Warra Roomaatiif 15:1-33

  • Akkuma Kiristoos isin simate wal simadhaa (1-13)

  • Phaawulos isa tajaajilaa sabootaa taʼe (14-21)

  • Karoora imalaa Phaawulos (22-33)

15  Nuti warri jaboo taane dadhabina warra jaboo hin taanee baachuu qabna malee,+ of gammachiisuu hin qabnu.+  Tokkoon tokkoon keenya wanta gaarii isaaniif goonee isaan ijaaruudhaan warra kaan haa gammachiisnu.+  Kiristoos illee of hin gammachiisne;+ kanaa mannaa akkuma, “Arrabsoon warra si arrabsanii ana irras ni gaʼe”+ jedhamee barreeffame taʼe.  Jabaannee dhaabbachuu keenyaan,+ akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf,+ wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.+  Ammas Waaqayyo inni jabaatanii dhaabbachuu fi jajjabina namaaf kennu, akka Kiristoos Yesuus yaadetti akka yaaddan isin haa gargaaru;  kunis tokkummaadhaan+ Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos sagalee* tokkoon akka galateeffattaniifi.  Kanaafuu, akkuma Kiristoos ulfina Waaqayyootiif isin simate,+ isinis wal simadhaa.+  Waaqayyo dhuga qabeessa taʼuu isaa argisiisuuf Kiristoos warra dhaqna qabataniif tajaajilaa taʼuu isaa+ akka beektan nan barbaada; tajaajilaa kan taʼes waadaa inni abbootii isaaniitiif gale mirkaneessuuf,+  akkasumas saboonni gara laafina isaatiif Waaqayyoon akka galateeffataniifi.+ Kunis akkuma, “Saboota gidduutti ifatti kanan si beeksisuu kanaafi, maqaa keetiifis faarfannaa galataa nan faarfadha”+ jedhamee barreeffametti dha. 10  Akkasumas inni, “Yaa sabootaa, saba isaa wajjin gammadaa”+ jedheera. 11  Ammas, “Isin saboonni hundi, Yihowaa* jajadhaa; namoonni hundis isa haa jajatan”+ jedheera. 12  Isaayyaasis, “Hiddi Issey+ inni saboota bulchuuf kaʼu ni mulʼata;+ saboonnis abdii isaanii isa irra ni kaaʼatu”+ jedheera. 13  Humna hafuura qulqulluutiin abdiin akka isiniif baayʼatutti,* isatti amanamuu keessaniin Waaqayyo inni abdii kennu gammachuu fi nagaa guddaadhaan isin haa guutu.+ 14  Ammas yaa obboloota koo, isin mataan keessanis wanta gaariidhaan guutuu akka taatan, beekumsa hundumaan akka guutamtanii fi wal gorsuu* akka dandeessan anumti iyyuu waaʼee keessan mirkanaaʼaa taʼeera. 15  Haa taʼu malee, gaarummaa guddaa Waaqayyo biraa anaaf kennameen kan kaʼe, yaadachiisa kan biraa isinii kennuuf, qabxiiwwan tokko tokko ifatti isiniif barreesseera; 16  gaarummaan kun kan naaf kenname tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼee sabootaaf akkan lallabuufi.+ Ani saboonni kun aarsaa fudhatama qabuu fi hafuura qulqulluudhaan qulqullaaʼe akka taʼaniif, hojii qulqulluu misiraachoo Waaqayyoo lallabuu irratti hirmaachaan jira.+ 17  Kanaafuu, ani hojii Waaqayyo naaf kenneen kan kaʼe Kiristoos Yesuusitti gammaduuf sababii qaba. 18  Saboonni wantan dubbadhee fi wantan hojjedheen akka ajajamaniif, wanta Kiristoos karaa koo hojjeteen alatti wanta kan biraa tokko illee dubbachuuf hin onnadhu; 19  ani humna mallattoo fi dinqiitiin,+ akkasumas humna hafuura Waaqayyootiin, Yerusaalemii kaasee hanga Iliriiqumitti misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu guutummaatti lallabeera.+ 20  Kanaafuu, buʼuura namni kan biraan kaaʼe irratti ijaaruu waanan hin barbaanneef, misiraachicha bakka maqaan Kiristoos beeksifametti akkan hin labsine murtoo godheen ture; 21  kunis akkuma, “Warri waaʼeen isaa itti himamee hin beekne ni argu, warri hin dhageenyes ni hubatu”+ jedhamee barreeffametti dha. 22  Yeroo baayʼee gara keessan dhufuu kanan dadhabes kanaafi. 23  Amma garuu naannoo kana keessaa bakkan itti hin tajaajille hin qabu; gara keessan dhufuufis waggoota hedduudhaaf* hawwaan ture. 24  Kanaafuu, yommuun gara Ispeen dhaqu, dura isin argee yeroo muraasa ergan isinii wajjin dabarsee booda, hamma tokko akka na geggeessitan nan abdadha. 25  Amma garuu qulqulloota tajaajiluuf gara Yerusaalem dhaquufan jedha.+ 26  Obboloonni Maqedooniyaa fi Akaayaa keessa jiran, hiyyeeyyii qulqulloota Yerusaalem gidduu jiraniif gammachuudhaan wanta qaban buusii godhaniiru.+ 27  Eeyyee, kana isaaniif gochuuf idaan waan isaan irra jiruuf, gammachuudhaan kana godhaniiru; sababiin isaas, saboonni kaan wanta hafuuraa erga isaanii wajjin hirmaatanii, qabeenya isaaniitiin isaan tajaajiluuf dirqamni isaan irra jira.+ 28  Kanaafuu, ergan kana raawwadhee fi buusii* kana isaaniif kennee booda, karaa keessan goreen gara Ispeen dhaqa. 29  Kana malees, yommuun gara keessan dhufu, Kiristoos biraa eebba hedduu isiniif fidee akkan dhufu beeka. 30  Yaa obboloota koo, anaa wajjin Waaqayyoon cimsitanii akka naaf kadhattan karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi karaa jaalala isa hafuura qulqulluudhaan argamuun isinan jajjabeessa;+ 31  kunis namoota hin amannee fi Yihudaa keessa jiran irraa akkan oolu,+ akkasumas gargaarsi ani qulqulloota Yerusaalem keessa jiraniif geessu isaan biratti fudhatama akka argatuuf,+ 32  akkasumas fedhii Waaqayyootiin gammachuudhaan gara keessan dhufee akka wal jajjabeessinuufi. 33  Waaqni inni nagaa kennu hunduma keessanii wajjin haa taʼu.+ Ameen.

Miiljaleewwan

Kal., “afaan.”
Ykn., “guutee dhangalaʼuuf.”
Ykn., “barsiisuu.”
Ykn tarii, “muraasaaf.”
Kal., “firii.”