Faarfannaa 100:1-5

  • Uumaa galateeffachuu

    • “Gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa” (2)

    • ‘Kan nu tolche Waaqa dha’ (3)

Faarfannaa galataa. 100  Guutummaan lafaa, miira injifannootiin Yihowaadhaaf ililchaa.+   Gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa.+ Ililchuudhaanis isa duratti dhihaadhaa.   Yihowaan Waaqa taʼuu isaa beekaa.*+ Kan nu tolche isa dha, nutis kan isaa ti.*+ Nuti saba isaa ti, hoolota kaloo isaa keessa jirru dhas.+   Galata dhiheessuudhaan gara karrawwan isaatti,+Isa jajachuudhaanis gara mooraawwan isaatti ol seenaa.+ Galata isaaf galchaa; maqaa isaa jajadhaa.+   Sababiin isaas, Yihowaan gaarii dha;+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf,Amanamummaan isaas dhaloota hundumaa keessatti jabaatee dhaabbata.+

Miiljaleewwan

Ykn., “amanaa fudhadhaa.”
Ykn tarii, “malee nu miti.”