Faarfannaa 72:1-20

  • Bulchiinsa nagaa mootii Waaqayyo muudee

    • “Namni qajeelaan ni lalisa” (7)

    • Warra galaanaa hamma galaanaatti isaaf bitaman (8)

    • Hammina irraa oolchuu (14)

    • Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata (16)

    • Maqaan Waaqaa bara baraaf jajama (19)

Faarfannaa waaʼee Solomoon faarfatame. 72  Yaa Waaqayyo, mootichaaf murtiiwwan kee kenni;Ilma mootichaas qajeelummaa kee gonfachiisi.+   Inni saba keetiif qajeelummaadhaan,Namoota kee warra rakkatoo taʼaniifis haqaan haa falmu.+   Gaaronni sabichaaf nagaa haa fidan,Tabbawwanis qajeelummaa haa fidan.   Inni warra rakkatoo sabicha gidduutti argamaniif haa falmu,*Ilmaan hiyyeessaa haa oolchu,Isa gowwoomsaa raawwatus haa caccabsu.+   Isaan hamma aduun jirtutti,Hamma addeessi turtutti,Dhalootaa hamma dhalootaatti+ si sodaatu.   Inni akka bokkaa lafa margi irraa haamame irratti roobuu,Akka tiifuu bokkaa lafa obaasuu ti.+   Bara isaatti namni qajeelaan ni lalisa,*+Hamma addeessi dhabamtuttis nagaan ni baayʼata.+   Inni galaanaa hamma galaanaatti,Lagicha* irraa hamma andaara lafaattis namoota isaaf bitaman ni qabaata.*+   Warri gammoojjii keessa jiraatan isa duratti ni sagadu,Diinonni isaas biyyoo ni arraabu.+ 10  Mootonni Tarshiishii fi mootonni odolawwanii gibira isaaf ni kaffalu.+ Mootonni Sheebaa fi mootonni Seebaa kennaa isaaf ni kennu.+ 11  Mootonni hundi isa duratti sagadu,Saboonni hundis isa tajaajilu. 12  Sababiin isaas, inni hiyyeessa gargaarsa argachuuf iyyatu,Akkasumas isa rakkataa taʼee fi isa gargaaraa hin qabne kam iyyuu ni oolcha. 13  Isa rakkataa fi isa hiyyeessa taʼeef ni gadda,Lubbuu hiyyeeyyiis ni oolcha. 14  Cunqursaa fi hammina irraa isaan oolcha,*Dhiigni isaaniis ija isaa duratti gatii guddaa qaba. 15  Inni haa jiraatu, warqiin Sheebaas isaaf haa kennamu.+ Utuu wal irraa hin citin waaʼee isaa kadhannaan haa dhihaatu,Guyyaa guutuus kan eebbifame haa taʼu. 16  Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata;+Fiixee gaarotaa irrattis irraa hafaa ni taʼa. Firiin isaa akkuma Libaanon keessa jiruutti ni lalisa,+Magaalota keessattis namoonni akkuma biqiltuu lafaatti ni daraaru.+ 17  Maqaan isaa bara baraaf haa jiraatu,+Hamma aduun jirtuttis haa dagaagu. Namoonni karaa isaa ofii isaaniitiif eebba haa argatan;+Saboonni hundis inni gammadaa taʼuu isaa haa labsan. 18  Yihowaan Waaqni Israaʼel,Inni kophaa isaa wantoota dinqisiisoo taʼan raawwatu haa jajamu.+ 19  Maqaan isaa inni ulfina qabeessa taʼe bara baraaf haa jajamu,+Ulfinni isaas guutummaa lafaa haa guutu.+ Ameen, Ameen. 20  Kadhannaan Daawit ilma Issey+ as irratti xumurama.

Miiljaleewwan

Kal., “murtii haa kennu.”
Kal., “ni lata.”
Jechuunis, Efraaxis.
Ykn., “ni bulcha.”
Ykn., “lubbuu isaanii ni fura.”