Warra Roomaatiif 8:1-39

  • Jireenyaa fi bilisummaa hafuuraan argamu (1-11)

  • Ijoollee Waaqaa taʼuu keenya hafuurichi dhugaa baʼa (12-17)

  • Uumamni bilisummaa ijoollee Waaqaa eeggata (18-25)

  • ‘Hafuurichi nuuf kadhata’ (26, 27)

  • Warra Waaqni dursee murteesse (28-30)

  • Injifannoo karaa jaalala Waaqaa argamu (31-39)

8  Kanaafuu, warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabanitti hin murteeffamu.  Sababiin isaas, seerri hafuuraa inni warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaniif jireenya kennu,+ seera cubbuu fi seera duʼaa jalaa bilisa si baaseera.  Seerichi cubbuu namootaatiin kan kaʼe dadhabaa waan taʼeef,+ cubbuu balleessuu hin dandeenye;+ kanaafuu, Waaqayyo cubbuu balleessuuf Ilma isaa+ fakkeenya namoota cubbuu dhaalaniitiin+ ergeera; kana gochuudhaanis cubbuu foon keessa jirutti murteessa;  kana kan godhes, ulaagaawwan qajeeloon Seericha keessa jiran nu warra akka fooniitti utuu hin taʼin, akka hafuuraatti deddeebinu+ keessatti akka raawwatamaniifi.+  Sababiin isaas, warri akka fooniitti jiraatan, sammuun isaanii wantoota foonii irratti xiyyeeffata;+ warri akka hafuuraatti jiraatan garuu, sammuun isaanii wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffata.+  Sammuun foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun duʼa fida;+ sammuun hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun garuu jireenyaa fi nagaa fida;+  sababiin isaas, foon seera Waaqayyootiif waan hin bitamnee fi bitamuus waan hin dandeenyeef, sammuun foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun diina Waaqayyoo taʼuu jechuu dha.+  Kanaafuu, warri fedhii foonii wajjin wal simanii jiraatan, Waaqayyoon gammachiisuu hin dandaʼan.  Dhuguma hafuurri Waaqayyoo yoo isin keessa jiraate garuu, fedhii foonii wajjin utuu hin taʼin, fedhii hafuuraa+ wajjin wal simtanii jiraattu. Taʼus, namni kam iyyuu hafuura Kiristoos hin qabu taanaan kan Kiristoos miti. 10  Haa taʼu malee, Kiristoos isinii wajjin tokkummaa yoo qabaate,+ qaamni keessan sababii cubbuutiin duʼaa dha; hafuurri qulqulluun garuu sababii qajeelummaatiin jireenya isiniif argamsiisa. 11  Ammas hafuurri isa Yesuusiin duʼaa kaase sanaa isin keessa yoo jiraate, inni Kiristoos Yesuusiin duʼaa kaase sun,+ karaa hafuura isaa isa isin keessa jiraatu sanaan qaama keessan isa duʼuuf jireenya ni kenna.+ 12  Kanaafuu yaa obbolootaa, akka fooniitti jiraachuu fi fedhii isaa raawwachuuf dirqamni nu irra hin jiru;+ 13  akka fooniitti yoo jiraattan, akka duutan beekamaa dha; hojii qaama keessanii hafuuraan yoo ajjeestan garuu+ jireenya argattu.+ 14  Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundi dhuguma ilmaan Waaqayyoo ti.+ 15  Sababiin isaas, isin hafuura garbummaa isa deebitanii akka sodaattan isin godhu hin fudhanne; kanaa mannaa, hafuura akka ilmaan isaatti guddifamuu isa nuti, “Aabbaa!”* jennee ittiin waammannu sana fudhattan.+ 16  Nuti ijoollee Waaqayyoo taʼuu keenya+ hafuurichi hafuura keenyaa wajjin taʼee dhugaa baʼa.+ 17  Kanaafuu, nuti ijoollee yoo taane dhaaltota, jechuunis dhaaltota Waaqayyoo ti; haa taʼu malee, kan dhaallu Kiristoosii wajjini,+ isaa wajjin yoo dhiphanne+ isaa wajjin ulfina ni arganna.+ 18  Sababiin isaas, rakkinni yeroo ammaatti nu irra gaʼu, ulfina isa nu irratti mulʼachuuf jiruu wajjin yommuu wal bira qabamu homaatti iyyuu hin lakkaaʼamu.+ 19  Uumamni mulʼachuu ilmaan Waaqayyoo hawwii guddaadhaan eeggachaa jira.+ 20  Uumamni wanta gatii hin qabneef bitameera;+ taʼus kan bitame fedhii isaatiin utuu hin taʼin, karaa isa abdiidhaan akka bitamu godhe sanaatiini; 21  kunis, uumamni mataan isaas garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼee,+ bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa akka argatuufi. 22  Uumamni hundi hanga ammaatti walii wajjin aadaa fi dhiphachaa akka jiru beekna. 23  Kana qofa utuu hin taʼin, nuti warri firii jalqabaa taane, jechuunis warri hafuuricha argannes, ofii keenyaan keessa keenyatti aadaa+ yeroo furichaan foon keenya irraa hiikamnuu fi Waaqayyo akka ilmaan isaatti itti nu guddisu hawwii guddaadhaan eegganna.+ 24  Sababiin isaas, nuti abdii kanaan fayyineerra; haa taʼu malee, abdiin ijaan argamu abdii miti; namni tokko wanta argu ni abdataa? 25  Haa taʼu malee, wanta hin argine+ abdanna yoo taʼe,+ jabaannee dhaabbachuudhaan wanta sana hawwii guddaadhaan eegganna.+ 26  Haaluma wal fakkaatuun, hafuurichi dadhabbii keenya irratti nu gargaara;+ sababiin isaas, kadhachuu akka qabnu kan beeknu taʼus maal jennee akka kadhannu hin beeknu; taʼus, yommuu jechaan ibsuu dadhabnee aadnu hafuurichi iyyuu nuuf kadhata. 27  Haa taʼu malee, hafuurichi fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qulqullootaaf waan kadhatuuf, inni garaa namaa qoru,+ hiikni hafuurichaa maal akka taʼe beeka. 28  Waaqayyo warra isa jaallataniif, warra akka kaayyoo isaatti waamamaniif gaarii akka taʼutti hojii isaa hunda akka walitti qindeessu beekna;+ 29  sababiin isaas, Ilmi isaa obboloota hedduu gidduudhaa+ angafa akka taʼuuf,+ Waaqayyo warra jalqaba beekamtii isaaniif kenne dursee murteessuudhaan fakkaattii Ilma isaa akka qabaatan godheera.+ 30  Kana malees, warra dursee murteesse+ ni waame;+ warra waame kanas qajeelota jedhe.+ Dhuma irratti warra qajeelota jedhee waame kanaaf ulfinas ni kenne.+ 31  Kanaafuu, waaʼee wantoota kanaa maal jechuu dandeenya ree? Waaqayyo nuu wajjin yoo taʼe, eenyutu nu mormuu dandaʼa?+ 32  Inni Ilma isaatiif illee utuu hin hilin* hunda keenyaaf dabarsee erga isa kennee,+ wantoota kan biraa hundas akkasuma gaarummaadhaan isaa wajjin nuuf hin kennuu ree? 33  Warra Waaqayyo filate irratti eenyutu himata dhiheessuu dandaʼa?+ Qajeelota jedhee kan isaan waame Waaqayyo dha.+ 34  Eenyutu isaanitti murteessa? Sababiin isaas, inni duʼe, inni duʼaa kaʼe, inni mirga Waaqayyoo jiruu+ fi inni nuuf kadhatu+ Kiristoos Yesuusi dha. 35  Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa?+ Rakkina moo, dhiphina moo, ariʼatama moo, beela moo, daaruu* moo, balaa moo goraadee dha?+ 36  Kunis akkuma, “Nuti sababii keetiin guyyaa hundumaa ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jedhaniittis ilaalamneerra” jedhamee barreeffametti dha.+ 37  Haa taʼu malee, karaa isa nu jaallate sanaa wantoota kana hunda keessatti guutummaatti injifannoo arganna.+ 38  Sababiin isaas, duuti yookiin jireenyi yookiin maleekonni yookiin mootummoonni yookiin wantoonni amma jiran yookiin wantoonni dhufuuf jiran yookiin humnoonni+ 39  yookiin ol kaʼiinsi yookiin gad fageenyi yookiin uumamni kan biraan akkamii iyyuu jaalala Waaqayyoo isa karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus ibsame irraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye hubadheera.

Miiljaleewwan

Jecha Afaan Ibrootaa ykn Afaan Aaraam hiika, “Yaa Abbaa” jedhu qabu dha.
Ykn., “Ilma isaa illee utuu hin mararsiifatin.”
Ykn., “qullaa taʼuu.”