Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroon Shororkeessummaan hin Jirre ni Dhufaa Laata?

Yeroon Shororkeessummaan hin Jirre ni Dhufaa Laata?

 Miidhaa shororkeessittonni geessisan tokko booda, akkana jennee gaafachuun keenya hin oolu: ‘Waaqayyo haalli namootaa isa yaaddessaa? Wantoonni kunneen kan raawwataman maaliifi? Yeroo shororkeessummaan a hin jirre ni dhufaa laata? Sodaa natti dhagaʼamuu dandamachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan kanneeniif deebii quubsaa kenna.

Waaqayyo shororkeessummaa ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?

 Waaqayyo hammeenyaa fi shororkeessummaa ni jibba. (Faarfannaa 11:5; Fakkeenya 6:16, 17) Yesuus inni bakka buʼaa Waaqayyoo taʼe barattoonni isaa gocha hammeenya yommuu raawwatanitti isaan ifateera. (Maatewos 26:50-52) Namoonni tokko tokko maqaa Waaqayyootiin gocha hammeenyaa akka raawwatan dubbatanis, inni gocha akkasii akka raawwatan mirga isaaniif hin kennine. Kadhannaa namoonni akkasii dhiheessan illee hin dhagaʼu.—Isaayyaas 1:15.

 Miidhaa shororkeessitoonni geessisan dabalatee Waaqayyoo rakkina nu irra gaʼu hundi isa yaaddessa. (Faarfannaa 31:7; 1 Pheexiros 5:7) Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo hammeenya balleessuufis tarkaanfii akka fudhatu ni ibsa.—Isaayyaas 60:18.

Wanta shororkeessummaaf kaʼumsa taʼe

 Kitaabni Qulqulluun wanta shororkeessummaaf kaʼumsa taʼe yeroo ibsu, “Namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti” jedha. (Lallaba 8:9) Seenaa ilmaan namootaa keessatti namoonni aangoo irra jiran warra kaan cunqursuuf shororkeessummaatti fayyadamaa turaniiru. Namoonni kaanis cunqursaa isaan irra gaʼuuf deebii kennuuf shororkeessummaatti fayyadamu.—Lallaba 7:7.

Yeroo itti shorokeessitummaan dhabamsiifamu

 Waaqayyo sodaa fi hammeenya balleessuudhaan lafa irratti nagaan akka dagaagu akka godhu abdii kenneera. (Isaayyaas 32:18; Miikiyaas 4:3, 4) Wantoota armaan gadii ni raawwata :

  •   Wanta shororkeessummaaf kaʼumsa taʼe ni balleessa. Waaqayyo bulchiinsa ilmaan namootaa bulchiinsa isaa isa addunyaa maratti bulchuun bakka buusa. Mootiin bulchiinsa kanaa Yesuus Kiristoos, namoota hunda ija tokkoon ilaala, akkasumas cunqursaa fi hammeenya ni dhabamsiisa. (Faarfannaa 72:2, 14) Yeroo sanatti, namni kam iyyuu shororkeessummaa akka filannootti hin fudhatu. Namoonni ‘nagaa hedduu argatanii baayʼee ni gammadu.’—Faarfannaa 37:10, 11.

  •   Miidhaa shororkeessummaan geessise hunda ni dhabamsiisa. Waaqayyo namoota shororkeessummaan miidhaa qaamaas taʼe miidhaa miiraa isaan irra geessise hunda ni fayyisa. (Isaayaas 65:17; Mulʼata 21:3, 4) Namoota duʼan illee lafa nagaan keessatti dagaagee irratti duʼaa isaan kaasuudhaan gara jireenyaatti isaan deebisuuf abdii kenneera.—Yohaannis 5:28, 29.

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo dhiheenyatti tarkaanfii akka fudhatu amanuuf sababii quubsaa nuuf dhiheessa. Haa taʼu malee, ‘Waaqayyo hanga ammaattii maaliif hin balleessine?’ jennee gaafanna taʼa. Deebii kanaa argachuuf, viidiyoo Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi? jedhu akka ilaaltu si afeerra.

a Jechi “shororkeessitummaa” jedhu keessumaa namoonni akka sodaatan, akkasumas jijjiirama siyaasaa, amantii ykn hawaasaa fiduuf walumaa galatti hammeenyatti fayyadamuu ykn doorsisuu kan argisiisu dha. Haa taʼu malee, namoonni gochi kun gocha akka shororkeessummaatti kan fudhatamu taʼuuf dhiisuu isaa irratti ni falmu.