Iyyoob 1:1-22

  • Amanamummaa fi badhaadhina Iyyoob (1-5)

  • Seexanni kakaʼumsa Iyyoob irratti gaaffii kaase (6-12)

  • Iyyoob qabeenya isaa fi ijoollee isaa dhabe (13-19)

  • Iyyoob Waaqa hin komanne (20-22)

1  Biyya Uuz keessa namichi Iyyoob*+ jedhamu tokko jira ture. Inni nama qajeelaa fi amanamaa* ture;+ akkasumas nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu ture.+  Inni ijoollee dhiiraa torbaa fi ijoollee durbaa sadii qaba ture.  Horiiwwan isaa hoolota 7,000, gaalota 3,000, loon 1,000* fi harroota* 500 kan taʼan yeroo taʼu, tajaajiltoota baayʼee hedduu taʼanis qaba ture; kanaafuu, inni namoota Bahaa hundumaa caalaa guddaa ni taʼe.  Ilmaan isaa tokkoon tokkoon isaanii guyyaa dabaree isaaniitti mana isaanii keessatti affeerrii ni qopheessu turan. Isaanii wajjin akka nyaatanii fi akka dhuganiifis obboleettota isaanii sadan ni affeeru turan.  Guyyoonni dabareedhaan itti wal affeeran erga xumuramanii booda, Iyyoob isaan qulqulleessuuf ergee isaan waamsisa ture. Achiis ganama bariidhaan kaʼee tokkoon tokkoon isaaniitiif aarsaawwan gubaman dhiheessa ture.+ Iyyoob akkana kan godhu, “Tarii ilmaan koo cubbuu hojjetanii, garaa isaaniittis Waaqayyoon arrabsanii taʼuu dandaʼa” jedhee waan yaaduufi. Iyyoob yeroo hundumaa akkana godha ture.+  Guyyaan ilmaan Waaqa dhugaa*+ Yihowaa dura dhaabbachuuf itti seenan ni gaʼe;+ Seexannis+ isaan gidduu ni seene.+  Achiis Yihowaan, “Eessaa dhufte?” jedhee Seexana gaafate. Seexannis, “Lafa irra naannaʼee, ishii irras asii fi achi deemeen dhufe”+ jedhee Yihowaadhaaf deebise.  Yihowaanis Seexanaan, “Tajaajilaa koo Iyyoob hubattee ilaalteettaa?* Lafa irra namni akka isaa tokko iyyuu hin jiru. Inni nama qajeelaa fi amanamaa*+ dha; akkasumas nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu dha” jedhe.  Yeroo kanatti Seexanni akkana jedhee Yihowaadhaaf deebise: “Iyyoob waa malee Waaqa sodaatee ree?+ 10  Ati isatti, mana isaattii fi wanta inni qabu hundumaatti naannessitee dallaa eegumsaa hin ijaarree ree?+ Hojii harka isaa eebbisteetta;+ horiiwwan isaas lafa irra guutaniiru. 11  Garuu, mee harka kee diriirsiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti; dhugumaan inni ijuma* kee duratti si arrabsa.” 12  Achiis Yihowaan Seexanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundi harka kee* keessa jira. Isa garuu hin tuqin!” jedhe. Kanaafuu, Seexanni Yihowaa* duraa baʼee deeme.+ 13  Guyyaa ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa isaa mana obboleessa isaanii isa angafaa keessatti nyaachaa, wayiniis dhugaa turanitti+ 14  ergamaan tokko gara Iyyoob dhufee akkana jedhe: “Utuu loon qotaa jiranii fi harroonni isaan biratti dheedaa jiranii, 15  namoonni Saabaa miidhaa geessisanii isaan fudhatan; tajaajiltoota sanas goraadeedhaan ajjeesan. Kan miliqe ana qofa dha; kunoo, amma sitti himuuf dhufeera.” 16  Utuma inni dubbachaa jiruu inni kan biraan dhufee akkana jedhe: “Ibiddi samii irraa Waaqayyo biraa buʼee* hoolotaa fi tajaajiltoota sana gidduutti bobaʼee nyaatee isaan fixe. Kan miliqe ana qofa dha; kunoo, amma sitti himuuf dhufeera.” 17  Utuma inni dubbachaa jiruu inni kan biraan dhufee akkana jedhe: “Kaladoonni+ garee sadiin dhufanii gaalota weeraranii fudhatan; tajaajiltoota sanas goraadeedhaan ajjeesan. Kan miliqe ana qofa dha; kunoo, amma sitti himuuf dhufeera.” 18  Utuma inni dubbachaa jiruu inni kan biraan dhufee akkana jedhe: “Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa kee mana obboleessa isaanii isa angafaa keessatti nyaachaa, wayiniis dhugaa turan. 19  Akkuma tasaas bubbeen cimaan tokko lafa onaatii dhufee golee manichaa arfan rukute; manichis ijoollee kee irratti jigee isaan ajjeese. Kan miliqe ana qofa dha; kunoo, amma sitti himuuf dhufeera.” 20  Yeroo kanatti Iyyoob kaʼee uffata isaa tarsaase; mataa isaas ni haaddate; achiis lafatti gombifamee sagadee 21  akkana jedhe: “Gadameessa haadha tiyyaa keessaa qullaa koon baʼe,Qullaa koos nan deebiʼa.+ Yihowaatu kenne,+ Yihowaatu fudhate. Maqaan Yihowaa yeroo hundumaa haa jajamu.” 22  Kun hundi kan isa irra gaʼe taʼus, Iyyoob cubbuu hin hojjenne yookiin dogoggora raawwateera jedhee Waaqayyoon hin yakkine.*

Miiljaleewwan

Tarii, “Kan Jibbame” jechuu dha.
Ykn., “nama balleessaa hin qabnee fi qajeelaa.”
Kal., “loon cimdii 500.”
Kal., “harroota dhaltuu.”
Jechama Afaan Ibrootaa maleekota warra ilmaan Waaqayyoo taʼan argisiisu.
Ykn., “nama balleessaa hin qabnee fi qajeelaa.”
Kal., “garaa kee irra keesseettaa?”
Kal., “fuula.”
Ykn., “toʼannaa kee jala.”
Kal., “fuula Yihowaa.”
Ykn tarii, “Bakakkaan samii irraa buʼee.”
Ykn., “Waaqayyo wanta sirrii hin taane akkamii iyyuu akka raawwatetti hin dubbanne.”