Faarfannaa 41:1-13

  • Kadhannaa namni dhukkubsatee ciise dhiheesse

    • Yihowaan nama dhukkubsate ni kunuunsa (3)

    • Michuudhaan ganamuu (9)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. 41  Namni rakkataadhaaf yaadu gammadaa dha;+Yihowaan guyyaa rakkinaatti isa ni oolcha.   Yihowaan isa eega, lubbuudhaanis isa jiraachisa. Inni gammadaa akka taʼe lafa irratti ni dubbatama;+Atis matumaa fedhii* diinota isaatti dabarsitee isa hin kennitu.+   Siree dhukkubsatee irra ciisu irratti Yihowaan isa kunuunsa;+Yeroo dhukkubsatee jirutti iddoo ciisichaa isaa guutummaatti isaaf ni jijjiirta.   Ani, “Yaa Yihowaa, gaarummaa natti argisiisi.+ Si irratti cubbuu waanan hojjedheef+ na* fayyisi”+ nan jedhe.   Diinonni koo garuu,“Inni yoom duʼa? Maqaan isaa hoo lafa irraa yoom bada?” jedhanii waaʼee koo wanta hamaa dubbatu.   Isaan keessaa inni tokko na ilaaluuf yommuu dhufu, garaan isaa soba dubbata. Dubbii nama miidhu walitti qabata;Achiis gad baʼee wanta sana alatti babalʼisa.   Warri na jibban hundi walitti ni asaasu;Akkana jedhaniis wanta hamaa na irratti yaadu:   “Wanti sodaachisaan isa irra gaʼeera;Inni kufeera, deebiʼees hin kaʼu.”+   Namni naa wajjin nagaa qabu, inni ani itti amanamu,+Inni nyaata koo nyaachaa ture koomee isaa ana irratti kaaseera.*+ 10  Ati garuu yaa Yihowaa, gatii akkan isaaniif deebisuuf,Gaarummaa natti argisiisi, olis na qabi. 11  Diinonni koo yommuu miira injifannootiin na irratti iyyuu dadhabanitti,+Natti gammaduu kee kanaan nan beeka. 12  Amanamummaa kootiin kan kaʼe ol na qabda;+Bara baraaf of dura na jiraachista.+ 13  Yihowaan Waaqni Israaʼel,Baraa hamma bara baraatti haa jajamu.+ Ameen, Ameen.

Miiljaleewwan

Ykn., “hawwii; lubbuu.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “natti garagaleera.”