Faarfannaa 23:1-6

  • “Yihowaan tiksee koo ti”

    • “Homtuu natti hin hirʼatu” (1)

    • “Inni na haaromsa” (3)

    • “Xoofoon koo guutee irraa dhangalaʼa” (5)

Faarfannaa Daawit. 23  Yihowaan tiksee koo ti.+ Homtuu natti hin hirʼatu.+   Kaloo lalisaa keessa akkan ciisu godha;Gara iddoo boqonnaa bishaan baayʼee qabutti* na geessa.+   Inni na* haaromsa.+ Maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelummaa irra na geggeessa.+   Ati anaa wajjin waan jirtuuf,+Sulula dukkanaaʼaa keessa yoon deeme illee,+Miidhaan na irra gaʼa jedhee hin sodaadhu;+Uleen ittiin tiksituu fi uleen ittiin qajeelchitu na jajjabeessu.   Diinota koo duratti maaddii naaf qopheessita.+ Mataa koo zayitiidhaan jiista;*+Xoofoon koo guutee irraa dhangalaʼa.+   Bara jireenyaa koo hundumaatti gaarummaan kee fi jaalalli kee inni amanamaan dhugumaan na hordofu;+Anis bara jireenyaa koo hundumaatti mana Yihowaa keessa nan jiraadha.+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “Gara bishaan tasgabbaaʼaatti.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “laaffista.”