Isaayyaas 45:1-25

  • Qiiros Baabiloniin akka qabatu dibame (1-8)

  • Supheen Suphe Dhooftuu hin morkatu (9-13)

  • Saboonni kaan Israaʼeliif beekamtii ni kennu (14-17)

  • Uumamawwan Waaqaas taʼan mulʼatawwan isaa amansiisoo dha (18-25)

    • Lafti bakka jireenyaa akka taatuuf uumamte (18)

45  Yihowaan Qiiros+ isa dibe sanaan,Isa saboonni akka isaaf bitaman gochuuf,+Mootota meeshaa waraanaa hiiksisuuf,*Karrawwan akka hin cufamneefisBalbaloota isa duratti banuufHarka isaa mirgaa qabate+ sanaan akkana jedha:   “Ani si dura nan deema,+Tabbawwanis wal nan qixxeessa. Balbaloota sibiila diimaa nan caccabsa,Danqaraawwan sibiilaas nan kukkuta.+   Ani Yihowaa Waaqa IsraaʼelIsa maqaa keetiin si waamu taʼuu koo akka beektuuf,+Qabeenya dukkana keessa jiru,Qabeenya dhokfamaa iddoo hin mulʼanne keessa jirus siif nan kenna.+   Yaaqoob isa tajaajilaa koo taʼe, Israaʼel isan filadheef jedhee,Maqaa keetiin sin waama. Ati na beekuu baattus maqaa ulfinaa siif nan kenna.   Ani Yihowaa dha, ana malee kan biraan hin jiru. Ana malee Waaqni hin jiru.+ Ati na beekuu baattus sin jabeessa;*   Kunis baha biiftuu irraa jalqabee hamma lixa biiftuutti*Ana malee kan biraan akka hin jirre+Namoonni akka beekaniifi. Ani Yihowaa dha, ana malee kan biraan hin jiru.+   Ani ifa nan tolcha,+ dukkanas nan uuma,+Nagaa nan fida,+ badiisas nan uuma;+Ani Yihowaan wantoota kana hundumaa nan raawwadha.   Isin samiiwwan ol gubbaadhaa gad roobsaa,+Duumessoonnis qajeelummaa haa roobsan. Lafti banamtee firii fayyinaa haa godhattu,Qajeelummaas isaa wajjin haa maddisiistu.+ Ani Yihowaan kana uumeera.”   Isa Uumaa isaa* morkatuuf* wayyoo! Sababiin isaas, inni qiraacii,Qiraaciiwwan caccaboo lafa irratti gataman kaan gidduu jiru dha. Supheen Suphe Dhooftuudhaan,* “Maal tolchaa jirta?” jechuu qabaa?+ Yookiin wanti ati tolchite, “Inni harka hin qabu” jechuu qabaa?* 10  Isa abbaadhaan, “Ati maal dhalchita?” Dubartiidhaanis, “Ati maal deessa?”* jedhuuf wayyoo! 11  Yihowaan Inni Qulqulluun kan Israaʼel,+ inni isa tolche akkana jedha: “Isin wantoota gara fuulduraatti dhufan ilaalchisee na shakkituu? Ilmaan koo+ fi hojiiwwan harka kootii ilaalchisee hoo na ajajjuu? 12  Ani lafa tolcheera,+ namas ishii irratti uumeera.+ Harkuma kootiin samiiwwan diriirseera,+Raayyaa isaanii hundumaatiifis ajaja nan kenna.”+ 13  “Ani nama tokko qajeelummaadhaan ol kaaseera,+Daandiiwwan isaa hundumaas qajeelaa nan godha. Inni magaalaa koo ni ijaara,+Namoota koo warra boojiʼamanis gatii yookiin mattaʼaa malee+ bilisa ni baasa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. 14  Yihowaan akkana jedha: “Buʼaan* Gibxii, miini daldalaa* Itoophiyaa fi namoonni Saabaa warri dhedheeroo taʼan,Gara kee dhufanii kan kee ni taʼu. Isaan funcaadhaan hidhamanii si duuba ni deemu. Dhufaniis siif ni sagadu.+ Isaan kadhannaadhaan, ‘Dhugumaan Waaqayyo sii wajjin jira,+Isa malee kan biraan hin jiru; Waaqni kan biraanis hin jiru’ siin jedhu.” 15  Fayyisaa kan taate, yaa Waaqa Israaʼel,+Ati dhugumaan Waaqa of dhoksu dha. 16  Hundi isaanii ni qaanaʼu, ni salphatus;Warri waaqolii tolfamoo tolchan hundi salphatanii ni deemu.+ 17  Haa taʼu malee, Yihowaan Israaʼeliif fayyina bara baraa ni argamsiisa.+ Isin bara baraaf hin qaanoftan, hin salphattanis.+ 18  Sababiin isaas, YihowaanInni Uumaa samiiwwanii+ fi Waaqa dhugaa taʼe,Inni lafa tolche, Uumaan ishii inni jabeessee ishii dhaabe,+Inni bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan* ishii hin uumne+ akkana jedha: “Ani Yihowaa dha, ana malee kan biraan hin jiru. 19  Ani bakka dhokataa keessatti, biyya dukkanaa keessatti hin dubbanne;+Ani sanyii Yaaqoobiin,‘Akkanumaan na barbaadaa’ hin jenne. Ani Yihowaa isa wanta qajeelaa dubbatuu fi isa qajeelina labsu dha.+ 20  Walitti qabamaatii kottaa. Isin warri saboota jalaa miliqxan, waliin dhihaadhaa.+ Warri fakkiiwwan bocaman baatanii jooran,Warri waaqa isaan oolchuu hin dandeenyetti kadhannaa dhiheessanis homaa hin beekan.+ 21  Gabaasa keessan dhiheessaa, dhimma keessan dhiheeffadhaa. Isaan tokkummaadhaan waliin haa mariʼatan. Bara dheeraa dura kana kan dubbate,Yeroo darbe irraa kaasees kana kan labse eenyu? Ana Yihowaa mitii? Ana malee Waaqni kan biraan hin jiru;Ana malee Waaqni qajeelaanis taʼe Fayyisaan hin jiru.+ 22  Ani Waaqa waanan taʼeef, ana malees kan biraan waan hin jirreef,+Guutummaan andaara lafaa gara kootti deebiʼaa, fayyinas argadhaa.+ 23  Ani ofiin kakadheera;Afaan koo keessaa dubbiin qajeelummaadhaan baʼeera,Hin deebiʼus:+ Jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata,Arrabni hundi amanamummaadhaan ni kakata,+ 24  Akkanas ni jedha: ‘Dhugumaan qajeelummaa dhugaanii fi jabinni Yihowaa biraa argama. Warri isatti dheekkaman hundi qaaniidhaan isa duratti ni dhihaatu. 25  Guutummaan sanyii Israaʼel Yihowaadhaan kan kaʼe sirrii taʼuun isaa ni mirkanaaʼa,+Isaanis isaan ni boonu.’”

Miiljaleewwan

Kal., “Mudhii moototaa hiikuuf.”
Kal., “akka gaariitti sin hidhachiisa.”
Ykn., “Bahaa hamma dhihaatti.”
Ykn., “isa isa tolcheen.”
Ykn., “falmuuf.”
Ykn., “Isa isa tolche.”
Ykn tarii, “Yookiin supheen sun, ‘Wanti ati tolchite qabannoo hin qabu’ jechuu qabaa?”
Ykn., “Ati maal ciniinsifachaa jirta?”
Ykn tarii, “Hojjettoonni humnaa.”
Ykn tarii, “daldaltoonni.”
Ykn tarii, “duwwaa akka taatu.”