Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA NAMOOTA GADDI IRRA GAʼEEF TAʼU

Gadda Kee Dandamachuuf Tarkaanfiiwwan Amma Fudhachuu Dandeessu

Gadda Kee Dandamachuuf Tarkaanfiiwwan Amma Fudhachuu Dandeessu

Karaawwan gadda dandamachuun itti dandaʼamu ilaalchisee yaadawwan hedduutu kennama; isaan keessaa tokko tokko caalaatti faayidaa akka qaban sitti dhagaʼama taʼa. Tarii wanti kanaaf sababa taʼuu dandaʼu miirri gaddi nama irraan geessisu garaa gara taʼuu isaa ti. Yaanni nama tokko jajjabeessu nama kan biraa gargaaruu dhiisuu dandaʼa.

Taʼus, gorsawwan namoota hedduu fayyadan tokko tokko jiru. Ogeeyyiin karaa gadda dandamachuun itti dandaʼamu ilaalchisee gorsa kennan gorsawwan kana yeroo baayʼee ni caqasu; gorsawwan kun qajeelfama Kitaaba Qulqulluu yeroon itti hin darbinee wajjinis wal simu.

1: DEGGERSA MAATII FI MICHOONNI KEE SIIF GODHAN FUDHADHU

  • Wantoota barbaachisoo gadda dandamachuuf gargaaran keessaa inni guddaan, deggersa maatii fi michootaa akka taʼe ogeeyyiin tokko tokko ni dubbatu. Taʼus, yeroo tokko tokko kophaa kee taʼuu barbaadda taʼa. Kana irra iyyuu darbee namoota si gargaaruuf yaalii godhanitti ni aarta taʼa. Kun waanuma jiru dha.

  • Yeroo hunda warra kaanii wajjin taʼuu akka qabdu sitti dhagaʼamuu hin qabu; gama kan biraatiin immoo, namoota si gargaaruu barbaadan of irraa fageessuu qabda jechuu miti. Yeroon itti gargaarsi isaanii si barbaachisu jiraachuu dandaʼa. Wanti amma barbaaddu ykn hin barbaanne maal akka taʼe gaarummaadhaan isaanitti himi.

  • Akka barbaachisummaa isaatti, yeroo itti warra kaanii wajjin taatuu fi kophaa kee dabarsitu qabaadhu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya. Sababiin isaas, inni tokko yoo kufe, inni kan biraan ol isa kaasuu dandaʼa.”—Lallaba 4:9, 10.

2: NYAATA MADAALAMAA NYAADHU, SOCHII QAAMAAS GODHI

  • Nyaata madaalamaa nyaachuun dhiphina sababa gaddaatiin dhufu dandamachuuf gargaara. Muduraa fi kuduraa garaagaraa, akkasumas nyaata coomni, zayitiin ykn dhadhaan itti hin baayʼanne nyaachuuf yaali.

  • Bishaanii fi wantoota fayyaadhaaf gaarii taʼan kan biroo baayʼisii dhugi.

  • Fedhiin nyaataaf qabdu yoo hirʼate xixinneessii ammaa amma nyaadhu. Vitaaminoota qaamaaf barbaachisoo taʼan akka siif ajajaniif ogeessota fayyaa gaafachuus ni dandeessa. *

  • Suksukuu ykn sochiiwwan qaamaa kaan irratti hirmaachuun miira gaarii hin taane hirʼisuu dandaʼa. Sochii qaamaa gochuun gadda sirra gaʼe irratti xiinxaluuf ykn yeroo muraasaaf taʼus waaʼee gadda keetii yaaduu dhiisuuf si gargaaruu dandaʼa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni qaama ofii jibbu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, ni soora, akkasumas ni kunuunsa.”—Efesoon 5:29.

3: HIRRIBA GAʼAA ARGACHUUF YAALI

  • Hirribni yoom iyyuu barbaachisaa dha; gaddi isaanii dadhabbii cimaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu waan dandaʼuuf, keessumaa namoota gadda irra jiraniif baayʼee barbaachisaa dha.

  • Wantoonni akka bunaa, shaahii fi dhugaatii alkoolii jiran hirriba si dhowwuu waan dandaʼaniif akka hin baayʼisne of eeggadhu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Hojii cimaa hammaarraa lama irra boqonnaa hammaarraa tokko wayya; kun bubbee duukaa fiiguu wajjin tokko dha.”—Lallaba 4:6.

4: ILAALCHA KEE AKKUMA HAALA ISAATTI SIRREESSI

  • Namni hundi gadda isaa kan ibsu karaa garaa garaatiin akka taʼe yaadadhu. Wanti gadda kee irraa jajjabaachuuf si gargaaru maal akka taʼe beekuun kee si fayyada.

  • Namoonni hedduun miira isaanii warra kaaniif ibsuun isaanii gadda isaanii dandamachuuf akka isaan gargaare hubataniiru; warri kaan immoo waaʼee gadda isaanii dubbachuu dhiisuu filatu. Ogeeyyiin miira ofii ibsuun gadda dandamachuuf kan gargaaru taʼuu isaa ilaalchisee yaada adda addaa kennu. Wanta sitti dhagaʼamu baastee dubbachuun kan si barbaachisu taʼus akkas gochuuf ni mamta taʼa; taanaan, michuu baayʼee itti dhihaattutti suutuma suuta miira kee tokko tokko himuun si fayyaduu dandaʼa.

  • Namoonni tokko tokko booʼuun isaanii gadda isaanii dandamachuuf akka isaan gargaare dubbatu; kaan immoo baayʼee booʼuu baatanis gadda isaanii waan dandamatan fakkaata.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Garaan gadda ofii isaa ni beeka.”—Fakkeenya 14:10.

5: BARSIIFATAWWAN MIIDHAA GEESSISAN IRRAA FAGAADHU

  • Namoonni gaddi isaan irra gaʼe tokko tokko dhugaatii alkoolii garmalee dhuguudhaan ykn qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuudhaan dhiphina isaanitti dhagaʼamu tasgabbeessuuf yaalu. Haa taʼu malee, tasgabbiin kan isaanitti dhagaʼamu yeroo muraasaaf qofa dha; sana booda miidhaa hedduu isaan irraan geessisa. Dhiphina sitti dhagaʼamu tasgabbeessuuf malawwan miidhaa hin qabnetti fayyadamuuf yaali.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.”—2 Qorontos 7:1.

6: YEROO ITTI HAFUURA BAAFATTU QABAADHU

  • Namoonni hedduun darbee darbee sochiiwwan gadda isaanii irratti akka hin xiyyeeffanne isaan gargaaran irratti hirmaachuun isaanii, gadda isaanii irraa hamma tokko boqonnaa akka isaaniif kenne isaanitti dhagaʼama.

  • Michoota haaraa horachuun ykn michummaa kanaan dura qabdu cimsachuun kee, ogummaa haaraa barachuun ykn bashannanni gadda kee irraa hamma tokko boqonnaa siif kennuu dandaʼa.

  • Yeroon gaddaan dhiphachaa dabarsitu suutuma suuta hirʼachaa deema. Waaʼee gadda si irra gaʼe qofa yaaduu mannaa, yeroon sochiiwwan kaan irratti dabarsitu dabalaa akka deeme hubatteetta taʼa; kun gadda kee dandamachaa akka jirtu argisiisa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba, . . . booʼuun yeroo qaba, kolfuunis yeroo qaba; gadooduun yeroo qaba, shubbisuunis yeroo qaba.”—Lallaba 3:1, 4.

7: SAGANTAA DHAABBATAA QABAADHU

  • Hamma siif dandaʼame, utuu baayʼee hin turin sochiiwwan guyyaa guyyaa irratti hirmaachuu kee itti fufi.

  • Yeroo itti raftuu fi hojii kee itti hojjettu, akkasumas yeroo sochiiwwan kaan irratti hirmaattu ilaalchisee sagantaa dhaabbataa hordofuun kee jireenyi kee akka tasgabbaaʼu si gargaara.

  • Sochiiwwan faayidaa qabaniin qabamuun kee dhiphina sitti dhagaʼamu siif hirʼisa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Waaqni dhugaan namni kun gammachuu garaa isaatiin akka qabamu waan godhuuf, inni umurii isaa isa darbaa jiru matumaa hin hubatu.”—Lallaba 5:20.

8: ARIITIIDHAAN MURTOO GUGUDDAA GOCHUU IRRAA OF QUSADHU

  • Namoonni nama jaallatan duʼaan dhabanii utuma baayʼee hin turin murtoo guguddaa godhan hedduun yeroo booda murtoo godhanitti ni gaabbu.

  • Dandaʼamnaan, manas taʼe hojii jijjiiruu kee dura ykn meeshaalee nama duʼe sanaa manaa baasuu kee dura yeroo muraasaaf turuun kee gaarii dha.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa, warri jarjaran hundi garuu gara hiyyummaatti deemu.”—Fakkeenya 21:5.

9: WANTOOTA NAMA DUʼAAN DHABDE SANA SI YAADACHIISAN RAAWWADHU

  • Namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban hedduun wanta nama duʼe sana isaan yaadachiisu gochuun faayidaa akka qabu isaanitti dhagaʼama.

  • Suuraa ykn wanta nama duʼe sana si yaadachiisu walitti qabachuun kee ykn yaadannoo taʼeewwanii fi seenaawwan nama sanaa wajjin wal qabatan irratti barreeffattu qabaachuun kee si jajjabeessuu dandaʼa.

  • Yeroo booda gadda kee irraa yommuu jajjabaattu ilaaluu waan dandeessuuf, meeshaalee yaadannoo gaggaarii si yaadachiisan kaaʼadhu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Guyyoota durii yaadadhaa.”—Keessa Deebii 32:7.

10: WANTA SI BASHANNANSIISU RAAWWADHU

  • Boqonnaa fudhadhuutii yeroo muraasaaf bakka biraa dhaqi.

  • Boqonnaa dheeraa fudhachuu hin dandeessu yoo taʼe immoo, guyyaa tokkoof ykn lamaaf wanta si gammachiisu gochuudhaan dabarsuu dandeessa; fakkeenyaaf, naannoo gaaraa deemuu, godambaa daawwachuu ykn bakka bashannanaa deemuu dandeessa.

  • Yeroo muraasaaf illee taanaan sochiiwwan kanaan dura raawwattu irraa adda taʼan irratti hirmaachuun kee gadda kee irraa jajjabaachuuf si gargaaruu dandaʼa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokkoo haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa.”—Maarqos 6:31.

11: NAMOOTA GARGAARI

  • Yeroon warra kaan gargaaruudhaan dabarsitu gadda kee irraa jajjabaachuuf si gargaaru akka dandaʼu yaadadhu.

  • Firoota ykn michoota akkuma kee namni jaallattan sun duʼuu isaatti miidhaman jajjabeessuu dandeessa; isaanis nama akkuma isaanii gaddee fi miira isaanii isaaniif hubatu barbaadu.

  • Namoota kaan gargaaruu fi jajjabeessuun kee gammachuu siif argamsiisa; wanta buʼaa buusu raawwachuu keettis ni gammadda.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”—Hojii Ergamootaa 20:35.

12: WANTOOTA DURSA KENNITUUF GAMAAGGAMI

  • Gadda si irra gaʼeen kan kaʼe wanti jireenya kee keessatti dursa kennuufii qabdu maal akka taʼe hubatteetta taʼa.

  • Carraa kanatti fayyadamuudhaan jireenya kee keessatti maal gochaa akka jirtu gamaaggami.

  • Akka barbaachisummaa isaatti, wanta dursa kennituuf irratti sirreeffama godhi.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Gara mana cidhaa deemuu irra gara mana gaddaa deemuu wayya; sababiin isaas, duuti dhuma nama hundumaa ti; warri lubbuudhaan jiranis kana yaadatti qabachuu qabu.”—Lallaba 7:2.

Wanti gadda sitti dhagaʼamu guutummaatti siif balleessu akka hin jirre beekamaa dha. Taʼus, namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban hedduun tarkaanfiiwwan barbaachisoo kanneen akka mata duree kana keessatti ibsamanii fudhachuun isaanii jajjabaachuuf akka isaan gargaare dubbataniiru. Yaadawwan gadda irraa jajjabaachuuf gargaaran hundi as irratti ibsamaniiru jechuu miti. Haa taʼu malee, yaadawwan faayidaa qaban kana keessaa tokko tokko hojii irra yoo oolchite hamma tokko jajjabaachuu dandeessa.

^ key. 13 Barruun Dammaqaa! yaalii fayyaa ilaalchisee isa kam akka wayyu yaada hin kennu.