Ximotewos Tokkoffaa 2:1-15

  • Akaakuu namoota hundumaatiif kadhadhaa (1-7)

    • Waaqa tokko, araarsaa tokko (5)

    • Namoota hundumaatiif furii wal gitu (6)

  • Qajeelfama dhiirotaa fi dubartootaaf kenname (8-15)

    • Uffata seera qabeessa taʼe (9, 10)

2  Hundumaa dura akaakuu namootaa hunda ilaalchisee wawwaannaan, kadhannaan, warra kaaniif kadhachuunii fi galanni akka dhihaatu nan gorsa;  guutummaatti Waaqayyoof buluu fi dhimminee hojjechuudhaan jireenya tasgabbii fi gabii qabu akka jiraannuuf,+ moototaa fi warra aangoo qaban+ hundumaatiifis akkasuma akka godhamu nan gorsa.  Kun, Waaqayyo isa Fayyisaa keenya taʼe duratti gaarii fi fudhatama kan qabu dha;+  inni fedhiin isaa akaakuun namootaa hundi akka fayyanii+ fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatani dha.  Sababiin isaas, Waaqa tokkotu jira;+ Waaqayyoo fi namoota gidduu+ immoo araarsaa+ tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼe dha;+  inni namoota hundumaatiif* furii wal gitu godhee of kenneera;+ kunis wanta yeroo isaatti dhugaa baʼamuufii qabu dha.  Anis lallabaa fi ergamaa,+ jechuunis amantii fi dhugaa ilaalchisee barsiisaa sabootaa+ taʼee kanan muudame kana dhugaa baʼuufi;+ ani dhugaa dubbachaan jira malee sobaa hin jiru.  Kanaafuu, ani dhiironni bakka hundumaatti dheekkamsaa+ fi falmii irraa fagaachuudhaan+ harka qulqulluu ol kaasanii*+ yeroo hunda Waaqayyoon akka kadhatan nan barbaada.  Haaluma wal fakkaatuun, dubartoonnis shurrubbaa dhaʼachuu fi warqii yookiin callee* yookiin uffata gatii guddaa qabuun utuu hin taʼin, karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan uffata seera qabeessa* taʼeen of haa miidhagsan;+ 10  dubartoota Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti hojii gaariidhaan of haa miidhagsan.+ 11  Dubartiin guutummaatti bitamuudhaan+ callistee haa barattu. 12  Dubartiin akka barsiistu yookiin dhiira irratti aangoo akka qabaattu ani hin heyyamu; kanaa mannaa haa callistu.+ 13  Sababiin isaas, jalqaba Addaamtu uumame; Hewaan sana booda uumamte.+ 14  Kana malees, Addaam hin gowwoomfamne; guutummaatti kan gowwoomfamtee+ fi seera kan cabsite dubartittii dha. 15  Haa taʼu malee, dubartiin hubannaa+ dabalatee, amantii, jaalalaa fi qulqullummaadhaan jiraachuu ishii* yoo itti fufte, ijoollee daʼuudhaan eegumsa argatti.+

Miiljaleewwan

Ykn., “namoota akaakuu hundumaatiif.”
Ykn., “Waaqayyoof amanamoo taʼanii.”
Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.
Ykn., “ulfina qabeessa.”
Kal., “isaanii.”