Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?

Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?

 Namoonni hedduun miidhaan ilmaan namootaa lafaa fi jireenya lafa irra jiraatu irra geessisaa jiran baayʼee isaan yaaddessa. Hayyoonni eegumsa naannoo akka jedhanitti, ilmaan namootaa uumamawwan tokko tokko lafa irraa akka badanii fi jireenyi lafa irra jiru hedduun haala kanaan dura matumaa taʼee hin beekneen mancaasaa jiru.

 Maarree ilmaan namootaa lafa ni balleessuu? Moo uumamaa wajjin guutummaatti wal simanii jiraachuu ni dandaʼuu?

Carraaqqiin ilmaan namootaa ni milkaaʼaa?

 Hayyoonni hedduun, ilmaan namootaa lafaaf eegumsa gochuu fi uumamaa wajjin wal simanii jiraachuu akka dandaʼan amanannaa qabu. Qorattoonni tokko tokko garuu carraaqqiin ilmaan namootaa godhan akka milkaaʼuuf, karaa hedduutiin yeroo tokkotti jijjiiramni godhamuu qaba jedhanii falmu. Jijjiiramawwan godhamuu qaban kun kanneen armaan gadii kan dabalatu:

  •   Akkaataa lafa, bosona, naannoo caffee fi garboota itti qaban irratti fooyyaʼiinsa gochuu.

  •   Tooftaalee qonnaa fi maddawwan humnaa adda addaatti fayyadamu.

  •   Soorata irratti jijjiirama gochuu, jechuunis harka caalaa biqiltoota nyaachuu, foonii fi qurxummii muraasa nyaachuu, akkasumas hamma nyaatamuu fi qisaasaʼu hirʼisuu.

  •   Jireenya gaarii jiraachuun qabeenya hedduu qabaachuu irratti kan hundaaʼe akka hin taane hubachuu.

 Maal sitti fakkaata? Mootummoonni, dhaabbileen daldalaa fi namoonni dhuunfaa karaa matumaa kanaan dura taʼee hin beekneen dhimmoota kana irratti tumsuudhaan jijjiirama ni fidu jedhanii eeguun ni fakkaataa? Moo namoonni tokko tokko gar malee sassatoo, ofittoo fi waaʼeen gara fuulduraa kan isaan hin yaaddessine taʼuun isaanii kanaaf gufuu kan taʼu sitti fakkaata?—2 Ximotewos 3:1-5.

Wanta Abdii Qabaachuuf Buʼuura Taʼu

 Kitaabni Qulqulluun haalli egereen lafa keenyaa amansiisaa akka taʼe nuuf mirkaneessa. Carraaqqiin ilmaan namootaa lafa oolchuuf godhan qofti gaʼaa kan hin taane maaliif akka taʼee fi jijjiirama dhugaa godhamuu qabu ni ibsa. Kana malees, jijjiiramni kun akkamitti dhufuu akka dandaʼu ibsa.

 Lafa oolchuuf carraaqqiin namootaa qofti gaʼaa kan hin taane maaliifi? Yihowaan a lafa erga uumeera, akkasumas lafa akka kunuunsaniif ilmaan namootaatiif itti gaafatamummaa kenneera. (Uumama 1:28; 2:15) Itti gaafatamummaa isaanii kana sirriitti raawwachuu kan dandaʼan qajeelfama Uumaa isaanii argachuuf carraaqqii yoo godhanii fi qajeelfama isaatiif yoo ajajaman qofa dha. (Fakkeenya 20:24) Isaan garuu qajeelfama Yihowaa tuffachuudhaan ofiin of bulchuu filatan. (Lallaba 7:29) Ilmaan namootaa ofuma isaaniitiin lafa akka gaariitti kunuunsuu hin dandaʼan, carraaqqii hangamii iyyuu yoo godhan jijjiirama guddaa fiduu hin dandaʼa.—Fakkeenya 21:30; Ermiyaas 10:23.

 Jijjiirama godhamuu qabu. Waaqayyo ilmaan namootaa lafa mancaasuu akka dhaaban gochuuf karoorfateera. (Mulʼata 11:18) Waaqayyo mootummootaa fi namoota lafa mancaasaa jiran hin fooyyessu; mootummaa haaraa fi hawaasa haaraatiin bakka isaan buusa. (Mulʼata 21:1) Yihowaan, “Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa nan godha” kan jedhes kanaafi.—Mulʼata 21:5.

 Jijjiiramni kun kan dhufu akkamitti ? Yihowaan bulchiinsa ilmaan namootaa balleessuudhaan bulchiinsa samii Mootummaa Waaqayyoo jedhamuun bakka buusa. Achiis mootummaan Yesuus Kiristoosiin geggeeffamu kun lafa ni bulcha.—Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10.

 Mootummaan Waaqayyoo namoonni ulaagaalee isaa warra qajeeloo wajjin haala wal simanii akka jiraatan isaan barsiisa. Ilmaan namootaa Uumaa isaaniitiif beekamtii yommuu kennanii fi qajeelfama isaa yommuu hordofanitti uumamaa wajjin wal simanii jiraachuu ni dandaʼu. (Isaayyaas 11:9) Kitaabni Qulqulluun Mootummaan Waaqayyoo namoonni isa jalatti bulan lafa irratti miidhaa utuu hin geessisin jireenya baayʼee gaarii akka jiraatan gochuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsa. Mootummaan kun wantoota armaan gadii raawwata:

 Dhiheenyatti Mootummaan Waaqayyoo jijjiiramawwan kanneen akka fidu eeguu dandeenya. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Lafa kan Bulchu Yoomi?” jedhu dubbisi.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame dha.—Faarfannaa 83:18.