Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu

Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu

 Haalli amma jiru gara fuulduraatti ni fooyyaʼa jettee yaaddaa? Yeroo harʼaatti rakkinni cimaan kan nurra gaʼu taʼus, namoonni hedduun ilaalcha gaarii qabaatanii itti fufuuf yaalu. Garuu haalli amma jiru ni fooyyaʼa jenne abdachuuf sababii qabnaa? Eeyyee! Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu ragaa quubsaa nuuf dhiheessa.

 Kitaabni Qulqulluun abdii akkamii nuuf kenna?

 Kitaabni Qulqulluun, ilmaan namootaa irra rakkinni cimaan akka gaʼu dubbata. Taʼus, rakkinni kun barabaraaf akka nu hin cunqursine dubbata. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

  •   Rakkina: Rakkina manaa

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu.”—Isaayyaas 65:21.

     Kun waaʼee gara fuulduraa maal nu hubachiisa? Namoonni mana dhuunfaa isaanii qabaatu.

  •   Rakkina: Hojii dhabuu fi hiyyummaa

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu.”—Isaayyaas 65:22.

     Kun waaʼee gara fuulduraa maal nu hubachiisa? Namoonni hundi hojii gammachiisaa fi buʼaa qabu qabaatu.

  •   Rakkina: Jalʼina haqaa

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Bulchitoonnis haqaan ni geggeessu.”—Isaayyaas 32:1.

     Kun waaʼee gara fuulduraa maal nu hubachiisa? Jalʼinni haqaa karaa sanyii, hawaasaa fi dinagdeen raawwatamu barabaraaf ni bada. Namni hundi karaa sirrii taʼeen ilaalama.

  •   Rakkina: Rakkina nyaataa fi Beela

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata; Fiixee gaarotaa irrattis irraa hafaa ni taʼa”—Faarfannaa 72:16.

     Kun waaʼee gara fuulduraa maal nu hubachiisa? Namni hundi Nyaata gaʼaa argata. Namni kam iyyuu beelaʼee ykn nyaata gaʼaa utuu hin argatin hin oolu.

  •   Rakkina: Yakkaa fi hammeenya

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jala ni taaʼu, Eenyu iyyuu isaan hin sodaachisu”—Miikiyaas 4:4.

     Kun waaʼee gara fuulduraa maal nu hubachiisa? Namni hundi tasgabbiitu isatti dhagaʼama hin sodaatus, sababiin isaas hamoonni badanii ‘qajeelotatu lafa dhaala.’—Faarfannaa 37:10, 29.

  •   Rakkina: Waraana

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Sabni saba irratti goraadee hin kaasu, Isaan kana booda waraana hin baratan.”—Isaayyaas 2:4.

     Kun waaʼee gara fuulduraa maal nu hubachiisa? Guutummaa addunyaa irra nagaan ni jiraata. (Faarfannaa 72:7) Namni kam iyyuu nama jaallatu sababa waraanaatiin duʼaan dhabee hin gaddu, akkasumas naannoo waraanni itti godhamu irraa baqatee iddoo kan biraa qubachuun isa hin barbaachisu.

  •   Rakkina: Dhukkuba

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu”—Isaayyaas 33:24.

     Kun waaʼee gara fuulduraa maal nu hubachiisa? Namoonni hirʼina qaamaatiin ykn dhukkubaan hin dhiphatan. (Isaayyaas 35:5, 6) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun “duutis kana booda hin jiraatu” jechuudhaan abdii kenna.—Mulʼata 21:4.

  •   Rakkina: Miidhaa naannoo irra gaʼu

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Lafti onaanii fi lafti waxalamaan ni gammadu, Gammoojjiin ni gammada, akkuma saafronittis ni daraara.”—Isaayyaas 35:1.

     Kun waaʼee gara fuulduraa maal nu hubachiisa? Akkuma Waaqayyoo jalqabumaa kaasee ilmaan namootaaf yaade guutummaan lafaa jannata taati.—Uumama 2:15; Isaayyaas 45:18.

 Abdii Kitaabni Qulqulluun kennu amanuuf sababa qabnaa?

 Atis sababa akka qabdu sitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee dubbatu gadi fageenyaan akka qortu si jajjabeessina. Maaliif? Sababiin isaas abdiin Kitaabni Qulqulluun kennu abdii ykn yaada namoonni kennan irraa adda dha. Abdiin Kitaaba Qulqulluu keessa jiru abdii Waaqayyo kenne dha. Abdiin waaqayyo kennu sababiiwwan armaan gadiitiin kan kaʼe kan namaa irraa adda dha.

  •   Waaqayyo amanamaa dha. Kitaabni Qulqulluun ‘Waaqayyo sobuu akka hin dandeenye’ dubbata. (Tiitoo 1:2) Dabalataanis, waaʼee gara fuulduraa dubbachuu kan dandaʼu Waaqayyo qofa dha. (Isaayyaas 46:10) Kitaabni Qulqulluun fakkeenyota wanti Waaqayyo dubbatu yeroo hundumaa akka raawwatamu argisiisu hedduu qabateera. Odeeffannoo dabalataa argachuuf viidiyoo Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamitti Beekna? jedhu ilaali.

  •   Waaqayyo rakkoowwan keenya furuuf humna qaba. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “wanta gochuu barbaade hundumaa” gochuuf humna akka qabu dubbata. (Faarfannaa 135:5, 6) Karaa biraatiin abdii Waaqayyo nuuf gale akka hin raawwanne wanti dhowwu hin jiru. Kana malees, Waaqayyo waan nu jaalatuuf nu gargaaruu barbaada.—Yohaannis 3:16.

 Tarii, ‘Waaqayyo nu gargaaruu kan barbaaduu fi nu gargaaruuf humna qaba erga taʼee, hamma yoonaatti rakkinni kan nurra gaʼu maaliifi?’ jette gaafatta taʼa. Gaaffii kanaaf deebii argachuuf, viidiyoo Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Kan Heyyame Maaliifi? jedhu ilaali.

 Abdii Kitaabni Qulqulluun kennu raawwii isaa kan argatu akkamitti?

 Waaqayyo abdii kenne raawwachuuf mootummaa isaa isa samiitti fayyadama. Yesuus Kiristoosiin mootii mootummaa kanaa godhee isa muudeera, akkasumas lafaa fi namoota lafa irra jiran kunuunsuuf aangoo isaaf kenneera. Yesuus yeroo lafa irra turetti warra dhukkubsatan fayyiseera, warra beelaʼan sooreera, haala qilleensaa toʼateera, akkasumas warra duʼan illee duʼaa kaaseera. (Maarqos 4:39; 6:41-44; Luqaas 4:40; Yohaannis 11:43, 44) Kanaafuu, Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyo taʼee maal akka raawwatu argisiiseera.

 Mootummaan Waaqayyo akkamitti akka si fayyadu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo Maali dha? jedhu ilaali.

 Abdiin kun raawwii isaa kan argatu yoomi?

 Dhiheenyatti raawwii isaa argata! Kun akka taʼu akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Kitaabni Qulqulluun, mallattoowwan Mootummaan Waaqayyoo lafa irratti bulchuu jalqabuuf akka jedhu argisiisan ni dubbata. (Luqaas 21:10, 11) Haalli amma addunyaa irratti mulʼatu, haala Kitaabni Qulqulluun dursee dubbate wajjin wal sima.

 Caalaatti barachuuf, mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Lafa Kan Bulchu Yoomi?” jedhu dubbisi.

 Abdii Kitaabni Qulqulluun nuuf kennu yeroo harʼaatti kan si fayyadu akkamitti?

 Barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko abdii Kitaabni Qulqulluun kennu ‘qofoo doonii lubbuu qabee dhaabu’ wajjin wal bira qabeera. (Ibroota 6:19) Akkuma qofoon doonii tokko yeroo obomboleettiin uumamutti doonicha jabeessee qabu, abdiin Kitaabni Qulqulluu kennu rakkina yeroo harʼaatti nu mudatu dandamachuuf nu gargaara. Abdiin keenya tasgabbaaʼuu fi gammachuu akka qabaannu, sirriitti akka yaadnuu fi fayya buleessa akka taanu nu gargaara.—1 Tasalonqee 5:8.