Hoseʼaa 2:1-23

  • Israaʼel ishiin amanamtuu hin taane ni adabamte (1-13)

  • Yihowaa isa abbaa manaa ishii taʼetti ni deebiti (14-23)

    • “Abbaa manaa koo jettee na waamta” (16)

2  “Obboloota keessaniin, ‘Saba koo!’*+ Obboleettota keessaniinis, ‘Yaa dubartii gara laafinni itti argisiifame!’* jedhaa.+   Haadha keessan himadhaa; eeyyee ishii himadhaa,Sababiin isaas, ishiin haadha manaa koo miti,+ anis abbaa manaa ishii miti. Ishiin sagaagalummaa* ishii of irraa,Ejja ishiis harma ishii gidduudhaa haa balleessitu,   Taʼuu baannaan, akkuma guyyaa dhalatteetti qullaatti ishii nan hambisa,Akka lafa onaa,Biyya bishaan hin qabne ishii nan godha,Dheebuudhaan akka duutus nan godha.   Ilmaan ishii ilmaan sagaagalummaa* waan taʼaniif,Gara laafina isaanitti hin argisiisu.   Sababiin isaas, haati isaanii sagaagalummaa* raawwatteetti.+ Ishiin isaan ulfoofte gocha qaanessaa raawwatteetti;+Ishiin, ‘Ani warra baayʼee na jaallatan,Warra nyaata koo fi bishaan koo,Uffata koo isa rifeensa hoolaa fi quncee talbaa irraa tolfame, akkasumas zayitii fi dhugaatii koo naaf kennan duukaa nan buʼa’ jetteetti.+   Kanaafuu, ani dallaa qoreetiin daandii ishii nan cufa;Akka ishiin daandii ishii hin arganneefisDallaa dhagaa ishiitti nan ijaara.   Ishiin warra baayʼee ishii jaallatan duukaa ni buuti, garuu bira hin geessu;+Isaan ni barbaaddi, garuu isaan hin argattu. Achiis, ‘Jireenya koo isa ammaa irra jireenyi koo inni duraanii waan wayyuuf,+Gara abbaa manaa koo isa jalqabaattan deebiʼa’ jetti.+   Ishiin midhaan, wayinii haaraa fi zayitii,Akkasumas meetii hedduu fi warqiiWarra isaan waaqeffannaa Baʼaaliif itti fayyadaman+ kan ishiidhaaf kenne ana taʼuu koo hin hubanne.+   ‘Kanaafuu, ani nan deebiʼa, midhaan koo yeroo isaatti,Wayinii koo isa haaraas waqtii isaatti ishii irraa nan fudhadha,+Uffata koo isa rifeensa hoolaa fi quncee talbaa irraa tolfame isa ishiin qullaa ishii ittiin dhokfachaa turte sana ishii irraa nan buta. 10  Warri baayʼee ishii jaallatan utuma ishii ilaalanii qullaa ishii nan saaxila,Namni harka koo jalaa ishii oolchus hin jiru.+ 11  Ani gammachuu ishii,Ayyaanota ishii,+ guyyoota baatii haaraa ishii, sanbatawwan ishii fi waqtiilee gammachuu ishii hundumaa nan hambisa. 12  Ani mukeetii wayinii ishii fi mukeetii harbuu ishii warra ishiin,“Kanneen kun mindaa koo isa warri baayʼee na jaallatan naaf kennani dha” jettu sana nan balleessa;Gara bosonaatti isaan nan jijjiira,Bineensonni bosonaas isaan ni nyaatu. 13  Guyyoota ishiin fakkiiwwan Baʼaaliif aarsaa itti dhiheessaa turte,+Yeroo ishiin amartiiwwanii fi faayawwan ishiitiin of miidhagsitee warra baayʼee ishii jaallatan duukaa itti buʼaa turte sanaaf akka itti gaafatamtu nan godha,Ishiin kan irraanfatte ana dha’+ jedha Yihowaan. 14  ‘Kanaafuu, ani ishii nan amansiisa,Gara lafa onaatti ishii nan geessa,Dubbii garaa ishii tuqus ishiitti nan dubbadha. 15  Yeroo sanaa kaasee maasiiwwan wayinii ishii ishiidhaaf nan deebisa,+Sululli* Akooris+ karra abdii ishiidhaaf ni taʼa;Ishiin akka yeroo ijoollummaa ishiitti,Akka yeroo biyya Gibxii keessaa baatetti achitti deebii naaf ni kenniti.+ 16  Guyyaa sanatti, abbaa manaa koo jettee na waamta,Sana booda gooftaa* koo jettee na hin waamtu’ jedha Yihowaan. 17  ‘Ani maqaawwan fakkiiwwan Baʼaal afaan ishii keessaa nan balleessa,+Isaanis sana booda maqaa isaaniitiin hin yaadataman.+ 18  Guyyaa sanatti ani isaaniif jedhee bineensota bosonaa wajjin,Simbirroota samii fi uumamawwan lafa irra munyuuqanii wajjin kakuu nan gala;+Iddaa, goraadee fi waraana biyyattii keessaa nan balleessa;+Tasgabbiidhaan akka ciisanis* nan godha.+ 19  Ani bara baraaf sin kaadhimadha;Qajeelummaa fi haqaan,Jaalala amanamaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha.+ 20  Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha,Atis dhugumaan Yihowaa ni beekta.’+ 21  Yihowaan akkana jedha: ‘Guyyaa sanatti ani deebii nan kenna,Samiiwwaniif deebii nan kenna,Isaanis lafaaf deebii ni kennu;+ 22  Lafti midhaaniif, wayinii haaraadhaaf, akkasumas zayitiidhaaf deebii ni kenniti;Isaan immoo Yezriʼeliif* deebii ni kennu.+ 23  Ani ofii kootiif akka sanyiitti lafa irratti ishii nan facaasa,+Ishii gara laafinni itti hin argisiifamnetti* gara laafina nan argisiisa;Warra saba koo hin taaneen,* “Isin saba koo ti”+ nan jedha;Isaan immoo, “Ati Waaqa keenya”+ naan jedhu.’”

Miiljaleewwan

Milj. Hos 1:6 ilaali.
Milj. Hos 1:9 ilaali.
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
Ykn., “Dirree Gad Buʼaan.”
Ykn., “Baʼaal.”
Ykn., “jiraatanis.”
“Waaqayyo Sanyii ni Facaasa” jechuu dha.
Milj. Hos 1:6 ilaali.
Milj. Hos 1:9 ilaali.