechoota “fayyina ykn ooluu” fi “fayyisuu” jedhan balaa ykn badiisa irra ooluu isaa argisiisuuf itti hojjetaniiru. (Baʼuu 14:13, 14; Hojii Ergamootaa 27:20) Haa taʼu malee, jechoonni kun yeroo baayʼee cubbuu irraa fayyuu argisiisu. (Maatewos 1:21) Duʼa kan geessisu cubbuu waan taʼeef, namoonni cubbuu irraa fayyan abdii jireenya bara baraa qabu.—Yohaannis 3:16, 17. a

Daandiin fayyinaa maali dha?

 Fayyina argachuuf Yesuusitti amanuu fi amantii kanas ajajawwan isaa hojii irra oolchuudhaan argisiisuu qabda—Hojii Ergamootaa 4:10, 12; Roomaa 10:9, 10; Ibroota 5:9.

 Kitaabni Qulqulluun amantii jiraataa qabaachuu kee argisiisuuf, hojii qabaachuu ykn hojii ajajamuu kee argisiisu hojjechuu akka qabdu ibsa. (Yaaqoob 2:24, 26) Kana jechuun garuu fayyina hojii keetiin argatta jechuu miti. Fayyinni “kennaa Waaqayyoo” isa inni ‘gaarummaa guddaadhaan’ kennu dha.—Efesoon 2:8, 9.

Fayyina dhabuu ni dandeessaa?

 Eeyyee. Akkuma namni bishaaniin liqimfamuu irraa oole tokko deebiʼee bishaanitti lixuu kufuu ykn utaaluu dandaʼu, namni cubbuu irraa fayye tokkos amantii isaa eegee itti fufuu dhiisuudhaan fayyina dhabuu dandaʼa. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni fayyina argatan, ‘amantiidhaaf jabaattanii akka lolan’ isaan gorsa. (Yihudaa 3) Akkasumas ‘sodaa fi romʼaan fayyina isaanii mirkaneessuuf carraaqqii cimaa gochuu isaanii akka itti fufaa’ isaan akeekkachiisa.—Filiphisiyus 2:12.

Fayyisaan eenyu—Waaqayyo moo Yesuusi?

 Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee Waaqayyo “Fayyisaa” akka taʼe dubbachuudhaan, inni adda durummaadhaan madda fayyinaa akka taʼe argisiisa. (1 Saamuʼel 10:19; Isaayaas 43:11; Tiitoo 2:10; Yihudaa 25) Dabalataanis Waaqayyo saba Israaʼel oolchuuf namoota garagaraatti fayyadameera; Kitaabni Qulqulluun namoota kana “fayyisaa, NW” jedhee waama. (Nahimiyaa 9:27; Abboota Firdii 3:9, 15; 2 Mootota 13:5) b Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo cubbuu irraa fayyisuuf, karaa aarsaa furii Yesuus Kiristoos qophii waan godheef, Kitaabni Qulqulluu Yesuus “Fayyisaa” akka taʼe dubbata.— Hojii Ergamootaa 5:31; Tiitoo 1:4. c

Namni hundi ni fayyaa?

 Lakki, namoonni tokko tokko hin fayyan. (2 Tasalonqee 1:9) Yesuus yommuu, “warri fayyan namoota muraasa qofa dhaa?” jedhamee gaafatametti, akkana jedhee deebiseera: “Balbala isa dhiphaadhaan ol seenuuf dhamaʼaa, ani isiniin nan jedha, namoonni hedduun itti galuu barbaadu, garuu hin dandaʼan.”—Luqaas 13:23, 24.

Waaʼee fayyina nama hundumaa ilaalcha dogoggoraa

 Ilaalcha dogoggoraa: Tokkoffaa Qorontos 15:22 “karaa Kiristoos namoonni hundi ni jiraachifamu” waan jedhuuf namni hundi akka fayyu barsiisa.

 Dhugaa jiru: Yaadni naannoo caqasa kanaa jiru waaʼee duʼaa kaʼuu ibsa. (1 Qorontos 15:12, 13, 20, 21, 35) Kanaafuu, “karaa Kiristoos namoonni hundi ni jiraachifamu” yommuu jedhamu namoonni duʼaa kaʼan hundi karaa Yesuus Kiristoos eebba kana ni argatu jechuu dha.—Yohaannis 11:25.

 Ilaalcha dogoggoraa: Tiitoo 2:11, Waaqayyo, ‘namoota hundaatiif fayyina argamsiisa’ waan jedhuuf namoonni hundi akka fayyan barsiisa.

 Dhugaa jiru: Jechi afaan Giriikii caqasa kana irratti “hunda” jedhamee hiikame, “gosa hundumaa ykn garagaraa” jedhamuus ni dandaʼa. d Kanaafuu, Tiitoo 2:11 ilaalchisee hubannaa sirriin Waaqayyo namoota, “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan” dabalatee akaakuu namootaa hundaaf fayyina akka qopheesse argisiisa.—Mulʼata 7:9, 10.

 Ilaalcha dogoggoraa: Lammaffaa Pheexiros 3:9 Waaqayyo, ‘namni tokko illee akka badu hin barbaadu’ waan jedhuuf namoonni hundi akka fayyan barsiisa.

 Dhugaa jiru: Waaqayyo namoonni akka fayyan barbaada taʼus, qophii inni fayyinaaf godhe akka fudhatan isaan hin dirqisiisu. ‘Guyyaan murtii’ isaa ‘namoota Waaqayyoon hin sodaanne’ balleessuu dabalata.—2 Pheexiros 3:7.

a Namni tokko cubbuu fi duʼa irraa kan fayyu yeroo booda taʼus, Kitaabni Qulqulluun ‘akka fayye’ godhee dubbata.—Efesoon 2:5; Roomaa 13:11.

b Caqasoota kennaman kana irratti hiikkawwan tokko tokko jechoota “fayyisuu” jechuu mannaa, ‘baasuu,’ “oolchuu,” “furuu” jedhanii hiikaniiru. Haa taʼu malee, afaan Ibroota jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen, jechi namoota fayyisaa jedhaman ibsuuf itti hojjetame, isuma Yihowaan fayyisaa taʼuu isaa ibsuuf itti hojjetame dha.—Faarfannaa 7:10.

c Maqaan Yesuus jedhu jecha afaan Ibrootaa Yehooshuwaa jedhu irraa kan dhufe siʼa taʼu, hiikni isaa “Yihowaan Fayyisaa Dha” jechuu dha.

d Vine’s Complete Expository Dictionary of Old and New Testament Words jedhu ilaali. Jechi afaan Giriikii wal fakkaatu Maatewos 5:11 irratti yaada Yesuus namoonni wanta hamaa ‘hundumaa’ duuka buutota isaa irratti akka dubbatan ibse keessatti ni argama.