Faarfannaa 145:1-21

  • Waaqa isa Mootii guddaa taʼe jajachuu

    • ‘Guddina Waaqaa nan labsa’ (6)

    • “Yihowaan uumamawwan hundumaatiif gaarii dha” (9)

    • ‘Warri siif amanamoo taʼan si jajatu’ (10)

    • Mootummaa Waaqayyoo isa bara baraa (13)

    • Harki Waaqaa hundumaa ni quubsa (16)

Faarfannaa galataa Daawit. א [Aleef] 145  Mootii kan taate yaa Waaqa koo,+ ol sin qaba,Baraa hamma bara baraatti maqaa kee nan jajadha.+ ב [Beet]   Guyyaa guutuu sin jajadha;+Baraa hamma bara baraatti maqaa kee nan jajadha.+ ג [Giimel]   Yihowaan guddaa fi hundumaa caalaa jajamuun kan isaaf malu dha;+Guddinni isaa qoramuu kan hin dandeenye* dha.+ ד [Daalet]   Dhaloonni tokko dhaloota kaanitti hojiiwwan kee ni labsa;Isaan waaʼee gochawwan kee warra jajjaboo taʼanii ni himu.+ ה [Hii]   Waaʼee guddinaa fi simboo ulfina keetii ni dubbatu,+Anis hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan irratti nan xiinxala. ו [Waaw]   Isaan waaʼee gochawwan kee warra sodaachisoo taʼanii* ni dubbatu,Anis guddina kee nan labsa. ז [Zaayin]   Isaan gaarummaa kee isa hedduu taʼe yommuu yaadatan gammachuudhaan dubbatu,+Qajeelummaa keetiin kan kaʼes ni ililchu.+ ח [Heet]   Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa,+Aariidhaaf suuta kan jedhuu fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha.+ ט [Teet]   Yihowaan uumamawwan hundumaatiif gaarii dha,+Gara laafinni isaas hojiiwwan isaa hundumaa irratti mulʼata. י [Yood] 10  Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee hundi ulfina siif kennu,+Warri siif amanamoo taʼanis si jajatu.+ כ [Kaaf] 11  Isaan ulfina mootummaa keetii ni labsu,+Waaʼee jabina keetiis ni dubbatu,+ ל [Laamed] 12  Kanas kan godhan, gochawwan kee warra jajjaboo,+Simboo mootummaa keetii+ isa ulfina qabeessa taʼes namootatti beeksisuufi. מ [Meem] 13  Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti,Bulchiinsi kee dhaloota hundumaa keessatti jabaatee dhaabbata.+ ס [Saamek] 14  Yihowaan warra kufuuf jedhan hundumaa ni deggera,+Warra gombifaman hundumaas ol ni kaasa.+ ע [Ayiin] 15  Ijji hundi abdiidhaan gara kee ilaala;Atis nyaata isaanii waqtii isaatti isaaniif kennita.+ פ [Pee] 16  Ati harka kee ni banta,Fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaas ni quubsita.+ צ [Tsadee] 17  Yihowaan karaawwan isaa hundumaatiin qajeelaa dha,+Wanta raawwatu hundumaatiinis amanamaa dha.+ ק [Qoof] 18  Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti,Warra dhugaadhaan* isa waammatan+ hundumaatti dhihoo dha.+ ר [Reesh] 19  Inni fedhii warra isa sodaatanii ni quubsa;+Iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa, isaan ni oolchas.+ ש [Shiin] 20  Yihowaan warra isa jaallatan hundumaa ni eega,+Hamoota hundumaa garuu ni balleessa.+ ת [Taaw] 21  Afaan koo jajannaa Yihowaa ni labsa;+Uumamni jiraataan* hundi baraa hamma bara baraatti maqaa isaa isa qulqulluu haa jajatu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “hubannaadhaa oli.”
Ykn., “humna kee isa sodaachisaa taʼee.”
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “garaa qulqulluudhaan.”
Kal., “Foon.”