Faarfannaa 36:1-12

  • Jaalala Waaqaa isa gatii guddaa qabu

    • Namni hamaan Waaqa hin sodaatu (1)

    • Waaqni madda jireenyaa ti (9)

    • “Ifa keetiin ifa arguu dandeenya” (9)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit isa tajaajilaa Yihowaa taʼe sanaa. 36  Balleessaan garaa nama hamaa isa gad fagoo keessatti ni dubbata;Waaqayyoon sodaachuunis ija isaa dura hin jiru.+   Inni hamma dogoggora isaa hubachuu fi jibbuu dadhabutti,Akka malee of jaja.+   Dubbiin afaan isaa kan nama miidhuu fi kan nama gowwoomsu dha;Wanta gaarii taʼe gochuuf hubannaa hin qabu.   Siree isaa irratti illee wanta nama miidhu yaada. Daandii gaarii hin taane irra dhaabbata;Wanta hamaa taʼe irraa hin fagaatu.   Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan hamma samiitti,+Amanamummaan kees hamma duumessootaatti ni gaʼa.   Qajeelummaan kee akka gaarota guguddoo* ti;+Murtiiwwan kees akka bishaan balʼaa fi gad fagoo taʼee ti.+ Yaa Yihowaa, namaa fi bineensa situ jiraachisa.*+   Yaa Waaqayyo, jaalalli kee inni amanamaan hammam ulfina qabeessa dha!+ Ilmaan namootaa gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.+   Isaan badhaadhina* mana keetii irraa dhuganii ni quufu,+Atis laga gammachuu kee irraa akka dhugan ni goota.+   Ati madda jireenyaa ti;+Ifa keetiin ifa arguu dandeenya.+ 10  Warra si beekanitti jaalala kee isa amanamaa,+Warra garaan isaanii qajeelaa taʼettis qajeelummaa argisiisuu kee itti fufi.+ 11  Miilli warra of tuulanii akka na irra ejjetu,Harki namoota hamoos akka na ariʼu hin godhin. 12  Kunoo, warri balleessaa raawwatan kukkufaniiru;Isaan rukutamanii kufaniiru, ol kaʼuus hin dandaʼan.+

Miiljaleewwan

Kal., “akka gaarreen Waaqayyoo.”
Ykn., “fayyisa.”
Kal., “cooma.”