Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA: DHUMA BIYYA LAFAA SODAACHUU QABDAA?

Dhuma Biyya Lafaa​—Sodaa, Hawwiifi Abdii Kutachuu

Dhuma Biyya Lafaa​—Sodaa, Hawwiifi Abdii Kutachuu

Akka kaalaandarii warra Maayaatti Muddee 21, 2012 jijjiiramni guddaan addunyaa maratti akka dhufu wanta namoonni dubbatan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Haala wanta sana itti eegdurratti hundaaʼuudhaan, tasgabbaaʼuu ykn abdii kutachuu ykn burjaajaʼuu dandeessa taʼa. Waaʼee dhuma biyya lafaa ilaalchisee wanti namoonni dubbatan kun dogoggora taʼuu dandaʼaa?

‘Dhuma biyya lafaa’ ilaalchisee raajiin Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamehoo? (Maatewos 24:3, Kiingi Jamsi Varshin) Namoonni tokko tokko lafti ni gubatti jedhanii sodaatu. Kaanimmoo dhumni maal akka fakkaatu arguuf hawwu. Namoonni baayʼeen guyyicha yeroo dheeraadhaaf eegaa waan turaniif abdii kutataniiru. Haataʼu malee wanti dubbatame kun utuu hin raawwatamin hafuu dandaʼaa laata?

Dhuma biyya lafaa ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun barsiisu si ajaaʼibsiisuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun ragaa quubsaa dhumni akka dhufu amanuuf gargaaru kan kennu yommuu taʼu, dhumni kan turu fakkaachuusaatiin kan kaʼe namoonni akka abdii kutatanis ni ibsa. Deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan yeroo baayʼee kaʼan tokko tokkoof kennu akka qortu si afeerra.

Lafti ni gubattii?

DEEBII MACAAFA QULQULLUU: “Ati [Waaqayyo] lafa hundee isaa irra dhaabde, innis yeroo hundumaa baruma baraan iddoo isaatii hin butatu.”​FAARFANNAA 104:5.

Lafti ibiddaanis taʼe wanta gara biraatiin hin balleeffamtu. Macaafni Qulqulluun, lafti bakka ilmaan namootaa barabaraaf irra jiraatan akka taate barsiisa. Faarfannaan 37:29 akka hiika bara 1899⁠tti, ‘Toloonni lafa in dhaalu isarras baruma baraan in jiraatu’ jedha.​—Faarfannaa 115:16; Isaayaas 45:18.

Waaqayyo lafa erga uumee booda, “Baayʼee gaarii ture” kan jedhe siʼa taʼu, ammas akkasuma itti dhagaʼama. (Uumama 1:31) Yihowaan lafa balleessuu mannaa, guutummaatti akka hin balleefamne ishee eeguuf ‘warra biyya lafaa balleessan akka balleessu,’ abdii kenneera.​—Mulʼata 11:18.

Haataʼu malee, 2 Phexros 3:7 gaaffii sitti kaasuu dandaʼa. Caqasichi, ‘Bantiiwwan waaqaafi lafti amma jiran, ibiddaan balleeffamuuf qopheeffamanii jiru’ jedha. Kun lafti akka gubattu kan argisiisu mitii? Macaafni Qulqulluun yeroo tokko tokko jecha, “bantiiwwan waaqaa,” ‘lafa’ akkasumas ‘ibidda’ jedhu akka fakkeenyaatti itti fayyadama. Fakkeenyaaf, Faarfannaan 97:1, lafa hawaasa ilmaan namoota argisiisuuf yommuu itti fayyadamu, “Lafti gammachuu haa qabaattu!” jedha.

Bantiin waaqaa, laftiifi ibiddi 2 Phexros 3:7⁠rratti caqasamanis fakkeenya akka taʼan yaada naannoo caqasichaarraa hubachuun ni dandaʼama. Lakkoofsi 5fi 6 dhumni barichaa Bishaan Badiisaa bara Nohitti turee wajjin akka wal fakkaatu ibsa. Namoonni yeroo sana turan kan balleeffaman taʼus, lafti hin balleeffamne. Bishaan Badiisaa sun hawaasa hamaa ykn “lafa” yeroo sana ture balleesseera. Kana malees, “bantiiwwan waaqaa,” jechuunis namoota yeroo sana hawaasicha bulchaa turan balleesseera. (Uumama 6:11) Haaluma walfakkaatuun, 2 Phexros 3:7 hawaasni hamaaniifi bulchitoonni mancaʼaa taʼan akka waan ibiddaan gubamaniitti barabaraaf akka balleeffaman dubbata.

Yeroo dhuma biyya lafaa maaltu ta.a?

DEEBII MACAAFA QULQULLUU: “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.”​1 YOHANNIS 2:17.

“Biyyi lafaa” inni darbu, lafa kana utuu hin taʼin, ilmaan namootaa warra fedha Waaqayyoo wajjin haala wal hin simneen jiraatanidha. Akkuma ogeessi fayyaa tokko nama dhukkuba kaansariitiin qabame fayyisuuf iddoo dhibee qabu sana irraa muree gatu, Waaqayyos namoonni gaariin gammachuudhaan lafarra akka jiraataniif hamoota muree gata ykn ni ‘balleessa.’ (Faarfannaa 37:9) Haala kanaan ‘dhumni biyya lafaa’ wanta gaarii fida.

Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko jecha ‘dhuma biyya lafaa’ jedhu “dhuma barichaa” ykn “dhuma sirna biyya lafaa” jechuudhaan hiikuunsaanii yeroon kun wanta gaarii akka fidu kan argisiisudha. (Maatewos 24:3) Ilmaan namootaas taʼe lafti badiisa dhufu jalaa waan oolaniif, sana booda sirni haaraan ni dhufa jedhanii yaaduun sirrii mitii? Macaafni Qulqulluun jecha ‘bara dhufu’ jedhu waan dubbatuuf gaaffii kanaaf deebii ‘eyyee’ jedhu kennuu dandeenya.​—Luqaas 18:30.

Yesus yeroo gara fuulduraa ilaalchisee, “biyya lafaa ishee haaraa” jedheera. Yesus yeroo sanatti ilmaan namootaa akka Waaqayyo jalqaba yaadetti akka jiraatan godha. (Maatewos 19:28) Yeroo sanatti namoonni

“Fedha Waaqayyoo,” jechuunis wanta inni nurraa barbaadu kan raawwannu taanaan, dhuma biyya lafaa sodaachuun nu hin barbaachisu. Kanaa mannaa hawwiidhaan eeggachuu dandeenya.

Dhumni biyya lafaa dhugumaan dhihaateeraa?

DEEBII MACAAFA QULQULLUU: “Kun hundinuu akka taʼu yommuu argitan, mootummaan Waaqayyoo akka dhiʼaate beekaa.”​LUQAAS 21:31.

Piroofeesar Riichaard Kiil, kitaaba Za Laasti Deeyis Aar Hiiri Ageen jedhamurratti, ‘Namoonni sababii jijjiiramniifi jeequmsi biyya lafaarratti itti taʼu yommuu hubachuu dadhaban, waaʼee dhuma biyya lafaa tilmaamuuf kakaʼu’ jechuudhaan barreessaniiru.

Haataʼu malee barreessitoonni Macaafa Qulqulluu raajii kan dubbatan wantoota gadhee yeroo sana naannoosaanitti raawwatamaa turanirratti hundaaʼanii miti. Kanaa mannaa, hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii haalawwan dhumni biyya lafaa dhihaachuusaa argisiisan ibsaniiru. Raajiiwwan kana keessaa tokko tokko qoruudhaan yeroo keenyatti raawwatamaa jiraachuufi dhiisuusaanii hubachuuf yaali.

Akkuma Yesus dubbate, “kana hundumaa” yommuu arginu dhumni biyya lafaa dhihaachuusaa haa hubannu. (Maatewos 24:33) Dhugaa Baatonni Yihowaa ragaan dhumni dhihaachuusaa argisiisu amansiisaa akka taʼe waan beekaniif, biyyoota 236 keessatti lallabuudhaan waaʼee amantiisaanii namootatti himaa jiru.

Dogoggorri kanaan duraa, guyyaan dhumaa akka hin dhufne argisiisaa?

DEEBII MACAAFA QULQULLUU: “Namoonni, ‘Nagaa dha, gabii dhas’ utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in gaʼa; kana jalaa baʼuunis hin jiru.”​1 TASALONIIQEE 5:3.

Macaafni Qulqulluun badiisa biyya lafaa, ciniinsuu akka tasaa dubartii ulfaatti dhufuu wajjin wal fakkeessa. Dubartiin ulfi tokko mallattoowwan yeroo isheen itti deessu dhihaachuusaa argisiisan hunda kan beektu yommuu taʼu, mallattoowwan gara guyyaa dhumaatti geessanis kanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼu. Dubartiin sun guyyaa doktoorichi tilmaametti yoo daʼuu baatellee, mucaanshee yeroo dhihoo keessatti akka dhalatu beekti. Haaluma walfakkaatuun, guyyaan dhumaa yeroo namoonni eeganitti dhufuu baatus, mallattoowwan ‘guyyoota gara dhumaa’ ilaalchisee dubbataman raawwatamaa jiraachuusaanii haaluun hin dandaʼamu.​—2 Ximotewos 3:1.

‘Mallattoon dhumni dhihaachuusaa argisiisu mulʼachaa jira erga taʼee, namoonni hedduun hubachuu kan dadhaban maaliifi?’ jettee gaafatta taʼa. Macaafni Qulqulluun dhumni dhihaachaa yommuu adeemu namoonni hedduun ragaa dhumni dhihaachuusaa argisiisuuf xiyyeefannaa akka hin kennine dubbata. Namoonni kun, jijjiirama gurguddaa guyyoota gara dhumaatti taʼan amananii fudhachuu mannaa, “Erga abboonni keenya iyyuu duʼanii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata” jedhanii qoosu. (2 Phexros 3:3, 4) Mallattoon guyyoota gara dhumaa ifatti kan mulʼatu taʼus, namoonni hedduun amananii hin fudhatan.​—Maatewos 24:38, 39.

Mataduree kanarratti kan ibsaman ragaawwan Macaafa Qulqulluu dhumni dhihaachuusaa ibsan keessaa muraasa qofadha. * Caalaatti barachuu barbaaddaa? Taanaan, Dhugaa Baatonni Yihowaa kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu akka si qayyabsiisan maaliif hin gaafattu? Manakeetti ykn bakka sii mijaaʼutti ykn bilbilaan qayyabachuu ni dandeessa. Wanti gochuun si barbaachisu yeroo ramaduu qofa siʼa taʼu, faayidaan argattu garuu gatiidhaan kan shallagamu miti.

^ key. 39 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 9 mataduree, “Kan Jiraannu ‘Guyyoota Gara Dhumaa’ Keessadhaa?” jedhu ilaali.