Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Siif Yaaduun Isaa Akkamitti Si Fayyada?

Waaqayyo Siif Yaaduun Isaa Akkamitti Si Fayyada?

Waaqayyo qaamni keenya ofiin of fayyisuuf dandeettii dinqisiisaa akka qabaatu godhee uume. Qaamni fayyaan tokko yommuu muramu, moccoramu, ykn waraanamu, qaamni keenya “guddaas taʼe xinnaa madaa sana fayyisuuf, hojii wal xaxaa taʼe jalqaba.” (Joon Hoopkinis Meedisin) Qaamni keenya dhiiga dhangalaʼu dhaabuuf, hidda dhiigaa balʼisuuf, madaa fayyisuu fi seelota cimsuuf yeruma sana hojii jalqaba.

MEE YAADI: Uumaan keenya madaan qaamaa ofiin akka of fayyisu godhee erga uumee, madaa miiraa irraa akka bayyanannu abdii inni nuuf kennetti amanamuu hin dandeenyuu? Faarfatichi, “Inni warra garaan isaanii cabe in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 147:3) Haa taʼu malee, madaa miiraatiin rakkachaa kan jirtu yoo taʼe, Yihowaan ammas taʼe gara fuulduraatti madaa kee akka siif hidhu akkamitti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa?

KITAABNI QULQULLUUN JAALALA WAAQAYYOO ILAALCHISEE MAAL NU BARSIISA?

Waaqayyo, “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras” jechuudhaan abdii kenneera. (Isaayaas 41:10) Namni Yihowaan waaʼee isaa akka yaadu beeku tokko, nagaa sammuu qabaata, akkasumas jabina rakkoowwan gara garaa moʼuuf isa gargaaru argata. Phaawulos ergamaan tasgabbii keessaa kana, ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ jedhee waameera. Itti dabalees, “Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedheera.—Filiphisiyus 4:4-7, 9, 13.

Kitaabni Qulqulluun abdii gara fuulduraa Yihowaan ilmaan namootaatiif kenne irratti amantii qabaachuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf Mulʼanni 21:4, 5 maal akka inni raawwatuu fi wanta sana ni raawwata jennee amanuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe nutti hima:

  • “Inni imimmaan hundumaa” ija namootaa irraa ni haqa. Rakkoowwan namoota kaaniif iddoo guddaa kan hin qabne fakkaatan dabalatee, Yihowaan rakkinaa fi dhiphina keenya hundumaa ni balleessa.

  • Mootiin uumama hundaa inni Hundumaa Dandaʼu ulfina isaa isa samiitiin ‘teessoo irra waan taaʼeef’ rakkina hambisuu fi gargaarsa barbaachisu kennuuf humnaa fi aangoo isaatti ni fayyadama.

  • Yihowaan abdiiwwan isaa “amanamoo fi dhugaa” taʼuu isaanii mirkaneesseera. Kana jechuun, abdii kenne raawwachuudhaan maqaa gaarii kanaan dura argateen abdii gara fuulduraatti kennes akka raawwatu mirkaneessa jechuu dha.

“‘Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru. Wantoonni duraa sun darbaniiru.’ Inni teessoo irra taaʼe Sunis, ‘Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa nan godha’ jedhe. Itti dabalees, ‘Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif barreessi’ jedhe.”—Mulʼata 21:4, 5.

Uumamni cuftii fi Kitaabni Qulqulluun, eenyummaa fi amala abbaa keenya isa samii ibsu. Uumamni michuu Waaqayyoo akka taanu utuu sagalee hin dhageessisin kan nu beeksisu siʼa taʼu, Kitaabni Qulqulluun garuu beeksisa kana ifa gochuudhaan, “Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedha. (Yaaqoob 4:8) Hojiin Ergamootaa 17:27, “Inni tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo dha jechuu miti” jedha.

Waaqayyoon beekuuf yeroo yoo ramadde, ‘inni akka siif yaadu’ amanannaan qabdu caalaatti guddataa adeema. (1 Pheexiros 5:7) Haala kanaan Yihowaatti amanamuun faayidaawwan akkamii argamsiisa?

Mee haala Tooruu isa Jaappaan keessa jiraatuu ilaali. Inni haadha Kiristiyaana taateen kan guddate taʼus, Jaappaan keessatti garee namoota gurmaaʼanii yakka raawwatanii fi yaakuuzaa jedhamu keessa seene. Akkas jedheera: “Waaqayyo akka na jibbuu fi namoonni na wajjin jiran keessumaa warri baayʼee natti dhihaatan duʼuun isaanii adaba naaf kenname akka taʼe natti dhagaʼama ture.” Tooruun, naannoo miidhaa geessisu akkasii waan jiraatuu fi ilaalcha akkasii waan qabuuf, “nama hamaa fi gara jabeessa taʼeera.” Wanta gochuu hawwu ilaalchisee, “Nama ana caalaa beekamaa taʼe tokko ajjeesuudhaan ergan beekamtii argadhee booda dargaggummaa kootti duʼuun barbaada ture” jedhee wanta yaadatu dubbateera.

Haa taʼu malee, Tooruunii fi haati manaa isaa Haannaan Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼatan, Tooruun jireenya isaa fi ilaalcha isaa irratti jijjiirama guddaa godheera. Haannaan, “Abbaan manaa koo ijuma koo duratti yommuu jijjiiramun hubadhe” jetteetti. Amma Tooruun mirkanaaʼaa taʼuudhaan, “Waaqni dhugumaan tokkoon tokkoon keenyaaf yaadu jira. Inni namni kam iyyuu akka duʼu hin barbaadu, akkasumas namoota dhugumaan yaada geddarataniif dhiifama gochuuf fedhii qaba. Inni wantoota nuti isaan alatti nama kamitti iyyuu himuu hin dandeenyee fi namni kam iyyuu nuuf hubachuu hin dandeenye ni dhaggeeffata. Yihowaan dhiheenyatti, rakkoowwan hunda, akkasumas dhiphinaa fi gadadoo ni balleessa. Yeroo ammaatti illee, karaawwan nuti matumaa hin eegneen nu gargaara. Inni yeroo nuti dhiphannu, nuuf yaada akkasumas nu gargaara.”—Faarfannaa 136:23.

Akkuma muuxannoon Tooruu argisiisu, Waaqayyo dhiheenyatti haala gaddisiisaa akka balleessuu fi imimmaan hundumaa akka haqu beekuun keenya, abdii amansiisaa akka qabaannu gochuu qofa utuu hin taʼin, yeroo ammaatti illee jireenya gaarii jiraachuuf nu gargaara. Eeyyee, addunyaa rakkinaan guutame keessatti illee, Waaqayyo jaalalaan kakaʼee akka siif yaadu beekuudhaan faayidaa argachuu ni dandeessa.