Dhimma ijoo ta'etti seeni

Lammata Dhalachuu Jechuun Maal Jechuu Dha

Lammata Dhalachuu Jechuun Maal Jechuu Dha

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Yaadni “lammata dhalachuu” jedhu Waaqayyoo fi nama lammata dhalate sana gidduutti hariiroo haaraan jalqabuu isaa argisiisa. (Yohaannis 3:3, 7) Waaqayyo warra lammata dhalatan akka ijoollee isaatti isaan fudhata. (Roomaa 8:15, 16; Galaatiyaa 4:5; 1 Yohaannis 3:1) Akkuma ijoollee karaa seera qabeessa taʼeen guddifachaadhaan fudhatamanii isaanis haalli isaanii jijjiiramee kutaa miseensota maatii Waaqayyoo taʼu.—2 Qorontos 6:18.

Namni tokko lammata kan dhalatu maaliifi?

 Yesuus, “Eenyu illee lammata yoo dhalate malee, Mootummaa Waaqayyoo arguu hin dandaʼu” jedheera. (Yohaannis 3:3) Kanaaf namni tokko lammata dhalachuun isaa Mootummaa Waaqayyoo keessatti Kiristoos wajjin bulchuuf isa qopheessa. Mootummaan kun kan bulchu samii irraa waan taʼeef, Kitaabni Qulqulluun ‘akka haaraatti dhalachuun’ dhaala ‘samii keessatti kaaʼameef’ kan nama qopheessu akka taʼe ibsa. (1 Pheexiros 1:3, 4) Warri lammata dhalatan Kiristoos wajjin ‘mootota taʼanii akka bulchan’ ragaa amansiisaan isaaniif kennameera.—2 Ximotewos 2:12; 2 Qorontos 1:21, 22.

Namni tokko lammata kan dhalatu akkamitti?

 Yesuus waaʼee kanaa yommuu ibsu warri lammata dhalatan ‘bishaanii fi hafuura irraa akka dhalatan’ dubbateera. (Yohaannis 3:5) Kunis bishaaniin cuuphamuu, achii immoo hafuura qulqulluudhaan cuuphamuu argisiisa.—Hojii Ergamootaa 1:5; 2:1-4.

 Yesuus warra lammata dhalatan keessaa isa jalqabaa ti. Laga Yordaanositti erga cuuphamee booda Waaqayyo hafuura qulqulluudhaan isa dibe (ykn isa cuuphe). Kanaafuu Yesuus abdii gara samiitti deebiʼee jiraachuu qabaachuudhaan hafuura qulqulluun ilma Waaqayyoo hafuuraa taʼee lammata dhalateera. (Maarqos 1:9-11) Waaqayyo, Yesuusiin uumama hafuuraa godhee duʼaa isa kaasuudhaan abdiin kun akka raawwatamu godheera.—Hojii Ergamootaa 13:33.

 Warri lammata dhalatan kaanis hafuura qulqulluu fudhachuu isaanii dura bishaaniin cuuphamu. a (Hojii Ergamootaa 2:38, 41) Achiis samii irra jiraachuuf abdii amansiisaa qabaatu, kanas Waaqayyo yeroo duʼaa isaan kaasutti raawwata.—1 Qorontos 15:42-49.

Lammata dhalachuu ilaalchisee Ilaalcha dogoggoraa jiru

 Ilaalcha dogoggoraa: Namni tokko fayyuuf ykn Kiristiyaana taʼuuf lammata dhalachuu qaba.

 Dhugaa jiru: Aarsaan Kiristoos warra lammata dhalatanii samii irratti Kiristoos wajjin bulchaniif qofa utuu hin taʼin, namoota lafa irratti Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulaniifis fayyina argamsiisa. (1 Yohaannis 2:1, 2; Mulʼata 5:9, 10) Kiristiyaanonni garee lammaffaa kana keessa jiran carraa lafa Jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu argatu.—Faarfannaa 37:29; Maatewos 6:9, 10; Mulʼata 21:1-5.

 Ilaalcha dogoggoraa: Namni tokko lammata dhalachuuf filachuu dandaʼa.

 Dhugaa jiru: Carraan Waaqayyo wajjin hariiroo uumuu fi fayyina argachuu namoota hundaaf banaa dha. (1 Ximotewos 2:3, 4; Yaaqoob 4:8) Haa taʼu malee, warra lammata dhalatan ykn hafuura qulqulluudhaan dibaman kan filatu Waaqayyoo dha. Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti lammata dhalachuun, ‘fedhii yookiin carraaqqii namni tokko godhu irratti utuu hin taʼin Waaqayyo irratti kan hundaaʼe dha.’ (Roomaa 9:16) Yaadni “lammata dhalachuu” jedhu, ‘olii dhalachuu’ jedhamees hiikamuu dandaʼa, kunis namoonni lammata dhalatan kan filataman “olii” ykn Waaqayyo biraa taʼuu isaa mirkaneessa.—Yohaannis 3:3, miiljalee.

a Kana irraa haala adda taʼeen Qorneelewosii fi warri isa wajjin jiran hafuura qulqulluu erga fudhatanii booda cuuphaman.—Hojii Ergamootaa 10:44-48.