Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaaba Qulqulluu Keessaa Yaada Na Jajjabeessu Argachuu Nan Dandaʼaa?

Kitaaba Qulqulluu Keessaa Yaada Na Jajjabeessu Argachuu Nan Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee. (Roomaa 15:4) Caqasoota Kitaaba Qulqulluu namoota haala rakkisaa fi miira isaanii jeequ keessatti argaman jajjabeessan tokko tokko ilaali.

Mata duree kana keessatti

 Rakkina

 Faarfannaa 23:4: “Ati anaa wajjin waan jirtuuf,Sulula dukkanaaʼaa keessa yoon deeme illee,Miidhaan na irra gaʼa jedhee hin sodaadhu”

 Maal jechuu dha? Gara Waaqayyootti kadhannaa yoo dhiheessitee fi Kitaabni Qulqulluun inni Dubbii isaa taʼe akka si geggeessu yoo heyyamte, yeroo rakkinni si mudatutti jabina argachuu ni dandeessa.

 Filiphisiyus 4:13: “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.”

 Maal jechuu dha? Waaqayyo jabina rakkina kamiyyuu dandaʼuuf si gargaaru siif kenna.

 Nama Jaallannu duʼaan dhabuu

 Lallaba 9:10: ‘Awwaala keessa hojiin, karoorri, beekumsis taʼe ogummaan hin jiru.’

 Maal jechuu dha? Namoonni duʼan dhiphachaa hin jiran, akkasumas nu miidhuu hin dandaʼan. Waan tokkoyyuu hin beekan.

 Hojii Ergamootaa 24:15: ‘Duʼaa kaʼuun jira’

 Maal jechuu dha? Waaqayyo namoonni jaallannuu fi duʼaan dhabne, deebiʼanii akka jiraatan gochuu ni dandaʼa.

 Garmalee of ceephaʼuu

 Faarfannaa 86:5: “Yaa Yihowaa, a ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha; Warra si waammatan hundumaatti jaalala amanamaa hedduu ni argisiista”

 Maal jechuu dha? Waaqayyo namoota dogoggora kanaan dura raawwatanitti garaadhaa gadduudhaan itti deebiʼuu dhiisuuf murteessaniif dhiifama ni godha.

 Faarfannaa 103:12: “Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,Balleessaa keenya nu irraa fageesseera.”

 Maal jechuu dha? Waaqayyo yeroo dhiifama nuuf godhu, cubbuu keenya hamma nuti yaaduu dandeenyu caalaa nurraa fageessa. Nu adabuuf ykn nu komachuuf jecha, irra deddeebiʼee nu hin yaadachiisu.

 Gadda

 Faarfannaa 31:7: ‘Ati rakkina koo argiteetta, dhiphina koo isa cimaas beekta’

 Maal jechuu dha? Waaqayyo rakkina kee hundumaa ni arga. Miira sitti dhagaʼamuu fi namoonni kaan siif hubachuu hin dandeenye illee siif hubata.

 Faarfannaa 34:18: “Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha;Warra hafuurri isaanii caccabes ni oolcha”

 Maal jechuu dha? Waaqayyo yeroo gadda keetti si deggeruuf waadaa siif galeera. Jabina gadda kee dandamachuuf si gargaaru siif kennuu dandaʼa.

 Dhukkuba

 Faarfannaa 41:3: “Siree dhukkubsatee irra ciisu irratti Yihowaan isa kunuunsa.”

 Maal jechuu dha? Waaqayyo keessa keetti nagaan akka sitti dhagaʼamu gochuudhaan, akkasumas jabinaa fi ogummaa murtoo sirrii taʼe gochuuf si gargaaru siif kennuudhaan dhibee cimaa si mudate akka dandamattu si gargaaruu dandaʼa.

 Isaayyaas 33:24: “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, “Na dhukkuba” hin jedhu.’”

 Maal jechuu dha? Waaqayyo yeroo namoonni hundi fayyaa gaarii itti qabaatan akka fidu waadaa galeera.

 Yaaddoo fi dhiphina

 Faarfannaa 94:19: “Yaaddoon yeroo na liqimsetti,Ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites.”

 Maal jechuu dha? Yeroo dhiphinni nutti dhagaʼamutti, Waaqayyoon gargaarsa yoo gaafanne, akka tasgabboofnu nu gargaaruu dandaʼa.

 1 Pheexiros 5:7: “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”

 Maal jechuu dha? Waaʼeen dhiphina keenyaa Waaqayyoon ni yaaddessa. Wantoota nu yaaddessan ilaalchisee gara isaatti kadhannaa akka dhiheessinu nu affeereera.

 Waraana

 Faarfannaa 46:9: “Inni guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.”

 Maal jechuu dha? Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti waraana gosa hundumaa ni balleessa.

 Faarfannaa 37:11, 29: ‘Garraamonni lafa ni dhaalu, Nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu. Qajeelonni lafa ni dhaalu, Bara baraafis ishii irra ni jiraatu.’

 Maal jechuu dha? Namoonni gaariin nagaa argatanii barabaraaf lafarra jiraatu.

 Yaaddoo waaʼee gara fuulduraa

 Ermiyaas 29:11: “Yihowaan akkana jedha: ‘Wantan isiniif yaade akka gaariitti nan beeka; ani badiisa utuu hin taʼin nagaa fi wanta gara fuulduraatti abdiidhaan eeggattan isiniif kennuu nan barbaada.’”

 Maal jechuu dha? Waaqayyo gara fuulduraatti yeroo gaarii akka isaaniif fidu saba isaatiif mirkaneesseera.

 Mulʼata 21:4: “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”

 Maal jechuudha? Waaqayyo wantoota gadhee yeroo harʼaatti argitu hundumaa balleessuuf waadaa galeera.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyooti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu?” jedhu ilaali.